< Isaïe 59 >

1 Voici, la main de Yahvé n'est pas raccourcie au point de ne pas pouvoir sauver; ni son oreille émoussée, qu'elle ne puisse entendre.
Dhugumaan harki Waaqayyoo fayyisuuf gabaabaa miti; yookaan gurri isaa dhagaʼuu hin didne.
2 Mais tes iniquités t'ont séparé de ton Dieu, et vos péchés vous ont caché sa face, pour qu'il n'entende pas.
Yakki keessan garuu Waaqa keessaniin gargar isin baaseera; akka inni isin hin dhageenyeef, cubbuun keessan fuula isaa isin duraa dhokseera.
3 Car vos mains sont souillées de sang, et tes doigts avec l'iniquité. Tes lèvres ont dit des mensonges. Ta langue murmure la méchanceté.
Harki keessan dhiigaan, qubni keessan immoo yakkaan faalameeraatii. Afaan keessan soba dubbata; arrabni keessan immoo waan hamaa guunguma.
4 Personne n'intente un procès en justice, et personne ne plaide en vérité. Ils font confiance à la vanité et dire des mensonges. Ils conçoivent des méfaits et donnent naissance à l'iniquité.
Namni murtii qajeelaa barbaadu hin jiru; kan himata isaa amanamummaadhaan dhiʼeeffatu tokko iyyuu hin jiru. Isaan waan faayidaa hin qabne amanatan; soba dubbatan; gowwoomsaa ulfaaʼanii hammina dhalan.
5 Ils font éclore des œufs de loups et tisser la toile d'araignée. Celui qui mange de leurs œufs meurt; et ce qui est écrasé se transforme en vipère.
Isaan hanqaaquu buutii yaasan; manʼee sariitii foʼan. Namni hanqaaquu isaanii nyaatu kam iyyuu ni duʼa; yommuu tokkoon isaa cabutti buutiitu keessaa baʼa.
6 Leurs toiles ne deviendront pas des vêtements. Ils ne se couvriront pas de leurs œuvres. Leurs œuvres sont des œuvres d'iniquité, et les actes de violence sont entre leurs mains.
Foʼaan isaanii uffata hin taʼu; waan tolchaniinis dhagna isaanii haguuggachuu hin dandaʼan. Hojiin isaanii hojii hamminaa ti; harka isaanii keessas hojii fincilaatu jira.
7 Leurs pieds courent vers le mal, et ils se dépêchent de verser du sang innocent. Leurs pensées sont des pensées d'iniquité. La désolation et la destruction sont sur leur chemin.
Miilli isaanii gara cubbuutti fiiga; isaan dhiiga qulqulluu dhangalaasuuf ariifatan. Yaadni isaanii jalʼaa dha; diiguu fi barbadeessuun mallattoo karaa isaanii ti.
8 Ils ne connaissent pas le chemin de la paix; et il n'y a pas de justice dans leurs manières. Ils se sont tracés des chemins tortueux; celui qui y entre ne connaît pas la paix.
Isaan karaa nagaa hin beekan; murtiin qajeelaan karaa isaanii irra hin jiru. Daandii isaanii jalʼisaniiru; namni achi irra deemu tokko iyyuu nagaa hin beeku.
9 C'est pourquoi la justice est loin de nous, et la justice ne nous rattrape pas. Nous cherchons la lumière, mais nous voyons les ténèbres; pour la clarté, mais nous marchons dans l'obscurité.
Kanaafuu murtiin qajeelaan nurraa fagaateera; qajeelummaanis nu bira hin gaʼu. Nu ifa barbaanna; garuu hundinuu dukkana; ifa guyyaa barbaanna; garuu dimimmisa keessa deemna.
10 Nous tâtonnons vers le mur comme des aveugles. Oui, nous tâtonnons comme ceux qui n'ont pas d'yeux. Nous trébuchons à midi comme si c'était le crépuscule. Parmi ceux qui sont forts, nous sommes comme des hommes morts.
Nu akkuma jaamaa dallaa qaqqabachaa deemna; akkuma warra ija hin qabnee harkaan karaa keenya barbaaddanna. Akka nama halkaniin deemuu guyyaa saafaadhaan guggufanne; namoota jajjaboo gidduutti akka warra duʼanii taaneerra.
11 Nous rugissons tous comme des ours et gémissent tristement comme des colombes. Nous cherchons la justice, mais il n'y en a pas, pour le salut, mais il est loin de nous.
Nu hundi akka amaaketaa gururiina; akka gugees gaddaan aadna. Murtii qajeelaa barbaanna; garuu hin arganne; fayyina barbaanna; inni garuu nurraa fagaateera.
12 Car nos transgressions se sont multipliées devant toi, et nos péchés témoignent contre nous; car nos transgressions sont avec nous, et quant à nos iniquités, nous les connaissons:
Yakki keenya fuula kee duratti baayʼateeraatii; cubbuun keenyas dhugaa nutti baʼa. Yakki keenya nu wajjin jiraata; nus balleessaa keenya ni beekna;
13 transgressant et reniant Yahvé, et se détourner de notre Dieu, parlant d'oppression et de révolte, en concevant et en prononçant du cœur des paroles mensongères.
nu fincillee Waaqayyoon sobne; Waaqa keenya duukaa buʼuu irraa garagalleerra; goolii fi fincila kakaafneerra; soba garaan keenya yaades dubbanneerra.
14 La justice se détourne à reculons, et la droiture se tient loin; car la vérité est tombée dans la rue, et la droiture ne peut pas entrer.
Kanaafuu murtii qajeelaan duubatti deebifameera; qajeelummaanis fagoo dhaabata; dhugaan karaatti gufate; tollis ol seenuu hin dandaʼu.
15 Oui, la vérité fait défaut; et celui qui s'éloigne du mal devient une proie. Yahvé l'a vu, et il était mécontent qu'il n'y ait pas de justice.
Dhugaan eessumattuu hin argamu; namni cubbuu irraa fagaatus waan hamaaf saaxilama. Waaqayyo akka murtii qajeelaan hin jirre arge; kunis isa gaddisiise.
16 Il vit qu'il n'y avait pas d'homme, et s'est étonné qu'il n'y ait pas d'intercesseur. C'est donc son propre bras qui lui a apporté le salut; et sa justice l'a soutenu.
Inni akka namni tokko iyyuu hin jirre arge; kan gara isaatti kadhannaa dhiʼeessu waan dhabameefis ni dinqisiifate. Kanaafuu irreen isaa fayyina isaa fidde; qajeelummaan ofii isaas isa utube.
17 Il s'est revêtu de la justice comme d'une cuirasse, et un casque de salut sur sa tête. Il a mis des vêtements de vengeance pour se vêtir, et était revêtu de zèle comme d'un manteau.
Qajeelummaa akka gaachana qomaatti kaaʼatee gonfoo fayyinaas mataatti gombifate; wayyaa ittiin haaloo baʼu uffatee akka nama waaroo uffatuuttis hinaaffaa ofitti marate.
18 Selon leurs actes, il remboursera le cas échéant: la colère de ses adversaires, la rétribution de ses ennemis. Il rendra aux îles leur dû.
Kanaafuu inni akkuma hojii isaaniitti, diinota isaatiif dheekkamsa, amajaajota isaaniitiif immoo adabbii malu ni kenna; biyyoota bishaan gidduutiifis hojii harka isaanii kennaaf.
19 Ainsi, ils craindront le nom de Yahvé depuis l'occident, et sa gloire dès le lever du soleil; car il viendra comme un torrent impétueux, que le souffle de Yahvé conduit.
Namoonni lixa biiftuu maqaa Waaqayyoo sodaatu; warri baʼa biiftuutti argaman immoo ulfina isaa kabaju. Inni akkuma lolaa, kan bubbeen Waaqayyoo oofuutti ni dhufaatii.
20 « Un rédempteur viendra à Sion, et à ceux qui se détournent de la désobéissance en Jacob, dit Yahvé.
“Furaan gara Xiyoon, gara warra mana Yaaqoob keessaa qalbii jijjiirratanii ni dhufa” jedha Waaqayyo.
21 « Quant à moi, voici mon alliance avec eux, dit Yahvé. « Mon Esprit qui est sur toi et mes paroles que j'ai mises dans ta bouche ne sortiront pas de ta bouche, ni de la bouche de ta descendance, ni de la bouche de la descendance de ta descendance, dit Yahvé, dès maintenant et pour toujours. »
“Gama kootiin kakuun koo kan ani isaan wajjin qabu kana” jedha Waaqayyo. “Hafuurri koo kan sirra jiru, dubbiin koo kan ani afaan kee keessa kaaʼe sun afaan keetii yookaan afaan ijoollee keetiitii yookaan afaan ijoollee ijoollee isaaniitii harʼaa jalqabee bara baraan hin badu” jedha Waaqayyo.

< Isaïe 59 >