< Lévitique 18 >

1 Et l’Éternel parla à Moïse, disant:
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
2 Parle aux fils d’Israël, et dis-leur: Moi, je suis l’Éternel, votre Dieu.
“Akkana jedhii Israaʼelootatti himi; ‘Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
3 Vous ne ferez pas ce qui se fait dans le pays d’Égypte où vous avez habité, et vous ne ferez pas ce qui se fait dans le pays de Canaan où je vous fais entrer, et vous ne marcherez pas selon leurs coutumes.
Isin waan isaan biyya Gibxi, biyya isin keessa jiraachaa turtan sana keessatti hojjetan hin hojjetinaa; waan biyya Kanaʼaan, biyya ani itti isin galchuuf jiru keessatti hojjetamus hin hojjetinaa. Seera isaanii duukaa hin buʼinaa.
4 Vous pratiquerez mes ordonnances, et vous garderez mes statuts pour y marcher. Moi, je suis l’Éternel, votre Dieu.
Isin seera kootiif ajajamaa; ajaja koos sirriitti eegaa; ani Waaqayyo Waaqa keessanii dha.
5 Et vous garderez mes statuts et mes ordonnances, par lesquels, s’il les pratique, un homme vivra. Moi, je suis l’Éternel.
Ajaja koo fi seera koo eegaa; namni isaaniif ajajamu isaaniin jiraataatii; ani Waaqayyo.
6 Nul homme ne s’approchera de sa proche parente, pour découvrir sa nudité. Moi, je suis l’Éternel.
“‘Namni kam iyyuu fira dhiigaa kam iyyuu wajjin wal bira gaʼuuf itti hin dhiʼaatin; ani Waaqayyo.
7 Tu ne découvriras point la nudité de ton père, ni la nudité de ta mère: c’est ta mère; tu ne découvriras point sa nudité.
“‘Haadha kee wajjin wal bira gaʼuudhaan abbaa kee hin salphisin; isheen haadha kee ti; ishee wajjin wal bira hin gaʼin.
8 Tu ne découvriras point la nudité de la femme de ton père; c’est la nudité de ton père.
“‘Niitii abbaa keetii wajjin wal bira hin gaʼin; wanni kun abbaa kee salphisa.
9 La nudité de ta sœur, fille de ton père ou fille de ta mère, née dans la maison ou née au-dehors, – sa nudité, tu ne la découvriras point.
“‘Isheen manuma keettis taʼu yookaan alatti dhalattu illee obboleettii kee, intala abbaa keetii yookaan haadha keetii wajjin wal bira hin gaʼin.
10 La nudité de la fille de ton fils ou de la fille de ta fille, – sa nudité, tu ne la découvriras point; car c’est ta nudité.
“‘Intala ilma keetii yookaan intala intala keetii wajjin wal bira hin gaʼin; wanni kun si salphisa.
11 La nudité de la fille de la femme de ton père, née de ton père, – c’est ta sœur: tu ne découvriras point sa nudité.
“‘Intala niitii abbaa keetii kan abbaa keetiif dhalatte wajjin wal bira hin gaʼin; isheen obboleettii kee ti.
12 Tu ne découvriras point la nudité de la sœur de ton père; elle est propre chair de ton père.
“‘Obboleettii abbaa keetii wajjin wal bira hin gaʼin; isheen abbaa keetiif fira dhiigaa ti.
13 Tu ne découvriras point la nudité de la sœur de ta mère; car elle est propre chair de ta mère.
“‘Obboleettii haadha keetii wajjin wal bira hin gaʼin; isheen haadha keetiif fira dhiigaa ti.
14 Tu ne découvriras point la nudité du frère de ton père; tu ne t’approcheras point de sa femme: elle est ta tante.
“‘Wal bira gaʼuuf jettee niitii obboleessa abbaa keetiitti dhiʼaattee isa hin salphisin; isheen niitii obboleessa abbaa keetii ti.
15 Tu ne découvriras point la nudité de ta belle-fille: elle est la femme de ton fils; tu ne découvriras point sa nudité.
“‘Niitii ilma keetii wajjin wal bira hin gaʼin. Isheen niitii ilma keetii ti; ishee wajjin wal bira hin gaʼin.
16 Tu ne découvriras point la nudité de la femme de ton frère; c’est la nudité de ton frère.
“‘Niitii obboleessa keetii wajjin wal bira hin gaʼin; wanni sun obboleessa kee salphisa.
17 Tu ne découvriras point la nudité d’une femme et de sa fille; tu ne prendras point la fille de son fils, ni la fille de sa fille, pour découvrir sa nudité; elles sont sa propre chair: c’est un crime.
“‘Dubartii tokkoo fi intala ishee wajjin wal bira hin gaʼin. Intala ilma dubartii sanaa yookaan intala intala ishee wajjin wal bira hin gaʼin; isaan isheedhaaf fira dhiigaa ti; wanni kun jalʼina.
18 Et tu ne prendras point une femme auprès de sa sœur pour l’affliger en découvrant sa nudité à côté d’elle, de son vivant.
“‘Utuu niitiin kee lubbuudhaan jirtuu obboleettii ishee masaanuu ishee gootee hin fuudhin; ishee wajjinis wal bira hin gaʼin.
19 Et tu ne t’approcheras point d’une femme durant la séparation de son impureté, pour découvrir sa nudité.
“‘Yeroo dubartiin tokko xuraaʼummaa xurii jiʼaa of irraa qabdutti, bira gaʼuudhaaf jettee isheetti hin dhiʼaatin.
20 Et tu n’auras point commerce avec la femme de ton prochain, pour te rendre impur avec elle.
“‘Niitii namaa wajjin wal bira geessee isheedhaan of hin xureessin.
21 Et tu ne donneras point de tes enfants pour les faire passer [par le feu] à Moloc, et tu ne profaneras point le nom de ton Dieu. Moi, je suis l’Éternel.
“‘Ijoollee kee keessaa tokko illee akka Moolekiif aarsaa taʼaniif hin kennin; ati maqaa Waaqa keetii hin xureessin. Ani Waaqayyo.
22 Tu ne coucheras point avec un mâle, comme on couche avec une femme: c’est une abomination.
“‘Akka namni dubartii wajjin ciisu ati dhiira wajjin hin ciisin; wanni kun hojii jibbisiisaa dha.
23 Tu ne coucheras point avec une bête pour te rendre impur avec elle; et une femme ne se tiendra pas devant une bête, pour se prostituer à elle: c’est une confusion.
“‘Horii kam iyyuu wajjin wal bira geessee of hin xureessin; dubartiin horii wajjin wal bira gaʼuuf ofii ishee itti hin kennin; kun waan karaa irraa goree dha.
24 Vous ne vous rendrez point impurs par aucune de ces choses, car c’est par toutes ces choses que les nations que je chasse devant vous se sont rendues impures;
“‘Sababii namoonni ani ariʼee isin duraa baasuuf jiru kunneen haala kanaan xuraaʼaniif isin karaa kanneen keessaa kamiin iyyuu of hin xureessinaa.
25 et le pays s’est rendu impur; et je punis sur lui son iniquité, et le pays vomit ses habitants.
Lafti iyyuu xuroofteerti; kanaafuu ani sababii cubbuu isheetiifan ishee adabe; laftis jiraattota ishee ni tufti.
26 Mais vous, vous garderez mes statuts et mes ordonnances, et vous ne ferez aucune de toutes ces abominations, ni l’Israélite de naissance, ni l’étranger qui séjourne au milieu de vous;
Isin garuu ajaja koo fi seera koo eegaa. Dhalataan biyyaatii fi alagoonni isin gidduu jiraatanis waan jibbisiisaa kana keessaa kam iyyuu hin hojjetin.
27 car les hommes du pays, qui y ont été avant vous, ont pratiqué toutes ces abominations, et le pays en a été rendu impur;
Namoonni isiniin dura biyya sana keessa jiraatanis waan kana hunda hojjetanii akkasiin biyyattiin xuroofte.
28 afin que le pays ne vous vomisse pas, quand vous l’aurez rendu impur, comme il a vomi la nation qui y a été avant vous.
Isinis lafa kana yoo xureessitan, lafti akkuma saboota isin dura turan tufte sana isiniin illee ni tufti.
29 Car quiconque fera l’une de toutes ces abominations, … les âmes qui les pratiqueront, seront retranchées du milieu de leur peuple.
“‘Namni wantoota jibbisiisoo kanneen keessaa tokko illee hojjetu kam iyyuu saba isaa keessaa haa balleeffamu.
30 Et vous garderez ce que j’ai ordonné de garder, en sorte que vous ne pratiquiez pas les coutumes abominables qui se sont pratiquées avant vous; et vous ne vous rendrez point impurs par elles. Moi, je suis l’Éternel, votre Dieu.
Ajaja koo eegaa; barteewwan jibbisiisoo isin dura hojjetamaa turan sana keessaa tokko illee duukaa buutanii ittiin of hin xureessinaa; ani Waaqayyo Waaqa keessan.’”

< Lévitique 18 >