< Ʋɔnudrɔ̃lawo 17 >

1 Ŋutsu aɖe nɔ Efraim ƒe tonyigba dzi, eŋkɔe nye Mika.
Namicha biyya gaara Efreem keessa jiraatu kan maqaan isaa Miikaayaa jedhamu tokkotu ture;
2 Gbe ɖeka la, Mika gblɔ na dadaa be, “Wò klosalo akpe ɖeka kple alafa si nèbe ame aɖe fi, eye nèle fi ƒom le amea dem lae nye esi. Nyee fii.” Dadaa gblɔ nɛ be, “Mawu nayra wò le ale si nèʋu eme nam la ta.”
innis haadha isaatiin, “Meetiin kuma tokkoo fi dhibba tokko ulfaatu kan si duraa badee ani utuu ati nama si jalaa fudhate abaartuu dhagaʼe sun na bira jira; kan fudhates anuma” jedhe. Haati isaas, “Yaa ilma ko, Waaqayyo si haa eebbisu” jetteen.
3 Mika trɔ ga la na dadaa eye dadaa gblɔ nɛ be, “Makɔ ga la ŋu atsɔ na Aƒetɔ la ɖe tawò. Mana woawɔ aklamakpakpɛ aɖe na wò eye woafa klosalo ɖe eŋu.”
Yommuu inni meetii kuma tokkoo fi dhibba tokko sana deebisee haadha isaatti kennettis, haati isaa, “Akka ilmi koo fakkii meetiin itti uffifame ittiin hojjetuuf ani meetii koo Waaqayyoof addaan baaseera. Ani ammas deebisee sittin kenna” jetteen.
4 Dadaa tsɔ klosalo alafa eve na klosaloɖaŋuwɔla aɖe wòwɔ aklamakpakpɛ aɖe da ɖe Mika ƒe aƒe me.
Kanaafuu inni meetii sana deebisee haadha isaatiif kenne; isheenis meetii dhibba lama fuutee tumtuu meetiitti kennite; tumtuun sunis fakkii fi Waaqa tolfamaa ittiin hojjete. Fakkii fi Waaqni tolfamaan sunis mana Miikaayaa keessa kaaʼaman.
5 Legba la ƒe ha ƒomevi vovovowo nɔ Mika si eye wòtsɔ via ɖeka ɖo wo nunɔlae.
Namichi Miikaa jedhamu kunis galma Waaqa tolfamaa qaba ture; innis dirataa fi waaqota tolfamoo tokko tokko tolchee ilmaan isaa keessaa nama tokko luba godhate.
6 Le ŋkeke mawo me la, fia aɖeke menɔ Israel o eya ta ame sia ame wɔa nu sia nu si dze eŋu.
Bara sana Israaʼel keessa mootiin hin jiru ture; tokkoon tokkoon namaa waanuma isatti tole hojjeta ture.
7 Ɖekakpui aɖe si nye Levitɔ la nɔ Betlehem le Yuda,
Yeroo sanatti biyya Yihuudaa keessa dargaggeessa gosa Lewwii kan Beetlihem keessa gosa Yihuudaa gidduu jiraatu tokkotu ture.
8 edzo le Betlehem be yeadi teƒe bubu aɖe anɔ. Le eƒe mɔzɔzɔ me la, eva ɖo Mika ƒe aƒe me le Efraim ƒe tonyigba dzi.
Innis iddoo jireenyaa kan biraa barbaaduuf jedhee magaalaa sana dhiisee deeme. Utuma deemuus gara biyya gaaraa Efreem mana Miikaa dhufe.
9 Mika biae be, “Afi ka nètso?” Amedzro la ɖo eŋu be, “Levitɔe menye metso Betlehem le Yuda, mele teƒe nyui aɖe dim manɔ.”
Miikaanis, “Ati eessaa dhufte?” jedhee isa gaafate. Innis, “Ani nama Lewwii kan Beetlihem biyya Yihuudaatii dhufee iddoo jireenyaa barbaaduu dha” jedheen.
10 Mika gblɔ nɛ be, “Nɔ gbɔnye eye nànye fofo kple nunɔla nam. Mana klosalo ewo wò ƒe sia ƒe hekpe ɖe wò nudodo, nuɖuɖu kple dɔƒe ŋu.” Levitɔ la lɔ̃ eye wòtsi anyi.
Miikaanis, “Na wajjin jiraadhuutii abbaa fi luba naa taʼi; anis waggaatti meetii kudhan siif kenna; uffata keetii fi nyaata kees nan dandaʼa” isaan jedhe.
11 Enɔ na Mika abe via ŋutsuwo dometɔ ɖeka ene.
Kanaafuu Lewwichi sun isa wajjin jiraachuuf walii gale; dargaggeessi sunis Miikaadhaaf ilmaan isaa keessaa akkuma nama tokkoo taʼe.
12 Mika kɔ ɖekakpui la ŋu eye wòzu nunɔla nɛ.
Miikaanis dargaggeessa Lewwii sana muudate; innis luba isaa taʼee mana isaa jiraate.
13 Mika gblɔ be, “Menyae be Yehowa ayram azɔ elabena Levitɔ aɖee nye nunɔla le nye aƒe me.”
Miikaanis, “Erga Lewwichi kun luba koo taʼe, ani akka Waaqayyo waan gaarii naa godhu nan beeka” jedhe.

< Ʋɔnudrɔ̃lawo 17 >