< Esther 8 >
1 Et, en ce jour-là même, le roi Artaxerxès fit don à Esther de tout ce que possédait Aman l'accusateur; et il appela Mardochée, car la reine lui avait dit leur parenté.
Gaafuma sana Ahashweroos Mootichi qabeenya Haamaan isa diina Yihuudootaa ture sanaa Asteer Mootittiif kenne. Asteer akka inni fira ishee taʼe waan mootichatti himtee turteef Mordekaayi fuula mootichaa duratti dhiʼaate.
2 Et le roi prit l'anneau qu'il avait ôté à Aman et il le remit à Mardochée; et la reine chargea celui-ci d'administrer les biens d'Aman.
Mootichis qubeelaa chaappaa isaa kan Haamaan irraa deebisee fudhate sana ofi irraa baasee Mordekaayiif kenne. Asteeris qabeenya Haamaan irratti Mordekaayiin muudde.
3 Et, continuant de parler au roi, elle se jeta à ses pieds, et lui demanda de rendre nuls les mauvais desseins d'Aman, et ce qu'il avait fait contre les Juifs.
Asteer miilla isaa irratti kuftee booʼaa ammas mooticha kadhatte. Isheenis akka inni karoora jalʼaa kan Haamaan namichi biyya Agaag sun Yihuudootatti baase sana fashaleessuuf isa kadhatte.
4 Et le roi étendit sur Esther sa verge d'or, et elle fut encouragée à se placer auprès de lui.
Mootichis bokkuu warqee Asteeriif diriirsinaan isheen kaatee fuula isaa dura dhaabatte.
5 Et elle dit: S'il te plaît, si j'ai trouvé grâce, que l'on fasse révoquer les édits qu'a publiés Aman, ordonnant d'exterminer tous les Juifs qui sont en ton royaume.
Isheen akkana jette; “Yoo wanni kun mooticha gammachiise, yoo ani fuula mootichaa duratti surraa argadhee jiraadhe, yoo wanni kun qajeelaa isatti fakkaatee fi yoo inni natti gammade, xalayaa Haamaan ilmi Hamedaataa namichi biyya Agaag sun Yihuudoota kutaalee biyyaa mootichaa hunda keessa jiraatan balleessuudhaaf barreesse sana fashaleessuuf ajajni haa barreeffamu.
6 Car, comment pourrais-je voir la ruine de mon peuple? Comment pourrais-je survivre à la destruction de ma patrie?
Ani utuun balaa saba koo irra gaʼu arguu akkamittin obsuu dandaʼa? Akkamittis badiisa maatii koo argee obsuu dandaʼa?”
7 Et le roi dit à Esther: Puisque je t'ai donné tous les biens d'Aman, et que je t'en ai gratifié; puisque je l'ai fait pendre lui-même pour avoir porté les mains sur les Juifs, que demandes-tu encore?
Ahashweroos Mootichis akkana jedhee Asteer Mootittii fi Mordekaayi Yihuudichaaf deebii kenne; “Sababii Haamaan Yihuudoota miidheef ani qabeenya isaa Asteeriif kenneera; isaanis muka irratti isa fannisaniiru.
8 Écrivez vous-mêmes en mon nom ce qu'il vous plaira, et scellez-le avec mon anneau; car nul ne peut contredire ce qui est écrit par l'ordre du roi, et revêtu de son scel.
Sababii labsiin maqaa mootichaatiin barreeffamee chaappaan qubeelaa mootichaa itti godhame diigamuu hin dandeenyeef isin akkuma jaallattanitti waan Yihuudoota ilaalu maqaa mootichaatiin barreessaatii chaappaa qubeelaa mootichaa itti chaappessaa.”
9 Les scribes furent donc convoqués le vingt-trois du premier mois, du mois de nisan, de la même année, et l'on écrivit ce qui était ordonné, concernant les Juifs, aux intendants et aux chefs des satrapes des cent vingt-sept provinces, depuis l'Inde jusqu'à l'Éthiopie, en la langue de chacune d'elles.
Barreessitoonni mootichaas yommusuma bultii digdamii sadaffaa jiʼa sadaffaatti jiʼa Siiwaan jedhamu keessa walitti waamaman. Isaanis ajaja Mordekaayi hunda gara Yihuudoota, ergamoota, bulchitootaa fi namoota bebeekamoo kutaalee biyyaa 127 kanneen biyya Hindiitii hamma Itoophiyaatti jiraatanitti barreessanii ergan. Ajajni kunis arfii tokkoo tokkoo kutaalee biyyaatiin, afaan tokkoo tokkoo sabaatiin akkasumas Yihuudootatti arfii fi afaanuma ofii isaaniitiin barreeffame.
10 On écrivit au nom du roi, et on scella de son sceau les lettres, et on les expédia par des courriers.
Mordekaayis maqaa Ahashweroos Mootichaatiin xalayoota barreessee chaappaa qubeelaa mootichaa itti chaappesse; xalayoota sanas abbootii fardaa kanneen fardeen mootichaaf leenjifaman keessaa collee taʼan yaabbatanitti erge.
11 Elles prescrivaient de permettre aux Juifs, en chaque ville, de vivre selon leur loi, de leur porter secours, et de mettre à leur merci leurs ennemis et ceux qui résisteraient,
Labsiin mootichaa akka Yihuudoonni magaalaawwan hunda keessa jiraatan walitti qabaman, akka of eeganii fi akka isaan humna waraana saba kamii iyyuu yookaan biyya kamii iyyuu kan isaan, dubartoota isaaniitii fi ijoollee isaanii miidhu akka ajjeesan, akka barbadeessanii fi lafa irraa balleessan akkasumas akka qabeenya diinota isaanii saaman mirga kenneef.
12 Dans le royaume d'Artaxerxès, le treizième jour du douzième mois qui est adar.
Guyyaan akka Yihuudoonni kutaalee biyya Ahashweroos Mootichaa hunda keessatti waan kana godhan murtaaʼeefis bultii kudha sadaffaa jiʼa kudha lammaffaa, jiʼa Adaar jedhamu keessa ture.
13 Et que l'on affiche cette copie en des places apparentes dans tout le royaume, et que, le jour indiqué, les Juifs se tiennent prêts à combattre leurs ennemis.
Garagalchi labsii sanaas kutaalee biyyaa hunda keessatti akka seeraatti raabsamee sabni hundi beekuu qaba ture; kunis akka Yihuudoonnis diinota isaanii haaloo baʼuuf gaafasitti qophaaʼaniif.
14 Les courriers se hâtèrent de partir pour porter les ordres du roi, et l'édit fut affiché dans Suse.
Ergamoonni fardeen mootichaa yaabbatan sunis ajaja mootichaatiin ariifatanii gulufaa deeman. Labsiin sunis gamoo Suusaa keessatti labsame.
15 Et Mardochée sortit, revêtu d'une robe royale, ayant une couronne d'or et un diadème pourpre du lin le plus fin; et le peuple de Suse, l'ayant vu, se réjouit.
Mordekaayis uffata mootii kan bifa cuquliisaatii fi adii uffatee, gonfoo warqee guddaa isaa kaaʼatee wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame dhiilgee irraan uffatee fuula mootichaa duraa baʼe. Magaalaan Suusaas gammaddee ililchite.
16 Et, pour les Juifs, il y eut lumière et allégresse
Yeroon sun Yihuudootaaf ifa, gammachuu, ilillee fi yeroo ulfinaa ture.
17 En toute ville et province où l'on afficha l'édit et où il fut proclamé, ils firent des réjouissances et se donnèrent des repas. Et, parmi les gentils, beaucoup se circoncirent et judaïsèrent par crainte des Juifs.
Kutaalee biyyaatii fi magaalaawwan hunda keessatti, lafa labsiin mootichaa gaʼe hundatti Yihuudoonni ilillee fi gammachuudhaan, nyaataa fi dhugaatiidhaan ni ayyaaneffatan. Namoonni gosa kaanii hedduun sababii Yihuudoota sodaataniif Yihuudoota taʼan.