< 1 Samuel 5 >
1 Les Philistins s’étaient donc emparés de l’arche du Seigneur, et ils la transportèrent d’Eben-Haézer à Asdod.
Filisxeemonni erga taabota Waaqaa boojiʼanii booddee Ebeenezerii fuudhanii Ashdooditti geessan.
2 Là ils prirent l’arche du Seigneur, l’amenèrent dans le temple de Dagon et la placèrent à côté de cette idole.
Ergasiis taabota sana gara galma Daagonitti geessanii Daagon bira kaaʼan.
3 Mais le lendemain, lorsque les gens d’Asdod se levèrent, ils virent Dagon étendu sur la face, à terre, devant l’arche de l’Eternel; ils le relevèrent et le remirent à sa place.
Namoonni Ashdood yommuu guyyaa itti aanu ganamaan kaʼanitti Daagon taabota Waaqayyoo duratti addaan lafatti gombifamee argan! Isaanis lafaa kaasanii iddoo isaatti isa deebisan.
4 Le matin du jour suivant, voilà que Dagon gisait encore à terre devant l’arche de l’Eternel; on voyait sur le seuil sa tête et ses deux mains coupées, le tronc seul était resté intact.
Garuu yommuu isaan guyyaa itti aanu ganama kaʼanitti Daagon taabota Waaqayyoo duratti addaan lafatti gombifamee ture! Mataa fi harki isaas irraa caccabee gulantaa balbalaa irra bubbuʼee ture; dhagna isaa qofatu hafe.
5 C’Est pourquoi les prêtres de Dagon ni aucun de ceux qui entrent dans le temple de ce dieu, à Asdod, n’en foulent le seuil, aujourd’hui encore.
Wanni luboonni Daagon yookaan namni galma Daagon kan Ashdood jiru sana ol seenu kam iyyuu hamma harʼaatti gulantaa balbalaa irra hin ejjenneef kanuma.
6 Puis la main de l’Eternel s’appesantit sur les gens d’Asdod et il sévit contre eux, et il les affligea d’hémorroïdes, tant Asdod que le territoire voisin.
Harki Waaqayyoo saba Ashdoodii fi naannoo ishee irratti jabaate; badiisa isaanitti fide; iitoos isaanitti naqe.
7 Ce que voyant, les gens d’Asdod dirent: "L’Arche du Dieu d’Israël ne peut rester au milieu de nous, car il nous fait sentir trop durement sa puissance, à nous et à notre dieu Dagon."
Namoonni Ashdoodis yeroo waan taʼaa ture arganitti, “Sababii harki isaa nuu fi Waaqa keenya Daagon irratti jabaateef taabonni Waaqa Israaʼel as turuu hin qabu” jedhan.
8 Ils mandèrent alors et convoquèrent chez eux tous les princes des Philistins, et leur dirent: "Que ferons-nous de l’arche du Dieu d’Israël?" Ceux-ci répondirent: "Que l’arche du Dieu d’Israël soit transportée à Gath!" Et l’on y transporta l’arche sainte.
Kanaaf bulchitoota Filisxeem hunda walitti waamanii, “Taabota Waaqa Israaʼel maal gochuu qabna?” jedhanii isaan gaafatan. Isaanis, “Taabota Waaqa Israaʼel gara Gaati geessaa!” jedhanii deebisan. Kanaaf taabota Waaqa Israaʼel achii baasan.
9 Mais, après sa translation, la main de l’Eternel sévit sur la ville, y produisant un très grand trouble: il en frappa tous les habitants, du plus petit au plus grand, par une éruption secrète d’hémorroïdes.
Erga taabota sana achii baasanii booddee harki Waaqayyoo magaalaa sanatti jabaatee badiisa guddaa fide. Namoota magaalaa sana jiraatanis xinnaadhaa hamma guddaatti dhaʼe; akka dhiitoon isaanitti yaaʼus godhe.
10 Ils envoyèrent l’arche divine à Ekron; mais quand elle y fut arrivée, les habitants jetèrent des cris et dirent: "On a transporté chez nous l’arche du Dieu d’Israël, pour nous faire périr, nous et les nôtres!"
Kanaafuu taabota Waaqaa gara Eqroonitti ergan. Akkuma taabonni Waaqaa Eqroon seeneenis namoonni Eqroon, “Isin nuu fi namoota keenya fixuudhaaf taabota Waaqaa nutti fiddan” jedhanii iyyan.
11 Et ils envoyèrent convoquer tous les princes des Philistins et leur dirent: "Renvoyez l’arche du Dieu d’Israël, qu’elle retourne au lieu de sa résidence et ne nous fasse pas mourir, nous et les nôtres!" Car un désarroi mortel régnait dans toute la ville, la main de Dieu s’y faisait sentir lourdement.
Kanaafuu bulchitoota Filisxeem hunda walitti waamanii, “Taabota Waaqa Israaʼel asii fageessaa; iddoo isaatti haa deebiʼu; yoo kanaa achii inni nuu fi saba keenya fixa” jedhaniin. Sodaan duʼaa magaalaa sana guutee tureetii; harki Waaqaas akka malee itti jabaatee ture.
12 Ceux qui ne mouraient pas étaient atteints d’hémorroïdes, et tes gémissements de la ville s’élevaient jusqu’aux cieux.
Warri hin duʼinis waan dhiitoon isaanitti yaaʼeef iyyi isaanii samiitti ol baʼe.