< Luc 1 >
1 Puisque plusieurs ont entrepris de mettre en ordre le récit des événements qui se sont accomplis parmi nous,
Namoonni baayʼeen seenaa wantoota nu gidduutti raawwatame sanaa barreessuu yaalaniiru;
2 comme nous l'ont transmis ceux qui, dès le début, ont été témoins oculaires et serviteurs de la parole,
kunis akka warri jalqabaa kaasanii ijaan arganii fi tajaajiltoota dubbichaa turan sun nutti dabarsanii kennanitti.
3 il m'a semblé bon, ayant dès le début suivi exactement le cours de toutes choses, de t'écrire avec ordre, très excellent Théophile,
Kanaafuu yaa Tewofilos kabajamaa, anis jalqabumaa kaasee waan hundumaa sirriitti ergan qoradhee booddee seenaa sana wal duraa duubaan siif barreessuun waan gaarii natti fakkaateera.
4 afin que tu saches avec certitude les choses dans lesquelles tu as été instruit.
Kunis akka wanni ati baratte sun dhugaa taʼe akka beektuuf.
5 Il y avait, du temps d'Hérode, roi de Judée, un prêtre nommé Zacharie, de la division sacerdotale d'Abija. Il avait une femme parmi les filles d'Aaron, et son nom était Élisabeth.
Bara Heroodis mootii Yihuudaa turetti ramaddii lubummaa Abiyaa keessaa luba Zakkaariyaas jedhamu tokkotu ture; niitiin isaa Elsaabeexis sanyii Aroon.
6 Ils étaient tous deux justes devant Dieu, marchant sans reproche dans tous les commandements et ordonnances du Seigneur.
Lamaan isaanii iyyuu ajajaa fi seera Gooftaa hunda mudaa malee eeguudhaan fuula Waaqaa duratti qajeeltota turan.
7 Mais ils n'eurent pas d'enfant, car Élisabeth était stérile, et ils étaient tous deux avancés en âge.
Garuu Elsaabeex waan dhabduu turteef ijoollee hin qaban ture; lamaan isaanii iyyuu dulloomanii turan.
8 Or, tandis qu'il exerçait la fonction de prêtre devant Dieu selon l'ordre de sa division,
Zakkaariyaasis dabareen garee isaa geenyaan utuu fuula Waaqaa duratti tajaajila lubummaa isaa kennaa jiruu,
9 selon la coutume de la fonction de prêtre, son lot était d'entrer dans le temple du Seigneur et d'y brûler des parfums.
akkuma duudhaa lubummaatti akka mana qulqullummaa Gooftaa seenee ixaana aarsuuf ixaadhaan filatame.
10 Toute la multitude du peuple priait dehors à l'heure de l'encens.
Yeroo ixaanni aarfamuttis namoonni baayʼeen alatti kadhachaa turan.
11 Un ange du Seigneur lui apparut, se tenant à droite de l'autel des parfums.
Ergamaan Gooftaas iddoo aarsaa ixaanaatiin mirga dhaabatee Zakkaariyaasitti mulʼate.
12 Zacharie fut troublé en le voyant, et la peur le saisit.
Zakkaariyaasis yommuu isa argetti ni rifate; sodaanis isa qabate.
13 Mais l'ange lui dit: « Ne crains pas, Zacharie, car ta demande a été exaucée. Ta femme, Élisabeth, t'enfantera un fils, et tu lui donneras le nom de Jean.
Ergamaan sun garuu akkana isaan jedhe; “Yaa Zakkaariyaas, hin sodaatin; kadhannaan kee dhagaʼameera. Niitiin kee Elsaabeex ilma siif deessi; atis maqaa isaa Yohannis jedhii moggaasi.
14 Tu auras de la joie et de l'allégresse, et beaucoup se réjouiront de sa naissance.
Ati ilillee fi gammachuu ni qabaatta; namoonni baayʼeenis dhalachuu isaatti ni gammadu;
15 Car il sera grand aux yeux du Seigneur, et il ne boira ni vin ni boisson forte. Il sera rempli de l'Esprit Saint, dès le sein de sa mère.
inni fuula Gooftaa duratti guddaa taʼaatii. Daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu gonkumaa dhuguu hin qabu; utuma garaa haadha isaa keessa jiruus Hafuura Qulqulluudhaan ni guutama.
16 Il ramènera beaucoup de fils d'Israël à l'Éternel, leur Dieu.
Saba Israaʼel keessaas namoota baayʼee gara Gooftaa, gara Waaqa isaaniitti ni deebisa.
17 Il le précédera avec l'esprit et la puissance d'Élie, pour ramener le cœur des pères vers les enfants, et les désobéissants à la sagesse des justes, afin de préparer un peuple à l'Éternel. »
Innis saba Gooftaaf qophaaʼe tokko kurfeessuuf jedhee garaa abbootii gara ijoollee isaaniitti, warra hin ajajamne immoo gara ogummaa qajeeltotaatti deebisuuf hafuuraa fi humna Eeliyaasiin fuula Gooftaa dura ni deema.”
18 Zacharie dit à l'ange: « Comment puis-je en être sûr? Car je suis un vieil homme, et ma femme est bien avancée en âge. »
Zakkaariyaasis, “Ani akkamittin kana beeka? Ani dulloomeera; umuriin niitii kootiis deemee jira” jedhee ergamaa sana gaafate.
19 L'ange lui répondit: « Je suis Gabriel, qui se tient dans la présence de Dieu. J'ai été envoyé pour te parler et t'annoncer cette bonne nouvelle.
Ergamaan sunis akkana jedhee deebiseef; “Ani Gabriʼeel isa fuula Waaqaa dura dhaabatuu dha; anis sitti dubbachuu fi oduu gammachiisaa kana sitti himuuf ergameera.
20 Voici, tu te tairas et tu ne pourras pas parler jusqu'au jour où ces choses arriveront, parce que tu n'as pas cru à mes paroles, qui s'accompliront en leur temps. »
Kunoo, ati sababii dubbii koo isa yeroo isaatti mirkanaaʼu hin amaniniif hamma gaafa wanni kun taʼuutti ni duudda; dubbachuus hin dandeessu.”
21 Le peuple attendait Zacharie et s'étonnait qu'il tarde à entrer dans le temple.
Uummannis yeroo sana sababii Zakkaariyaas yeroo akkas dheeratu mana qulqullummaa keessa tureef dinqifachaa isa eegaa ture.
22 Lorsqu'il sortit, il ne put leur parler. Ils comprirent qu'il avait eu une vision dans le temple. Il continua à leur faire des signes, et il resta muet.
Garuu Zakkaariyaas yommuu gad baʼetti waan isaanitti dubbachuu hin dandaʼiiniif isaan akka inni mana qulqullummaa keessatti mulʼata wayii arge hubatan; innis mallattoon isaanitti himaa ture malee dubbachuu hin dandeenye.
23 Lorsque les jours de son service furent accomplis, il s'en alla dans sa maison.
Innis yommuu yeroon tajaajila isaa raawwatetti gara mana isaatti deebiʼe.
24 Après ces jours-là, Élisabeth, sa femme, devint enceinte, et elle se cacha pendant cinq mois, en disant:
Ergasii niitiin isaa Elsaabeex ulfooftee hamma jiʼa shaniitti manaa hin baane.
25 « C'est ainsi que le Seigneur m'a fait pendant les jours où il m'a regardée, pour ôter mon opprobre parmi les hommes. »
Isheenis, “Gooftaan salphina namoota gidduutti narra ture narraa kaasuuf jedhee guyyaa arjummaan na yaadatetti waan kana naa godhe” jette.
26 Au sixième mois, l'ange Gabriel fut envoyé par Dieu dans une ville de Galilée, nommée Nazareth,
Jiʼa jaʼaffaattis Gabriʼeel Ergamichi Waaqa biraa gara magaalaa Naazreeti ishee Galiilaa keessatti argamtuutti ergame;
27 auprès d'une vierge promise en mariage à un homme du nom de Joseph, de la maison de David. Le nom de la vierge était Marie.
innis gara durba namichi sanyii Daawit irraa dhalate kan maqaan isaa Yoosef jedhamu tokkoof kaadhimamtee dhufe. Maqaan durba qulqullittii sanaas Maariyaam ture.
28 Après être entré, l'ange lui dit: « Réjouis-toi, toi qui es si favorisée! Le Seigneur est avec toi. Tu es bénie entre toutes les femmes! »
Ergamaan Waaqaa sunis gara ishee dhaqee, “Yaa ishee surraa argatte; nagaan siif haa taʼu! Gooftaan si wajjin jira” jedhe.
29 Mais quand elle le vit, elle fut très troublée par cette parole, et elle réfléchit à la manière dont elle pouvait être saluée.
Maariyaam garuu dubbii ergamaa sanaatiin akka malee jeeqamtee, “Kun nagaa akkamiitii?” jettee yaadde.
30 L'ange lui dit: « Ne crains pas, Marie, car tu as trouvé grâce devant Dieu.
Ergamichi garuu akkana isheedhaan jedhe; “Yaa Maariyaam, hin sodaatin; ati Waaqa biraa surraa argatteertaatii.
31 Voici que tu concevras dans ton sein et tu donneras naissance à un fils, et tu lui donneras le nom de Jésus.
Kunoo ni ulfoofta; Ilmas ni deessa; maqaa isaas Yesuus jettee moggaafta.
32 Il sera grand et on l'appellera le Fils du Très-Haut. Le Seigneur Dieu lui donnera le trône de son père David,
Innis guddaa ni taʼa; Ilma Waaqa Waan Hundaa Olii jedhamees ni waamama. Waaqni Gooftaanis teessoo Abbaa isaa Daawit ni kennaaf;
33 et il régnera sur la maison de Jacob pour toujours. Il n'y aura pas de fin à son règne. » (aiōn )
inni mana Yaaqoob irratti bara baraan ni moʼa; mootummaan isaas dhuma hin qabu.” (aiōn )
34 Marie dit à l'ange: « Comment cela se peut-il, puisque je suis vierge? »
Maariyaamis, “Ani durba; yoos wanni kun akkamitti taʼuu dandaʼa ree?” jettee ergamaa sana gaafatte.
35 L'ange lui répondit: « L'Esprit Saint viendra sur toi, et la puissance du Très-Haut te couvrira de son ombre. C'est pourquoi aussi le saint qui naîtra de toi sera appelé Fils de Dieu.
Ergamaan sunis akkana jedhee deebiseef; “Hafuurri Qulqulluun sirra buʼa; humni Waaqa Waan Hundaa Oliis si golbooba. Kanaaf inni qulqulluun dhalatu sun Ilma Waaqaa ni jedhama.
36 Voici qu'Élisabeth, ta parente, a conçu un fils dans sa vieillesse, et c'est le sixième mois de celle qu'on appelait stérile.
Kunoo, firri kee Elsaabeexi iyyuu dulluma ishee keessa ilma ulfoofteerti; isheen dhabduu jedhamaa turte sun jiʼa jaʼaffaa qabatteerti.
37 Car rien de ce qui est dit par Dieu n'est impossible. »
Wanni Waaqaaf hin dandaʼamne hin jiruutii.”
38 Marie dit: « Voici la servante du Seigneur; qu'il me soit fait selon ta parole. » Puis l'ange s'éloigna d'elle.
Maariyaamis, “Kunoo, ani garbittii Gooftaa ti. Akkuma ati dubbatte naaf haa taʼu” jetteen. Ergamichis ishee dhiisee deeme.
39 En ces jours-là, Marie se leva et se rendit en hâte dans la montagne, dans une ville de Juda,
Yeroo sana Maariyaam kaatee ariitiidhaan gara magaalaa baddaa biyya Yihuudaa tokkoo dhaqxe.
40 elle entra dans la maison de Zacharie et salua Elisabeth.
Isheenis mana Zakkaariyaas seentee Elsaabeexin nagaa gaafatte.
41 Lorsqu'Elisabeth entendit la salutation de Marie, l'enfant tressaillit dans son sein, et Elisabeth fut remplie du Saint-Esprit.
Elsaabeexis yommuu nagaa Maariyaam dhageessetti mucaan sun gadameessa ishee keessa uʼutaale. Elsaabeexis Hafuura Qulqulluudhaan ni guutamte.
42 Elle cria d'une voix forte et dit: « Tu es bénie entre toutes les femmes, et le fruit de tes entrailles est béni!
Isheenis sagalee ishee ol fudhattee iyyitee akkana jette; “Ati dubartoota keessaa eebbifamtuu dha; mucaan ati deessus eebbifamaa dha.
43 Pourquoi suis-je si favorisée, pour que la mère de mon Seigneur vienne à moi?
Garuu akka haati Gooftaa koo gara koo dhuftuuf arjummaan akkanaa akkamitti naa godhame?
44 Car voici, quand la voix de ta salutation est parvenue à mes oreilles, le bébé a bondi de joie dans mon sein!
Kunoo, akkuma sagaleen nagaa keetii gurra koo seeneen ulfi gadameessa koo keessa jiru gammachuun utaaleera.
45 Heureuse celle qui a cru, car les choses qui lui ont été dites de la part du Seigneur s'accompliront! »
Wanni Gooftaan isheetti dubbate akka raawwatamu kan amante isheen eebbifamtuu dha!”
46 Marie a dit, « Mon âme magnifie le Seigneur.
Maariyaamis akkana jette: “Lubbuun koo Gooftaadhaaf ulfina kenniti;
47 Mon esprit s'est réjoui en Dieu mon Sauveur,
hafuurri koos fayyisaa koo Waaqatti ni gammada;
48 car il a regardé l'humble condition de son serviteur. Car voici qu'à partir de maintenant, toutes les générations me diront béni.
inni salphina garbittii isaa argeeraatii. Kunoo ammaa jalqabee dhaloonni hundinuu eebbifamtuu naan jedha;
49 Car celui qui est puissant a fait de grandes choses pour moi. Saint est son nom.
Inni humna qabeessi sun waan guddaa naa godheeraatii; maqaan isaa qulqulluu dha.
50 Sa miséricorde s'étend de génération en génération sur ceux qui le craignent.
Araarri isaas warra isa sodaataniif dhalootaa hamma dhalootaatti itti fufa.
51 Il a montré de la force avec son bras. Il a dispersé les orgueilleux dans l'imagination de leur cœur.
Inni irree isaatiin hojiiwwan gurguddaa hojjeteera; of tuultotas yaada garaa isaaniitiin bittinneesseera.
52 Il a fait tomber les princes de leurs trônes, et a élevé les humbles.
Bulchitoota teessoo isaanii irraa buuseera; gad of qabeeyyii garuu ol kaaseera.
53 Il a rassasié de bonnes choses les affamés. Il a renvoyé les riches à vide.
Warra beelaʼan waan gaariidhaan quufseera; sooreyyii garuu harka duwwaa deebiseera.
54 Il a secouru Israël, son serviteur, pour qu'il se souvienne de la miséricorde,
Inni araara qabeessa taʼuu isaa yaadachaa garbicha isaa Israaʼelin gargaareera;
55 comme il a parlé à nos pères, à Abraham et à sa descendance pour toujours. » (aiōn )
kunis akkuma inni abbootii keenyaaf, Abrahaamii fi sanyii isaatiif bara baraan waadaa galetti.” (aiōn )
56 Marie resta avec elle environ trois mois, puis elle retourna dans sa maison.
Maariyaamis gara jiʼa sadii Elsaabeexi bira turtee gara mana ofii isheetti deebite.
57 Le temps où Élisabeth devait accoucher s'accomplit, et elle donna naissance à un fils.
Elsaabeexi yeroon daʼumsa ishee geenyaan ilma deesse.
58 Ses voisins et ses proches apprirent que le Seigneur avait magnifié sa miséricorde envers elle, et ils se réjouirent avec elle.
Olloonni isheetii fi firoonni ishee akka Gooftaan araara guddaa isheef godhe dhagaʼanii ishee wajjin gammadan.
59 Le huitième jour, on vint pour circoncire l'enfant, et l'on voulut l'appeler Zacharie, du nom de son père.
Isaanis guyyaa saddeettaffaatti daaʼima sana dhagna qabuu dhufan; Zakkaariyaas jedhaniis maqaa abbaa isaatiin isa moggaasuu fedhan.
60 Sa mère répondit: « Non, mais on l'appellera Jean. »
Haati isaa garuu, “Lakkii! Inni Yohannis jedhamee waamamuu qaba” jette.
61 Ils lui dirent: « Il n'y a personne parmi tes proches qui soit appelé de ce nom. »
Isaanis, “Firoota kee keessa namni maqaa akkanaa qabu tokko iyyuu hin jiru” jedhaniin.
62 Ils firent des signes à son père, pour savoir comment il voulait qu'on l'appelle.
Namoonni sunis akka Zakkaariyaas eenyu jedhee daaʼima sana waamuu barbaadu beekuuf jedhanii mallattoon isa gaafatan.
63 Il demanda une tablette et écrivit: « Son nom est Jean. » Ils étaient tous émerveillés.
Innis gabatee irratti barreessu kadhatee, “Maqaan isaa Yohannis” jedhee barreesse; hundi isaaniis ni dinqifatan.
64 Aussitôt sa bouche s'ouvrit et sa langue se délia, et il parla en bénissant Dieu.
Yommusuma afaan isaa banamee arrabni isaa hiikame; innis Waaqa galateeffachuudhaan dubbachuu jalqabe.
65 La crainte s'empara de tous les habitants des environs, et l'on parlait de toutes ces paroles dans toute la montagne de Judée.
Olloonni isaanii hundinuu sodaadhaan guutaman; wanni kunis baddaa biyya Yihuudaa hunda keessatti odeeffame.
66 Tous ceux qui les entendaient les fixaient dans leur cœur, en disant: « Que sera donc cet enfant? » La main du Seigneur était avec lui.
Warri kana dhagaʼan hundinuus, “Yoos daaʼimni kun nama akkamii taʼinna laata?” jedhanii garaa isaaniitti dinqifatan. Harki Gooftaa isa wajjin tureetii.
67 Son père Zacharie fut rempli du Saint-Esprit, et il prophétisa, disant,
Zakkaariyaas abbaan Yohannis Hafuura Qulqulluudhaan guutamee akkana jedhees raajii dubbate:
68 « Béni soit le Seigneur, le Dieu d'Israël, car il a visité et racheté son peuple;
“Sababii dhufee saba isaa fureef Gooftaan, Waaqni Israaʼel haa eebbifamu.
69 et il nous a suscité une corne de salut dans la maison de son serviteur David.
Inni mana garbicha isaa mana Daawit keessatti gaanfa fayyinaa nuuf kaaseera;
70 (comme il l'a dit par la bouche de ses saints prophètes qui existent depuis des temps immémoriaux), (aiōn )
akkuma afaan raajota isaa qulqulloota duriitiin dubbatetti (aiōn )
71 le salut de nos ennemis et de la main de tous ceux qui nous haïssent;
diinota keenya jalaa, harka warra nu jibban hundumaa keessaas nu baasuuf jedhee
72 pour faire preuve de clémence envers nos pères, pour se souvenir de sa sainte alliance,
araara abbootii keenyaaf waadaa gale sana raawwachuudhaaf, kakuu isaa qulqulluu,
73 le serment qu'il a fait à Abraham, notre père,
inni abbaa keenya Abrahaamiif kakate yaadachuudhaaf,
74 de nous accorder que, délivrés de la main de nos ennemis, doivent le servir sans crainte,
harka diinota keenyaa keessaa nu baasuudhaaf, akka nu sodaa malee isa tajaajillu nu dandeessisuudhaaf,
75 dans la sainteté et la droiture devant lui tous les jours de notre vie.
akka nu bara jireenya keenyaa guutuu qulqullinaa fi qajeelinaan, fuula isaa duratti tajaajilluuf waan kana godhe.
76 Et toi, mon enfant, tu seras appelé prophète du Très-Haut; car tu iras devant la face du Seigneur pour préparer ses voies,
“Yaa mucaa ko, ati raajii Waaqa Waan Hundaa Olii ni jedhamta; ati karaa isaa qopheessuuf fuula Gooftaa dura ni deemtaatii;
77 pour donner la connaissance du salut à son peuple par la rémission de ses péchés,
kunis akka ati dhiifama cubbuu argachuu isaaniitiin beekumsa fayyinaa saba isaatiif kennituuf;
78 à cause de la tendre miséricorde de notre Dieu, par lequel l'aube d'en haut nous visitera,
sababii araara Waaqa keenyaa kan gara laafinaan guutame kan bariin fayyinaa samii irraa ittiin nuu bariʼuu,
79 pour éclairer ceux qui sont assis dans les ténèbres et l'ombre de la mort; pour guider nos pieds sur le chemin de la paix. »
warra dukkana keessa, gaaddidduu duʼaa jala jiraniif akka ifa kennuuf; miilla keenyas karaa nagaa irra deemsisuuf.”
80 L'enfant grandissait et devenait fort en esprit, et il était dans le désert jusqu'au jour de son apparition publique en Israël.
Mucichis guddatee hafuuraan jabaachaa deeme; hamma guyyaa saba Israaʼelitti mulʼateettis gammoojjii keessa jiraate.