< 2 Samuel 6 >

1 David assembla encore tous les hommes d'élite d'Israël, au nombre de trente mille.
Daawit ammas namoota Israaʼel keessaa filataman kuma soddoma walitti qabate.
2 Puis David se leva, ainsi que tout le peuple qui était avec lui, et partit de Baalé de Juda, pour transporter de là l'arche de Dieu, devant laquelle est invoqué le nom de l'Éternel des armées qui habite entre les chérubins.
Innii fi namoonni isa wajjin turan hundi taabota Waaqaa kan Maqaa, maqaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu kan taabota gubbaa, kiirubeelii teessoo irra jiran gidduu jiru sanaatiin waamamu sana achii fiduuf gara Baʼaalaa ishee Yihuudaa keessaa sanaa ni dhaqan.
3 Et ils mirent l'arche de Dieu sur un chariot neuf, et ils l'emmenèrent de la maison d'Abinadab, qui était sur la colline; et Uzza et Achjo, fils d'Abinadab, conduisaient le chariot neuf.
Isaanis taabota Waaqaa gaarii haaraa irra kaaʼanii mana Abiinaadaab kan gaara irra jiru sanaa baasanii fidan. Ilmaan Abiinaadaabii, Uzaa fi Ahiiyoon gaarii haaraa sana oofaa turan;
4 Ils l'emmenèrent donc de la maison d'Abinadab, sur la colline, avec l'arche de Dieu, et Achjo allait devant l'arche.
taabonni Waaqaas gaarii irra kaaʼamee Ahiiyoon dura dura deema ture.
5 Et David et toute la maison d'Israël jouaient devant l'Éternel de toute sorte d'instruments de bois de cyprès, de harpes, de lyres, de tambours, de sistres et de cymbales.
Daawitii fi Israaʼel hundinuu humna isaanii guutuudhaan faarfannaadhaan, masiinqoodhaan, baganaadhaan, dibbeedhaan, bilbilaan, Kililleedhaanis fuula Waaqayyoo duratti gammadanii shuubbisaa turan.
6 Or quand ils furent venus jusqu'à l'aire de Nacon, Uzza porta la main sur l'arche de Dieu et la saisit, parce que les bœufs regimbaient.
Yommuu isaan oobdii Naakoon bira gaʼanitti waan sangoonni gufataniif Uzaan harka isaa hiixatee taabota Waaqaa qabe.
7 Et la colère de l'Éternel s'embrasa contre Uzza, et Dieu le frappa à cause de sa témérité, et il mourut là, près de l'arche de Dieu.
Sababii hojii isaa kan ulfina hin qabneetiif dheekkamsi Waaqayyoo Uzaatti bobaʼe; kanaafuu Waaqni isa rukute; innis achumatti taabota Waaqaa biratti duʼe.
8 Et David fut affligé de ce que l'Éternel avait fait une brèche en la personne d'Uzza, et jusqu'à ce jour on a appelé ce lieu-là Pérets-Uzza (brèche d'Uzza).
Daawitis sababii Waaqayyo akka malee Uzaatti dheekkameef ni aare; iddoon sun hamma harʼaatti Phereez Uzaa jedhamee waamama.
9 David eut donc peur de l'Éternel en ce jour-là, et il dit: Comment l'arche de l'Éternel entrerait-elle chez moi?
Daawitis gaafa sana Waaqayyoon sodaatee, “Taabonni Waaqayyoo akkamitti gara koo dhufa?” jedhe.
10 Et David ne voulut point retirer l'arche de l'Éternel chez lui, dans la cité de David; mais il la fit conduire dans la maison d'Obed-Édom, de Gath.
Innis akka taabonni Waaqayyoo isa wajjin Magaalaa Daawit keessa jiraatuuf ofitti fudhachuu hin barbaanne. Qooda kanaa gara mana Oobeed Edoom namicha Gitii sanaatti geesse.
11 Et l'arche de l'Éternel demeura dans la maison d'Obed-Édom, le Guitthien, trois mois; et l'Éternel bénit Obed-Édom et toute sa maison.
Taabonni Waaqayyoos jiʼa sadii mana namicha Gitii kan Oobeed Edoom jedhamu sanaa ture; Waaqayyos isaa fi warra mana isaa jiraatan hunda ni eebbise.
12 Puis on vint dire à David: L'Éternel a béni la maison d'Obed-Édom et tout ce qui est à lui, à cause de l'arche de Dieu. Alors David s'y rendit, et fit monter l'arche de Dieu, de la maison d'Obed-Édom en la cité de David, avec joie.
Yeroo kanatti, “Waaqayyo sababii taabota Waaqaatiif jedhee warra mana Oobeed Edoom jiraatanii fi waan inni qabu hunda ni eebbise” jedhanii Daawit Mootichatti himan. Kanaafuu Daawit gad buʼee taabota Waaqaa sana mana Abiidaaraatii gammachuudhaan gara Magaalaa Daawititti fide.
13 Et quand ceux qui portaient l'arche de Dieu eurent fait six pas, on sacrifia des taureaux et des béliers gras.
Innis akkuma namoonni taabota Waaqayyoo baatan sun tarkaanfii jaʼa achi hiiqaniin sangaa tokkoo fi jabbii coomaa tokko aarsaa dhiʼeesse.
14 Et David sautait de toute sa force devant l'Éternel; et il était ceint d'un éphod de lin.
Daawitis Dirata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee qondaaltota isaa wajjin fuula Waaqayyoo duratti humna isaa guutuun shuubbisa ture;
15 David et toute la maison d'Israël firent ainsi monter l'arche de l'Éternel, avec des cris de joie et au son des trompettes.
innii fi Israaʼel hundi “hoo” jechaa sagalee malakataatiin taabota Waaqayyoo fidan.
16 Mais comme l'arche de l'Éternel entrait dans la cité de David, Mical, fille de Saül, regardant par la fenêtre, vit le roi David qui sautait et dansait devant l'Éternel, et elle le méprisa en son cœur.
Yeroo taabonni Waaqayyoo Magaalaa Daawit seenutti Miikaal intalli Saaʼol foddaa keessaan ilaalaa turte. Isheenis akka Daawit Mootichi fuula Waaqayyoo duratti utaalee shuubbisu yommuu argitetti garaa ishee keessatti isa tuffatte.
17 Ils amenèrent donc l'arche de l'Éternel et la posèrent en son lieu, dans la tente que David lui avait dressée; et David offrit des holocaustes et des sacrifices de prospérités devant l'Éternel.
Isaanis taabota Waaqayyoo fidanii dunkaana Daawit dhaabeef keessa ni kaaʼan; Daawitis aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeesse.
18 Quand David eut achevé d'offrir les holocaustes et les sacrifices de prospérités, il bénit le peuple au nom de l'Éternel des armées;
Innis erga aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessee booddee maqaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuutiin namoota ni eebbise.
19 Et il distribua à tout le peuple, à toute la multitude d'Israël, tant aux hommes qu'aux femmes, à chacun un pain, une portion de viande et un gâteau de raisin. Puis tout le peuple s'en retourna chacun en sa maison.
Ergasiis inni tokkoo tokkoo nama tuuta Israaʼelootaa guutuu keessa jiruutiif jechuunis dhiirotaafis dubartootaafis buddeena tokko tokko, gumaa foonii tokko tokkoo fi bixxillee ija wayinii tokko tokko ni kenne. Namoonni hundinuus gara mana mana isaanii deeman.
20 David s'en retourna aussi pour bénir sa maison; mais Mical, fille de Saül, vint au-devant de lui, et dit: Quel honneur s'est fait aujourd'hui le roi d'Israël, en se découvrant aux yeux des servantes de ses serviteurs, comme se découvrirait un homme de rien!
Yommuu Daawit maatii ofii isaa eebbisuuf deebiʼettis Miikaal intalli Saaʼol isa simachuuf baatee, “Harʼa mootiin Israaʼel akka nama gatii hin qabne tokkootti fuula xomboreewwan hojjettoota isaa duratti qullaa argamuun isaa ulfina taʼeeti moo!” jette.
21 Mais David dit à Mical: C'est devant l'Éternel, qui m'a choisi plutôt que ton père et que toute sa maison, pour m'établir conducteur de son peuple d'Israël, c'est devant l'Éternel que je me suis réjoui.
Daawit immoo Miikaaliin akkana jedhe; “Ani fuula Waaqayyo isa abbaa keetii fi warra mana isaa jiran caalchisee na filatee saba Waaqayyoo, Israaʼel irratti na muude sanaaf fuula Waaqayyoo duratti nan shuubbisa.
22 Et je m'abaisserai encore plus que cela, et je serai humilié à mes yeux; mais je serai en honneur auprès des servantes dont tu parles.
Ani kana caalaa iyyuu ofin xinneessa; ija kee durattis of nan salphisa. Xomboreewwan ati jette kanneeniin garuu nan kabajama.”
23 Or Mical, fille de Saül, n'eut point d'enfants jusqu'au jour de sa mort.
Miikaal intalli Saaʼol utuu ijoollee hin argatin duute.

< 2 Samuel 6 >