< Exode 12 >

1 Et l’Éternel parla à Moïse et à Aaron dans le pays d’Égypte, disant:
Waaqayyos biyya Gibxi keessatti Musee fi Arooniin akkana jedhe;
2 Ce mois-ci sera pour vous le commencement des mois; il sera pour vous le premier des mois de l’année.
“Jiʼi kun jiʼa jalqabaa isinii haa taʼu; innis waggaa keessaa jiʼa jalqabaa isinii haa taʼu.
3 Parlez à toute l’assemblée d’Israël, disant: Au dixième [jour] de ce mois, vous prendrez chacun un agneau par maison de père, un agneau par maison.
Jiʼa kana keessa bultii kurnaffaatti tokkoon tokkoon namaa xobbaallaa hoolaa tokko akkuma manneen abbootii isaaniitti tokkoo tokkoo manaatii fi xobbaallaa hoolaa tokko akka fudhatu guutummaa hawaasa Israaʼelitti himaa.
4 Et si la maison est trop peu nombreuse pour un agneau, que lui et son voisin le plus rapproché de sa maison, le prennent, selon le nombre des âmes; vous compterez pour l’agneau d’après ce que chacun peut manger.
Yoo warri mana tokko jiraatan muraasa taʼanii hoolaa tokko guutummaatti fixuu baatan, isaan akkuma baayʼina namoota achi jiraataniitti ollaa isaanitti aanu wajjin haa qoodatan. Isinis akkuma waan tokkoon tokkoon namaa nyaachuu dandaʼuutti xobbaallaa hoolaa hammam akka barbaachisu murteessuu qabdu.
5 Vous aurez un agneau sans défaut, mâle, âgé d’un an; vous le prendrez d’entre les moutons ou d’entre les chèvres;
Xobbaallaan keessan ilmoo hoolaa waggaa tokkoo kan mudaa hin qabne taʼuu qaba; xobbaallaa sanas hoolota keessaa yookaan reʼoota keessaa fudhachuu dandeessu.
6 et vous le tiendrez en garde jusqu’au quatorzième jour de ce mois; et toute la congrégation de l’assemblée d’Israël l’égorgera entre les deux soirs.
Xobbaallaa sanas hamma bultii kudha afuraffaa jiʼa kanaatti eegaa; yaaʼiin waldaa Israaʼel guutuunis galgala sana xobbaallaa sana haa qalatu.
7 Et ils prendront de son sang, et en mettront sur les deux poteaux et sur le linteau de la porte, aux maisons dans lesquelles ils le mangeront;
Ergasii immoo dhiiga sana irraa xinnoo fuudhanii michichila balbalaa lamaanii fi buusaa balbalaa isa ol aanu kan mana itti xobbaallaa sana nyaatanii haa diban.
8 et ils en mangeront la chair cette nuit-là; ils la mangeront rôtie au feu, avec des pains sans levain, et des herbes amères.
Isaanis halkanuma sana foon sana ibiddaan waaddatanii biqiltuu hadhooftuu fi maxinoon haa nyaatan.
9 Vous n’en mangerez pas qui soit à demi cuit ou qui ait été cuit dans l’eau, mais rôti au feu: la tête, et les jambes, et l’intérieur.
Ibiddaan waaddadhaatii nyaadhaa malee foon dheedhii yookaan kan bishaaniin affeelame hin nyaatinaa; mataa isaa, lukaa fi miʼa garaa wajjin waaddadhaatii nyaadhaa.
10 Et vous n’en laisserez rien de reste jusqu’au matin; et ce qui en resterait jusqu’au matin, vous le brûlerez au feu.
Hamma lafti bariitutti homaa hin hambisinaa; waan hamma ganamaatti irraa hafu garuu gubaa.
11 Et vous le mangerez ainsi: vos reins ceints, vos sandales à vos pieds, et votre bâton en votre main; et vous le mangerez à la hâte. C’est la pâque de l’Éternel.
Haalli isin itti nyaattanis kunoo ti; mudhii keessan hidhadhaa; kophee keessan miillatti kaaʼadhaa; ulee keessan illee harkatti qabadhaatii jarjarsuun nyaadhaa; inni Faasiikaa Waaqayyoo ti.
12 Et je passerai par le pays d’Égypte cette nuit-là, et je frapperai tout premier-né dans le pays d’Égypte, depuis l’homme jusqu’aux bêtes, et j’exercerai des jugements sur tous les dieux de l’Égypte. Je suis l’Éternel.
“Anis halkanuma sana Gibxi keessa nan darba; hangafa Gibxis namaa fi horii nan dhaʼa; waaqota Gibxi hundattis nan mura; ani Waaqayyo.
13 Et le sang vous sera pour signe sur les maisons où vous serez; et je verrai le sang, et je passerai par-dessus vous, et il n’y aura point de plaie à destruction au milieu de vous, quand je frapperai le pays d’Égypte.
Dhiigni sunis manneen isin keessa jiraattan irratti mallattoo isinii taʼa; ani yommuun dhiiga sana argutti isin irra nan darba. Yeroo ani biyya Gibxi dhaʼuttis dhaʼichi badiisaa tokko iyyuu isin hin tuqu.
14 Et ce jour-là vous sera en mémorial, et vous le célébrerez comme une fête à l’Éternel; vous le célébrerez en vos générations comme un statut perpétuel.
“Guyyaan kun guyyaa yaadannoo isiniif haa taʼu; akka ayyaanaatti Waaqayyoof ni ayyaaneffattu; dhaloota keessan hunda keessattis sirna bara baraa godhattanii ni eegdu.
15 Pendant sept jours vous mangerez des pains sans levain: dès le premier jour, vous ôterez le levain de vos maisons; car quiconque mangera du pain levé, du premier jour au septième jour, cette âme-là sera retranchée d’Israël.
Isin bultii torba maxinoo nyaachuu qabdu; guyyaa jalqabaatti mana keessanii raacitii baasaa gataa; namni kam iyyuu guyyaa jalqabaatii kaasee hamma guyyaa torbaffaatti yoo buddeena bukaaʼe nyaate saba Israaʼel keessaa haa balleeffamu.
16 Et le premier jour vous aurez une sainte convocation, et le septième jour une sainte convocation; il ne se fera aucune œuvre en ces jours-là; seulement ce que chacun mangera, cela seul se fera par vous.
Guyyaa jalqabaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; wal gaʼii qulqulluu biraa immoo guyyaa torbaffaatti qabaadhaa. Waan namni hundi nyaatu qopheessuu malee guyyoota kanneen hojii tokko iyyuu hin hojjetinaa; wanni isin hojjechuu dandeessan kanuma.
17 Et vous garderez la fête des pains sans levain, car en ce même jour j’ai fait sortir vos armées du pays d’Égypte; et vous garderez ce jour-là en vos générations, comme un statut perpétuel.
“Sababii guyyaan ani itti raayyaa keessan Gibxi keessaa baase guyyuma kana taʼeef Ayyaana Maxinoo kana ayyaaneffadhaa; guyyaa kanas sirna bara baraa godhadhaatii dhaloota keessan hunda keessatti ayyaaneffadhaa.
18 Le premier mois, le quatorzième jour du mois, au soir, vous mangerez des pains sans levain, jusqu’au vingt et unième jour du mois, au soir.
Isin jiʼa jalqabaa keessa galgala bultii kudha afuraffaadhaa hamma galgala guyyaa digdamii tokkoffaatti maxinoo nyaattu.
19 Pendant sept jours il ne se trouvera point de levain dans vos maisons; car quiconque mangera de ce qui est levé, cette âme-là sera retranchée de l’assemblée d’Israël, étranger ou Israélite de naissance.
Bultii torbaaf raacitiin tokko illee mana keessanitti hin argamin; alagaas taʼu dhalataan biyyaa, namni waan raacitii qabu nyaatu kam iyyuu waldaa Israaʼel keessaa haa balleeffamu.
20 Vous ne mangerez rien de levé; dans toutes vos habitations vous mangerez des pains sans levain.
Waan raacitii qabu tokko illee hin nyaatinaa; lafa jiraattan hundatti Maxinoo nyaadhaa.”
21 Et Moïse appela tous les anciens d’Israël, et leur dit: Tirez à part et prenez du menu bétail selon vos familles, et égorgez la pâque.
Museen maanguddoota Israaʼel hunda ofitti waamee akkana jedheen; “Dhaqaatii maatii keessaniif xobbaallaa filadhaatii Faasiikaa qalaa.
22 Et vous prendrez un bouquet d’hysope, et vous le tremperez dans le sang qui sera dans le bassin; et du sang qui sera dans le bassin, vous aspergerez le linteau et les deux poteaux; et nul d’entre vous ne sortira de la porte de sa maison, jusqu’au matin.
Hiisophii qabaa tokkoo fuudhaa; dhiiga waciitii keessa jiru sana keessa cuuphaatii michichila balbalaa lamaanii fi buusaa balbalaa isa ol aanu dibaa. Isin keessaa namni tokko iyyuu hamma lafti bariitutti balbala mana ofii isaatii gad hin baʼin.
23 Car l’Éternel passera pour frapper les Égyptiens; et il verra le sang sur le linteau et sur les deux poteaux, et l’Éternel passera par-dessus la porte, et ne permettra pas au destructeur d’entrer dans vos maisons pour frapper.
Waaqayyo yeroo warra Gibxi dhaʼuuf biyyattii keessa darbutti michichila balbalaa lamaan irrattii fi buusaa balbalaa isa ol aanu irratti dhiiga sana argee balbala sana bira darba; akka inni waa balleessu sun mana keessan seenee isin ajjeesus hin eeyyamuuf.
24 Et vous garderez cela comme un statut pour toi et pour tes enfants, à toujours.
“Isinis qajeelfama kana akka seera bara baraa kan isinii fi sanyii keessaniif kennameetti kabajaa.
25 Et lorsque vous serez entrés dans le pays que l’Éternel vous donnera, comme il l’a dit, il arrivera que vous garderez ce service.
Isinis yeroo biyya Waaqayyo akkuma waadaa gale sanatti isinii kennu seentanitti sirna kana eegaa.
26 Et quand vos enfants vous diront: Que signifie pour vous ce service?
Yommuu ijoolleen keessan, ‘Sirni kun isiniif hiikkaa maalii qaba?’ jedhanii isin gaafatanitti,
27 il arrivera que vous direz: C’est le sacrifice de la pâque à l’Éternel, qui passa par-dessus les maisons des fils d’Israël en Égypte, lorsqu’il frappa les Égyptiens et qu’il préserva nos maisons. Et le peuple s’inclina, et ils se prosternèrent.
akkana jedhaa isaanitti himaa; ‘Kun qalma Faasiikaa Waaqayyoo ti; inni yeroo warra Gibxi dhaʼetti manneen Israaʼeloota Gibxi keessa turan sanaa irra darbee manneen keenya nuuf oolcheeraatii.’” Kana irratti namoonni gad jedhanii waaqeffatan.
28 Et les fils d’Israël s’en allèrent, et firent comme l’Éternel l’avait commandé à Moïse et à Aaron; ils firent ainsi.
Israaʼeloonnis akkuma Waaqayyo Musee fi Aroonin ajaje sana godhan.
29 Et il arriva, au milieu de la nuit, que l’Éternel frappa tout premier-né dans le pays d’Égypte, depuis le premier-né du Pharaon qui était assis sur son trône, jusqu’au premier-né du captif qui était dans la maison de la fosse, et tout premier-né des bêtes.
Halkan walakkaatti Waaqayyo ilma Faraʼoon namicha teessoo irra taaʼu hangafaa jalqabee hamma ilma namicha boolla mana hidhaa keessa jiru hangafaatti hangafoota Gibxi hunda dhaʼe; hangafoota horiis akkasuma dhaʼe.
30 Et le Pharaon se leva de nuit, lui et tous ses serviteurs, et toute l’Égypte; et il y eut un grand cri en Égypte, car il n’y avait pas de maison où il n’y eût un mort.
Faraʼoonii fi qondaaltonni isaa hundi, warri Gibxi hundis halkaniin kaʼan; sababii manni namni keessaa hin duʼin tokko iyyuu hin turiniif booʼicha guddaatu Gibxi keessa ture.
31 Et il appela Moïse et Aaron de nuit, et dit: Levez-vous, sortez du milieu de mon peuple, tant vous que les fils d’Israël, et allez-vous-en, servez l’Éternel, comme vous l’avez dit;
Faraʼoonis halkan sanaan Musee fi Aroonin ofitti waamee akkana jedhe; “Kaʼaa! Isinii fi Israaʼeloonni saba koo keessaa baʼaa! Akkuma gaafattan sana dhaqaatii Waaqayyoon waaqeffadhaa.
32 prenez votre menu bétail et votre gros bétail, comme vous l’avez dit, et allez-vous-en, et bénissez-moi aussi.
Akkuma jettan sana bushaayee fi loon keessan fudhadhaatii deemaa; anas eebbisaa.”
33 Et les Égyptiens pressaient le peuple, pour le renvoyer du pays en hâte; car ils disaient: Nous sommes tous morts.
Warri Gibxis akka sabni sun dafee biyya sanaa baʼu jarjarsan; isaanis, “Yoo kanaa achii nu hundi ni dhumnaa” jedhan.
34 Et le peuple prit sa pâte avant qu’elle soit levée, ayant leurs huches liées dans leurs vêtements sur leurs épaules.
Kanaafuu sabni sun bukoo isaanii utuu hin bukaaʼin fudhatanii, qodaa bukoo isaaniis wayyaa isaaniitiin maranii gatiittiitti baadhatan.
35 Et les fils d’Israël firent selon la parole de Moïse, et demandèrent aux Égyptiens des objets d’argent, et des objets d’or, et des vêtements.
Israaʼeloonnis akkuma Museen isaanitti hime sana godhan; isaanis miʼa meetiitii fi warqee, wayyaas warra Gibxi gaafatan.
36 Et l’Éternel fit que le peuple trouva faveur aux yeux des Égyptiens, qui accordèrent leurs demandes; et ils dépouillèrent les Égyptiens.
Sababii Waaqayyo fuula warra Gibxi duratti Israaʼelootaaf surraa kenneef, warri Gibxi waan isaan gaafatan hunda kennaniif; isaanis akkasiin qabeenya warra Gibxi boojiʼanii baʼan.
37 Et les fils d’Israël partirent de Ramsès pour Succoth, environ 600 000 hommes de pied, les hommes faits, sans les petits enfants;
Israaʼeloonnis Raamseedhaa kaʼanii Sukootitti qajeelan. Isaanis nadheenii fi ijoollee malee namoota lafoo gara kuma dhibba jaʼa turan.
38 et aussi un grand amas de gens monta avec eux, et du menu et du gros bétail, des troupeaux en très grand nombre.
Uummanni walitti makame hedduun, akkasumas horiin jechuunis bushaayee fi loon baayʼeen isaan wajjin baʼan.
39 Et ils cuisirent en gâteaux sans levain la pâte qu’ils avaient emportée d’Égypte; car elle n’avait pas levé, parce qu’ils avaient été chassés d’Égypte et n’avaient pu tarder; ils ne s’étaient pas fait non plus de provisions.
Isaanis bukoo Gibxi fudhatanii dhufan sana irraa Maxinoo tolfatan. Sababii isaan jarjarsuudhaan Gibxi keessaa baafamanii yeroo itti nyaata qopheeffatan illee dhabaniif bukoon sun raacitii hin qabu ture.
40 Et l’habitation des fils d’Israël qui avaient habité en Égypte, fut de 430 ans.
Barri Israaʼeloonni Gibxi keessa jiraatan waggaa 430 ture.
41 Et il arriva, au bout de 430 ans, il arriva, en ce même jour, que toutes les armées de l’Éternel sortirent du pays d’Égypte.
Dhuma waggaa 430 sanaatti guyyuma sana raayyaan Waaqayyoo hundi biyya Gibxiitii baʼe.
42 C’est une nuit à garder pour l’Éternel, parce qu’il les a fait sortir du pays d’Égypte; – cette nuit-là est à garder pour l’Éternel par tous les fils d’Israël, en leurs générations.
Waaqayyo Gibxi keessaa isaan baasuudhaaf dammaqee halkan sana waan isaan eegeef, halkan kun Israaʼeloota hundumaaf halkan itti Waaqayyoof ulfina kennuudhaaf dammaqanii eeganii dha.
43 Et l’Éternel dit à Moïse et à Aaron: C’est ici le statut de la Pâque: Aucun étranger n’en mangera;
Waaqayyos Musee fi Arooniin akkana jedhe; “Seerri Faasiikaa kanaa dha: “Ormi tokko iyyuu isa irraa hin nyaatin.
44 mais tout esclave, homme acheté à prix d’argent, tu le circonciras; alors il en mangera.
Garbichi bitame kam iyyuu erga dhagna qabdanii booddee haa nyaatu;
45 L’habitant et l’homme à gages n’en mangeront point.
keessummaan yookaan namni hojjetaan qacarame garuu hin nyaatin.
46 Elle sera mangée dans une même maison; tu n’emporteras point de sa chair hors de la maison, et vous n’en casserez pas un os.
“Hoolaan sun manuma tokko keessatti haa nyaatamu; foon isaa tokko iyyuu manaa gad hin baasinaa. Lafee isaa keessaas tokko iyyuu hin cabsinaa.
47 Toute l’assemblée d’Israël la fera.
Waldaan Israaʼel hundis ayyaana kana haa ayyaaneffatu.
48 Et si un étranger séjourne chez toi, et veut faire la Pâque à l’Éternel, que tout mâle qui est à lui soit circoncis; et alors il s’approchera pour la faire, et sera comme l’Israélite de naissance; mais aucun incirconcis n’en mangera.
“Ormi isin wajjin jiraatu yoo Faasiikaa Waaqayyoo ayyaanessuu barbaade inni dhiirota mana isaa jiraatan hunda dhagna haa qabu; ergasiis akkuma dhalataa biyyaatti ayyaanicha haa ayyaanessu. Dhiirri dhagna hin qabatin tokko iyyuu garuu hoolaa sana hin nyaatin.
49 Il y aura une même loi pour l’Israélite de naissance et pour l’étranger qui séjourne parmi vous.
Dhalataa biyyaatiifis taʼu orma isin gidduu jiraatuuf seerri tokkuma.”
50 Et tous les fils d’Israël firent comme l’Éternel avait commandé à Moïse et à Aaron; ils firent ainsi.
Israaʼeloonni hundis akkuma Waaqayyo Musee fi Aroonin ajaje sana godhan.
51 Et il arriva, en ce même jour, que l’Éternel fit sortir les fils d’Israël du pays d’Égypte, selon leurs armées.
Waaqayyos gaafuma sana kutaa kutaa isaaniitiin Israaʼeloota biyya Gibxi keessaa baase.

< Exode 12 >