< 1 Chroniques 13 >

1 David consulta les chefs de milliers et de centaines, et tous les chefs.
Daawit ajajjoota isaa hunda ajajjoota kumaatii fi ajajjoota dhibbaa wajjin ni mariʼate.
2 David dit à toute l'assemblée d'Israël: « Si cela vous paraît bon et si c'est l'avis de l'Éternel, notre Dieu, envoyons partout des messages à nos frères qui sont restés dans tout le pays d'Israël, avec lesquels les prêtres et les lévites sont dans leurs villes qui ont des pâturages, afin qu'ils se rassemblent auprès de nous.
Ergasii inni yaaʼii Israaʼel guutuudhaan akkana jedhe; “Yoo wanni kun waan gaarii isinitti fakkaatee fi yoo fedhii Waaqayyo Waaqa keenyaa taʼe, kottaa mee akka isaan dhufanii nutti dabalamaniif obboloota keenya kanneen guutummaa biyya Israaʼel keessatti hafanitti akkasumas lubootaa fi Lewwota isaan wajjin magaalaawwanii fi lafa dheeda isaanii keessa jiraatanitti ergaa haa erginu.
3 Et aussi, ramenons chez nous l'arche de notre Dieu, car nous ne l'avons pas cherchée du temps de Saül. »
Taabota Waaqa keenyaa deebifnee haa fidannu; nu bara mootummaa Saaʼol keessa isa hin barbaaneetii.”
4 Toute l'assemblée répondit qu'elle le ferait, car la chose était bonne aux yeux de tout le peuple.
Sababii wanni kun saba hundatti waan qajeelaa fakkaateef guutummaan yaaʼii sanaa waan kana gochuudhaaf walii gale.
5 Et David rassembla tout Israël, depuis le fleuve Shihor en Égypte jusqu'à l'entrée de Hamath, pour faire venir l'arche de Dieu de Kiriath Jearim.
Kanaafuu Daawit taabota Waaqaa Kiriyaati Yeʼaariimii fiduudhaaf Israaʼeloota Laga Shihoorii kan biyya Gibxiitti argamuu jalqabee hamma karra Hamaatiitti jiran hunda walitti qabe.
6 David monta avec tout Israël à Baala, c'est-à-dire à Kiriath Jearim, qui appartenait à Juda, pour faire monter de là l'arche de Dieu Yahvé, qui est assise au-dessus des chérubins et qui porte le nom de Yahvé.
Daawitii fi Israaʼeloonni isa wajjin turan hundi taabota Waaqa kiirubeelii gidduu teessoo irra jiru sanaa jechuunis taabota Maqaa Waaqayyootiin waamamu sana achii fiduuf jedhanii gara Baʼaalaa jechuunis gara Kiriyaati Yeʼaariim ishee Yihuudaa keessaa sanaa ni dhaqan.
7 Ils portèrent l'arche de Dieu sur un char neuf, et l'amenèrent de la maison d'Abinadab; Uzza et Ahio conduisaient le char.
Isaanis taabota Waaqaa sana gaarii haaraatti feʼanii mana Abiinaadaabiitii ni baasan; Uzaa fi Ahiiyoon gaarii sana oofaa turan.
8 David et tout Israël jouèrent devant Dieu de toute leur force, avec des chants, avec des harpes, avec des instruments à cordes, avec des tambourins, avec des cymbales et avec des trompettes.
Daawitii fi Israaʼeloonni hundinuu humna isaanii guutuudhaan faarfannaa fi baganaadhaan, kiraaraa fi dibbeedhaan, kilillee fi malakataan fuula Waaqaa duratti gammadanii shuubbisaa.
9 Lorsqu'ils arrivèrent à l'aire de Chidon, Uzza étendit la main pour tenir l'arche, car les bœufs trébuchaient.
Yommuu isaan oobdii Kiidoon bira gaʼanitti waan sangoonni gufataniif Uzaan taabota sana qabuuf harka isaa hiixate.
10 La colère de Yahvé s'enflamma contre Uzza, et il le frappa parce qu'il avait mis la main sur l'arche; et il mourut là, devant Dieu.
Sababii Uzaan taabota irra harka isaa kaaʼeef dheekkamsi Waaqayyoo Uzaatti bobaʼe; innis isa rukute; kanaafuu inni achumatti fuula Waaqaa duratti ni duʼe.
11 David fut mécontent, car Yahvé s'était déchaîné contre Uzza. Il appela ce lieu Perez Uzza, jusqu'à ce jour.
Daawitis sababii Waaqayyo akka malee Uzaatti dheekkameef ni aare; iddoon sun hamma harʼaatti Phereez Uzaa jedhamee waamama.
12 Ce jour-là, David eut peur de Dieu et dit: « Comment pourrais-je ramener chez moi l'arche de Dieu? »
Daawitis gaafa sana Waaqa sodaatee, “Ani akkamittan taabota Waaqaa gara mana kootti fiduu dandaʼa?” jedhee gaafate.
13 David ne transporta donc pas l'arche avec lui dans la ville de David, mais il la porta à l'écart, dans la maison d'Obed-Edom, le Gittien.
Innis akka taabonni isa wajjin Magaalaa Daawit keessa jiraatuuf ofitti hin fudhanne. Qooda kanaa gara mana Oobeed Edoom namicha Gitii sanaatti geesse.
14 L'arche de Dieu resta trois mois dans la maison d'Obed-Edom, et Yahvé bénit la maison d'Obed-Edom et tout ce qui lui appartenait.
Taabonni Waaqaas jiʼa sadii maatii Oobeed Edoom wajjin mana isaa keessa ture; Waaqayyos warra mana isaa jiraatanii fi waan inni qabu hunda ni eebbise.

< 1 Chroniques 13 >