< 2 Rois 9 >

1 Le prophète Élisée appela l'un des fils des prophètes, et lui dit: « Mets ta ceinture à ta taille, prends cette fiole d'huile dans ta main, et va à Ramoth Galaad.
Elsaaʼi raajichi ilmaan raajotaa keessaa nama tokko waamee akkana jedheen; “Mudhii kee hidhadhuutii bilqaaxxii zayitii kana fuudhii Raamooti Giliʼaad dhaqi.
2 Quand tu y seras arrivé, tu trouveras Jéhu, fils de Josaphat, fils de Nimshi, et tu iras le faire lever du milieu de ses frères, et tu le conduiras dans une chambre intérieure.
Yeroo achi geessutti Yehuu ilma Yehooshaafaax ilma Nimshii sana barbaadi. Gara isaa dhaqiitii miiltota isaa biraa isa fuudhiitii diinqatti isa galchi.
3 Puis tu prendras la fiole d'huile, tu la verseras sur sa tête, et tu diras: « Yahvé dit: Je t'ai oint comme roi d'Israël. » Puis ouvre la porte, fuis et n'attends pas. »
Ergasii bilqaaxxii sana fuudhii zayitii sana mataa isaatti naqiitii, ‘Waaqayyo akkana jedha: Ani Israaʼel irratti mootii godhee si dibeera.’ Ergasii balbala banadhuutii fiigi malee hin turin!”
4 Et le jeune homme, le jeune prophète, se rendit à Ramoth de Galaad.
Kanaafuu raajichi dargaggeessi sun kaʼee Raamooti Giliʼaad dhaqe.
5 Quand il arriva, voici, les chefs de l'armée étaient assis. Et il dit: « J'ai un message pour toi, capitaine. » Jehu a dit: « Auquel d'entre nous? » Il répondit: « A toi, ô capitaine. »
Yommuu achi gaʼettis ajajjoota loltootaa kanneen walitti qabamanii tataaʼan arge. Innis, “Yaa ajajaa, ani ergaa siif qaba” jedhe. Yehuun immoo, “Nu keessaa, ati eenyuuf ergaa qabda?” jedhee gaafate. Innis, “Yaa ajajaa, siʼiif” jedhee deebise.
6 Il se leva, et entra dans la maison. Il versa l'huile sur sa tête, et lui dit: « L'Éternel, le Dieu d'Israël, dit: Je t'ai oint comme roi sur le peuple de l'Éternel, sur Israël.
Yehuun kaʼee mana ol seene. Raajichi sun mataa Yehuutti zayitii naqee akkana jedheen; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha; ‘Ani saba Waaqayyoo, Israaʼel irratti mootii godhee sin diba.
7 Tu dois frapper la maison de ton maître Achab, afin que je venge le sang de mes serviteurs les prophètes, et le sang de tous les serviteurs de l'Éternel, de la main de Jézabel.
Ati mana gooftaa keetii mana Ahaab balleessuu qabda; anis dhiiga garboota koo raajotaatii fi dhiiga garboota Waaqayyoo kanneen Iizaabel dhangalaafte hunda haaloo nan baasa.
8 Car toute la maison d'Achab périra. J'exterminerai d'Achab tous ceux qui urinent contre un mur, ceux qui sont enfermés et ceux qui sont en liberté en Israël.
Manni Ahaab guutumaan guutuutti ni bada. Ani dhiira maatii Ahaab kanneen Israaʼel keessatti hafan hunda garbas taʼu birmaduu nan balleessa.
9 Je rendrai la maison d'Achab semblable à la maison de Jéroboam, fils de Nebat, et à la maison de Baescha, fils d'Achija.
Ani mana Ahaab akkuma mana Yerobiʼaam ilma Nebaatii fi akkuma mana Baʼishaan ilma Ahiiyaa sanaa nan godha.
10 Les chiens mangeront Jézabel sur le terrain de Jizreel, et il n'y aura personne pour l'enterrer.'" Puis il ouvrit la porte et s'enfuit.
Iizaabelin immoo sarootatu biyya Yizriʼeel keessatti nyaata; namni tokko iyyuu ishee hin awwaalu.’” Innis ergasii balbala banatee fiige.
11 Lorsque Jéhu sortit vers les serviteurs de son seigneur, l'un d'eux lui dit: « Tout va bien? Pourquoi ce fou est-il venu te voir? » Il leur dit: « Vous connaissez l'homme et sa façon de parler. »
Yehuun gara ajajjuuwwan isa wajjin turan sanaatti gad baanaan isaan keessaa namni tokko, “Wanni hundi nagumaa? Namichi maraatuun kun maaliif si bira dhufe?” jedhee isa gaafate. Yehuunis, “Ati namichaa fi waan inni dubbate ni beekta” jedhee deebiseef.
12 Ils dirent: « C'est un mensonge. Dis-le-nous maintenant. » Il a dit: « Il m'a dit: 'Yahvé dit: je t'ai oint comme roi d'Israël'. »
Isaanis, “Kun dhugaa miti! Nutti himi” jedhaniin. Yehuun, “Wanni inni natti hime kanaa dha; ‘Waaqayyo akkana jedha: Ani Israaʼel irratti mootii godhee si dibeera’” jedhee deebiseef.
13 Alors ils se précipitèrent, et chacun prit son manteau, le mit sous lui en haut de l'escalier, et sonna de la trompette en disant: « Jéhu est roi. »
Isaan dafanii wayyaa isaanii of irraa fuudhanii gulantaawwan duwwaa irra isa jala afan. Ergasii immoo malakata afuufanii, “Yehuun mootii dha!” jedhan.
14 Et Jéhu, fils de Josaphat, fils de Nimshi, conspira contre Joram. (Or Joram défendait Ramoth Galaad, lui et tout Israël, à cause de Hazaël, roi de Syrie;
Kanaafuu Yehuun ilmi Yehooshaafaax ilmi Nimshii Yooraamitti malate. Yeroo sanatti Yooraamii fi Israaʼel hundi Raamooti Giliʼaad irraa Hazaaʼeel mooticha Sooriyaa eegaa turan;
15 mais le roi Joram était revenu se faire guérir à Jizreel des blessures que les Syriens lui avaient faites lorsqu'il avait combattu avec Hazaël, roi de Syrie). Jéhu dit: « Si telle est votre pensée, que personne ne s'échappe et ne sorte de la ville pour aller le raconter à Jizreel. »
Yehooraam mootichi garuu madaa warri Arraam yeroo inni Hazaaʼeel mooticha Arraamiitiin wal loletti isa madeessan sanaaf walʼaansa argachuuf jedhee Yizriʼeelitti deebiʼee ture. Yehuun, “Yoo yaadni kee kana taʼe, akka namni tokko iyyuu magaalaa keessaa gad baʼee dhaqee oduu kana Yizriʼeel keessatti odeessu hin eeyyamin” jedhe.
16 Jéhu monta donc sur un char et se rendit à Jizreel, car Joram y était couché. Achazia, roi de Juda, était descendu pour voir Joram.
Innis ergasii gaarii isaa seenee sababii Yooraam achitti boqochaa jiruu fi sababii Ahaaziyaa mootichi Yihuudaa isa arguuf gad buʼeef Yizriʼeelitti qajeele.
17 Or la sentinelle se tenait sur la tour de Jizreel, et elle aperçut la troupe de Jéhu à son arrivée, et elle dit: « Je vois une troupe. » Joram dit: « Prends un cavalier, envoie à leur rencontre, et qu'il dise: « Est-ce la paix? »".
Eegduun gamoo eegumsaa kan Yizriʼeel keessaa irra dhaabachaa ture sun yommuu loltoota Yehuu kanneen dhufaa jiran argetti, “Ani loltoota dhufaa jiran tokkon arga” jedhee iyye. Yehooraamis, “Abbaa fardaa tokko waamiitii akka inni isaanitti gad baʼee, ‘Isin naguma dhuftanii?’ jedhee isaan gaafatuuf itti ergi” jedhee ajaje.
18 On alla à cheval à sa rencontre et on dit: « Le roi dit: « Est-ce la paix? »" Jéhu dit: « Qu'est-ce que tu as à faire avec la paix? Mets-toi derrière moi! » La sentinelle dit: « Le messager est allé vers eux, mais il ne revient pas. »
Abbaan fardaa sunis Yehuu arguuf gulufee dhaqee, “Mootichi, ‘Isin naguma dhuftanii?’ jedha” jedheen. Yehuun immoo, “Ati nagaa irraa maal qabda? Garagaliitii na duukaa buʼi” jedhee deebise. Eegduun sunis, “Ergamaan isaan bira gaʼeera; garuu as hin deebine” jedhee hime.
19 Alors il envoya un second à cheval, qui vint vers eux et dit: « Le roi dit: « Est-ce la paix? »". Jéhu répondit: « Qu'est-ce que tu as à faire avec la paix? Mets-toi derrière moi! »
Kanaafuu mootichi abbaa fardaa lammaffaa erge. Innis gara isaanii dhaqee, “Mootichi, ‘Isin naguma dhuftanii?’ jedha” jedheen. Yehuun immoo, “Ati nagaa irraa maal qabda? Garagaliitii na duukaa buʼi” jedhee deebise.
20 La sentinelle dit: « Il est venu vers eux, et ne revient pas. La conduite est semblable à celle de Jéhu, fils de Nimshi, car il conduit avec fureur. »
Eegduun sunis, “Inni isaan bira gaʼeera; garuu as hin deebine. Oofichi isaa akkuma ooficha Yehuu ilma Nimshii sanaa ti; inni akkuma nama maraate tokkootti oofaatii” jedhee hime.
21 Joram dit: « Préparez-vous! » Ils préparèrent son char. Alors Joram, roi d'Israël, et Achazia, roi de Juda, sortirent, chacun dans son char; ils allèrent à la rencontre de Jéhu, et le trouvèrent sur le terrain de Naboth, le Jizreélite.
Kana irrati Yehooraam, “Gaarii koo naa qopheessaa” jedhee ajaje. Erga gaariin qopheeffamee booddee Yehooraam mootichi Israaʼelii fi Ahaaziyaan mootichi Yihuudaa, tokkoon tokkoon isaanii gaarii isaanii yaabbatanii Yehuu simachuu dhaqan. Isaanis lafa qotiisaa Naabot namicha Yizriʼeel sanaa keessatti isa argatan.
22 Lorsque Joram vit Jéhu, il dit: « Est-ce la paix, Jéhu? » Il répondit: « Quelle paix, tant que la prostitution de ta mère Jézabel et sa sorcellerie abondent? »
Yehooraam yommuu Yehuu argetti, “Iyyuu, ati naguma dhuftee?” jedhee gaafate. Yehuun immoo, “Hamma sagaagalummaa fi falfalli haadha kee Iizaabel biyya guutee jirutti nagaa maaltu jiraachuu dandaʼa?” jedhee deebise.
23 Joram tourna les mains et s'enfuit, et il dit à Achazia: « C'est de la trahison, Achazia! »
Yehooraam of irra garagalee Ahaaziyaadhaan, “Yaa Ahaaziyaa, wanni kun maltummaa dha!” jedhee baqate.
24 Jéhu tira son arc de toute sa force, et frappa Joram entre les bras; la flèche sortit au cœur, et il s'affaissa dans son char.
Yehuun xiyya isaa darbatee gatiittii Yehooraam gidduu waraane; xiyyi sunis onnee isaa keessa fullaʼe; innis gaarii isaa keessatti kufe.
25 Alors Jéhu dit à Bidkar, son capitaine: « Prends-le et jette-le dans le champ de Naboth, le Jizreélite; car souviens-toi que lorsque toi et moi, nous avons chevauché ensemble après Achab, son père, Yahvé lui a imposé ce fardeau:
Yehuunis ajajaa gaarii isaa Bidqaariin akkana jedhe; “Isa fuudhiitii lafa qotiisaa Naabot namicha Yizriʼeel sanaa keessatti gati. Akka Waaqayyo gaafa anii fi ati gaariidhaan Ahaab abbaa isaa duubaan gulufaa turre sana akkana jedhee waaʼee isaa raajii dubbate yaadadhu:
26 Hier, j'ai vu le sang de Naboth et le sang de ses fils, dit Yahvé, et je te le rendrai dans ce champ, dit Yahvé. Maintenant, prends-le et jette-le sur le champ, selon la parole de Yahvé. »
‘Ani kaleessa dhiiga Naabotiitii fi dhiiga ilmaan isaa argeera, jedha Waaqayyo; ani dhugumaan akka ati gatii dhiiga sanaa lafa qotiisaa sana irratti baaftu nan godha’ jedha Waaqayyo. Egaa amma isa fuudhiitii akkuma dubbii Waaqayyootti lafa qotiisaa sana keessatti isa gati.”
27 Mais Achazia, roi de Juda, voyant cela, s'enfuit par le chemin de la maison du jardin. Jéhu le suivit, et dit: « Frappez-le aussi dans le char! » Ils le frappèrent à la montée de Gur, qui est près d'Ibleam. Il s'enfuit à Megiddo, où il mourut.
Ahaaziyaa mootichi Yihuudaa yommuu waan kana argetti karaa Beet Hagaanitti geessuun baqate. Yehuun, “Isas ajjeesaa!” jedhee iyyaa isa ariʼe. Isaanis karaa Guuritti geessu irratti Yibleʼaam biratti isa madeessan; inni garuu Megidootti baqatee achitti duʼe.
28 Ses serviteurs le transportèrent dans un char jusqu'à Jérusalem, et l'enterrèrent dans son tombeau avec ses pères, dans la ville de David.
Tajaajiltoonni isaa gaariidhaan Yerusaalemitti isa geessanii awwaala isaa kan Magaalaa Daawit keessaatti abbootii isaa biratti isa awwaalan.
29 La onzième année de Joram, fils d'Achab, Achazia commença à régner sur Juda.
Bara Yooraam ilma Ahaab keessa waggaa kudha tokkoffaatti Ahaaziyaan mootii Yihuudaa taʼe.
30 Lorsque Jéhu fut arrivé à Jizreel, Jézabel l'apprit; elle se peignit les yeux, s'orna la tête, et regarda par la fenêtre.
Ergasii Yehuun kaʼee Yizriʼeel dhaqe. Iizaabel yommuu waan kana dhageessetti ija ishee kuulattee mataa dhaʼattee foddaa keessaan ala ilaalte.
31 Comme Jéhu entrait par la porte, elle dit: « Viens-tu en paix, Zimri, meurtrier de ton maître? »
Akkuma Yehuun karraan ol seeneen Iizaabel, “Zimrii, ati namichi gooftaa kee ajjeefte naguma dhuftee?” jetteen.
32 Il leva son visage vers la fenêtre, et dit: « Qui est de mon côté? Qui? » Deux ou trois eunuques l'ont regardé.
Innis foddaa sana keessaan ol ilaalee, “Eenyutu na bira jira? Eenyuu dha?” jedhe. Xuʼaashiiwwan lama yookaan sadii taʼan gara isaa gad ilaalan.
33 Il a dit: « Jette-la par terre! » Ils la jetèrent à terre, et une partie de son sang fut répandue sur le mur et sur les chevaux. Puis il la foula aux pieds.
Yehuun, “Ishee gad darbadhaa!” jedheen. Kanaafuu isaan gad ishee darbatan; akkasiin dhiigni ishee keenyan manaatii fi fardeen kotteedhaan ishee irra yaaʼan sanatti faffacaʼe.
34 Quand il fut entré, il mangea et but. Puis il dit: « Occupez-vous maintenant de cette femme maudite, et enterrez-la, car c'est la fille d'un roi. »
Yehuun ol seenee waa nyaatee dhuge. Innis, “Dubartii abaaramtuu kana fuudhaatii awwaalaa; isheen intala mootii turteetii” jedhe.
35 Ils allèrent l`enterrer, mais ils ne trouvèrent d`elle que le crâne, les pieds et les paumes des mains.
Isaan garuu yeroo ishee awwaaluuf gad baʼanitti buqqee mataa ishee, harkaa fi miilla ishee malee waan tokko illee hin argine.
36 Elles revinrent donc, et le lui dirent. Il dit: « C'est ici la parole de Yahvé, qu'il a prononcée par son serviteur Élie, le Tishbite, en disant: « Les chiens mangeront la chair de Jézabel sur le terrain de Jizreel,
Isaanis deebiʼanii Yehuutti himan; innis akkana jedhe; “Kun dubbii Waaqayyo karaa garbicha isaa Eeliyaas namicha Tishbii sanaatiin akkana jedhee dubbatee dha: Lafa qotiisaa Yizriʼeel keessaa tokko irratti saroonni foon Iizaabel ni nyaatu.
37 et le corps de Jézabel sera comme du fumier à la surface des champs, sur le terrain de Jizreel, afin qu'on ne dise pas: « C'est Jézabel »".
Reeffi Iizaabelis akka namni tokko iyyuu, ‘Kun Iizaabel’ jechuu hin dandeenyeef lafa qotiisaa Yizriʼeel keessaa tokko irratti akkuma kosii taʼa.”

< 2 Rois 9 >