< 1 Samuel 31 >

1 Et les Philistins combattirent contre Israël, et les hommes d’Israël s’enfuirent devant les Philistins, et tombèrent tués sur la montagne de Guilboa.
Filisxeemonni yeroo kanatti Israaʼelitti waraana kaasan; Israaʼeloonnis isaan duraa baqatan; hedduun isaaniis Tulluu Gilboʼaa irratti dhuman.
2 Et les Philistins pressèrent fortement Saül et ses fils; et les Philistins frappèrent Jonathan, et Abinadab, et Malki-Shua, fils de Saül.
Filisxeemonni ittuma jabeessanii Saaʼolii fi ilmaan isaa ariʼan; isaanis ilmaan isaa jechuunis Yoonaataan, Abiinaadaabii fi Malkii-Shuwaa ajjeesan.
3 Et la bataille se renforça contre Saül, et les archers l’atteignirent; et il eut une très grande peur des archers.
Lollis naannoo Saaʼolitti baayʼee cime; warri xiyyaan lolanis isa qaqqabanii akka malee isa madeessan.
4 Et Saül dit à celui qui portait ses armes: Tire ton épée et perce-m’en, de peur que ces incirconcis ne viennent et ne me percent, et ne m’outragent. Et celui qui portait ses armes ne voulut pas [le faire], car il avait très peur. Et Saül prit son épée et se jeta dessus.
Saaʼolis namicha miʼa lolaa isaa baatuun, “Goraadee kee luqqifadhuutii na waraani; yoo kanaa achii namoonni dhagna hin qabamin kunneen dhufanii na waraananii natti taphatuu” jedhe. Namichi miʼa lolaa baatuuf sun garuu waan akka malee sodaateef isa hin waraanne; kanaafuu Saaʼol goraadee ofii isaa luqqifatee irratti kufe.
5 Et quand celui qui portait ses armes vit que Saül était mort, il se jeta, lui aussi, sur son épée, et mourut avec lui.
Namichi miʼa lolaa baatu sun yommuu akka Saaʼol duʼe argetti innis goraadee ofii isaa irratti kufee Saaʼol wajjin duʼe.
6 Et en ce jour moururent ensemble Saül et ses trois fils, et celui qui portait ses armes, et tous ses hommes.
Kanaafuu Saaʼolii fi ilmaan isaa sadan, namichi miʼa lolaa baatuu fi namoonni isaa hundinuu gaafasuma walumaan dhuman.
7 Et les hommes d’Israël qui étaient de ce côté de la vallée, et ceux qui étaient de ce côté du Jourdain, virent que les hommes d’Israël s’enfuyaient, et que Saül et ses fils étaient morts, et ils abandonnèrent les villes, et s’enfuirent; et les Philistins vinrent et y habitèrent.
Israaʼeloonni qarqara sululaatii fi gama Yordaanos jiran yommuu akka loltoonni Israaʼel baqatanii fi akka Saaʼolii fi ilmaan isaas dhuman arganitti magaalaawwan isaanii dhiisanii baqatan. Filisxeemonni immoo dhufanii keessa qubatan.
8 Et il arriva que, le lendemain, les Philistins vinrent pour dépouiller les tués; et ils trouvèrent Saül et ses trois fils tombés sur la montagne de Guilboa.
Filisxeemonnis guyyaa itti aanutti yommuu warra dhuman irraa hidhannaa hiikkachuu dhufanitti, akka Saaʼolii fi ilmaan isaa sadan Tulluu Gilboʼaa irratti kukkufanii jiran argan.
9 Et ils lui coupèrent la tête, et le dépouillèrent de ses armes, et les envoyèrent partout dans le pays des Philistins pour annoncer la bonne nouvelle dans les maisons de leurs idoles et au peuple.
Isaanis mataa Saaʼol irraa kutanii, miʼa lolaa isa irraa fudhatanii akka isaan mana waaqota tolfamoo isaanii keessattii fi saba isaaniitiif oduu kana labsaniif guutummaa biyya Filisxeemotaa keessa ergamoota ergan.
10 Et ils placèrent ses armes dans la maison d’Ashtaroth, et clouèrent son corps à la muraille de Beth-Shan.
Isaanis miʼa lolaa isaa mana Ashtooreti waaqicha tolfamaa keessa kaaʼan; reeffa isaa immoo dallaa Beet Shaanitti hodhan.
11 Et les habitants de Jabès de Galaad entendirent parler de ce que les Philistins avaient fait à Saül;
Namoonni Yaabeesh Giliʼaad yommuu waan Filisxeemonni Saaʼolin godhan dhagaʼanitti,
12 et tous les hommes vaillants se levèrent et marchèrent toute la nuit, et prirent de la muraille de Beth-Shan le corps de Saül et les corps de ses fils, et vinrent à Jabès, et les brûlèrent là.
namoonni jajjaboon isaanii hundi halkaniin kaʼanii dhaqanii reeffa Saaʼolii fi reeffa ilmaan isaa dallaa Beet Shaan irraa buusanii gara Yaabeeshitti fidanii achitti guban.
13 Et ils prirent leurs os, et les enterrèrent sous le tamaris de Jabès, et jeûnèrent sept jours.
Ergasii lafee isaanii fuudhanii Yaabeeshitti muka tamirii jalatti awwaalan; bultii torbas ni sooman.

< 1 Samuel 31 >