< Genèse 40 >

1 Ces choses s’étant ainsi passées, il arriva que deux eunuques, l’échanson du roi d’Égypte et le panetier, offensèrent leur maître.
Kana booddee namichi mootii Gibxiitiif dhugaatii dhiʼeessuu fi namichi buddeena tolchu gooftaa isaanii mootii Gibxi sana gaddisiisan.
2 Et Pharaon, irrité contre eux (car l’un commandait aux échansons et l’autre aux panetiers),
Faraʼoonis qondaaltota isaa lamaanitti jechuunis itti gaafatamaa dhugaatiitii fi itti gaafatamaa tolchaa buddeenaatti aare;
3 Les envoya dans la prison du chef des soldats, où Joseph aussi était détenu.
innis mana ajajaa waardiyyaa keessa mana hidhaa iddoo Yoosef itti hidhamee ture keessa isaan buuse.
4 Mais le gardien de la prison leur donna Joseph pour les servir. Quelque temps s’était écoulé, et eux étaient détenus dans la prison.
Ajajaan waardiyyaa Yoosefitti isaan kenne; Yoosefis isaan tajaajilaa ture. Jarris guyyaa baayʼee mana hidhaa turan;
5 Or ils virent tous deux, dans une même nuit, un songe qui, selon son interprétation, se rapportait à eux.
isaan lachanuu jechuunis namichi mootii Gibxiitiif dhugaatii dhiʼeessuu fi namichi buddeena tolchu tokkoon tokkoon isaanii halkanuma tokko keessatti abjuu abjootan; tokkoon tokkoon abjuu sanaas hiikkaa mataa isaa qaba ture.
6 Lorsque Joseph fut entré près d’eux le matin, et qu’il les eut vus tristes,
Yoosef guyyaa itti aanu ganama isaan bira dhaqe; kunoo utuu gaddanii jiranuus isaan arge.
7 Il les interrogea, disant: Pourquoi votre visage est-il plus triste aujourd’hui que de coutume?
Innis, “Fuulli keessan harʼa maaliif akkana dukkanaaʼa?” jedhee qondaaltota Faraʼoon warra isa wajjin mana gooftaa isaa keessa mana hidhaa turan sana gaafate.
8 Ceux-ci répondirent: Nous avons vu un songe, et il n’y a personne pour nous l’interpréter. Joseph leur dit: N’est-ce pas à Dieu qu’appartient l’interprétation? Rapportez-moi ce que vous avez vu.
Isaanis, “Nu lachuu abjuu abjoonnee nama nuu hiiku dhabne” jedhaniin. Kana irratti Yoosef, “Hiikkaan kan Waaqaa ti mitii? Mee abjuu keessan natti himaa” jedheen.
9 Le grand échanson raconta le premier son songe: Je voyais devant moi qu’une vigne,
Itti gaafatamaan dhugaatii sun akkana jedhee abjuu isaa Yoosefitti himate; “Abjuu koo keessatti kunoo muka wayinii tokkotu fuula koo dura ture;
10 Où il y avait trois provins, poussait peu à peu des boutons, et qu’après des fleurs, des raisins mûrissaient,
mukti wayinii sunis damee sadii qaba ture. Innis akkuma lateen daraare; hurbuun ija isaas ni bilchaatte.
11 Et que la coupe de Pharaon était dans ma main: je pris donc les raisins et les pressai dans la coupe que je tenais, et je donnai la coupe à Pharaon.
Xoofoon Faraʼoon na harka ture; anis ija wayinii fuudhee xoofoo Faraʼoonitti cuunfee xoofoo sana harka Faraʼoonitti kenne.”
12 Joseph répondit: Voici l’interprétation du songe: Les trois provins, ce sont trois jours encore,
Yoosefis akkana jedheen; “Hiikkaan isaa kana; dameewwan sadan sun guyyaa sadii.
13 Après lesquels Pharaon se souviendra de ton ministère, et te rétablira dans ton ancienne charge; tu lui présenteras la coupe, selon ton office, comme tu avais coutume de le faire auparavant.
Guyyaa sadii keessatti Faraʼoon mataa kee ol qaba; taayitaa keettis si deebisa; akkuma yeroo dhugaatii dhiʼeessaafii turte sana atis xoofoo Faraʼoon harka isaatti ni kennita.
14 Seulement souviens-toi de moi, quand bien t’arrivera, et fais-moi miséricorde en suggérant à Pharaon de me tirer de cette prison:
Garuu yeroo sitti tolutti na yaadadhu; waan gaariis naa godhi. Waaʼee koo Faraʼoonitti himiitii mana hidhaa kanaa na baasi.
15 Car j’ai été enlevé par fraude du pays des Hébreux, et innocent, j’ai été jeté ici dans la fosse.
Ana biyya Ibrootaatii hatanii na fidaniitii; biyya kana keessattis ani waan boolla kana keessa na buusisu tokko illee hin hojjenne.”
16 Le grand panetier voyant qu’il avait sagement expliqué le songe, dit: Et moi aussi j’ai vu un songe: J’avais trois corbeilles de farine sur ma tête;
Itti gaafatamaan buddeenaa sunis yommuu akka Yoosef abjuu sanaaf hiikkaa gaarii kenne argetti Yoosefiin akkana jedhe; “Anis abjuu tokkon abjoodhe; kunoo gundoowwan buddeenaa sadii mataa koo irra turan.
17 Et dans l’une des corbeilles, qui était la plus élevée, je portais de tous les aliments qui s’apprêtent par l’art du boulanger, et les oiseaux en mangeaient.
Gundoo ol aanu irra buddeena gosa garaa garaa kan Faraʼooniif qopheeffametu ture; garuu simbirroonni matuma koo irratti gundoo sana keessaa nyaachaa turan.”
18 Joseph répondit: Voici l’interprétation du songe: Les trois corbeilles, ce sont trois jours encore,
Yoosef immoo akkana jedhe; “Hiikkaan isaa kana; gundoowwan sadan sun guyyaa sadii.
19 Après lesquels Pharaon t’enlèvera la tête, et te suspendra à une croix, et les oiseaux déchireront tes chairs.
Guyyaa sadii keessatti Faraʼoon mataa kee ol qaba; mukatti si rarraasa. Simbirroonnis foon kee ni nyaatu.”
20 Le troisième jour d’après était le jour de la naissance de Pharaon, qui, faisant un grand festin à ses serviteurs, se ressouvint, pendant le repas, du grand échanson et du grand panetier.
Guyyaan sadaffaan guyyaa itti Faraʼoon dhalate ture; Faraʼoonis qondaaltota isaatiif cidha qopheesse. Innis itti gaafatamaa dhugaatiitii fi itti gaafatamaa buddeenaa sana fuula qondaaltota isaa duratti dhiʼeesse:
21 Or il rétablit l’un dans sa charge, pour qu’il lui présentât la coupe,
Itti gaafatamaa dhugaatii sana hojii isaatti deebise; namichi xoofoo sana ammas harka Faraʼoonitti kenne.
22 Et il suspendit l’autre à une potence; en sorte que la véracité de l’interprète se trouva justifiée.
Itti gaafatamaa buddeenaa sana garuu akkuma Yoosef abjuu isaanii hiikeefitti rarraase.
23 Cependant, tout lui prospérant, le grand échanson oublia son interprète.
Taʼus itti gaafatamaan dhugaatii sun Yoosefin ni irraanfate malee isa hin yaadanne.

< Genèse 40 >