< Juges 9 >

1 Abimélec, fils de Jerubbaal, se rendit à Sichem, chez les frères de sa mère, et leur parla, ainsi qu'à toute la famille de la maison du père de sa mère, en disant:
Abiimelek ilmi Yerub-Baʼaal gara obboloota haadha isaa kanneen Sheekem keessa jiraatanii dhaqee isaanii fi gosa haadha isaa hundaan akkana jedhe;
2 « Parle, je te prie, aux oreilles de tous les hommes de Sichem: « Vaut-il mieux pour vous que tous les fils de Jerubbaal, qui sont soixante-dix personnes, dominent sur vous, ou qu'un seul domine sur vous? ». Souvenez-vous aussi que je suis votre os et votre chair. »
“Jiraattota Sheekem hundumaan, ‘Kam isinii wayya? Yoo ilmaan Yerub-Baʼaal torbaatamni isin bulchan moo yoo namni tokko isin bulche wayya?’ jedhaa gaafadhaa. Akka ani foonii fi dhiiga keessan taʼe immoo yaadadhaa.”
3 Les frères de sa mère rapportèrent de lui toutes ces paroles aux oreilles de tous les hommes de Sichem. Leur cœur penchait pour suivre Abimélec, car ils disaient: « C'est notre frère. »
Obboloonni haadha isaas dubbii kana gurra Sheekemotaatiin gaʼan; garaan isaaniis gara Abiimelek goruu kajeele; isaan, “Inni obboleessa keenya” jedhaniiruutii.
4 Ils lui donnèrent soixante-dix pièces d'argent provenant de la maison de Baal Berith, avec laquelle Abimélec engageait des hommes vains et imprudents qui le suivaient.
Isaanis mana sagadaa Baʼaal Beriit keessaa meetii gara giraamii dhibba saddeet ulfaatu kennaniif; Abiimelekis meetii sanaan kashlabboota isa faana buʼan qaxarate.
5 Il se rendit à la maison de son père, à Ophra, et tua ses frères, les fils de Jerubbaal, soit soixante-dix personnes, sur une seule pierre; mais il resta Jotham, le plus jeune des fils de Jerubbaal, car il se cacha.
Gara mana abbaa isaa kan Ofraatti argamuu dhaqee obboloota isaa ilmaan Yerub-Baʼaal torbaatama dhagaa tokko irratti qale. Yootaam ilmi Yiruubaʼaal quxisuun garuu dhokatee isa jalaa miliqe.
6 Tous les hommes de Sichem se rassemblèrent avec toute la maison de Millo, et ils allèrent établir roi Abimélec près du chêne de la colonne qui était à Sichem.
Namoonni Sheekemii fi Beet Miiloo hundi Abiimelekin moosisuuf jedhanii Sheekemitti utubaa mukaa guddaa tokko biratti walitti qabaman.
7 Lorsqu'ils racontèrent cela à Jotham, celui-ci alla se placer sur le sommet du mont Garizim, éleva la voix, cria et leur dit: « Ecoutez-moi, hommes de Sichem, afin que Dieu vous écoute.
Yootaam yommuu wanni kun itti himametti fiixee Gaara Gerziimitti ol baʼee sagalee guddaadhaan akkana isaaniin jedhe; “Yaa jiraattota Sheekem, akka Waaqni isin dhagaʼuuf na dhaggeeffadhaa.
8 Les arbres se mirent à oindre un roi sur eux. Ils dirent à l'olivier: « Règne sur nous ».
Gaaf tokko mukkeen mootii moosifachuuf baʼan; isaanis muka ejersaatiin, ‘Mootii nuu taʼi’ jedhan.
9 « Mais l'olivier leur dit: « Dois-je cesser de produire mon huile, avec laquelle on honore Dieu et les hommes par moi, et aller m'agiter de long en large sur les arbres? ».
“Mukni ejersaa garuu, ‘Ani mukkeen hundaa olitti raafamuudhaaf jedhee zayitii koo kan Waaqnii fi namni ittiin kabajaman dhowwadhuu ree?’ jedhee deebise.
10 « Les arbres dirent au figuier: « Viens et règne sur nous ».
“Itti aansaniis mukkeen muka harbuutiin, ‘Kottuutii mootii nuu taʼi’ jedhan.
11 « Mais le figuier leur dit: « Dois-je laisser ma douceur et mon bon fruit, et aller m'agiter sur les arbres? ».
“Mukni harbuu garuu deebisee, ‘Ani mukkeen hundaa olitti baʼee raafamuuf jedhee ija koo miʼaawaa fi gaarii sana kennuu dhiisuu ree?’ jedhe.
12 « Les arbres dirent à la vigne: « Viens et règne sur nous ».
“Mukkeenis muka wayiniitiin, ‘Kottuutii mootii nuu taʼi’ jedhan.
13 « La vigne leur dit: « Dois-je laisser mon vin nouveau, qui réjouit Dieu et les hommes, et aller m'agiter sur les arbres? ».
“Mukni wayinii garuu deebisee, ‘Ani mukkeen hundaa olitti baʼee raafamuuf jedhe daadhii wayinii kootii kan Waaqaa fi nama gammachiisu sana kennuu dhiisuu?’ jedhe.
14 « Alors tous les arbres dirent à la ronce: « Viens et règne sur nous ».
“Dhuma irrattis mukkeen hundi muka qoraattiitiin, ‘Kottuutii mootii nuu taʼi’ jedhan.
15 « La ronce dit aux arbres: 'Si vous m'oignez vraiment comme roi, venez vous réfugier à mon ombre; sinon, que le feu sorte de la ronce et dévore les cèdres du Liban'.
“Mukni qoraattiis mukkeeniin, ‘Isin yoo dhugumaan na moosifachuu feetan, kottaatii gaaddisa koo jalatti daʼeeffadhaa; yoo akkas taʼuu baate garuu ibiddi muka qoraattii keessaa baʼee birbirsa Libaanoon haa barbadeessu!’ jedhe.
16 « Maintenant, si vous avez agi avec vérité et droiture, en faisant régner Abimélec, et si vous avez bien traité Jerubbaal et sa maison, et si vous l'avez traité selon le mérite de ses mains
“Egaa isin Abiimelekin moosisuun keessan yoo karaa dhugaatii fi amanamummaan taʼe, yoo Yerub-Baʼaalii fi maatii isaatiif waan gaarii gochuuf taʼe, yoo waan isaaf malu isaaf gochuuf taʼe,
17 (car mon père a combattu pour vous, a risqué sa vie, et vous a délivrés de la main de Madian;
abbaan koo lubbuu isaa duʼaaf saaxilee harka Midiyaanotaa jalaa isin baasuuf isinii loleeraatii;
18 et aujourd'hui, vous vous êtes levés contre la maison de mon père, vous avez tué ses fils, soixante-dix personnes, sur une seule pierre, et vous avez fait d'Abimélec, fils de sa servante, le roi des hommes de Sichem, parce qu'il est votre frère);
isin garuu harʼa maatii abbaa kootti kaatanii ilmaan isaa jechuunis nama torbaatama dhagaa tokko irratti qaltan; sababii inni fira keessan taʼeef Abiimelek ilma garbittii sana namoota Sheekem irratti moosiftan;
19 Si donc tu as traité aujourd'hui Jerubbaal et sa maison avec fidélité et justice, réjouis-toi en Abimélec, et que lui aussi se réjouisse en toi;
egaa yoo isin harʼa dhugaa fi amanamummaadhaan Yerub-Baʼaalii fi maatii isaatiif waan gaarii gootan, isin Abiimelekitti gammadaa; innis isinitti haa gammadu!
20 sinon, que le feu sorte d'Abimélec et dévore les hommes de Sichem et de la maison de Millo; et que le feu sorte des hommes de Sichem et de la maison de Millo et dévore Abimélec. »
Akkas taʼuu baannaan garuu ibiddi mana Abiimelekii baʼee namoota Sheekemii fi Beet Miiloo haa fixu; akkasumas ibiddi namoota Sheekemii fi Beet Miiloo biraa baʼee Abiimelekin haa balleessu!”
21 Jotham s'est enfui et a fui, il est allé à Beer et y a vécu, par crainte d'Abimélec, son frère.
Yootaamis Biʼeeritti baqatee sababii obboleessa isaa Abiimelekin sodaateef achuma jiraate.
22 Abimélec fut prince sur Israël pendant trois ans.
Erga Abiimelek waggaa sadii Israaʼel bulchee booddee,
23 Alors Dieu envoya un mauvais esprit entre Abimélec et les hommes de Sichem; et les hommes de Sichem trahirent Abimélec,
Waaqnis Abiimelekii fi namoota Sheekem gidduutti hafuura hamaa erge; Sheekemonnis Abiimelekitti daba hojjetan.
24 afin que la violence faite aux soixante-dix fils de Jerubbaal arrive, et que leur sang retombe sur Abimélec, leur frère, qui les a tués, et sur les hommes de Sichem, qui ont fortifié ses mains pour tuer ses frères.
Waaqnis yakka ilmaan Yerub-Baʼaal torbaataman sanatti hojjetamee fi dhiiga isaanii kan dhangalaafame sanaaf, Abiimelek obboleessa isaanii kan isaan qale sanaa fi namoota Sheekem kanneen akka inni obboloota isaa fixuuf isa gargaaran sana haaloo baʼuuf waan kana godhe.
25 Les hommes de Sichem lui tendirent une embuscade sur les sommets des montagnes et ils dévalisèrent tous ceux qui passaient par là; Abimélec en fut informé.
Namoonni Sheekemis akka isaan riphanii isa eegataniif fiixee gaaraa irra namoota kaaʼatan; isaanis nama achiin darbu hunda saamaan; wanni kunis Abiimelekitti odeeffame.
26 Gaal, fils d'Ebed, vint avec ses frères et passa à Sichem, et les hommes de Sichem se confièrent en lui.
Yeroo kanatti Gaʼaal ilmi Ebeed obboloota isaa wajjin gara Sheekem dhufe; Sheekemonnis isa abdatan.
27 Ils sortirent dans les champs, moissonnèrent leurs vignes, foulèrent le raisin, firent la fête, entrèrent dans la maison de leur dieu, mangèrent et burent, et maudirent Abimélec.
Isaanis erga gara lafa qotiisaa wayiniitti baʼanii wayinii walitti qabatanii booddee cuunfanii galma waaqa tolfamaa isaaniitti ayyaana ayyaaneffatan. Nyaatanii dhuganiis Abiimelekin abaaran.
28 Gaal, fils d'Ebed, dit: « Qui est Abimélec et qui est Sichem, pour que nous le servions? N'est-il pas le fils de Jerubbaal? Zebul n'est-il pas son officier? Servez les hommes de Hamor, le père de Sichem, mais pourquoi devrions-nous le servir?
Gaʼaal ilmi Ebeedis akkana jedhe; “Akka nu isaaf bulluuf Abiimelekii fi Sheekem eenyu? Abiimelek ilma Yerub-Baʼaal mitii? Zebulis itti aanaa isaa mitii? Isin namoota Hamoor abbaa Sheekem tajaajilaa! Nu maaliif Abiimelekin tajaajillaa?
29 Je voudrais que ce peuple soit sous ma main! Alors je supprimerais Abimélek. » Il dit à Abimélec: « Augmente ton armée et sors! »
Utuu sabni kun ajaja koo jala jiraatee silaa ani Abiimelekin lafa irraa nan balleessa ture; ‘Waraana kee dabaladhuutii gad baʼi!’ isaan nan jedhas ture.”
30 Lorsque Zebul, chef de la ville, entendit les paroles de Gaal, fils d'Ebed, sa colère s'enflamma.
Zebul bulchaan magaalattii yeroo waan Gaʼaal ilmi Ebeed jedhe dhagaʼetti akka malee aare.
31 Il envoya des messagers à Abimélec avec ruse, en disant: « Voici que Gaal, fils d'Ebed, et ses frères sont venus à Sichem, et voici qu'ils excitent la ville contre toi.
Akkana jedhees dhoksaadhaan gara Abiimelekitti ergamoota erge; “Gaʼaal ilmi Ebeedii fi obboloonni isaa gara Sheekem dhufanii saba magaalaa sitti kakaasaa jiru.
32 Maintenant, monte de nuit, toi et le peuple qui est avec toi, et va te mettre à l'affût dans les champs.
Kanaafuu atii fi namoonni kee halkaniin baatanii lafa qotiisaa keessa riphuu qabdu.
33 Le matin, dès que le soleil sera levé, tu te lèveras de bonne heure et tu te précipiteras sur la ville. Voici, quand lui et le peuple qui est avec lui sortiront contre toi, alors tu pourras leur faire ce que tu trouveras à faire. »
Ganama akkuma aduun baateenis magaalaa sana cabsaa seenaa. Yommuu Galaʼaalii fi namoonni isaa sitti dhufanittis waan harki kee hojjechuu malu kam iyyuu hojjedhu.”
34 Abimélec se leva de nuit, avec tout le peuple qui était avec lui, et ils se mirent en embuscade contre Sichem en quatre compagnies.
Abiimelekis namoota isa wajjin turan hunda wajjin halkaniin kaʼee garee afuritti qoodamuudhaan Sheekemitti dhiʼaatee riphe.
35 Gaal, fils d'Ebed, sortit et se tint à l'entrée de la porte de la ville. Abimélec se leva de l'embuscade, avec le peuple qui était avec lui.
Akkuma Gaʼaal ilmi Ebeed baʼee karra magaalaa sanaa irra dhaabateen, Abiimelek namoota isaa wajjin iddoo riphee ture sanaa itti gad baʼe.
36 Lorsque Gaal vit le peuple, il dit à Zebul: « Voici que des gens descendent des sommets des montagnes. » Zebul lui dit: « Tu vois les ombres des montagnes comme si elles étaient des hommes. »
Gaʼaal yommuu isaan argetti Zebuliin, “Kunoo namoonni fiixee gaarranii irraa gad dhufaa jiru!” jedhe. Zebulis deebisee, “Gaaddisa tulluuwwaniitu namoota sitti fakkaate” jedheen.
37 Gaal parla encore et dit: « Voici que des gens descendent par le milieu du pays, et une troupe vient par le chemin du chêne de Meonenim. »
Gaʼaal garuu ammas deebisee, “Ilaali; namoonni handhuura lafaatii dhufaa jiru; gareen tokkos karaa muka abdaariitiin dhufaa jira” jedhe.
38 Alors Zebul lui dit: « Où est ta bouche, maintenant, pour que tu dises: « Qui est Abimélec, pour que nous le servions? ». N'est-ce pas là le peuple que tu as méprisé? Sors maintenant et va te battre avec eux. »
Zebulis, “Ati kan, ‘Akka nu isaaf bulluuf Abiimelek kun eenyu?’ jette, oduun kee sun amma meerre? Namoonni ati tuffatte isaan kana mitii? Mee baʼiitii jara loli kaa!” jedheen.
39 Gaal sortit devant les gens de Sichem, et il combattit Abimélec.
Kanaafuu Gaʼaal namoota Sheekem hoogganee Abiimelekin loluuf baʼe.
40 Abimélec le poursuivit; il s'enfuit devant lui, et beaucoup de gens furent blessés, jusqu'à l'entrée de la porte.
Abiimelekis isa ariʼe; innis duraa baqate; namoonni baayʼeenis madaaʼanii hamma karra magaalattiitti harcaʼan.
41 Abimélec habitait à Aruma, et Zébul chassa Gaal et ses frères, pour qu'ils n'habitent pas à Sichem.
Abiimelek Aruumaa keessa ture; Zebul immoo Gaʼaalii fi obboloota isaa ariʼee Sheekem keessaa baase.
42 Le lendemain, le peuple sortit dans les champs, et on en informa Abimélec.
Guyyaa itti aanu namoonni Sheekem dirreetti baʼan; wanni kunis Abiimelekitti himame.
43 Celui-ci prit le peuple et le divisa en trois groupes, puis il attendit dans les champs. Il regarda, et voici que le peuple sortait de la ville. Il se leva contre eux et les frappa.
Innis namoota isaa fudhatee garee sadiitti qoodee dirree irratti riphee eeggate. Yeroo namoota magaalaa kaʼanii dhufaa jiran argettis isaan loluudhaaf kaʼe.
44 Abimélec et les compagnies qui étaient avec lui se précipitèrent en avant et se tinrent à l'entrée de la porte de la ville; les deux compagnies se précipitèrent sur tous ceux qui étaient dans les champs et les frappèrent.
Abiimelekii fi gareen isa wajjin turan gara karra magaalattiitti gugatan. Gareen hafan lamaan immoo gara warra dirree irratti baʼanii turaniitti fiiganii isaan fixan.
45 Abimélec combattit la ville tout ce jour-là; il prit la ville et tua le peuple qui s'y trouvait. Il battit la ville et la sema de sel.
Abiimelek gaafas guyyaa guutuu lolee magaalattii qabate; jiraattota ishees fixee magaalattii illee barbadeessee soogidda itti facaase.
46 Lorsque tous les hommes de la tour de Sichem l'apprirent, ils entrèrent dans la forteresse de la maison d'Elberith.
Namoonni gamoo Sheekem keessa jiraatan yommuu waan kana dhagaʼanitti gara daʼannoo mana sagadaa Elbiriititti ol galan.
47 On informa Abimélec que tous les hommes de la tour de Sichem étaient rassemblés.
Abiimelekis yommuu akka namoonni Sheekem achitti walitti qabaman dhagaʼetti,
48 Abimélec monta sur la montagne de Zalmon, lui et tout le peuple qui était avec lui. Abimélec prit une hache dans sa main, abattit un rameau des arbres, l'emporta et le posa sur son épaule. Puis il dit au peuple qui était avec lui: « Ce que vous m'avez vu faire, hâtez-vous de le faire, et faites comme moi! ».
namoota isaa hundumaa wajjin Tulluu Zalmoonitti ol baʼe. Abiimelekis qottoo harkatti qabatee dameewwan mukaa mummuree ol fuudhee gatiittii isaatti baate. Namoota isa wajjin jiraniinis, “Dafaa! Waanuma anaa godhu argitan sana godhaa!” jedhe.
49 Tout le peuple de même, chacun coupa sa branche, suivit Abimélec, les plaça au pied de la forteresse et mit le feu à la forteresse par-dessus, de sorte que tous les gens de la tour de Sichem moururent aussi, environ mille hommes et femmes.
Namoonni hundinuus dameewwan mukaa mummuratanii Abiimelekin duukaa buʼan. Dameewwan sanas daʼannoo Sheekemonni itti baqatan sanatti irkisanii ibidda itti qabsiisan. Kanaafuu namoonni gamoo Sheekem keessa turan hundinuu dhiironnii fi dubartoonni gara kuma tokko taʼan dhuman.
50 Alors Abimélec alla à Thèbes et campa contre Thèbes, et il la prit.
Ergasiis Abiimelek gara Tebez dhaqee magaalaa sana marsee qabate.
51 Mais il y avait une tour forte dans la ville, et tous les hommes et les femmes de la ville s'y réfugièrent, s'y enfermèrent et montèrent sur le toit de la tour.
Taʼus waan gamoon jabaan tokko magaalaa sana keessa tureef jiraattonni magaalaa sanaa dhiiraa dubartiin utuu hin hafin itti baqatan. Keessaanis ofitti cufanii bantii isaatti ol baʼan.
52 Abimélec vint à la tour et la combattit; il s'approcha de la porte de la tour pour la brûler par le feu.
Abiimelekis dhufee gamoo sana dhaʼe; yommuu inni ibiddaan gubuudhaaf balbala gamoo sanaatti dhiʼaatetti garuu,
53 Une femme jeta une meule supérieure sur la tête d'Abimélec, et lui brisa le crâne.
dubartiin tokko gubbaadhaa majii dhagaa itti gad dhiiftee buqqee mataa isaa cabsite.
54 Alors il appela en hâte le jeune homme qui portait son armure et lui dit: « Tire ton épée et tue-moi, afin qu'on ne dise pas de moi: « Une femme l'a tué ». Le jeune homme le transperça, et il mourut. »
Innis dafee dargaggeessa miʼa lolaa baatuuf tokko waamee, “Akka isaan, ‘dubartiitu isa ajjeese’ jechuu hin dandeenyeef goraadee kee luqqifadhuu na ajjeesi” jedheen. Kanaafuu dargaggeessi sun isa waraane; innis ni duʼe.
55 Lorsque les hommes d'Israël virent qu'Abimélec était mort, ils s'en allèrent chacun à sa place.
Israaʼeloonnis yommuu akka Abiimelek duʼe arganitti gara mana isaaniitti deebiʼan.
56 C'est ainsi que Dieu rendit à Abimélec la méchanceté qu'il avait commise envers son père en tuant ses soixante-dix frères.
Akkasiin Waaqni hammina Abiimelek obboloota isaa torbaatama qaluudhaan abbaa ofiitti hojjeteef gatii hojii isaa kenneef.
57 Dieu fit retomber sur leur tête toute la méchanceté des hommes de Sichem, et la malédiction de Jotham, fils de Jerubbaal, tomba sur eux.
Akkasumas Waaqni hammina namoonni Sheekem hojjetan hunda matuma isaaniitti deebise. Abaarsi Yootaam ilma Yerub-Baʼaalis isaan irra gaʼe.

< Juges 9 >