< 2 Rois 13 >

1 La vingt-troisième année de Joas, fils d'Achazia, roi de Juda, Joachaz, fils de Jéhu, régna sur Israël à Samarie pendant dix-sept ans.
Bara mootummaa Yooʼaash ilma Ahaaziyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa digdamii sadaffaatti Yehooʼaahaaz ilmi Yehuu Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa kudha torba bulche.
2 Il fit ce qui est mal aux yeux de Yahvé et suivit les péchés de Jéroboam, fils de Nebat, par lesquels il avait fait pécher Israël. Il ne s'en détourna pas.
Inni cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka sabni Israaʼel hojjetu godhe sana duukaa buʼuudhaan fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete; cubbuu sana irraas hin deebine.
3 La colère de Yahvé s'enflamma contre Israël, et il le livra sans cesse entre les mains de Hazaël, roi de Syrie, et entre les mains de Benhadad, fils de Hazaël.
Kanaafuu dheekkamsi Waaqayyoo Waaqaa Israaʼelitti ni bobaʼe; innis yeroo dheeraadhaaf dabarsee harka Hazaaʼeel mooticha Sooriyaattii fi harka ilma isaa Ben-Hadaadiitti isaan kenne.
4 Joachaz supplia l'Éternel, et l'Éternel l'exauça, car il vit l'oppression d'Israël, comment le roi de Syrie l'opprimait.
Yehooʼaahaaz fuula Waaqayyoo barbaaddate; Waaqayyos akka mootiin Sooriyaa sun akka malee Israaʼelin cunqurse argee kadhaa isaa dhagaʼeef.
5 (Yahvé donna à Israël un sauveur, de sorte qu'ils sortirent de dessous la main des Syriens; et les enfants d'Israël habitèrent dans leurs tentes comme auparavant.
Waaqayyos nama isaan baraaru tokko Israaʼeliif kenne; akkasiin isaan harka warra Sooriyaa jalaa ni baʼan. Kanaafuu Israaʼeloonni akkuma duraatti dunkaana isaanii keessa jiraatan.
6 Mais ils ne se détournèrent pas des péchés de la maison de Jéroboam, par lesquels il avait fait pécher Israël, et ils y marchèrent; et l'idole d'Astarté resta aussi à Samarie).
Isaan garuu cubbuu mana Yerobiʼaam kan inni akka Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine; ittuma fufanii keessa jiraatan. Siidaan Aasheeraas Samaariyaa keessa dhaabatee hafe.
7 Car il ne laissa pas à Joachaz du peuple plus de cinquante cavaliers, dix chars et dix mille hommes de pied; car le roi de Syrie les détruisit et les rendit comme la poussière du battage.
Loltoota Yehooʼaahaaz keessaa loltoota fardaa shantama, gaariiwwan kudhanii fi loltoota lafoo kuma kudhan malee tokko iyyuu hin hafne; mootiin Sooriyaa warra kaan hunda balleessee akkuma awwaara yeroo midhaan dhaʼanii isaan godhee tureetii.
8 Le reste des actes de Joachaz, tout ce qu'il a fait, et sa puissance, cela n'est-il pas écrit dans le livre des chroniques des rois d'Israël?
Wanni bara mootummaa Yehooʼaahaaz keessa hojjetame biraa, wanni inni hojjete hundii fi jabinni isaa kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera mitii?
9 Joachaz se coucha avec ses pères, et on l'enterra à Samarie; et Joas, son fils, régna à sa place.
Yehooʼaahaaz abbootii isaa wajjin boqotee Samaariyaa keessatti ni awwaalame. Yooʼaash ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
10 La trente-septième année de Joas, roi de Juda, Joas, fils de Joachaz, régna sur Israël à Samarie pendant seize ans.
Bara Yooʼaash mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii torbaffaatti Yooʼaash ilmi Yehooʼaahaaz Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa kudha jaʼa isaan bulche.
11 Il fit ce qui est mal aux yeux de Yahvé. Il ne se détourna pas de tous les péchés de Jéroboam, fils de Nebath, par lesquels il avait fait pécher Israël, mais il y marcha.
Inni fuula Waaqayyoo duratti cubbuu hojjetee cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka sabni Israaʼel hojjetu godhe sana keessaa tokko irraa iyyuu hin deebine; innis ittuma fufee cubbuu keessa jiraate.
12 Le reste des actes de Joas, tout ce qu'il a fait, et la force avec laquelle il a combattu contre Amatsia, roi de Juda, cela n'est-il pas écrit dans le livre des Chroniques des rois d'Israël?
Wantoonni bara mootummaa Yooʼaash keessa hojjetaman biraa, wanni inni hojjete hundii fi jabinni isaa, waraanni inni Amasiyaa mooticha Yihuudaa irratti deemsises kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
13 Joas se coucha avec ses pères, et Jéroboam s'assit sur son trône. Joas a été enterré à Samarie avec les rois d'Israël.
Yooʼaash abbootii isaa wajjin boqotee Yerobiʼaam iddoo isaa buʼee teessoo irra taaʼe. Yooʼaash Samaariyaa keessatti mootota Israaʼel biratti ni awwaalame.
14 Or Élisée fut atteint de la maladie dont il mourut; et Joas, roi d'Israël, descendit auprès de lui, et pleura sur lui, en disant: « Mon père, mon père, les chars d'Israël et ses cavaliers! »
Yeroo kanatti Elsaaʼi dhukkuba duʼaan isa gaʼuun dhiphachaa ture. Yooʼaash mootichi Israaʼel isa ilaaluu gad buʼee isatti booʼe. Innis, “Yaa abbaa koo! Yaa abbaa koo! Yaa gaariiwwanii fi yaa abbootii fardaa Israaʼel!” jedhee iyye.
15 Elisée lui dit: « Prends un arc et des flèches »; et il prit un arc et des flèches pour lui-même.
Elsaaʼi, “Iddaa fi xiyya wayii fudhadhu” jedheen; innis ni fudhate.
16 Il dit au roi d'Israël: « Pose ta main sur l'arc », et il posa sa main dessus. Élisée posa ses mains sur les mains du roi.
Elsaaʼi immoo mooticha Israaʼeliin, “Iddaa harkatti qabadhu” jedhe; inni fuunaan Elsaaʼi harka ofii isaa fuudhee harka mootichaa irra kaaʼe.
17 Il dit: « Ouvre la fenêtre à l'orient », et il l'ouvrit. Puis Élisée dit: « Tirez! » et il tira. Il dit: « La flèche de la victoire de Yahvé, la flèche de la victoire sur la Syrie; car tu vas frapper les Syriens à Aphek jusqu'à ce que tu les aies consumés. »
Elsaaʼi, “Foddaa karaa baʼa biiftuu bani” jedheen; innis ni bane. Elsaaʼi, “Xiyya darbadhu!” jedhe; mootichis ni darbate. Elsaaʼis, “Xiyya moʼannoo Waaqayyoo, xiyya warra Sooriyaa moʼatu!” jedhe. Elsaaʼis, “Ati Afeeqitti warra Sooriyaa guutumaan guutuutti ni barbadeessita” jedhee labse.
18 Il dit: « Prends les flèches », et il les prit. Il dit au roi d'Israël: « Frappe le sol »; il frappa trois fois, puis s'arrêta.
Innis ergasii, “Xiyya fudhadhu” jedheen; mootichis ni fudhate. Elsaaʼis “Lafa rukuti” jedheen; mootichis yeroo sadii lafa rukute.
19 L'homme de Dieu se mit en colère contre lui et dit: « Tu aurais dû frapper cinq ou six fois. Puis tu aurais frappé la Syrie jusqu'à ce que tu l'aies consumée, mais maintenant tu ne frapperas la Syrie que trois fois. »
Namni Waaqaa sunis isatti aaree akkana jedhe; “Ati yeroo shan yookaan jaʼa lafa rukutuu qabda; silaa warra Sooriyaa moʼattee guutumaan guutuutti isaan balleessita turte. Amma garuu yeroo sadii qofa isaan moʼatta.”
20 Élisée mourut, et on l'enterra. Or les bandes des Moabites envahirent le pays à l'approche de l'année.
Elsaaʼi duʼee awwaalame. Yeroo sana Moʼaabonni saamtonni birraa birraa dhufanii biyyattii saamu ture.
21 Comme ils enterraient un homme, voici qu'ils aperçurent une bande de pillards, et ils jetèrent l'homme dans le tombeau d'Elisée. Dès que l'homme toucha les ossements d'Elisée, il revint à la vie et se leva sur ses pieds.
Gaaf tokko warri Israaʼel utuu namicha duʼe tokko awwaaluutti jiranuu garee saamtotaa tokko argan; kanaafuu reeffa namichaa awwaala Elsaaʼitti darbatan. Reeffi sun lafee Elsaaʼi tuqnaan namichi sun duʼaa kaʼee miiluma ofii isaatiin dhaabate.
22 Hazaël, roi de Syrie, opprima Israël pendant toute la durée de Joachaz.
Hazaaʼeel mootichi Sooriyaa bara mootummaa Yehooʼaahaaz guutuu Israaʼelin cunqurse.
23 Mais Yahvé leur fit grâce et eut compassion d'eux, il les favorisa à cause de son alliance avec Abraham, Isaac et Jacob, il ne voulut pas les détruire et ne les chassa pas encore de sa présence.
Waaqayyo garuu sababii kakuu Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoob wajjin galee ture sanaatiif jedhee isaanii arjoome; garaas isaaniif laafee fuula isaa gara isaaniitti deebifate. Hamma harʼaattis fuula ofii isaa duraa isaan barbadeessuu yookaan gatuu hin feene.
24 Hazaël, roi de Syrie, mourut; et Benhadad, son fils, régna à sa place.
Hazaaʼeel mootichi Sooriyaa duʼee Ben-Hadaad ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
25 Joas, fils de Joachaz, reprit de la main de Benhadad, fils de Hazaël, les villes qu'il avait enlevées de la main de Joachaz, son père, par la guerre. Joas le frappa trois fois, et il recouvra les villes d'Israël.
Yooʼaash ilmi Yehooʼaahaaz magaalaawwan inni waraana keessatti abbaa isaa Yehooʼaahaaz irraa fudhatee ture hunda Ben-Hadaad ilma Hazaaʼeel irraa deebisee fudhate. Yahooʼasis yeroo sadii isa moʼatee akkasiin magaalaawwan Israaʼel deebise.

< 2 Rois 13 >