< Genèse 16 >

1 Sara, femme d'Abram, ne lui avait point donné d'enfants; elle avait une servante égyptienne nommée Agar.
Saaraan niitiin Abraam ijoollee isaaf hin deenye turte. Garuu isheen garbittii Aggaar jedhamtu tokko qabdi turte; Aggaaris nama biyya Gibxi turte;
2 Elle dit donc à Abram: Le Seigneur a clos mes entrailles pour que je n'enfante point: Approche-toi de ma servante, afin que d'elle il me vienne un enfant. Abram prêta l'oreille à la parole de Sara.
Saaraanis Abraamiin, “Kunoo Waaqayyo ijoollee na dhowwateera. Dhaqiitii garbittii koo wajjin ciisi; tarii ani karaa isheetiin ijoollee nan argadhan taʼaatii” jette. Abraamis waan Sooraan jette fudhate.
3 Et Sara, femme d'Abram, ayant pris l'Égyptienne Agar sa servante, après dix ans de séjour en la terre de Chanaan, la donna pour femme à Abram son mari.
Erga Abraam waggaa kudhan Kanaʼaan keessa jiraatee booddee niitiin isaa Saaraan garbittii ishee Aggaar kan nama biyya Gibxi turte sana fuutee akka isheen niitii isaa taatuuf dhirsa isheetiif kennite.
4 Celui-ci s'approcha d'Agar, et elle conçut; bientôt elle vit qu'elle portait un enfant; et sa maîtresse fut méprisée par elle.
Abraamis Aggaar wajjin ciise; isheenis ni ulfoofte. Yommuu akka ulfoofte of irratti beektetti giiftii ishee tuffachuu jalqabde.
5 Sara dit alors à Abram: Tu me traites injustement; j'ai placé sur ton sein ma servante; elle a vu qu'elle porte un enfant, et je suis méprisée par elle; que Dieu juge entre toi et moi.
Saaraan immoo Abraamiin, “Miidhaa na mudate kanatti situ gaafatama. Garbittii koo anattu bobaa kee jala siif galche; amma garuu isheen akka ulfoofte of irratti beeknaan na tuffatte. Egaa Waaqayyo sii fi ana gidduutti murtii haa kennu” jette.
6 Abram lui répondit: Voici la servante dans tes mains; uses-en avec elle comme il te sera agréable. Et Sara la maltraita, et elle s'enfuit loin de sa face.
Abraamis, “Garbittiin kee keessa harkuma kee jirti; waanuma feete ishee godhi” jedheen. Saaraanis akka malee ishee cunqursite; kanaafuu Aggaar fuula ishee duraa sokkite.
7 L'ange du Seigneur vint la trouver dans le désert auprès d'une fontaine, celle qui est sur le chemin de Sur,
Ergamaan Waaqayyoo gammoojjii keessatti, burqaa bishaanii tokko biratti Aggaarin arge; burqaan bishaanii sunis karaa Shuuritti geessu irra ture.
8 Et lui dit: Agar, servante de Sara, d'où viens-tu, et où vas-tu? Je fuis, répondit-elle, loin de la face de Sara ma maîtresse.
Ergamaan sunis, “Yaa Aggaar, garbittii Saaraa, ati eessaa dhufte? Eessa dhaquutti jirta?” jedhe. Isheenis, “Giiftii koo Saaraa baqachuuttin jira” jetteen.
9 L'Ange du Seigneur ajouta: Retourne vers ta maîtresse, humilie-toi, et courbe-toi sous ses mains.
Kana irratti ergamaan Waaqayyoo sun, “Gara giiftii keetiitti deebiʼi; gad of qabiitii isheef buli” jedheen.
10 Il dit ensuite: Je multiplierai et multiplierai ta race; elle sera innombrable par sa multitude.
Ergamaan Waaqayyoo sunis itti dabalee, “Ani sanyii kee akka malee nan baayʼisa; sababii baayʼina isaatiifis namni tokko iyyuu lakkaaʼuu hin dandaʼu” jedhe.
11 Et l'ange du Seigneur ajouta: Te voilà enceinte, tu enfanteras un fils, auquel tu donneras le nom d'Ismaël, parce que le Seigneur a ouï ton humiliation.
Ergamaan Waaqayyoo sun amma illee akkana isheen jedhe; “Kunoo ati ulfoofteerta; ilmas ni deessa. Maqaa isaas Ishmaaʼeel jedhii moggaasi; Waaqayyo dhiphachuu kee dhagaʼeeraatii.
12 Ce sera un homme rude; ses mains seront sur tous et les mains de tous sur lui, et il habitera en face de tous ses frères.
Inni nama akka harree diidaa taʼa; harki isaa nama hunda irratti kaʼa; harki nama hundaas isa irratti kaʼa; obboloota isaa hundaanis jibbamaa jiraata.”
13 Alors Agar invoqua le nom du Seigneur qui lui parlait, disant: Dieu, vous m'avez regardée; car, se dit-elle, j'ai vu en face celui qui m'est apparu.
Isheenis maqaa Waaqayyo isheetti dubbate sanaa, “Elrooʼii” jettee waamte. Isheen, “Ani dhugumaan Isa na argu sana argeera” jetteertiitii.
14 À cause de cela, elle nomma la source: puits de celui que j'ai vu en face. Ce puits est entre Cadès et Barad.
Sababiin boolli bishaanii sun, “Beʼeer Lahaayirooʼii” jedhameefis kanuma. Innis hamma harʼaatti illee Qaadeshii fi Bereed gidduu jira.
15 Bientôt Agar enfanta un fils à Abram, et Abram donna au fils que lui avait enfanté Agar le nom d'Ismaël.
Aggaaris Abraamiif ilma deesse; Abraamis ilma isheen deesse sana Ishmaaʼeel jedhee moggaase.
16 Or Abram avait quatre-vingt-six ans, lorsque Agar lui enfanta Ismaël.
Yeroo Aggaar Ishmaaʼeelin isaaf deessetti Abraam nama waggaa saddeettamii jaʼaa ture.

< Genèse 16 >