< Luc 22 >

1 Or la fête des pains sans levain, qu'on appelle Pâque, approchait.
Yeroo sana Ayyaanni Maxinoo kan Faasiikaa jedhamu dhiʼaate ture;
2 Et les principaux Sacrificateurs et les Scribes cherchaient comment ils le pourraient faire mourir: car ils craignaient le peuple.
luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa waan namoota sodaataniif, mala ittiin Yesuusin ajjeesan barbaadaa turan.
3 Mais satan entra dans Judas, surnommé Iscariot, qui était du nombre des douze.
Ergasiis seexanni namicha Yihuudaa Keeriyoticha jedhamu kan jara Kudha Lamaan keessaa tokko ture sanatti gale.
4 Lequel s'en alla, et parla avec les principaux Sacrificateurs et les Capitaines, de la manière dont il le leur livrerait.
Yihuudaanis gara luboota hangafootaatii fi ajajjoota waardiyyaa mana qulqullummaa dhaqee haala ittiin Yesuusin dabarsee kennu irratti isaan wajjin mariʼate.
5 Et ils en furent joyeux, et convinrent qu'ils lui donneraient de l'argent.
Isaanis gammadanii maallaqa isaaf kennuuf walii galan.
6 Et il le leur promit; et il cherchait le temps propre pour le leur livrer sans tumulte.
Innis tole jedhee yeroo namoonni hin jirretti Yesuusin dabarsee isaanitti kennuudhaaf haala mijaaʼaa eeggachaa ture.
7 Or le jour des pains sans levain, auquel il fallait sacrifier l'[Agneau] de Pâque, arriva.
Guyyaan Ayyaana Maxinoo kan hoolaan Faasiikaa itti qalamuu qabu gaʼee ture.
8 Et [Jésus] envoya Pierre et Jean, en leur disant: allez, et apprêtez-nous l'[Agneau] de Pâque, afin que nous le mangions.
Yesuusis, “Akka Faasiikaa nyaannuuf dhaqaatii nuu qopheessaa” jedhee Phexrosii fi Yohannisin erge.
9 Et ils lui dirent: où veux-tu que nous l'apprêtions?
Isaanis, “Akka nu eessatti qopheessinu barbaadda?” jedhanii isa gaafatan.
10 Et il leur dit: voici, quand vous serez entrés dans la ville vous rencontrerez un homme portant une cruche d'eau, suivez-le en la maison où il entrera.
Inni immoo deebisee akkana jedhe; “Akkuma isin magaalaa seentaniin, namichi okkotee bishaanii baatu tokko isinitti dhufa. Gara mana inni seenuutti isa duukaa buʼaatii,
11 Et dites au maître de la maison: le Maître t'envoie dire: où est le logis où je mangerai l'[Agneau] de Pâque avec mes Disciples?
abbaa mana sanaatiin, ‘Barsiisaan, “Manni keessummaa, iddoon ani itti barattoota koo wajjin Faasiikaa nyaadhu eessaa?” siin jedha’ jedhaa.
12 Et il vous montrera une grande chambre haute, parée; apprêtez là l'[Agneau de Pâque].
Abbaan manaa sunis darbii balʼaa miʼa manaatiin guutame tokko isinitti argisiisa. Isinis achitti qopheessaa.”
13 S'en étant donc allés, ils trouvèrent tout comme il leur avait dit; et ils apprêtèrent l'[Agneau] de Pâque.
Isaanis dhaqanii akkuma Yesuus isaanitti hime sanatti argatan. Faasiikaas ni qopheessan.
14 Et quand l'heure fut venue, il se mit à table, et les douze Apôtres avec lui.
Yommuu saʼaatiin sun gaʼetti Yesuusii fi ergamoonni isaa maaddiitti dhiʼaatan.
15 Et il leur dit: j'ai fort désiré de manger cet [Agneau] de Pâque avec vous avant que je souffre.
Innis akkana isaaniin jedhe; “Ani utuu hin dhiphatiniin dura isin wajjin Faasiikaa kana nyaachuu akka malee hawween ture.
16 Car je vous dis, que je n'en mangerai plus jusqu'à ce qu'il soit accompli dans le Royaume de Dieu.
Ani isinittin himaatii; hamma Faasiikaan kun mootummaa Waaqaa keessatti raawwatamutti ani deebiʼee isa hin nyaadhu.”
17 Et ayant pris la coupe, il rendit grâces, et il dit: prenez-la, et la distribuez entre vous.
Innis erga xoofoo fuudhee galata galchee booddee akkana jedhe; “Kana fudhadhaatii gargar qooddadhaa.
18 Car je vous dis, que je ne boirai plus du fruit de la vigne, jusqu'à ce que le Règne de Dieu soit venu.
Ani isinitti nan himaatii; ani hamma mootummaan Waaqaa dhufutti ija wayinii kana irraa deebiʼee hin dhugu” jedhe.
19 Puis prenant le pain, et ayant rendu grâces, il le rompit et le leur donna, en disant: ceci est mon corps, qui est donné pour vous; faites ceci en mémoire de moi.
Innis buddeena fuudhee galata galchee, caccabsee isaaniif kennee, “Kun foon koo kan isiniif kennamuu dha; kanas yaadannoo kootiif godhadhaa” jedheen.
20 De même aussi [il leur donna] la coupe, après le souper, en disant: cette coupe est le Nouveau Testament en mon sang, qui est répandu pour vous.
Akkasumas irbaata booddee xoofoo sana fuudhee akkana jedhe; “Xoofoon kun Kakuu Haaraa dhiiga koo kan isiniif dhangalaafamuun taʼuu dha.
21 Cependant voici, la main de celui qui me trahit est avec moi à table.
Garuu harki namicha dabarsee na kennu sanaa kunoo harka koo wajjin maaddii irra jira.
22 Et certes le Fils de l'homme s'en va; selon ce qui est déterminé; toutefois malheur à cet homme par qui il est trahi.
Ilmi Namaa akkuma murteeffame sanatti ni deema. Garuu namicha dabarsee isa kennu sanaaf wayyoo!”
23 Alors ils se mirent à s'entredemander l'un à l'autre, qui serait celui d'entre eux à qui il arriverait de commettre cette action.
Isaanis namni isaan keessaa waan kana gochuuf jiru eenyu akka taʼe wal gaggaafachuu jalqaban.
24 Il arriva aussi une contestation entre eux, pour savoir lequel d'entre eux serait estimé le plus grand.
Akkasumas isaan keessaa namni akka nama nama hundumaa caaluutti ilaalamu eenyu akka taʼe irratti wal falmiin gidduu isaaniitti kaʼe.
25 Mais il leur dit: Les Rois des nations les maîtrisent; et ceux qui usent d'autorité sur elles sont nommés bienfaiteurs.
Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Mootonni Namoota Ormaa isaan irratti gooftummaa mulʼisu; warri isaan irratti taayitaa argisiisan immoo Gargaartota ofiin jedhu.
26 Mais il n'en sera pas ainsi de vous: au contraire, que le plus grand entre vous soit comme le moindre; et celui qui gouverne, comme celui qui sert.
Isin garuu akkas taʼuu hin qabdan. Qooda kanaa isin keessaa namni nama hunda caalu, akka quxisuu nama hundaa, bulchaan immoo akka tajaajilaa haa taʼu.
27 Car lequel est le plus grand, celui qui est à table, ou celui qui sert? N'est-ce pas celui qui est à table? Or je suis au milieu de vous comme celui qui sert.
Eenyutu guddaa dha? Nama maaddiitti dhiʼaatu moo nama tajaajilu? Nama maaddiitti dhiʼaatu mitii? Ani garuu isin gidduutti akka tajaajilaa tokkoo ti.
28 Or vous êtes ceux qui avez persévéré avec moi dans mes tentations.
Isin immoo warra yeroo qorama koo na wajjin turtanii dha.
29 C'est pourquoi je vous confie le Royaume comme mon Père me l'a confié.
Akkuma Abbaan koo mootummaa natti kenne, anis akkasuma isinittin kenna;
30 Afin que vous mangiez et que vous buviez à ma table dans mon Royaume; et que vous soyez assis sur des trônes jugeant les douze Tribus d'Israël.
kunis akka isin mootummaa koo keessatti maaddii koo irraa nyaattanii fi dhugdan, akka teessoowwan irra teessanii gosoota Israaʼel kudha lamaanitti murtaniif.
31 Le Seigneur dit aussi: Simon, Simon, voici, satan a demandé instamment à vous cribler comme le blé;
“Yaa Simoon, yaa Simoon; kunoo, Seexanni akkuma qamadiitti isin gingilchuuf kadhateera.
32 Mais j'ai prié pour toi que ta foi ne défaille point; toi donc, quand tu seras un jour converti, fortifie tes frères.
Yaa Simoon, ani garuu akka amantiin kee hin dadhabneef siif kadhadheera; atis yommuu deebitutti, obboloota kee jajjabeessi.”
33 Et [Pierre] lui dit: Seigneur, je suis tout prêt d'aller avec toi, soit en prison soit à la mort.
Simʼoon garuu deebisee, “Yaa Gooftaa, ani si wajjin hidhamuu fi duʼuuf illee qophaaʼeera” jedhe.
34 Mais Jésus lui dit: Pierre, je te dis que le coq ne chantera point aujourd'hui, que premièrement tu ne renies par trois fois de m'avoir connu.
Yesuus, “Yaa Phexros, ani sittin hima; ati harʼa utuu indaanqoon hin iyyin akkuma na beektu illee yeroo sadii ni ganta” jedhee deebise.
35 Puis il leur dit: quand je vous ai envoyés sans bourse, sans sac, et sans souliers, avez-vous manqué de quelque chose? Ils répondirent: de rien.
Yesuusis, “Yeroo ani borsaa, korojoo yookaan kophee malee isin erge sana waa isin duraa hirʼateeraa?” jedhee isaan gaafate. Isaanis deebisanii, “Wanni tokko iyyuu hin hirʼanne” jedhan.
36 Et il leur dit: mais maintenant que celui qui a une bourse la prenne, et de même celui qui a un sac; et que celui qui n'a point d'épée vende sa robe, et achète une épée.
Inni immoo akkana isaaniin jedhe; “Amma garuu yoo borsaa qabaattan fudhadhaa; yoo korojoo qabaattanis fudhadhaa; yoo goraadee hin qabaannes uffata keessan gurguraatii goraadee bitadhaa.
37 Car je vous dis, qu'il faut que ceci aussi qui est écrit, soit accompli en moi: et il a été mis au rang des iniques. Car certainement les choses qui [ont été prédites] de moi, s'en vont être accomplies.
Wanni, ‘Inni yakkitootatti lakkaaʼame’jedhamee barreeffame sun akka narratti raawwatamuu qabu ani isinitti hima; wanni waaʼee koo barreeffame raawwatamuu gaʼeeraatii.”
38 Et ils dirent: Seigneur, voici deux épées. Et il leur dit: c'est assez.
Barattoonnis, “Yaa Gooftaa, kunoo goraadee lamatu as jira” jedhan. Innis, “Ni gaʼa” jedhee deebiseef.
39 Puis il partit, et s'en alla, selon sa coutume, au mont des oliviers; et ses Disciples le suivirent.
Yesuusis achii baʼee, akkuma amala isaa gara Tulluu Ejersaa dhaqe; barattoonni isaas isa duukaa buʼan.
40 Et quand il fut arrivé en ce lieu-là, il leur dit: Priez que vous n'entriez point en tentation.
Innis akkuma iddoo sana gaʼeen, “Isin akka qorumsatti hin galleef kadhadhaa” isaaniin jedhe.
41 Puis s'étant éloigné d'eux environ d'un jet de pierre, et s'étant mis à genoux, il priait,
Innis hamma darbata dhagaa tokkoo achi hiiqee, jilbeenfatees akkana jedhee kadhate;
42 Disant: Père, si tu voulais transporter cette coupe loin de moi; toutefois que ma volonté ne soit point faite, mais la tienne.
“Yaa Abbaa, yoo fedhii kee taʼe, xoofoo kana narraa fuudhi; garuu akka fedhii keetii malee akka fedhii kootii hin taʼin.”
43 Et un Ange lui apparut du ciel, le fortifiant.
Ergamaan Waaqaa tokkos samii irraa isatti mulʼatee isa jajjabeesse.
44 Et lui étant en agonie, priait plus instamment, et sa sueur devint comme des grumeaux de sang découlant en terre.
Innis lubbamee jabeessee kadhate; dafqi isaas akka coccopha dhiigaa lafatti cophaa ture.
45 Puis s'étant levé de sa prière, il revint à ses Disciples, lesquels il trouva dormant de tristesse;
Innis yommuu kadhannaa irraa kaʼee gara barattootaatti deebiʼetti, isaanii gaddaan bututanii rafaa jiran isaan arge.
46 Et il leur dit: pourquoi dormez-vous? levez-vous, et priez que vous n'entriez point en tentation.
Innis, “Isin maaliif raftu? Isin akka qorumsatti hin galleef kaʼaatii kadhadhaa” isaaniin jedhe.
47 Et comme il parlait encore, voici une troupe, et celui qui avait nom Judas, l'un des douze, vint devant eux, et s'approcha de Jésus pour le baiser.
Utuma inni amma iyyuu dubbachaa jiruus, tuunni namootaa tokko dhufe; namichi Yihuudaa jedhamu kan warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe sunis isaan dura deemaa ture. Innis Yesuusin dhungachuuf itti dhiʼaate;
48 Et Jésus lui dit: Judas, trahis-tu le Fils de l'homme par un baiser?
Yesuus garuu, “Yaa Yihuudaa, ati dhungoodhaan Ilma Namaa dabarsitee kennitaa?” jedhee gaafate.
49 Alors ceux qui étaient autour de lui, voyant ce qui allait arriver, lui dirent: Seigneur, frapperons-nous de l'épée?
Warri isa wajjin turanis yommuu waan taʼuuf jiru arganitti, “Yaa Gooftaa, goraadeedhaan isaan dhoofnuu” jedhan.
50 Et l'un d'eux frappa le serviteur du souverain Sacrificateur, et lui emporta l'oreille droite.
Isaan keessaas namni tokko garbicha luba ol aanaa dhaʼee gurra isaa mirgaa irraa kute.
51 Mais Jésus prenant la parole dit: laissez[-les] faire jusques ici. Et lui ayant touché l'oreille, il le guérit.
Yesuusis deebisee, “Dhiisaa! Waan akkanaa itti hin deebiʼinaa” jedhe; gurra namichaas tuttuqee fayyise.
52 Puis Jésus dit aux principaux Sacrificateurs, et aux Capitaines du Temple, et aux Anciens qui étaient venus contre lui: êtes-vous venus comme après un brigand avec des épées et des bâtons?
Ergasiis Yesuus luboota hangafoota, dura buʼoota mana qulqullummaatii fi maanguddoota isa qabuu dhufaniin akkana jedhe; “Isin goraadee fi bokkuu qabattanii akka nama hattuu qabuutti dhuftanii?
53 Quoique j'aie été tous les jours avec vous au Temple, vous n'avez pas mis la main sur moi; mais c'est ici votre heure, et la puissance des ténèbres.
Ani guyyuma guyyaan mana qulqullummaa keessa isin wajjinan ture; isin harkaanuu na hin tuqne. Garuu saʼaatiin kun saʼaatii keessan; innis yeroo itti dukkanni moʼuu dha.”
54 Se saisissant donc de lui, ils l'emmenèrent, et le firent entrer dans la maison du souverain Sacrificateur; et Pierre suivait de loin.
Isaanis isa qabanii fuudhanii deeman; fidaniis mana luba ol aanaa ol isa seensisan. Phexros immoo fagootti duukaa buʼaa ture.
55 Or ces gens ayant allumé du feu au milieu de la cour, et s'étant assis ensemble, Pierre s'assit aussi parmi eux.
Yommuu isaan walakkaa lafa dallaa keessaatti ibidda qabsiisanii walii wajjin tataaʼanitti Phexrosis isaan wajjin taaʼe.
56 Et une servante le voyant assis auprès du feu, et ayant l'œil arrêté sur lui, dit: celui-ci aussi était avec lui;
Xomboreen tokkos utuu inni ifa ibiddaa keessa taaʼee jiruu isa argite. Isheenis hubattee isa ilaaltee, “Namichi kunis isa wajjin ture” jette.
57 Mais il le nia, disant: femme, je ne le connais point.
Inni garuu, “Dubartii nana, ani isa hin beeku” jedhee gane.
58 Et un peu après, un autre le voyant, dit: tu es aussi de ces gens-là, mais Pierre dit: ô homme! je n'en suis point.
Yeroo xinnoo booddee namni biraa isa argee, “Atis jara keessaa tokkoo dha” jedhe. Phexros garuu, “Namichoo, ana miti” jedhee deebise.
59 Et environ l'espace d'une heure après, quelque autre affirmait, [et disait]: certainement celui-ci aussi était avec lui: car il est Galiléen.
Gara Saʼaatii tokkoo booddee namni biraa, “Namichi kunis waan nama Galiilaa taʼeef dhuguma iyyuu isa wajjin ture” jedhee jabeessee dubbate.
60 Et Pierre dit: ô homme! je ne sais ce que tu dis. Et dans ce moment, comme il parlait encore, le coq chanta.
Phexros immoo deebisee, “Namichoo, ani waan ati jettu kana hin beeku” jedhe. Utuma inni dubbachaa jiruus indaanqoon iyye.
61 Et le Seigneur se tournant, regarda Pierre; et Pierre se ressouvint de la parole du Seigneur, qui lui avait dit: avant que le coq chante, tu me renieras trois fois.
Gooftaanis garagalee Phexrosin ilaale. Phexrosis waan Gooftaan, “Ati harʼa utuu indaanqoon hin iyyin yeroo sadii na ganta” isaan jedhee ture sana yaadate.
62 Alors Pierre étant sorti dehors, pleura amèrement.
Innis gad baʼee hiqqifatee booʼe.
63 Or ceux qui tenaient Jésus, se moquaient de lui, et le frappaient.
Namoonni Yesuusin eegaa turan sun isatti qoosuu fi isa tumuu jalqaban.
64 Et lui ayant bandé les yeux, ils lui donnaient des coups sur le visage, et l'interrogeaient, disant: devine qui est celui qui t'a frappé?
Isaanis isa haguuganii, “Mee raajii dubbadhu! Eenyutu si rukute?” jedhanii isa gaafatan.
65 Et ils disaient plusieurs autres choses contre lui, en l'outrageant de paroles.
Isaanis isa arrabsaa waan hedduu isaan jedhan.
66 Et quand le jour fut venu, les Anciens du peuple, et les principaux Sacrificateurs, et les Scribes, s'assemblèrent, et l'emmenèrent dans le conseil;
Yommuu lafti bariʼettis yaaʼiin maanguddoota sabaa akkasumas luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa walitti qabaman; yaaʼii isaanii durattis Yesuusin dhiʼeessanii,
67 Et [lui] dirent: si tu es le Christ, dis-le-nous. Et il leur répondit: si je vous le dis, vous ne le croirez point.
“Ati yoo Kiristoos taate mee nutti himi” jedhaniin. Yesuusis akkana jedhee deebise; “Yoo ani isinitti hime isin na hin amantan;
68 Que si aussi je vous interroge, vous ne me répondrez point, et vous ne me laisserez point aller.
yoo ani isin gaafadhes hin deebiftan.
69 Désormais le Fils de l'homme sera assis à la droite de la puissance de Dieu.
Garuu siʼachi Ilmi Namaa karaa mirga humna Waaqaatiin ni taaʼa.”
70 Alors ils dirent tous: es-tu donc le Fils de Dieu? Il leur dit: vous le dites vous-mêmes que je le suis.
Hundi isaaniis, “Yoos ati Ilma Waaqaatii ree?” jedhanii gaafatan. Innis deebisee, “Akka ana taʼe isinuu ni dubbattu!” jedhe.
71 Et ils dirent: qu'avons-nous besoin encore de témoignage? car nous-mêmes nous l'avons ouï de sa bouche.
Kana irratti isaan, “Kana caalaa dhuga baʼumsa maalii nu barbaachisa? Nu mataan keenya iyyuu afaanuma isaa irraa dhageenyeerraatii” jedhan.

< Luc 22 >