< Exode 6 >

1 Et l’Éternel dit à Moïse: Tu verras maintenant ce que je ferai au Pharaon, car [contraint] par main forte, il les laissera aller, et [contraint] par main forte, il les chassera de son pays.
Waaqayyos Museedhaan, “Amma waan ani Faraʼoon irratti hojjedhu ati ni argita: sababii irree koo jabaa sanaatiif mootichi gad isaan dhiisa; sababii irree koo jabaa sanaatiifis mootichi biyya isaa keessaa isaan ariʼa” jedhe.
2 Et Dieu parla à Moïse, et lui dit: Je suis l’Éternel (Jéhovah).
Waaqni ammas Museedhaan akkana jedhe; “Ani Waaqayyo.
3 Je suis apparu à Abraham, à Isaac, et à Jacob, comme le Dieu Tout-puissant; mais je n’ai pas été connu d’eux par mon nom d’Éternel (Jéhovah).
Ani akka Waaqa Waan Hunda Dandaʼuuttan Abrahaamitti, Yisihaaqittii fi Yaaqoobitti mulʼadhe; garuu maqaa koo Waaqayyoon isaanitti of hin beeksifne.
4 Et j’ai aussi établi mon alliance avec eux, pour leur donner le pays de Canaan, le pays de leur séjournement, dans lequel ils ont séjourné.
Akkasumas ani biyya Kanaʼaan lafa isaan akka alagaatti keessa jiraattan sana isaanii kennuuf jedhee isaan wajjin kakuu galeera.
5 Et j’ai aussi entendu le gémissement des fils d’Israël, que les Égyptiens font servir, et je me suis souvenu de mon alliance.
Kana irrattis, ani aaduu saba Israaʼel kanneen warra Gibxiin garboomfaman sanaa dhagaʼee kakuu koo yaadadheera.
6 C’est pourquoi dis aux fils d’Israël: Je suis l’Éternel, et je vous ferai sortir de dessous les fardeaux des Égyptiens, et je vous délivrerai de leur servitude; et je vous rachèterai à bras étendu, et par de grands jugements;
“Kanaafuu saba Israaʼeliin akkana jedhi: ‘Ani Waaqayyo; waanjoo warra Gibxi jalaa isin nan baasa; ani garbummaa isaanii jalaa isin nan baasa; irree diriiraa fi murtii jabaadhaanis isin nan fura.
7 et je vous prendrai pour être mon peuple, et je vous serai Dieu; et vous saurez que je suis l’Éternel, votre Dieu, qui vous fais sortir de dessous les fardeaux des Égyptiens.
Ani akka saba ofii kootti isin fudhadha; Waaqa keessan nan taʼa. Yeroo sana isin akka ani Waaqayyo Waaqa keessan kan waanjoo warra Gibxi jalaa isin baase taʼe ni beektu.
8 Et je vous ferai entrer dans le pays au sujet duquel j’ai levé ma main, pour le donner à Abraham, à Isaac, et à Jacob, et je vous le donnerai en possession. Je suis l’Éternel.
Ani biyya isan Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kennuuf harka koo ol qabadhee kakadhe sanatti isin nan galcha. Dhaala godhees isiniif kenna. Ani Waaqayyo.’”
9 Et Moïse parla ainsi aux fils d’Israël; mais ils n’écoutèrent pas Moïse, à cause de leur angoisse d’esprit, et à cause de leur dure servitude.
Museenis waan kana saba Israaʼelitti hime; isaan garuu waan abdii kutatanii fi garbummaa hamaa keessa turaniif isa hin dhageenye.
10 Et l’Éternel parla à Moïse, disant:
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
11 Entre, et parle au Pharaon, roi d’Égypte, pour qu’il laisse sortir les fils d’Israël de son pays.
“Dhaqiitii akka inni biyya isaa keessaa Israaʼeloota gad lakkisuuf Faraʼoon mooticha Gibxitti himi.”
12 Et Moïse parla devant l’Éternel, en disant: Voici, les fils d’Israël ne m’ont point écouté; et comment le Pharaon m’écoutera-t-il, moi qui suis incirconcis de lèvres?
Museen garuu Waaqayyoon, “Kunoo Israaʼeloonni na hin dhageenye; yoos Faraʼoon akkamitti na dhagaʼa ree? Afaan koo qajeelchee hin dubbatatuutii” jedhe.
13 Et l’Éternel parla à Moïse et à Aaron, et leur donna des ordres pour les fils d’Israël, et pour le Pharaon, roi d’Égypte, pour faire sortir les fils d’Israël du pays d’Égypte.
Waaqayyo garuu waaʼee Israaʼelootaatii fi waaʼee Faraʼoon mooticha Gibxi Musee fi Aroonitti dubbatee akka isaan saba Israaʼel Gibxii baasan isaan ajaje.
14 Ce sont ici les chefs de leurs maisons de pères: les fils de Ruben, premier-né d’Israël: Hénoc et Pallu, Hetsron et Carmi; ce sont là les familles de Ruben.
Hangafoonni balbalawwan isaanii kanneenii dha: Ilmaan Ruubeen ilma Israaʼel hangaftichaa: Henook, Faluus, Hezroonii fi Karmii. Warri kunneen gosoota Ruubeen.
15 – Et les fils de Siméon: Jemuel, et Jamin, et Ohad, et Jakin, et Tsokhar, et Saül, fils d’une Cananéenne; ce sont là les familles de Siméon.
Ilmaan Simiʼoon: Yemuuʼeel, Yaamiin, Oohad, Yaakiin, Zoohar, Shaawul ilma dubartittii Kanaʼaan. Isaan kunneen maatiiwwan Simiʼoon.
16 Et ce sont ici les noms des fils de Lévi, selon leurs générations: Guershon, et Kehath, et Merari. Et les années de la vie de Lévi furent 137 ans.
Maqaan ilmaan Lewwiis akkuma dhaloota isaaniitti kanaa dha: Geershoon, Qohaatii fi Meraarii. Lewwiin waggaa 137 jiraate.
17 – Les fils de Guershon: Libni et Shimhi, selon leurs familles.
Ilmaan Geershoon akkuma maatii isaaniitti: Loobeenii fi Shimeʼii.
18 – Et les fils de Kehath: Amram, et Jitsehar, et Hébron, et Uziel. Et les années de la vie de Kehath furent 133 ans.
Ilmaan Qohaati: Amraam, Yizihaar, Kebroonii fi Uziiʼeel. Qohaati waggaa 133 jiraate.
19 – Et les fils de Merari: Makhli, et Mushi. Ce sont là les familles de Lévi, selon leurs générations.
Ilmaan Meraarii: Mahilii fi Muusii. Isaan kunneenis akkuma dhaloota isaaniitti maatiiwwan Lewwii ti.
20 Et Amram prit pour femme Jokébed, sa tante, et elle lui enfanta Aaron et Moïse. Et les années de la vie d’Amram furent 137 ans.
Amraam obboleettii abbaa isaa Yookebeedin fuudhe; isheenis Aroonii fi Musee deesseef. (Amraam waggaa 137 jiraate.)
21 – Et les fils de Jitsehar: Coré, et Népheg, et Zicri.
Ilmaan Yizihaar: Qooraahi, Naafegii fi Zikrii.
22 – Et les fils d’Uziel: Mishaël, et Eltsaphan, et Sithri.
Ilmaan Uziiʼeel: Miishaaʼeel, Elzaafaanii fi Sitrii.
23 – Et Aaron prit pour femme Élishéba, fille d’Amminadab, sœur de Nakhshon, et elle lui enfanta Nadab, et Abihu, Éléazar, et Ithamar.
Aroon intala Amiinaadaab obboleettii Nahishoon Eliishebaa fuudhe; isheenis Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaarin deesseef.
24 – Et les fils de Coré: Assir, et Elkana, et Abiasaph; ce sont là les familles des Corites.
Ilmaan Qooraahi: Asiir, Elqaanaa fi Abiiʼaasaaf. Isaan kunneenis maatiiwwan Qooraahii ti.
25 – Et Éléazar, fils d’Aaron, prit pour femme une des filles de Putiel, et elle lui enfanta Phinées. – Ce sont là les chefs des pères des Lévites, selon leurs familles.
Eleʼaazaar ilmi Aroon intallan Fuutʼeel keessaa tokko fuudhe; isheenis Fiinehaasin deesseef. Isaan kunneenis akkuma maatiiwwan isaaniitti hangafoota balbala Lewwii ti.
26 C’est là cet Aaron et ce Moïse auxquels l’Éternel dit: Faites sortir les fils d’Israël du pays d’Égypte, selon leurs armées.
Aroonii fi Museen warri Waaqayyo, “Isin akkuma kutaa kutaa isaaniitti Gibxi keessaa Israaʼeloota baasaa” jedheen sun isaanuma kana.
27 Ce sont eux qui parlèrent au Pharaon, roi d’Égypte, pour faire sortir d’Égypte les fils d’Israël: c’est ce Moïse, et cet Aaron.
Isaanis warra waaʼee Gibxi keessaa Israaʼeloota baasuu Faraʼoon mooticha Gibxitti dubbatan sanaa dha. Musee fi Aroon isaanuma kana.
28 Et il arriva, le jour où l’Éternel parla à Moïse dans le pays d’Égypte,
Waaqayyo yeroo Gibxi keessatti Museetti dubbate sana
29 que l’Éternel parla à Moïse, disant: Je suis l’Éternel; dis au Pharaon, roi d’Égypte, tout ce que je te dis.
akkana jedheen; “Ani Waaqayyoo dha. Waan ani sitti himu hunda Faraʼoon mooticha Gibxitti himi.”
30 Et Moïse dit devant l’Éternel: Voici, je suis incirconcis de lèvres; et comment le Pharaon m’écoutera-t-il?
Museen garuu Waaqayyoon, “Kunoo, ani waan afaan koo qajeelchee dubbachuu hin dandeenyeef Faraʼoon akkamiin na dhagaʼa?” jedhe.

< Exode 6 >