< Néhémie 13 >

1 En ce temps-là on lut au Livre de Moïse, tout le peuple l'entendant, et on y trouva écrit que les Hammonites et les Moabites ne devaient point entrer à jamais dans l'assemblée de Dieu.
Guyyaa sana Kitaabni Musee fuuluma sabaa duratti dubbifame; achi keessattis akka namni Amoon yookaan namni Moʼaab tokko yoom iyyuu waldaa Waaqaatti dabalamuu hin qabne barreeffamee argame;
2 Parce qu'ils n'étaient pas venus au-devant des enfants d'Israël, avec du pain et de l'eau; et qu'ils avaient loué Balaam contre eux pour les maudire; mais notre Dieu avait changé la malédiction en bénédiction.
isaan akka inni saba Israaʼel abaaruuf Balaʼaamin qaxaratan malee midhaanii fi bishaaniin Israaʼeloota hin simanne. Taʼus Waaqni keenya abaarsa sana eebbatti geeddare.
3 C'est pourquoi il arriva que dès qu'on eut entendu la Loi, on sépara d'Israël tout mélange.
Sabnis seera kana dhageenyaan nama sanyii ormaa hunda Israaʼel keessaa kophaatti baase.
4 Or, avant que ceci arrivât, Eliasib, Sacrificateur ayant été commis sur les chambres de la maison de notre Dieu, s'était allié à Tobija;
Kanaan dura Eliyaashiib lubichi itti gaafatamaa mankuusaalee mana Waaqaa ture. Innis Xoobbiyaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qaba ture;
5 Et lui avait dressé une grande chambre, où auparavant on mettait les gâteaux, l'encens, les ustensiles, et les dîmes du froment, du vin et de l'huile, qui étaient ordonnées pour les Lévites, pour les chantres et pour les portiers, avec ce qui se levait pour les Sacrificateurs.
innis kutaa manaa balʼaa isaan duraan kennaa midhaanii, ixaana miʼa mana qulqullummaa, akkasumas kennaa midhaanii, kan daadhii wayinii haaraa fi zayitii Lewwotaaf, faarfattootaa fi eegdota karraatiif ajajame harka kudhan keessaa tokkoo fi buusii lubootaaf kennamu itti kuusan tokko Xoobbiyaadhaaf kennee ture.
6 Or je n'étais point à Jérusalem pendant tout cela: car la trente-deuxième année d'Artaxerxes, Roi de Babylone, je retournai vers le Roi; et au bout de quelque temps je fus redemandé au Roi.
Ani garuu sababii bara Arxeksis mooticha Baabilon keessa waggaa soddomii lammaffaatti gara mootichaa dhaqee tureef yeroo wanni kun hundi taʼetti Yerusaalem keessa hin turre. Anis yeroo gabaabaa booddee isa irraa eeyyama fudhadhee
7 Je revins donc à Jérusalem, et alors j'entendis le mal qu'Eliasib avait fait dans ce qui regardait Tobija, lui dressant une chambre dans le parvis de la maison de Dieu.
Yerusaalemitti nan deebiʼe. Akka Eliyaashiib oobdii mana Waaqaa keessatti Xoobbiyaadhaaf kutaa tokko kennuun waan hamaa hojjete nan beeke.
8 Ce qui me déplut fort; et je jetai tous les meubles de la maison de Tobija hors de la chambre.
Anis akka malee aareen miʼa manaa kan Xoobbiyaa hunda kutaa sana keessaa gad nan dadarbadhe.
9 Et on nettoya les chambres selon que je l'avais commandé, et j'y fis rapporter les ustensiles de la maison de Dieu, les gâteaux et l'encens.
Ani ergasii akka kutaawwan sun qulqulleeffaman nan ajaje; isaanis ni qulqulleessan; ani immoo miʼa mana Waaqaa, kennaa midhaaniitii fi ixaana wajjin deebisee itti galche.
10 J'entendis aussi que les portions des Lévites ne leur avaient point été données; de sorte que les Lévites, et les chantres qui faisaient le service, s'étaient retirés chacun dans le bien qu'il avait aux champs.
Ani akka qoodni Lewwotaaf ramadame sun isaaniif hin kennaminis nan hubadhe; akkasumas akka Lewwonnii fi faarfattoonni tajaajila sanatti itti gaafatamtoota turan hundi gara lafa qotiisaa ofii isaaniitti deebiʼan nan beeke.
11 Et je censurai les magistrats, leur disant: Pourquoi a-t-on abandonné la maison de Dieu? Je les rassemblai donc, et les rétablis en leur place.
Kanaafuu ani qondaaltota ifadheen, “Manni Waaqaa maaliif dagatama?” jedheen isaan gaafadhe. Ergasiis ani walitti isaan qabee iddoo isaaniitti isaan nan deebise.
12 Et tous ceux de Juda apportèrent les dîmes du froment, du vin et de l'huile, aux greniers.
Yihuudaan hundi midhaan, daadhii wayinii haaraa fi zayitii harka kudhan keessaa tokko fidanii mankuusaaleetti galchan.
13 Et j'ordonnai pour receveur sur les greniers, Sélemia Sacrificateur, et Tsadok Scribe; et d'entre les Lévites, Pédaja; et pour leur aider, Hanan fils de Zaccur, fils de Mattania; parce qu'ils passaient pour être très-fidèles; et leur charge [était] de distribuer [ce qu'il fallait] à leurs frères.
Anis Shelemiyaa lubicha, Zaadoq barreessichaa fi Lewwicha Phedaayaa jedhamu tokko itti gaafatamtoota mankuusaalee godheen muude; akkasumas sababii isaan amanamoo taʼaniif Haanaan ilma Zakuur, ilma Mataaniyaa sana gargaaraa isaanii nan godhe. Hojiin isaaniis obboloota isaaniitiif nyaata hiruu ture.
14 Mon Dieu! Souviens-toi de moi touchant ceci; et n'efface point ce que j'ai fait d'une bonne et d'une sincère affection, pour la maison de mon Dieu, et pour ce qu'il est ordonné d'y faire.
Yaa Waaqa ko, waan kanaaf jedhii na yaadadhu; hojii gaarii ani mana Waaqa kootii fi tajaajila isaatiif hojjedhes na duraa hin balleessin.
15 En ces jours-là je vis quelques-uns en Juda qui foulaient aux pressoirs le jour du Sabbat, et d'autres qui apportaient des gerbes, et qui chargeaient sur les ânes du vin, des raisins, des figues, et toute autre sorte de fardeau, et les apportaient à Jérusalem le jour du Sabbat; et je les sommai le jour qu'ils vendaient les provisions, [de ne le plus faire.]
Ani bara sana Yihuudaa keessatti namoota guyyaa Sanbataatiin iddoo wayiniin itti cuunfamutti wayinii dhidhiitanii midhaan fidanii, daadhii wayinii, ija wayinii, ija harbuutii fi feʼiisa gosa biraa hunda wajjin harrootatti feʼan nan arge. Isaanis waan kana hunda guyyaa Sanbataatiin Yerusaalemitti fidan. Kanaafuu ani akka isaan guyyaa sana nyaata hin gurgurre isaan nan seere.
16 Aussi les Tyriens qui demeuraient à Jérusalem, apportaient du poisson, et plusieurs autres marchandises; et les vendaient aux enfants de Juda dans Jérusalem le jour du Sabbat.
Namoonni Xiiroos warri Yerusaalem keessa jiraatan qurxummii fi miʼa daldalaa kanneen gosa hundaa itti fidanii guyyaa Sanbataatiin Yerusaalem keessatti warra Yihuudaatti gurguraa turan.
17 Je censurai donc les principaux de Juda, et leur dis: Quel mal ne faites-vous pas de violer le jour du Sabbat?
Ani immoo akkana jedheen namoota Yihuudaa bebeekamoo nan ifadhe; “Wanni hamaan isin guyyaa Sanbataa xureessuudhaan hojjettan kun maal?
18 Vos pères n'ont-ils pas fait la même chose, et n'est-ce pas pour cela que notre Dieu a fait venir tout ce mal sur nous et sur cette ville? Et vous augmentez l'ardeur de la colère [de l'Eternel] contre Israël, en violant le Sabbat.
Abbootiin keessan iyyuu waanuma kana hojjetanii akkasiin Waaqni badiisa kana hunda nuttii fi magaalaa kanatti fide mitii? Isin amma kunoo Sanbata xureessuudhaan dheekkamsa hammas iyyuu caalu Israaʼelitti fidaa jirtu.”
19 C'est pourquoi dès que le soleil s'était retiré des portes de Jérusalem avant le Sabbat, on fermait les portes, par mon commandement. Je commandai aussi qu'on ne les ouvrît point jusqu'après le Sabbat; et je fis tenir quelques-uns de mes gens sur les portes, afin qu'il n'entrât aucune charge le jour du Sabbat.
Anis yeroo gaaddisni galgalaa Sanbataan dura karrawwan Yerusaalem irra buʼetti akka balbalawwan cufamanii hamma Sanbanni darbutti hin banamne nan ajaje. Akka feʼiisni tokko illee guyyaa Sanbataatiin ol hin galfamneefis namoota koo tokko tokko karrawwan irra nan dhaabe.
20 Et les revendeurs, et ceux qui vendaient toute sorte de denrées passèrent la nuit une fois ou deux hors de Jérusalem.
Daldaltoonnii fi gurgurtoonni miʼoota gosa hundaa yeroo tokko yookaan yeroo lama Yerusaalemiin ala bulaniiru.
21 Et je les sommai [de ne faire plus cela], et je leur dis: Pourquoi passez-vous la nuit devant la muraille? Si vous y retournez, je mettrai la main sur vous. Ainsi, depuis ce temps-là, ils ne vinrent plus le jour du Sabbat.
Ani garuu, “Isin maaliif dallaa jala bultu? Yoo isin itti deebitanii akkas gootan ani humnaan isinitti nan dhufa” jedheen isaan nan seere. Gaafasii jalqabanii isaan lammata guyyaa Sanbataatiin hin dhufne.
22 Je dis aussi aux Lévites de se purifier, et de venir garder les portes pour sanctifier le jour du Sabbat. Aussi, ô mon Dieu! Souviens-toi de moi touchant ceci, et me pardonne selon la grandeur de ta miséricorde.
Ani akka Lewwonni of qulqulleessanii qulqullummaa guyyaa Sanbataa eeguuf dhaqanii karrawwan eegan nan ajaje. Yaa Waaqa koo waan kanaaf jedhii na yaadadhu; akkuma jaalala kee guddaa sanaattis naa araarami.
23 En ces jours-là je vis des Juifs qui avaient pris des femmes asdodiennes, hammonites et moabites;
Kana caalaa iyyuu ani bara sana keessa namoota Yihuudaa kanneen dubartoonni Ashdood, kan Amooniitii fi kan Moʼaab fuudhan nan arge.
24 De sorte que leurs enfants parlaient en partie asdodien, et ne savaient point parler Juif; mais ils parlaient la langue de divers peuples.
Ilmaan isaanii keessaa walakkaan afaan Ashdood yookaan afaan saboota biraa dubbatan malee afaan Yihuudaa dubbachuu hin dandeenye.
25 C'est pourquoi je les repris, et les blâmai; j'en battis même quelques-uns, et leur arrachai les cheveux, et les fis jurer par [le nom de] Dieu, qu'ils ne donneraient point leurs filles aux fils [des étrangers], et qu'ils ne prendraient point de leurs filles pour leurs fils, ou pour eux.
Ani isaan ifadheen isaan nan abaare. Ani namoota tokko tokko rukutee rifeensa isaanii irraa nan bubuqqise. Ani akkana jedheen maqaa Waaqaatiin isaan nan kakachiise: “Isin intallan keessan ilmaan isaaniitti heerumsiisuu yookaan intallan isaanii ilmaan keessan fuusisuu yookaan ofii keessaniis fuudhuu hin qabdan.
26 Salomon, le Roi d'Israël, n'a-t-il point péché par ce moyen? Quoique entre beaucoup de nations il n'y eût point de Roi semblable à lui, et qu'il fût aimé de son Dieu, et que Dieu l'eût établi pour Roi sur tout Israël: toutefois les femmes étrangères l'ont fait pécher.
Solomoon mootichi Israaʼel fuudha akkasiitiin cubbuu hojjete mitii? Saboota baayʼee keessa mootiin akka isaa tokko iyyuu hin turre. Waaqni isa jaallatee Israaʼel hunda irratti mootii isa godhe; taʼus dubartoonni ormaa cubbuu isa hojjechiisan.
27 Vous accorderions-nous donc de faire tout ce grand mal, en commettant ce crime contre notre Dieu, de prendre des femmes étrangères?
Nu amma akka isinis dubartoota ormaa fuudhuudhaan waan akka malee hamaa kana hunda hojjettanii Waaqa keenyaaf amanamuu diddan dhagaʼuu qabnaa?”
28 Or il y en avait même [un] d'entre les enfants de Jojadah, fils d'Eliasib, grand Sacrificateur, qui était gendre de Samballat Horonite, lequel je chassai pour cette raison-là d'auprès de moi.
Ilmaan Yooyaadaa ilma Eliyaashiib lubicha ol aanaa sanaa keessaa tokko dhirsa intala Sanbalaax namicha Hooroon ture. Anis of biraa isa nan ariʼe.
29 Mon Dieu! Qu'il te souvienne d'eux, à cause qu'ils ont souillé la sacrificature, l'alliance dis-je, de la sacrificature et des Lévites.
Yaa Waaqa koo ati isaan yaadadhu; isaan lubummaa, kakuu lubummaatii fi Lewwotaa xureessaniiruutii.
30 Ainsi je les nettoyai de tous les étrangers, et je rétablis les charges aux Sacrificateurs et aux Lévites, à chacun selon ce qu'il avait à faire.
Kanaafuu ani waan alaa dhufe hunda irraa lubootaa fi Lewwota qulqulleessee akka tokkoon tokkoon namaa hojii ofii isaa hojjetuuf hojiitti isaan nan ramade.
31 Et [j'ordonnai ce qu'il fallait faire] touchant le bois des oblations dans les temps déterminés, et touchant les premiers fruits. Mon Dieu! Souviens-toi de moi en bien.
Akkasumas kennaa qoraaniitii fi kennaa mataa midhaanii kan yeroo murtaaʼetti dhiʼeeffamuuf haala nan mijeesse. Yaa Waaqa koo ati arjummaadhaan na yaadadhu.

< Néhémie 13 >