< Esther 9 >
1 Le treize du douzième mois, du mois d'adar, l'édit du roi fut exécuté.
Bultii kudha sadaffaa jiʼa kudha lammaffaatti, jiʼa Adaar keessa labsiin mootichi ajaje sun hojii irra ooluu qaba ture. Guyyaa kanatti diinonni Yihuudootaa isaan moʼachuu abdatanii turan; amma garuu dubbiin garagalee Yihuudoonni warra isaan jibban sana irratti ol aantummaa argatan.
2 Ce jour-là, les ennemis des Juifs périrent, et nul ne se défendit à cause de la crainte qu'ils avaient d'eux.
Yihuudoonnis warra badiisa isaanii hawwaa turan sana balleessuudhaaf magaalaawwan ofii isaanii kanneen kutaa biyyaa Ahashweroos Mootichaa hunda keessatti argamanitti walitti qabaman. Sababii namoonni saba kaanii hundinuu Yihuudoota sodaataniif namni tokko iyyuu fuula isaanii dura dhaabachuu hin dandeenye.
3 Et les officiers des satrapes, et les rois, et les scribes royaux, honorèrent les Juifs; car ils redoutaient Mardochée.
Namoonni bebeekamoon kutaalee biyyaa hundi, ergamoonni, bulchitoonnii fi qondaaltonni mootichaa sababii Mordekaayiin sodaataniif Yihuudoota gargaaran.
4 Et l'édit du roi en vint à être loué dans tout le royaume.
Mordekaayi masaraa mootummaa keessatti beekamaa ture; waaʼeen isaa kutaalee biyyaa guutuu gaʼe; innis akka malee jabaachaa deeme.
Yihuudoonni diinota isaanii hunda goraadeedhaan cicciranii ajjeesuudhaan barbadeessanii warra isaan jibbanis akkuma barbaadan godhan.
Gamoo Suusaa keessattis Yihuudoonni nama dhibba shan qalanii fixan.
7 Pharsannès, et Delphon, et Phasgas,
Amma illee Paarshandaataa, Dalfoon, Asfaataa,
8 Et Phardathas, et Barcas, et Sarbacas,
Phooraataa, Adaliyaa, Ariidaataa,
9 Et Marmarinas, et Ruphès, et Arsès, et Zabuthis.
Paarmaashitaa, Ariisayi, Ariidayii fi Wayizaataa ajjeesan;
10 Et ils enlevèrent les dix fils d'Aman, fils d'Amadathe le Bugéen, l'ennemi des Juifs, et ils pillèrent leurs maisons
isaan kunneen ilmaan Haamaan ilma Hamedaataa namicha diina Yihuudootaa ture sanaa kurnanii dha. Yihuudoonni garuu boojuu tokko illee hin tuqne.
11 Ce même jour-là. Et on remit au roi le dénombrement de ceux qui, à Suse, avaient péri.
Baayʼinni namoota gamoo Suusaa keessatti ajjeefamaniis guyyuma sana mootichatti himame.
12 Et le roi dit à Esther: Les Juifs ont tué cinq cents hommes à Suse; combien penses-tu qu'ils en aient exterminé dans les provinces? Que demandes- tu encore, que te faut-il?
Mootichis Asteer Mootittiidhaan akkana jedhe; “Yihuudoonni namoota dhibba shanii fi ilmaan Haamaan kurnan gamoo Suusaa keessatti ajjeesanii balleessaniiru. Kutaalee biyyaa mootichaa kanneen hafan keessatti maal godhan laata? Amma wanni ati kadhattu maali? Wanni sun siif kennama. Gaaffiin kee maali? Wanni sunis siif guutama.”
13 Et Esther répondit: Qu'il soit permis aux Juifs d'en user de même demain jusqu'à pendre les dix fils d'Aman.
Asteeris akkana jettee deebifte; “Yoo wanni kun mooticha gammachiise akka Yihuudoonni Suusaa keessa jiran labsii harʼaa kana bori illee hojii irra oolchaniif eeyyama kennaniif; ilmaan Haamaan kurnanis muka irratti haa fannifaman.”
14 Et le roi le voulut ainsi; et les corps des fils d'Aman furent livrés aux Juifs de la ville pour être pendus.
Kanaafuu mootichi akka wanni kun raawwatamu ajaje. Labsiin tokko Suusaa keessatti labsame; isaanis ilmaan Haamaan kurnan fannisan.
15 Et les Juifs de Suse se réunirent le quatorze d'Adar, et ils tuèrent trois cents hommes, et ils ne prirent rien de leurs dépouilles.
Yihuudoonni Suusaa keessa jiraatan bultii kudha afuraffaa jiʼa Adaaritti walitti qabamanii nama dhibba sadii Suusaa keessatti fixan; garuu boojuu tokko illee hin tuqne.
16 Les autres Juifs du royaume se réunirent et se prêtèrent un mutuel secours, et ils se débarrassèrent de leurs ennemis; car ils en tuèrent quinze mille, le treize d'adar, et ils ne prirent rien.
Yeroo kanatti Yihuudoonni kutaalee biyya mootichaa keessatti hafan kaanis mataa isaanii eeguu fi diinota isaanii irraa boqochuuf jedhanii walitti qabaman. Isaanis jara keessaa nama kuma torbaatamii shan fixan; garuu boojuu tokko illee hin tuqne.
17 Et ils restèrent en repos le quatorze du même mois, car ils fêtèrent ce jour de repos par de grandes réjouissances.
Wanni kunis bultii kudha sadaffaa jiʼa Adaar keessa taʼe; guyyaa kudha afuraffaatti immoo boqotanii guyyaa sana guyyaa cidhaa fi gammachuu godhatan.
18 Mais les Juifs de Suse ne cessèrent le massacre qu'à fin du quatorze; et ils passèrent le quinze à se réjouir.
Taʼus Yihuudoonni Suusaa keessa jiraatan guyyaa kudha sadaffaa fi kudha afuraffaatti walitti qabaman; ergasii immoo guyyaa kudha shanaffaatti boqotanii guyyaa sana guyyaa cidhaa fi gammachuu godhatan.
19 À cause de cela, les Juifs dispersés dans toutes les provinces ont coutume de fêter le quatorze d'adar, et chacun envoie des parts à son voisin. Mais ceux qui vivent au loin dans des grandes villes célèbrent la fête le quinze d'Adar, en envoyant des parts à leurs voisins.
Sababiin Yihuudoonni baadiyyaa kanneen gandoota keessa jiraatan guyyaa kudha afuraffaa jiʼa Adaar akka guyyaa cidhaa fi gammachuutti, akka guyyaa itti kennaa waliif kennaniittis ayyaaneffataniif kanuma.
20 Mardochée écrivit ces choses en un livre, et il envoya dire à tous les Juifs qui demeuraient dans le royaume d'Artaxerxès, soit près, soit loin,
Mordekaayis wantoota kanneen galmeessee Yihuudoota kutaalee biyya Ahashweroos Mootichaa keessa dhiʼoo fi fagoo jiraatan hundatti xalayoota erge;
21 D'instituer ces jours comme des jours heureux, et de fêter le treize et le quatorze d'adar.
kunis akka isaan waggaa waggaadhaan guyyaa kudha afuraffaa fi kudha shanaffaa jiʼa Adaar
22 Car, en ces deux journées, les Juifs avaient été délivrés de leurs ennemis; et le mois, qui est adar, durant lequel ils avaient passé du deuil à la joie, et des douleurs à un jour heureux, fut consacré tout entier aux jours heureux des noces et des réjouissances; et chacun envoya des parts à ses amis et aux indigents.
akkuma yeroo itti Yihuudoonni diinota isaanii irraa boqonnaa argataniittii fi akka jiʼa itti gaddi isaanii gara gammachuutti, booʼichi isaanii immoo gara kolfaatti geeddarameetti ayyaaneffataniif. Innis akka isaan guyyoota sana akka guyyoota cidhaa fi gammachuutti, akka guyyoota itti nyaata waliif kennanii hiyyeeyyiifis kennaa kennaniitti ayyaaneffatanitti isaaniif barreesse.
23 Et les Juifs se sont conformés depuis à ce qu'avait écrit Mardochée, leur faisant savoir:
Akkasiin Yihuudoonni akkuma Mordekaayi isaaniif barreessetti ayyaana ayyaaneffachuu jalqaban sana itti fufuuf walii galan.
24 Comme Aman, fils d'Amadathe le Macédonien, était devenu leur ennemi; comme il avait fait un édit, et agité les sorts pour les exterminer;
Haamaan ilmi Hamedaataa namichi biyya Agaag diinni Yihuudoota hundaa sun Yihuudoota balleessuudhaaf isaanitti yaadee akka isaan badanii fi barbadeeffamaniif ixaa Fuur jedhamu buusee tureetii.
25 Comme il était entré chez le roi, lui disant de faire pendre Mardochée; et comment tous les maux qu'il avait essayé de faire tomber sur les Juifs étaient tombés sur lui-même, qui avait été pendu ainsi que ses fils.
Yeroo yaadni sun gurra mootichaa buʼetti mootichi akka yaadni jalʼaan kan Hamaan Yihuudootatti yaade sun matuma isaatti deebiʼee innii fi ilmaan isaa muka irratti fannifamaniif barreeffamaan ajaja dabarse.
26 À cause de cela, ces jours furent appelés Phrurées, à cause des sorts (car, dans leur dialecte, les sorts se traduisent par Phrurées); à cause des paroles de ce livre de Mardochée, et à cause de ce qu'ils avaient souffert à ce sujet et de ce qui leur était advenu.
Kanaafuu guyyoonni sun jecha Fuur jedhamu irraa Furiim jedhamanii moggaafaman. Sababii waan xalayaa kana keessatti barreeffame hundaatii fi sababii waan arganiitii fi waan isaan irra gaʼee tureetiif,
27 Et il régla les choses ainsi. Et les Juifs adoptèrent l'usage de ces fêtes pour eux et pour leur race, et pour ceux qui se joignirent à eux pour les observer, et ils ne feront jamais autrement; et ces jours sont un mémorial gardé de générations en générations en chaque ville, chaque famille, chaque province.
Yihuudoonni akka guyyoonni lamaan kunneen akkuma barreeffamettii fi yeroo murteeffametti utuu addaan hin citin waggaa waggaadhaan ayyaaneffamaniif bartee ofii isaanii, kan sanyiiwwan isaaniitii fi warra isaanitti dabalaman hundaa godhanii dhaabbatan.
28 Et ces jours des Phrurées, disent-ils, seront gardés en tout temps, et le mémorial ne manquera à aucune génération.
Guyyoonni kunneen dhaloota hunda keessatti, maatii hundaan, kutaalee biyyaa hundaa fi magaalaa hunda keessatti yaadatamuu fi kabajamuu qabu; guyyoonni Furiim kunneen Yihuudootaan kabajamuunis hafuu hin qabu; yaadannoon guyyoota kanneeniis sanyii isaanii keessaa baduu hin qabu.
29 Et la reine Esther, fille d'Aminadab, et le Juif Mardochée, écrivirent tout ce qu'ils avaient fait pour confirmer la lettre concernant les Phrurées.
Kanaafuu Asteer Mootittiin intalli Abiihaayil sun Mordekaayi Yihuudicha wajjin taʼanii xalayaa lammaffaa waaʼee Furiim dubbatu kana mirkaneessuudhaaf aangoo guutuudhaan barreessan.
Mordekaayis Yihuudoota kutaalee biyyaa 127 kanneen mootummaa Ahashweroos keessa jiraatan hundatti dubbii hawwii nagaatii fi qabbanaa barreessee erge.
Kunis akka guyyoonni Furiim kunneen akkuma Mordekaayi Yihuudichii fi Asteer Mootittiin isaaniif labsanitti, akkuma isaanis ofii isaaniitii fi sanyiiwwan isaaniitiif waaʼee soomaatii fi yeroo booʼicha isaanii ilaalchisee dhaabbatanitti yeroo murtaaʼetti ayyaaneffamuuf.
32 Et Esther fit cela par un commandement pour toujours, et elle l'écrivit en un mémoire.
Labsiin Asteeris seera waaʼee Furiim kana mirkaneesse; wanni kunis galmee keessatti barreeffame.