< Nombres 3 >
1 Voici les descendants d'Aaron et de Moïse, au jour où l'Éternel parla à Moïse au mont Sinaï;
Yeroo Waaqayyo Tulluu Siinaa irratti Museetti dubbatetti seenaan sanyii Aroonii fi Musee kanaa dha.
2 Voici les noms des fils d'Aaron: Nadab, le premier-né, Abihu, Éléazar et Ithamar.
Maqaan ilmaan Aroon: Naadaab hangafticha, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaar.
3 Ce sont là les noms des fils d'Aaron, des sacrificateurs qui furent oints, qu'on institua pour exercer le sacerdoce.
Kunneen maqaawwan ilmaan Aroon jechuunis luboota muudaman kanneen akka luboota taʼanii tajaajilaniif dibaman sanaa ti.
4 Or, Nadab et Abihu moururent devant l'Éternel, lorsqu'ils offrirent un feu étranger devant l'Éternel, au désert de Sinaï. Et ils n'avaient point d'enfants. Mais Éléazar et Ithamar exercèrent la sacrificature, en présence d'Aaron, leur père.
Naadaabii fi Abiihuu garuu yeroo Gammoojjii Siinaa keessatti ibidda hin eeyyamamin fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessanitti fuuluma isaa duratti duʼan. Isaan ilmaan tokko illee hin qaban ture. Kanaafuu Eleʼaazaarii fi Iitaamaar bara abbaan isaanii Aroon lubbuun jiraatetti luboota taʼanii tajaajilan.
5 Alors l'Éternel parla à Moïse, en disant:
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
6 Fais approcher la tribu de Lévi, et fais-la tenir devant Aaron, le sacrificateur, afin qu'ils le servent;
“Gosa Lewwii fidiitii akka isaan Aroon lubicha gargaaraniif isa dura dhaabi.
7 Et qu'ils soignent tout ce qui est commis à ses soins et aux soins de toute l'assemblée, devant le tabernacle d'assignation, en faisant le service de la Demeure;
Isaanis hojii dunkaana qulqulluu hojjechuudhaan waan isa irraa barbaadamuu fi waan waldaa hunda irraa barbaadamu fuula dunkaana wal gaʼii duratti haa raawwatan.
8 Et qu'ils soignent tous les ustensiles du tabernacle d'assignation, et ce qui leur sera confié par les enfants d'Israël, pour faire le service de la Demeure.
Isaan hojii dunkaana qulqulluu hojjetanii dirqama Israaʼelootaa guutuudhaan miʼa dunkaana wal gaʼii hunda haa eegan.
9 Ainsi tu donneras les Lévites à Aaron et à ses fils; ils lui sont complètement donnés d'entre les enfants d'Israël.
Lewwota sana Aroonii fi ilmaan isaatti kenni; isaan warra saba Israaʼel keessaa guutumaan guutuutti isatti kennamanii dha.
10 Tu établiras donc Aaron et ses fils, afin qu'ils gardent leur sacerdoce; et l'étranger qui en approchera sera puni de mort.
Ati akka isaan luboota taʼanii tajaajilaniif Aroonii fi ilmaan isaa muudi; namni biraa kan iddoo qulqulluu sanatti dhiʼaatu garuu ajjeefamuu qaba.”
11 Et l'Éternel parla à Moïse, en disant:
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
12 Voici, j'ai pris les Lévites, d'entre les enfants d'Israël, à la place de tous les premiers-nés des enfants d'Israël, et les Lévites seront à moi.
“Kunoo ani Israaʼeloota keessaa qooda dhiira hangafa dubartoota Israaʼel hundaa Lewwota fudhadheera. Lewwonni kan koo ti;
13 Car tout premier-né m'appartient; au jour où je frappai tout premier-né dans le pays d'Égypte, je me suis consacré tout premier-né en Israël, depuis les hommes jusqu'aux bêtes; ils seront à moi: je suis l'Éternel.
hangafti hundinuu kan kootii. Ani yeroo biyya Gibxi keessatti hangafa hunda ajjeesetti hangafa Israaʼel hunda jechuunis namas taʼu horii ofii kootiif addaan baafadheera. Isaan kan koo taʼan. Ani Waaqayyo.”
14 L'Éternel parla aussi à Moïse, au désert de Sinaï, en disant:
Waaqayyo Gammoojjii Siinaa keessatti Museedhaan akkana jedhe;
15 Dénombre les enfants de Lévi, selon les maisons de leurs pères, selon leurs familles, en comptant tous les mâles depuis l'âge d'un mois et au-dessus.
“Lewwota maatii isaaniitii fi balbala isaaniitiin lakkaaʼi. Dhiira jiʼa tokkoo yookaan hammasii olii hunda lakkaaʼi.”
16 Et Moïse les dénombra, selon le commandement de l'Éternel, ainsi qu'il lui avait été ordonné.
Museen akkuma dubbiin Waaqayyoo isa ajajetti isaan lakkaaʼe.
17 Voici quels sont les fils de Lévi, par leurs noms: Guershon, Kéhath et Mérari.
Kunneen maqaawwan ilmaan Lewwii ti: Geershoon, Qohaatii fi Meraarii.
18 Et voici les noms des fils de Guershon, selon leurs familles: Libni et Shimeï.
Kunneen maqaawwan ilmaan Geershoonii ti: Loobeenii fi Shimeʼii.
19 Et les fils de Kéhath, selon leurs familles: Amram, Jitshar, Hébron et Uziel.
Balbalawwan Qohaatotaa: Amraam, Yizihaar, Kebroonii fi Uziiʼeel.
20 Et les fils de Mérari, selon leurs familles: Machli et Mushi. Telles sont les familles de Lévi, selon les maisons de leurs pères.
Balbalawwan Meraarotaa: Mahilii fi Muusii. Kunneen akkuma maatii isaaniitti balbalawwan Lewwotaa ti.
21 A Guershon appartient la famille des Libnites, et la famille des Simhites. Telles sont les familles des Guershonites.
Balbalawwan Liibnii fi Shimeʼii kan Geershoon turan; isaanis balbalawwan Geershoonotaa ti.
22 Ceux d'entre eux qui furent dénombrés, en comptant tous les mâles, depuis l'âge d'un mois et au-dessus, étaient sept mille cinq cents.
Baayʼinni dhiirota umuriin isaanii jiʼa tokkoo fi hammasii olii kanneen lakkaaʼaman hundaa 7,500 ture.
23 Les familles des Guershonites campaient derrière la Demeure, vers l'Occident;
Balbalawwan Geershoonotaa karaa lixa biiftuutiin dunkaana qulqulluu dugda duubaan qubatan.
24 Et le chef de la maison des pères des Guershonites était Eliasaph, fils de Laël.
Hoogganaan balbalawwan Geershoonotaas Eliyaasaaf ilma Laaʼel ture.
25 Et la charge des enfants de Guershon, quant au tabernacle d'assignation, était la Demeure et le tabernacle, sa couverture, et la tapisserie de l'entrée du tabernacle d'assignation,
Itti gaafatamni Geershoononni dunkaana wal gaʼii keessatti qabanis dunkaana qulqulluu, dunkaanaa fi irra buusaa isaa, golgaa balbala dunkaana wal gaʼii irra jiru,
26 Et les tentures du parvis, et la tapisserie de l'entrée du parvis, qui couvrent la Demeure et l'autel tout autour, et ses cordages pour tout son service.
golgaawwan oobdii, golgaa balbala dallaa kan dunkaana qulqulluu fi iddoo aarsaatti naannaʼee jiru, funyoo fi tajaajila akkanaa kennu hunda eeguu ture.
27 A Kéhath appartient la famille des Amramites, la famille des Jitseharites, la famille des Hébronites, et la famille des Uziélites. Telles sont les familles des Kéhathites.
Balbalawwan Amraamotaa, Yizihaarotaa, Kebroonotaa fi Uziiʼeelotaa balbalawwan Qohaatii ti; isaanis balbalawwan Qohaatotaa turan.
28 En comptant tous les mâles, depuis l'âge d'un mois et au-dessus, ils étaient huit mille six cents, chargés des soins du sanctuaire.
Baayʼinni dhiirota jiʼa tokkoo fi hammasii olii hundaa 8,600 ture. Qohaatonni iddoo qulqulluu sana eeguutti itti gaafatamtoota turan.
29 Les familles des enfants de Kéhath campaient sur le côté de la Demeure, vers le Midi;
Balbalawwan Qohaatotaa karaa kibba dunkaana qulqulluutiin qubatan.
30 Et Elitsaphan, fils d'Uziel, était le chef de la maison des pères des familles des Kéhathites.
Hoogganaan maatiiwwan balbalawwan Qohaatotaas Eliisaafaan ilma Uziiʼeel ture.
31 Ils avaient en garde l'arche, la table, le chandelier, les autels et les ustensiles du sanctuaire avec lesquels on fait le service, et la tapisserie, et tout son service.
Isaanis taabota, minjaala, baattuu ibsaa, iddoowwan aarsaa, miʼa iddoo qulqulluu ittiin tajaajilan, golgaa fi wantoota tajaajila akkanaa kennan hunda eeguutti itti gaafatamtoota turan.
32 Et le chef des chefs des Lévites étaient Éléazar, fils d'Aaron, le sacrificateur, qui était préposé à ceux qui étaient chargés des soins du sanctuaire.
Hoogganaan Lewwotaa hangafti Eleʼaazaar ilma Aroon lubichaa ture. Innis warra itti gaafatamtoota eegumsa iddoo qulqulluu turan sana irratti dibame.
33 A Mérari appartient la famille des Mahlites, et la famille des Mushites. Telles sont les familles de Mérari.
Balbalawwan Mahelootaa fi Muusotaa kan Meraarii turan; isaanis balbalawwan Meraarotaa ti.
34 Ceux d'entre eux qui furent dénombrés, en comptant tous les mâles, depuis l'âge d'un mois et au-dessus, étaient six mille deux cents.
Baayʼinni dhiirota umuriin isaanii jiʼa tokkoo fi hammasii olii kanneen lakkaaʼaman hundaa 6,200 ture.
35 Et Tsuriel, fils d'Abihaïl, était le chef de la maison des pères des familles des Mérarites; ils campaient sur le côté de la Demeure, vers le Nord.
Hoogganaan maatiiwwan balbalawwan Meraarotaas Zuriiʼel ilma Abiihaayilii ti; isaanis karaa kaaba dunkaana qulqullummaatiin qubatan.
36 Et les enfants de Mérari avaient la surveillance et le soin des planches de la Demeure, de ses traverses, de ses colonnes, de ses soubassements, de tous ses ustensiles, et de tout son service,
Meraaronnis tuggeewwan dunkaana qulqulluu, dagaleewwan isaa, utubaawwan isaa, miillawwan isaa, miʼa isaa hundaa fi wantoota tajaajila akkanaa kennan hunda,
37 Des colonnes du parvis tout autour, avec leurs soubassements, leurs pieux et leurs cordages.
akkasumas utubaawwan oobdii sanatti naannaʼanii jiran, miillawwan isaanii, qofoo dunkaanaa fi funyoowwan isaa eeguuf muudaman.
38 Ceux qui campaient devant la Demeure, vers l'Orient, devant le tabernacle d'assignation, c'était Moïse, et Aaron, et ses fils, chargés du soin du sanctuaire pour les enfants d'Israël; et l'étranger qui en approcherait devait être puni de mort.
Museen, Aroonii fi ilmaan Aroon dunkaana qulqulluu irraa karaa baʼaa, qixa baʼa biiftuutiin fuula dunkaana wal gaʼii dura qubatan. Isaanis iddoo Israaʼelootaa buʼanii iddoo qulqulluu eeguutti itti gaafatamtoota turan. Namni biraa kan iddoo qulqulluu sanatti dhiʼaatu haa ajjeefamu.
39 Tous les Lévites qui furent dénombrés, que Moïse et Aaron dénombrèrent, selon leurs familles, suivant le commandement de l'Éternel, tous les mâles, depuis l'âge d'un mois et au-dessus, étaient vingt-deux mille.
Lewwonni lakkaaʼaman hundi kanneen Musee fi Aroon ajaja Waaqayyootiin akkuma balbala balbala isaaniitti lakkaaʼan, dhiironni jiʼa tokkoo fi hammasii olii hundi 22,000 turan.
40 Puis l'Éternel dit à Moïse: Fais le dénombrement de tous les premiers-nés mâles des enfants d'Israël, depuis l'âge d'un mois et au-dessus, et fais le compte de leurs noms.
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Dhiirota Israaʼel hangafoota kanneen jiʼa tokkootii fi hammasii olii hunda lakkaaʼii maqaa isaanii barreessi.
41 Tu prendras les Lévites pour moi, l'Éternel, à la place de tous les premiers-nés parmi les enfants d'Israël; et le bétail des Lévites, à la place de tous les premiers-nés du bétail des enfants d'Israël.
Qooda ijoollee Israaʼel kanneen hangafa taʼan hundaa Lewwota naa fudhadhu; qooda ilmaan hangafa horii Israaʼelootaa hundaas horii Lewwotaa naa fudhadhu. Ani Waaqayyo.”
42 Moïse dénombra donc, comme l'Éternel le lui avait commandé, tous les premiers-nés parmi les enfants d'Israël;
Museen akkuma Waaqayyo isa ajajetti hangafoota Israaʼel hunda lakkaaʼe.
43 Et tous les premiers-nés mâles, en comptant par les noms depuis l'âge d'un mois et au-dessus, selon leur dénombrement, furent vingt-deux mille deux cent soixante et treize.
Dhiironni hangafoonni jiʼa tokkoo fi hammasii olii kanneen maqaa maqaan barreeffaman hundii 22,273 turan.
44 Et l'Éternel parla à Moïse, en disant:
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
45 Prends les Lévites à la place de tous les premiers-nés des enfants d'Israël, et le bétail des Lévites à la place de leur bétail; et les Lévites seront à moi: je suis l'Éternel.
“Qooda ijoollee Israaʼel kanneen hangafa taʼan hundaa Lewwota fudhadhu; qooda horii Israaʼelootaas horii Lewwotaa fudhadhu. Lewwonni kan koo ti. Ani Waaqayyo.
46 Quant au rachat des premiers-nés des enfants d'Israël, savoir deux cent soixante et treize qui dépassent le nombre des Lévites,
Israaʼeloota hangafoota 273 kanneen baayʼina Lewwotaa caalan furuuf,
47 Tu prendras cinq sicles par tête; tu les prendras selon le sicle du sanctuaire; le sicle est de vingt oboles.
tokkoo tokkoo isaaniitiif akkuma madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii shan shan fuudhi; saqiliin tokko geeraa digdama.
48 Et tu donneras l'argent à Aaron et à ses fils; c'est le rachat de ceux qu'il y avait en plus.
Maallaqa Israaʼeloota dabalaman furuuf fuudhame sanas Aroonii fi ilmaan isaatti kenni.”
49 Moïse prit donc l'argent du rachat de ceux qu'il y avait en plus, outre les rachetés par les Lévites.
Museen maallaqa sana Israaʼeloota lakkoobsaan warra Lewwotaan furamaniin ol taʼan sana irraa fuudhe.
50 L'argent qu'il prit des premiers-nés des enfants d'Israël, fut de mille trois cent soixante-cinq sicles, selon le sicle du sanctuaire.
Innis akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti meetii saqilii 1,365 ulfaattu Israaʼeloota hangafa irraa fuudhe.
51 Et Moïse donna l'argent du rachat à Aaron et à ses fils, sur l'ordre de l'Éternel, comme l'Éternel l'avait commandé à Moïse.
Museenis akkuma dubbii Waaqayyootti, akkuma Waaqni Musee ajajetti maallaqa furii sana Aroonii fi ilmaan isaatti kenne.