< Nombres 15 >

1 Yahweh parla à Moïse, en disant:
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
2 « Parle aux enfants d’Israël et dis-leur: Quand vous serez entrés dans le pays où vous demeurerez et que je vous donne,
“Saba Israaʼelitti akkana jedhii dubbadhu: ‘Yommuu biyya ani akka isin keessa jiraattaniif isiniif kennu sana seentanii
3 et quand vous offrirez à Yahweh un sacrifice fait par le feu, soit un holocauste, soit un sacrifice, pour l’accomplissement d’un vœu ou comme offrande volontaire, ou bien dans vos fêtes, afin de produire avec vos bœufs ou vos brebis une agréable odeur à Yahweh,
aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu, loon keessaa yookaan bushaayee keessaa fuutanii aarsaa gubamu yookaan qalma wareega addaatiif yookaan aarsaa fedhii keessanii yookaan aarsaa ayyaana waggaa Waaqayyoof dhiʼeessitu,
4 celui qui fera son offrande à Yahweh offrira en oblation un dixième de fleur de farine pétrie avec un quart de hin d’huile;
namni aarsaa dhiʼeessu sun daakuu bullaaʼaa iifii harka kudhan keessaa harka tokko kan zayitii iinii harka afur keessa harka tokkootiin sukkuumame kennaa midhaanii godhee Waaqayyoof haa dhiʼeessu.
5 tu feras une libation d’un quart de hin de vin, avec l’holocauste ou le sacrifice pacifique, pour chaque agneau.
Tokkoo tokkoo xobbaallaa hoolaa kan aarsaa gubamuuf yookaan qalmaaf dhiʼeeffamu wajjinis daadhii wayinii iinii harka afur keessaa harka tokko dhibaayyuudhaaf qopheessi.
6 Pour un bélier, tu feras une oblation de deux dixièmes de fleur de farine pétrie avec un tiers de hin d’huile,
“‘Korbeessa hoolaa tokko wajjinis daakuu bullaaʼaa iifii harka kudhan keessaa harka lama kan zayitii iinii harka sadii keessaa harka tokkoon sukkumameen kennaa midhaanii qopheessi.
7 et pour la libation tu offriras un tiers de hin de vin, en offrande d’agréable odeur à Yahweh.
Daadhii wayinii iinii harka sadii keessaa harka tokko dhibaayyuu urgaan isaa Waaqayyotti tolu godhii dhiʼeessi.
8 Si tu offres un taureau, soit comme holocauste, soit comme sacrifice, pour l’acquittement d’un vœu ou comme sacrifice pacifique à Yahweh,
“‘Ati yommuu dibicha loonii tokko aarsaa gubamu yookaan qalma wareega addaatiif yookaan aarsaa nagaatiif Waaqayyoof qopheessitutti,
9 on offrira, avec le taureau, comme oblation, trois dixièmes de fleur de farine pétrie avec un demi-hin d’huile,
dibicha sana wajjin kennaa midhaanii fidi; kennaan sunis daakuu bullaaʼaa iifii harka kudhan keessaa harka sadii kan zayitii walakkaa iiniitiin sukkuumame haa taʼu.
10 et tu offriras un demi-hin de vin pour la libation: c’est un sacrifice fait par le feu, d’une agréable odeur à Yahweh.
Akkasumas daadhii wayinii iinii walakkaa dhibaayyuu godhii fidi. Wanni kunis aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu taʼa.
11 On fera ainsi pour chaque bœuf, pour chaque bélier, pour chaque agneau ou chevreau.
Tokkoon tokkoon dibicha loonii yookaan korbeessa hoolaa, tokkoon tokkoon xobbaallaa hoolaa yookaan korbeessa reʼee xinnaa haaluma kanaan haa qopheeffaman.
12 Suivant le nombre de victimes que vous offrirez, vous ferez ainsi pour chacune, selon leur nombre.
Akkuma baayʼina waan qopheessitan sanaatti akkuma lakkoobsa isaaniitti, tokkoo tokkoo isaaniitiif akkanuma godhaa.
13 Tout indigène fera ces choses de cette manière, lorsqu’il offrira un sacrifice par le feu, d’une agréable odeur à Yahweh.
“‘Namni dhalataa biyya sanaa taʼe hundinuu yeroo aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu fidutti wantoota kanneen haaluma kanaan haa hojjetu.
14 Si un étranger séjournant chez vous, un homme quelconque vivant parmi vous, de génération en génération, offre un sacrifice par le feu, d’une agréable odeur à Yahweh, il fera comme vous ferez.
Dhaloota dhufu keessattis alagaan yookaan namni gidduu keessan jiraatu yeroo aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu dhiʼeessutti akkuma isin gootan kana haa godhu.
15 Il y aura une seule loi pour l’assemblée, pour vous comme pour l’étranger de séjour au milieu de vous; ce sera une loi perpétuelle pour vos descendants: il en sera de l’étranger comme de vous devant Yahweh.
Yaaʼiin sun isinii fi alagaa isin gidduu jiraatuuf illee seeruma tokko haa qabaatu; kunis dhaloota dhufuuf seera bara baraa ti. Atii fi alagaan sun fuula Waaqayyoo duratti wal qixxee dha.
16 Il y aura une seule loi et une seule règle pour vous et pour l’étranger qui séjourne parmi vous. »
Isiniifis alagaa isin gidduu jiraatuufis seerrii fi dambiin tokkuma haa taʼu.’”
17 Yahweh parla à Moïse, en disant:
Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe;
18 « Parle aux enfants d’Israël et dis-leur: Quand vous serez arrivés dans le pays où je vous fais entrer,
“Akkana jedhii Israaʼelootatti dubbadhu: ‘Isin yeroo biyya ani itti isin galchu sana seentanii
19 et que vous mangerez du pain de ce pays, vous prélèverez une offrande pour Yahweh.
midhaan ishee nyaattanitti, nyaata sana irraa Waaqayyoof kennaa dhiʼeessaa.
20 Comme prémices de votre pâte, vous prélèverez en offrande un gâteau; vous le prélèverez comme l’offrande qu’on prélève de l’aire.
Bukoo keessan kan jalqabaa irraa maxinoo tokko kennaa dhiʼeessaa; isas akka aarsaa oobdii irraa fuudhameetti dhiʼeessaa.
21 Comme prémices de votre pâte, vous prélèverez une offrande pour Yahweh, vous et vos descendants. »
Dhaloota dhufu hundumaa keessatti bukoo keessan kan jalqabaa irraa Waaqayyoof kennaa kennuu qabdu.
22 « Si vous péchez par erreur en n’observant pas tous ces commandements que Yahweh a fait connaître à Moïse,
“‘Yoo isin utuu hin beekin ajajawwan Waaqayyo Museetti kenne kanneen keessaa tokko illee
23 tout ce que Yahweh vous a ordonné par Moïse, depuis le jour où Yahweh a donné des commandements, et à la suite pour vos générations,
jechuunis yoo isin ajaja Waaqayyoo kan gaafa Waaqayyo ajaja kana kennee jalqabee dhaloota dhufu keessa illee ittuma fufuudhaan karaa Museetiin isin ajaje kam iyyuu cabsitan,
24 si, dis-je, on a péché par erreur, sans que l’assemblée s’en soit aperçue, — toute l’assemblée offrira un jeune taureau en holocauste d’une agréable odeur à Yahweh, avec son oblation et sa libation, selon le rite prescrit, ainsi qu’un bouc en sacrifice pour le péché.
yoo wanti kun dogoggoraan utuu waldaan hin beekin hojjetamee jiraate waldaan sun hundi dibicha loonii aarsaa gubamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu, kennaa midhaaniitii fi dhibaayyuu ajajame wajjin, aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee haa dhiʼeessan.
25 Le prêtre fera l’expiation pour toute l’assemblée des enfants d’Israël, et il leur sera pardonné, car c’est un péché commis par erreur, et ils ont présenté leur offrande, un sacrifice fait par le feu à Yahweh, et leur sacrifice pour le péché devant Yahweh, à cause du péché qu’ils ont commis par erreur.
Lubnis waldaa saba Israaʼel hundaaf araara haa buusu; isaanis waan utuu hin beekin cubbuu hojjetaniif, balleessaa isaaniitiifis waan aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamuu fi aarsaa cubbuu Waaqayyoof fidaniif dhiifama ni argatu.
26 Il sera pardonné à toute l’assemblée des enfants d’Israël et à l’étranger qui séjourne au milieu d’eux, car c’est par erreur que tout le peuple a péché.
Sababii sabni hundi balleessaa dogoggoraan hojjetame sana keessatti hirmaateefis waldaan saba Israaʼel hundii fi alagaawwan isaan gidduu jiraatan dhiifama ni argatu.
27 Si c’est une seule personne qui a péché par erreur, elle offrira une chèvre d’un an en sacrifice pour le péché.
“‘Garuu yoo namni tokko qofti utuu hin beekin cubbuu hojjete inni goromtii reʼee kan umuriin ishee waggaa tokkoo aarsaa cubbuutiif haa fidu.
28 Le prêtre fera l’expiation devant Yahweh pour la personne qui a erré en commettant un péché par erreur; l’expiation pour elle étant faite, il lui sera pardonné.
Lubni sunis namicha utuu itti hin yaadin cubbuu hojjete sanaaf fuula Waaqayyoo duratti araara haa buusu; erga araarri isaaf buʼee booddee immoo namichi sun dhiifama ni argata.
29 Pour l’indigène d’entre les enfants d’Israël et pour l’étranger qui séjourne au milieu d’eux, vous aurez une même loi, si quelqu’un agit mal par erreur.
Dhalataa Israaʼeliifis taʼu yookaan alagaa isin gidduu jiraatuuf, nama utuu itti hin yaadin cubbuu hojjete hundaaf seerri tokkuma haa taʼu.
30 Mais si quelqu’un, indigène ou étranger, agit la main levée, il outrage Yahweh; cet homme sera retranché du milieu de son peuple.
“‘Garuu dhalataa biyyaas taʼu yookaan alagaan, namni beekaa cubbuu hojjetu Waaqayyoon arrabsuu isaa ti; namichi sun saba isaa keessaa haa balleeffamu.
31 Car il a méprisé la parole de Yahweh et violé son commandement: cet homme sera retranché, son iniquité sera sur lui. »
Namichi sun sababii dubbii Waaqayyoo tuffatee fi sababii ajaja isaa cabseef inni haa balleeffamu; balleessaa isaattis isatu gaafatama.’”
32 Pendant que les enfants d’Israël étaient dans le désert, ils trouvèrent un homme qui ramassait du bois le jour du sabbat.
Yeroo sabni Israaʼel gammoojjii keessa turetti, namni tokko utuu guyyaa Sanbataatiin qoraan walitti qabatuu argame.
33 Ceux qui l’avaient trouvé ramassant du bois l’amenèrent à Moïse, à Aaron et à toute l’assemblée.
Warri utuu inni qoraan walitti qabatuu arganis Museetti, Arooniitii fi waldaa guutuutti isa geessan;
34 On le mit sous garde, car ce qu’on devait lui faire n’avait pas été déterminé.
sababii wanni isa godhan hin beekaminiif hidhanii isa tursan.
35 Yahweh dit à Moïse: « Cet homme sera mis à mort! Toute l’assemblée le lapidera hors du camp. »
Waaqayyo Museedhaan, “Namichi duʼuu qaba. Waldaan sun guutuun qubataan alatti dhagaadhaan isa haa tumu” jedhe.
36 Toute l’assemblée l’ayant fait sortir du camp, le lapida et il mourut, comme Yahweh l’avait ordonné à Moïse.
Waldaan sun akkuma Waaqayyo Musee ajajetti namicha sana qubata keessaa gad baasee dhagaadhaan tumee ajjeese.
37 Yahweh dit à Moïse:
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
38 « Parle aux enfants d’Israël et dis-leur de se faire, de génération en génération, des glands aux coins de leurs manteaux; et qu’ils mettent au gland de chaque coin un cordon de pourpre violette.
“Akkana jedhii Israaʼelootatti dubbadhu: ‘Dhaloota dhufu hunda keessa qarqara wayyaa keessanii irratti handaara tolfadhaa; tokkoon tokkoon handaara sanaas foʼaa bifa cuquliisaa haa qabaatu.
39 Ce sera pour vous un gland et, en le voyant, vous vous souviendrez de tous les commandements de Yahweh pour les mettre en pratique, et vous n’irez pas après les désirs de votre cœur et de vos yeux, qui vous entraînent dans l’infidélité.
Isin handaara kana ilaaltanii ajaja Waaqayyoo hunda yaadattu; kunis akka ajaja kana eegdanii hawwii garaa keessaniitii fi hawwii ija keessanii duukaa buʼuudhaan hin sagaagalleef.
40 Vous vous souviendrez ainsi de tous mes commandements et les mettrez en pratique, et vous serez saints à votre Dieu.
Yoos isin ajaja koo hunda yaadattanii ni eegdu; Waaqa keessaniifis qulqulloota ni taatu.
41 Je suis Yahweh, votre Dieu, qui vous ai fait sortir du pays d’Égypte, pour être votre Dieu. Je suis Yahweh, votre Dieu.
Ani Waaqayyo Waaqa keessan kan Waaqa isinii taʼuuf jedhee biyya Gibxii isin baasee dha. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.’”

< Nombres 15 >