< Psalm 114 >
1 Als Israel Ägypten und Jakobs Haus das fremde Volk verließ,
Yeroo sabni Israaʼel biyya Gibxii, manni Yaaqoobis saba afaan ormaa dubbatu keessaa baʼetti,
2 da ward Juda sein Heiligtum und Israel sein Reich.
Yihuudaan mana qulqullummaa Waaqaa, Israaʼel immoo bulchiinsa isaa taʼe.
3 Dies sah das Meer und floh; der Jordan ging zurück.
Galaanni argee baqate; Yordaanosis duubatti deebiʼe;
4 Die Berge hüpften gleich den Widdern, die Hügel wie die Lämmer. -
tulluuwwan akka korbeeyyii hoolaa, gaarranis akkuma xobbaallaawwan hoolaa burraaqan.
5 Was ist dir, Meer? Du fliehst. Was, Jordan, dir? Du gehst zurück.
Yaa galaana, ati maaliif baqatte? Yaa Yordaanos, atis maaliif duubatti deebite?
6 Euch Bergen, daß ihr gleich den Widdern, euch Hügeln, daß ihr gleich den Lämmern hüpfet; -
Yaa tulluuwwan, isin maaliif akka korbeeyyii hoolaa, yaa gaarran isinis maaliif akka xobbaallaawwan hoolaa burraaqxu?
7 Erbebe, Erde, vor dem Herrn, vor Jakobs Gott,
Yaa lafa, fuula Gooftaa duratti, fuula Waaqa Yaaqoob duratti holladhu;
8 der Fels in See und Kies in Quellgrund wandelt!
inni kattaa gara harootti, kattaa jabaa immoo gara burqaa bishaaniitti geeddare.