< Plorkanto 5 >

1 Rememoru, ho Eternulo, kio fariĝis al ni; Rigardu kaj vidu nian malhonoron!
Yaa Waaqayyo, waan nurra gaʼe yaadadhu; ilaali; salphina keenyas argi.
2 Nia heredaĵo transiris al fremduloj, Niaj domoj al aligentuloj.
Handhuuraan keenya alagootaaf, manneen keenyas Namoota Ormaatiif dabarfamanii kennamaniiru.
3 Ni fariĝis orfoj senpatraj, Niaj patrinoj estas kiel vidvinoj.
Nu ijoollee abbaa hin qabne taane; haadhonni keenya immoo haadhota hiyyeessaa taʼaniiru.
4 Nian akvon ni trinkas pro mono; Nian lignon ni ricevas nur pro pago.
Nu bishaan dhugnuuf kaffaluu qabna turre; qoraan illee bittaa qofaan arganna.
5 Oni pelas nin je nia kolo; Ni laciĝis, sed oni ne permesas al ni ripozi.
Warri nu ariʼan koomee keenya bira jiru; nu dadhabneerra; boqonnaas hin qabnu.
6 Al Egiptujo ni etendis la manon, Al Asirio, por satiĝi per pano.
Nu buddeena gaʼaa argachuuf jennee warra Gibxittii fi warra Asooritti harka kennine;
7 Niaj patroj pekis, sed ili jam ne ekzistas; Kaj ni devas suferi pro iliaj malbonagoj.
Abbootiin keenya cubbuu hojjetanii darban; nu immoo adabbii isaanii baanne.
8 Sklavoj regas super ni; Kaj neniu liberigas nin el iliaj manoj.
Garbootatu nu bulcha; namni harka isaaniitii bilisa nu baasu tokko iyyuu hin jiru.
9 Kun danĝero por nia vivo ni akiras nian panon, Pro la glavo en la dezerto.
Sababii goraadee gammoojjii jiruutiin lubbuu keenya balaaf saaxillee buddeena arganna.
10 Nia haŭto varmegiĝis kiel forno, Por la kruela malsato.
Gogaan keenya sababii beelaatiin akkuma badaa ibiddaa hoʼa.
11 La virinojn en Cion ili senhonorigis, La virgulinojn en la urboj de Judujo.
Xiyoon keessatti dubartoonni, magaalaawwan Yihuudaa keessattis dubarran qulqulluun humnaan gudeedaman.
12 La princoj estas pendigitaj je siaj manoj; La maljunulojn oni ne respektis.
Ilmaan moototaa harka isaaniitiin fannifamaniiru; maanguddoonni ulfina hin arganne.
13 La junuloj devas porti muelŝtonojn; La knaboj falas sub la lignoŝarĝoj.
Gaʼeessonni akka midhaan daakan dirqisiifaman; ijoolleen dhiiraa muka baachuun gatantaran.
14 La maljunuloj jam ne sidas ĉe la pordegoj, La junuloj jam ne kantas.
Maanguddoonni karra magaalaa duraa deemaniiru; dargaggoonnis weedduu isaanii dhiisaniiru.
15 Malaperis la gajeco de nia koro; Niaj dancrondoj aliformiĝis en funebron.
Gammachuun garaa keenya keessaa badeera; shuubbisuun keenyas booʼichatti geeddarameera.
16 Defalis la krono de nia kapo; Ho ve al ni, ke ni pekis!
Gonfoon mataa keenya irraa buʼeera. Nuuf wayyoo; nu cubbuu hojjenneerraatii!
17 Pro tio senfortiĝis nia koro, Pro tio senlumiĝis niaj okuloj:
Sababii waan kanaatiif onneen keenya ni gaggabe; sababii waan kanaatiif immoo iji keenya dadhabe;
18 Pro la monto Cion, ke ĝi fariĝis dezerta, Ke vulpoj vagas sur ĝi.
Tulluun Xiyoon kan onee hafe sun lafa waangoonni irra burraaqan taʼeeraatii.
19 Sed Vi, ho Eternulo, kiu restas eterne Kaj kies trono staras de generacio al generacio,
Yaa Waaqayyo, ati bara baraan bulchi; teessoon kees dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa.
20 Kial Vi forgesis nin kvazaŭ por eterne, Forlasis nin por longa tempo?
Ati maaliif guutumaan guutuutti nu irraanfatta? Maaliif bara dheeraas nu dhiifta?
21 Reirigu nin, ho Eternulo, al Vi, ke ni revenu; Renovigu niajn tagojn kiel en la tempo antaŭa.
Yaa Waaqayyo, akka nu deebinuuf ofitti nu deebisi; bara keenya illee akkuma duriitti haaromsi.
22 Ĉar ĉu Vi nin tute forpuŝis? Vi tre forte ekkoleris kontraŭ ni.
Ati yoo guutumaan guutuutti nu gatuu baatte, yoo akka malees nutti dheekkamuu baatte waan kana godhi.

< Plorkanto 5 >