< 1 Samuel 8 >

1 Lorsque Samuel fut âgé, il établit ses fils comme juges sur Israël.
Saamuʼeel yeroo dulloometti ilmaan isaa abbootii murtii godhee Israaʼeliif muude.
2 Or le nom de son premier-né était Joël, et le nom de son second, Abija. Ils étaient juges à Beersheba.
Maqaan ilma isaa hangaftichaa Yooʼeel, kan isa lammaffaa immoo Abiyaa jedhama; isaanis Bersheebaa keessatti abbootii murtii turan.
3 Ses fils ne marchèrent pas dans ses voies, mais se détournèrent vers des gains malhonnêtes, acceptèrent des pots-de-vin et pervertirent la justice.
Ilmaan isaa garuu fakkeenya abbaa isaanii duukaa hin buune. Buʼaa hin malle argachuuf jedhanii mattaʼaa fudhatan; murtiis jalʼisan.
4 Alors tous les anciens d'Israël se rassemblèrent et vinrent trouver Samuel à Rama.
Kanaafuu maanguddoonni Israaʼel wal gaʼanii Saamuʼeel bira gara Raamaa dhufan;
5 Ils lui dirent: « Voici, tu es vieux, et tes fils ne marchent pas dans tes voies. Maintenant, fais-nous un roi pour nous juger comme toutes les nations. »
isaanis, “Ati dulloomteerta; ilmaan kee immoo fakkeenya kee duukaa hin buune; akkuma saboonni kaan hundi mootii qaban sana mootii nu bulchu nuu muudi” jedhaniin.
6 Mais ce qui déplut à Samuel, c'est qu'ils dirent: « Donne-nous un roi pour nous juger. » Samuel pria Yahvé.
Garuu, “Mootii nu bulchu nuuf muudi” jechuun isaanii waan Saamuʼeelin hin gammachiisiniif inni Waaqayyoon kadhate.
7 Yahvé dit à Samuel: « Écoute la voix du peuple dans tout ce qu'il te dira, car ce n'est pas toi qu'il a rejeté, mais c'est moi qu'il a rejeté comme roi sur lui.
Waaqayyos akkana isaan jedhe; “Waan sabni sun siin jedhu hunda dhagaʼi; isaan akka ani mootii isaanii hin taaneef na tuffatan malee si hin tuffanne.
8 Ils ont fait tout ce qu'ils ont fait depuis le jour où je les ai fait monter d'Égypte jusqu'à ce jour, en m'abandonnant et en servant d'autres dieux, et ils te feront de même.
Isaan waanuma gaafa ani Gibxii isaan baasee jalqabee hamma harʼaatti na dhiisanii waaqota gara biraa tajaajiluudhaan natti hojjetan sana sittis hojjechaa jiru.
9 Maintenant donc, écoutez leur voix. Cependant, tu protesteras solennellement auprès d'eux, et tu leur indiqueras la voie du roi qui régnera sur eux. »
Egaa amma waan isaan jedhan dhagaʼi; garuu sirriitti isaan akeekkachiisiitii haala mootii isaan irratti mooʼu sanaa isaanitti himi.”
10 Samuel rapporta toutes les paroles de Yahvé au peuple qui lui demandait un roi.
Saamuʼeelis dubbii Waaqayyoo hunda namoota akka mootiin isaaniif moosifamuuf gaafatan sanatti hime.
11 Il dit: « Voici comment agira le roi qui régnera sur vous: il prendra vos fils et les mettra à son service, pour ses chars et pour être ses cavaliers; et ils courront devant ses chars.
Akkanas isaaniin jedhe; “Wanni mootiin isin irratti mooʼu sun godhu kana: Inni ilmaan keessan fudhatee akka isaan gaariiwwan isaa irra tajaajilan godha; abbootii fardaas isaan godhata; isaanis gaariiwwan isaa dura fiigu.
12 Il les nommera chefs de milliers et chefs de cinquantaines, et il en chargera de labourer son sol et de moissonner sa récolte, de fabriquer ses instruments de guerre et les instruments de ses chars.
Gariin isaanii ajajjuuwwan kumaa, gariin isaanii immoo ajajjuuwwan shantamaa, kaan immoo akka isaan lafa isaa qotanii midhaan isaa walitti qaban godha; warra hafanis akka isaan miʼa lolaatii fi miʼa gaariiwwan isaa hojjetan godha.
13 Il prendra tes filles pour en faire des parfumeuses, des cuisinières et des boulangères.
Intallan keessan fudhatee qopheessitoota dibata urgaaʼaa, qopheessitoota ittoo fi tolchitoota buddeenaa godhata.
14 Il prendra tes champs, tes vignes et tes oliviers, même tes meilleurs, et les donnera à ses serviteurs.
Lafa qotiisaa keessan isa filatamaa, iddoo dhaabaa wayiniitii fi iddoo itti ejersa cuunfan isin irraa fudhatee hojjettoota isaatiif kenna.
15 Il prendra le dixième de tes semences et de tes vignes, et le donnera à ses officiers et à ses serviteurs.
Midhaanii fi ija wayinii keessanii harka kudhan keessaa harka tokko fuudhee qondaaltota isaatii fi hojjettoota isaatiif kenna.
16 Il prendra tes serviteurs, tes servantes, tes meilleurs jeunes gens et tes ânes, et les affectera à son propre travail.
Garboota dhiiraatii fi garboota dubartii, horii gagaarii fi harroota keessan fudhatee hojii ofii irratti bobbaafata.
17 Il prendra le dixième de vos troupeaux, et vous serez ses esclaves.
Bushaayee keessan keessaa harka kudhan keessaa harka tokko ni fudhata; isin mataan keessanuu garboota isaa taatu.
18 Vous crierez en ce jour-là à cause de votre roi que vous vous serez choisi, et Yahvé ne vous répondra pas en ce jour-là. »
Gaafas isin mootii keessan isa ofii keessaniif filattan sana jalaa furamuuf ni iyyitu; garuu guyyaa sana Waaqayyo deebii isinii hin kennu.”
19 Mais le peuple refusa d'écouter la voix de Samuel, et ils dirent: « Non, mais nous aurons un roi sur nous,
Namoonni sun garuu Saamuʼeelin dhagaʼuu didanii akkana jedhan; “Hin taʼu! Nu mootii nu bulchu feena.
20 afin que nous soyons aussi comme toutes les nations, et que notre roi nous juge, qu'il sorte devant nous et qu'il mène nos combats. »
Ergasiis akkuma saboota kaanii taana; mootiin keenyas nu hooggana; nu dura baʼees lola keenya nuu lola.”
21 Samuel entendit toutes les paroles du peuple, et il les répéta aux oreilles de l'Éternel.
Saamuʼeel yeroo waan namoonni sun jedhan hunda dhagaʼetti fuula Waaqayyoo duratti waanuma sana deebisee dubbate.
22 Yahvé dit à Samuel: « Écoute leur voix, et fais-leur un roi. » Samuel dit aux hommes d'Israël: « Retournez chacun dans votre ville. »
Waaqayyos Saamuʼeeliin, “Waan isaan jedhan dhagaʼiitii mootii moosisiif” jedhe. Saamuʼeelis namoota Israaʼeliin, “Tokkoon tokkoon keessan magaalaa keessanitti deebiʼaa” jedhe.

< 1 Samuel 8 >