< Psalms 119 >

1 [Aleph.] O the happiness of those perfect in the way, They are walking in the law of Jehovah,
Warri jireenyi isaanii mudaa hin qabne, kanneen akka seera Waaqayyootti jiraattan eebbifamoo dha.
2 O the happiness of those keeping His testimonies, With the whole heart they seek Him.
Warri ajajawwan isaa eegan, kanneen garaa guutuun isa barbaadan eebbifamoo dha.
3 Yea, they have not done iniquity, In His ways they have walked.
Isaan balleessaa hin hojjetan; karaa isaa irras ni deemu.
4 Thou hast commanded us Thy precepts to keep diligently,
Akka Seerri kee amanamummaadhaan eegamuuf ati ajajjeerta.
5 O that my ways were prepared to keep Thy statutes,
Akka ani ajaja kee eeguuf utuu karaan koo naa qajeelee jiraatee!
6 Then I am not ashamed In my looking unto all Thy commands.
Ani utuun ajajawwan kee hunda xiyyeeffadhee ilaalee silaa hin qaanaʼun ture.
7 I confess Thee with uprightness of heart, In my learning the judgments of Thy righteousness.
Ani yommuun seera kee qajeelaa sana baradhutti, garaa tolaadhaan sin galateeffadha.
8 Thy statutes I keep, leave me not utterly!
Ani sirna keetiif nan bula; ati gonkumaa na hin dhiisin.
9 [Beth.] With what doth a young man purify his path? To observe — according to Thy word.
Dargaggeessi akkamitti jireenya qulqulluu jiraachuu dandaʼa? Akka dubbii keetiitti jiraachuudhaan.
10 With all my heart I have sought Thee, Let me not err from Thy commands.
Ani garaa koo guutuudhaan sin barbaada; akka ani ajajawwan kee irraa jalʼadhu na hin godhin.
11 In my heart I have hid Thy saying, That I sin not before Thee.
Ani akkan cubbuu sitti hin hojjenneef, dubbii kee garaa koo keessa dhokfadheera.
12 Blessed [art] Thou, O Jehovah, teach me Thy statutes.
Yaa Waaqayyo, galanni siif haa taʼu; sirna kee na barsiisi.
13 With my lips I have recounted All the judgments of Thy mouth.
Ani seera afaan keetii baʼu hundumaa, afaan kootiin nan dubbadha.
14 In the way of Thy testimonies I have joyed, As over all wealth.
Akkuma namni tokko badhaadhummaa guddaatti gammadu, ani ajaja kee faana buʼuutti nan gammada.
15 In Thy precepts I meditate, And I behold attentively Thy paths.
Ajajawwan kee irra deddeebiʼee nan yaada; karaa kee irraas ija koo hin buqqifadhu.
16 In Thy statutes I delight myself, I do not forget Thy word.
Ani sirna keetti nan gammada; dubbii kees hin dagadhu.
17 [Gimel.] Confer benefits on Thy servant, I live, and I keep Thy word.
Akka ani jiraadhuu fi dubbii kee eeguuf, garbicha keetiif waan gaarii godhi.
18 Uncover mine eyes, and I behold wonders out of Thy law.
Akka ani seera kee keessatti waan dinqisiisaa arguuf, ija koo naa bani.
19 A sojourner I [am] on earth, Hide not from me Thy commands.
Ani lafa irratti keessummaa dha; ajajawwan kee na duraa hin dhoksin.
20 Broken hath my soul for desire Unto Thy judgments at all times.
Lubbuun koo yeroo hunda seera kee hawwuudhaan, laafaa jirti.
21 Thou hast rebuked the cursed proud, Who are erring from Thy commands.
Ati of tuultota warra abaaramoo, kanneen ajajawwan kee irraa jalʼatan ni ifatta.
22 Remove from me reproach and contempt, For Thy testimonies I have kept.
Waan ani seera kee eeguuf, arrabsoo fi tuffii isaanii narraa fageessi.
23 Princes also sat — against me they spoke, Thy servant doth meditate in Thy statutes,
Bulchitoonni walii wajjin taaʼanii yoo maqaa na balleessan iyyuu, tajaajilaan kee irra deddeebiʼee labsii kee ni yaada.
24 Thy testimonies also [are] my delight, The men of my counsel!
Ajajni kee gammachuu koo ti; gorsituu kootis.
25 [Daleth.] Cleaved to the dust hath my soul, Quicken me according to Thy word.
Lubbuun koo biyyootti maxxante; ati akkuma dubbii keetiitti na oolchi.
26 My ways I have recounted, And Thou answerest me, teach me Thy statutes,
Yeroo ani waaʼee karaa koo sitti himetti, ati deebii naa kennite; sirna kees na barsiisi.
27 The way of Thy precepts cause me to understand, And I meditate in Thy wonders.
Barsiisa seera keetii na hubachiisi; anis irra deddeebiʼee dinqii kee nan yaada.
28 My soul hath dropped from affliction, Establish me according to Thy word.
Lubbuun koo gaddaan laafteerti; ati akkuma dubbii keetiitti na jabeessi.
29 The way of falsehood turn aside from me And with Thy law favour me.
Karaa sobaa irraa na fageessi; arjumaadhaanis seera kee na barsiisi.
30 The way of faithfulness I have chosen, Thy judgments I have compared,
Ani karaa dhugaa filadheera; seera kees of dura kaaʼadheera.
31 I have adhered to Thy testimonies, O Jehovah, put me not to shame.
Yaa Waaqayyo, ani ajaja kee jabeessee qabadheera; ati na hin qaanessin.
32 The way of Thy commands I run, For Thou dost enlarge my heart!
Sababii ati hubannaa koo naa balʼifteef ani daandii ajajawwan keetii irra nan fiiga.
33 [He.] Show me, O Jehovah, the way of Thy statutes, And I keep it — [to] the end.
Yaa Waaqayyo, akka ani sirna kee duukaa buʼu na barsiisi; anis hamma dhumaatti isa nan eega.
34 Cause me to understand, and I keep Thy law, And observe it with the whole heart.
Akka ani seera kee eegee garaa koo guutuun isaaf ajajamuuf hubannaa naa kenni.
35 Cause me to tread in the path of Thy commands, For in it I have delighted.
Daandii ajajawwan keetii irra na deemsisi; anis achitti gammachuu nan argadhaatii.
36 Incline my heart unto Thy testimonies, And not unto dishonest gain.
Garaa koo gara ofittummaadhaan faayidaa argachuutti utuu hin taʼin, gara sirna keetiitti naa deebisi.
37 Remove mine eyes from seeing vanity, In Thy way quicken Thou me.
Ija koo waan faayidaa hin qabne irraa deebisi; akkuma dubbii keetiittis na jiraachisi.
38 Establish to Thy servant Thy saying, That [is] concerning Thy fear.
Ati akka sodaatamtuuf, waadaa kee garbicha keetiif guuti.
39 Remove my reproach that I have feared, For Thy judgments [are] good.
Salphina ani sodaadhu narraa fageessi; seerri kee gaariidhaatii.
40 Lo, I have longed for Thy precepts, In Thy righteousness quicken Thou me,
Kunoo, ani sirna kee nan hawwa; qajeelummaa keetiin na jiraachisi.
41 [Waw.] And meet me doth Thy kindness, O Jehovah, Thy salvation according to Thy saying.
Yaa Waaqayyo, jaalalli kee kan hin geeddaramne sun, fayyisuun kees akkuma dubbii keetiitti gara koo haa dhufu;
42 And I answer him who is reproaching me a word, For I have trusted in Thy word.
yoos ani sababii dubbii kee amanadhuuf, warra na arrabsaniif deebii kenna.
43 And Thou takest not utterly away From my mouth the word of truth, Because for Thy judgment I have hoped.
Waan ani seera kee abdadheef, ati dubbii dhugaa afaan koo keessaa hin balleessin.
44 And I keep Thy law continually, To the age and for ever.
Bara baraa hamma bara baraatti, ani yeroo hunda seera kee nan eega.
45 And I walk habitually in a broad place, For Thy precepts I have sought.
Ani ajaja kee waanan barbaaduuf, bilisummaadhaan nan deddeebiʼa.
46 And I speak of Thy testimonies before kings, And I am not ashamed.
Ani waaʼee ajaja keetii mootota duratti nan dubbadha; hin qaaneffamus;
47 And I delight myself in Thy commands, That I have loved,
waan ani ajajawwan kee jaalladhuuf, isaanitti nan gammada.
48 And I lift up my hands unto Thy commands, That I have loved, And I do meditate on Thy statutes!
Ani gara ajajawwan kee kanneen ani jaalladhu sanaatti harka koo ol nan fudhadha; labsii kees irra deddeebiʼee nan yaada.
49 [Zain.] Remember the word to Thy servant, On which Thou hast caused me to hope.
Waadaa tajaajilaa keetiif seente sana yaadadhu; ati isumaan abdii naa kenniteertaatii.
50 This [is] my comfort in mine affliction, That Thy saying hath quickened me.
Rakkina koo keessatti jajjabinni koo kana: Waadaan kee na jiraachisa.
51 The proud have utterly scorned me, From Thy law I have not turned aside.
Of tuultonni akkuma barbaadanitti natti qoosu; ani garuu seera kee irraa hin jalʼadhu.
52 I remembered Thy judgments of old, O Jehovah, And I comfort myself.
Yaa Waaqayyo, ani seera kee durii sana nan yaadadha; isa keessattis jajjabina nan argadha.
53 Horror hath seized me, Because of the wicked forsaking Thy law.
Sababii hamoota warra seera kee dhiisaniitiif, aariin na gugguba.
54 Songs have been to me Thy statutes, In the house of my sojournings.
Iddoo keessummummaa koo hundatti seerri kee faarfannaa koo ti.
55 I have remembered in the night Thy name, O Jehovah, And I do keep Thy law.
Yaa Waaqayyo, ani halkan keessa maqaa kee nan yaadadha; seera kees nan eega.
56 This hath been to me, That Thy precepts I have kept!
Waan ani ajaja kee eegeef, kun naaf taʼeera.
57 [Cheth.] My portion [is] Jehovah; I have said — to keep Thy words,
Yaa Waaqayyo, ati qooda koo ti; anis dubbii keetiif ajajamuuf waadaa galeera.
58 I appeased Thy face with the whole heart, Favour me according to Thy saying.
Ani garaa koo guutuun fuula kee barbaaddadheera; ati akkuma waadaa keetiitti naa araarami.
59 I have reckoned my ways, And turn back my feet unto Thy testimonies.
Ani karaa koo itti deddeebiʼee yaadeera; tarkaanfii koo gara sirna keetiitti deebiseera.
60 I have made haste, And delayed not, to keep Thy commands.
Ani ajajawwan kee eeguuf, nan ariifadha; hin barfadhus.
61 Cords of the wicked have surrounded me, Thy law I have not forgotten.
Hamoonni yoo funyoodhaan na hidhan iyyuu, ani seera kee hin irraanfadhu.
62 At midnight I rise to give thanks to Thee, For the judgments of Thy righteousness.
Sababii seera kee qajeelaa sanaatiif, ani si galateeffachuuf jedhee halkan walakkaa nan kaʼa.
63 A companion I [am] to all who fear Thee, And to those keeping Thy precepts.
Ani warra si sodaatan hundaaf, warra ajaja kee eegan hundaafis michuu dha.
64 Of Thy kindness, O Jehovah, the earth is full, Thy statutes teach Thou me!
Yaa Waaqayyo, lafti jaalala keetiin guutamteerti; sirna kee na barsiisi.
65 [Teth.] Good Thou didst with Thy servant, O Jehovah, According to Thy word.
Yaa Waaqayyo, ati akkuma dubbii keetiitti, tajaajilaa keetiif waan gaarii gooteerta.
66 The goodness of reason and knowledge teach me, For in Thy commands I have believed.
Murtii gaarii fi beekumsa na barsiisi; ani ajajawwan keetti nan amanaatii.
67 Before I am afflicted, I — I am erring, And now Thy saying I have kept.
Ani utuun hin rakkatin karaa irraa badee ture; amma garuu dubbii kee nan eega.
68 Good Thou [art], and doing good, Teach me Thy statutes.
Ati gaarii dha; wanni ati hojjettus gaarii dha; sirna kee na barsiisi.
69 Forged against me falsehood have the proud, I with the whole heart keep Thy precepts.
Of tuultonni yoo sobaan maqaa na balleessan iyyuu, ani garaa koo guutuudhaan seera kee nan eega.
70 Insensate as fat hath been their heart, I — in Thy law I have delighted.
Onneen isaanii mooraan haguugamteerti; ani garuu seera keetti nan gammada.
71 Good for me that I have been afflicted, That I might learn Thy statutes.
Akka ani sirna kee baradhuuf, rakkachuun koo anaaf gaarii ture.
72 Better to me [is] the law of Thy mouth Than thousands of gold and silver!
Meetii fi warqee kumaatama irra, seeri afaan keetii baʼu anaaf gaariidha.
73 [Yod.] Thy hands made me and establish me, Cause me to understand, and I learn Thy commands.
Harki kee na uume; na tolches; akka ani ajaja kee baradhuuf ati hubannaa naa kenni.
74 Those fearing Thee see me and rejoice, Because for Thy word I have hoped.
Sababii ani dubbii kee abdadheef, warri si sodaatan yommuu na arganitti haa gammadan.
75 I have known, O Jehovah, That righteous [are] Thy judgments, And [in] faithfulness Thou hast afflicted me.
Yaa Waaqayyo, ani akka murtiin kee qajeelaa taʼe, akka atis amanamummaadhaan na dhiphiste beeka.
76 Let, I pray Thee, Thy kindness be to comfort me, According to Thy saying to Thy servant.
Akkuma ati tajaajilaa keetiif waadaa galte sanatti, jaalalli kee kan hin geeddaramne sun na haa jajjabeessu.
77 Meet me do Thy mercies, and I live, For Thy law [is] my delight.
Akka ani lubbuun jiraadhuuf gara laafinni kee gara koo haa dhufu; seerri kee gammachuu kootii.
78 Ashamed are the proud, For [with] falsehood they dealt perversely with me. I meditate in Thy precepts.
Of tuultonni waan sababii malee na yakkaniif haa qaanaʼan; ani garuu irra deddeebiʼee seera kee nan yaada.
79 Those fearing Thee turn back to me, And those knowing Thy testimonies.
Warri si sodaatan, kanneen seera kee hubatan gara kootti haa deebiʼan.
80 My heart is perfect in Thy statutes, So that I am not ashamed.
Akka ani hin qaanofneef garaan koo seera kee duratti hanqina hin qabaatin.
81 [Kaph.] Consumed for Thy salvation hath been my soul, For Thy word I have hoped.
Lubbuun koo fayyisuu kee hawwuudhaan gaggabdi; ani garuu dubbii kee nan abdadha.
82 Consumed have been mine eyes for Thy word, Saying, 'When doth it comfort me?'
Iji koo waadaa kee eeggachuudhaan dadhabe; anis, “Ati yoom na jajjabeessita?” nan jedha.
83 For I have been as a bottle in smoke, Thy statutes I have not forgotten.
Qalqalloo wayinii kan aara keessa ture fakkaadhus ani ajaja kee hin irraanfadhu.
84 How many [are] the days of Thy servant? When dost Thou execute Against my pursuers judgment?
Tajaajilaan kee hamma yoomiitti obsuu qaba? Ati warra na ariʼatanitti yoom murta?
85 The proud have digged for me pits, That [are] not according to Thy law.
Of tuultonni warri akka seera keetiitti hin bulle, boolla naa qotaniiru.
86 All Thy commands [are] faithfulness, [With] falsehood they have pursued me, Help Thou me.
Ajajawwan kee hundinuu amanamoo dha; namoonni sababii malee waan na ariʼataniif ati na gargaari.
87 Almost consumed me on earth have they, And I — I have not forsaken Thy precepts.
Isaan lafa irraa na balleessuu gaʼanii turan; ani garuu sirna kee hin dhiifne.
88 According to Thy kindness quicken Thou me, And I keep the testimony of Thy mouth!
Ati akkuma jaalala keetiitti lubbuu koo baraari; anis seera afaan keetii baʼu nan eega.
89 [Lamed.] To the age, O Jehovah, Thy word is set up in the heavens.
Yaa Waaqayyo, dubbiin kee bara baraan jiraata; samii keessas jabaatee ni dhaabata.
90 To all generations Thy faithfulness, Thou didst establish earth, and it standeth.
Amanamummaan kee dhaloota hundaaf itti fufa; ati lafa hundeessite; isheenis ni jiraatti.
91 According to Thine ordinances They have stood this day, for the whole [are] Thy servants.
Sababii wanni hundinuu si tajaajiluuf, seerri kee hamma harʼaatti jiraateera.
92 Unless Thy law [were] my delights, Then had I perished in mine affliction.
Utuu seerri kee gammachuu naa taʼuu baatee, ani silaa rakkina kootiin badeen ture.
93 To the age I forget not Thy precepts, For by them Thou hast quickened me.
Sababii ati isaan na jiraachifteef, ani gonkumaa ajaja kee hin irraanfadhu.
94 I [am] Thine, save Thou me, For Thy precepts I have sought.
Sababii ani kan kee taʼeef na fayyisi; anis sirna kee barbaadeera.
95 Thy wicked waited for me to destroy me, Thy testimonies I understand.
Hamoonni na balleessuuf na eeggachaa jiru; ani garuu irra deddeebiʼee seera kee nan yaada.
96 Of all perfection I have seen an end, Broad [is] Thy command — exceedingly!
Ani akka wanni mudaa hin qabnee hundinuu daangaa qabu argeera; ajajni kee garuu baayʼee balʼaa dha.
97 [Mem.] O how I have loved Thy law! All the day it [is] my (meditation)
Ani seera kee akkaman jaalladha! Guyyaa guutuu irra deddeebiʼee waaʼee isaa nan yaada.
98 Than mine enemies Thy command maketh me wiser, For it [is] before me to the age.
Ajajawwan kee waan yeroo hunda na wajjin jiraniif, diinota koo caalaa ogeessa na godhan.
99 Above all my teachers I have acted wisely. For Thy testimonies [are] my (meditation)
Ani sababiin irra deddeebiʼee seera kee yaaduuf, barsiisota koo hundumaa caalaa hubannaa qaba.
100 Above elders I understand more, For Thy precepts I have kept.
Ani sababiin ajaja kee eeguuf, maanguddoota caalaa hubannaa guddaan qaba.
101 From every evil path I restrained my feet, So that I keep Thy word.
Ani akkan dubbii kee eeguuf, karaa hamaa hunda irraa miilla koo adabadheera.
102 From Thy judgments I turned not aside, For Thou — Thou hast directed me.
Waan ati mataan kee na barsiifteef, ani seera kee irraa hin fagaanne.
103 How sweet to my palate hath been Thy saying, Above honey to my mouth.
Dubbiin kee akkam arraba kootti miʼaawa; nadhii dammaa caalaa afaan kootti miʼaawa!
104 From Thy precepts I have understanding, Therefore I have hated every false path!
Ani qajeelfama kee irraa hubannaa argadheera; kanaafuu daandii sobaa hunda nan jibba.
105 [Nun.] A lamp to my foot [is] Thy word, And a light to my path.
Dubbiin kee miilla kootiif ibsaa dha; daandii kootiif immoo ifa.
106 I have sworn, and I confirm [it], To keep the judgments of Thy righteousness.
Ani akkan seera kee qajeelaa sana eeguuf, kakadheera; kanas mirkaneesseera.
107 I have been afflicted very much, O Jehovah, quicken me, according to Thy word.
Ani akka malee dhiphadheen jira; yaa Waaqayyo, ati akkuma dubbii keetiitti lubbuu koo baraari.
108 Free-will-offerings of my mouth, Accept, I pray Thee, O Jehovah, And Thy judgments teach Thou me.
Yaa Waaqayyo, galata fedhiidhaan afaan kootii baʼu fudhadhu; seera kees na barsiisi.
109 My soul [is] in my hand continually, And Thy law I have not forgotten.
Jireenyi koo yeroo hunda harka koo keessa jiraatu iyyuu, ani seera kee hin irraanfadhu.
110 The wicked have laid a snare for me, And from thy precepts I wandered not.
Hamoonni kiyyoo naa kaaʼaniiru; ani garuu ajaja kee irraa hin jalʼanne.
111 I have inherited Thy testimonies to the age, For the joy of my heart [are] they.
Seerri kee dhaala koo kan bara baraa ti; gammachuu garaa kootiitis.
112 I have inclined my heart To do Thy statutes, to the age — [to] the end!
Garaan koo hamma dhumaatti ajaja kee eeguuf kutateera.
113 [Samech.] Doubting ones I have hated, And Thy law I have loved.
Ani nama yaada lamaa nan jibba; seera kee garuu nan jaalladha.
114 My hiding place and my shield [art] Thou, For Thy word I have hoped.
Ati iddoo ani itti baqadhuu fi gaachana koo ti; ani dubbii kee abdadheera.
115 Turn aside from me, ye evil-doers, And I keep the commands of my God.
Akka ani ajajawwan Waaqa koo eeguuf, isin warri waan hamaa hojjettan narraa fagaadhaa!
116 Sustain me according to Thy saying, And I live, and Thou puttest me not to shame Because of my hope.
Ati akkuma waadaa keetiitti na deeggari; anis nan jiraadha; akka ani abdii kootti qaanaʼu na hin godhin.
117 Support Thou me, and I am saved, And I look on Thy statutes continually.
Akka ani nagaadhaan jiraadhuuf na deeggari; yeroo hunda seera kee nan kabaja.
118 Thou hast trodden down All going astray from Thy statutes, For falsehood [is] their deceit.
Sababii gowwoomsaan isaanii faayidaa hin qabneef; ati warra seera kee irraa jalʼatan hunda tuffattee gatta.
119 Dross! Thou hast caused to cease All the wicked of the earth; Therefore I have loved Thy testimonies.
Ati hamoota lafa irraa hunda akka kosiitti gatta; kanaafuu ani seera kee nan jaalladha.
120 Trembled from Thy fear hath my flesh, And from Thy judgments I have been afraid!
Foon koo si sodaachuudhaan hollata; anis murtii kee nan sodaadha.
121 [Ain.] I have done judgment and righteousness, Leave me not to mine oppressors.
Ani waan qajeelaa fi tolaa hojjedheera; ati warra na hacuucanitti dabarsitee na hin kennin.
122 Make sure Thy servant for good, Let not the proud oppress me.
Nagaan jiraachuu tajaajilaa keetii mirkaneessi; akka of tuultonni na cunqursanis hin eeyyamin.
123 Mine eyes have been consumed for Thy salvation. And for the saying of Thy righteousness.
Iji koo fayyisuu kee eeguudhaan, waadaa kee qajeelaas eeguudhaanis dadhabeera.
124 Do with Thy servant according to Thy kindness. And Thy statutes teach Thou me.
Akkuma jaalala keetiitti tajaajilaa kee yaadadhu; seera kees na barsiisi.
125 Thy servant [am] I — cause me to understand, And I know Thy testimonies.
Ani tajaajilaa kee ti; akka ani ajaja kee beekuuf hubannaa naa kenni.
126 Time for Jehovah to work! they have made void Thy law.
Yaa Waaqayyo, kun yeroo ati itti hojjettuu dha; seerri kee cabsamaa jiraatii.
127 Therefore I have loved Thy commands Above gold — even fine gold.
Kanaafuu ani warqee caalaa, warqee qulqulluu caalaa, ajajawwan kee nan jaalladha;
128 Therefore all my appointments I have declared wholly right, Every path of falsehood I have hated!
ani akka seerri kee hundi qajeelaa taʼe nan amana; daandii sobaa hundas nan jibba.
129 [Pe.] Wonderful [are] Thy testimonies, Therefore hath my soul kept them.
Sirni kee dinqisiisaa dha; kanaafuu ani isa nan eega.
130 The opening of Thy words enlighteneth, Instructing the simple.
Ibsamuun dubbii keetii ifa kenna; wallaalotaafis hubannaa kenna.
131 My mouth I have opened, yea, I pant, For, for Thy commands I have longed.
Ani ajajawwan kee hawwuudhaan afaan koo banee nan hargana.
132 Look unto me, and favour me, As customary to those loving Thy name.
Ati akkuma yeroo hunda warra maqaa kee jaalataniif gootu sana, gara kootti garagalii na maari.
133 My steps establish by Thy saying, And any iniquity doth not rule over me.
Akkuma dubbii keetiitti tarkaanfii miilla kootii naa qajeelchi; cubbuun tokko iyyuu narratti hin moʼin.
134 Ransom me from the oppression of man, And I observe Thy precepts,
Akka ani ajaja kee eeguuf hacuuccaa namootaa jalaa na furi.
135 Thy face cause to shine on Thy servant, And teach me Thy statutes.
Akka fuulli kee tajaajilaa kee irratti ifu godhi; sirna kees na barsiisi.
136 Rivulets of waters have come down mine eyes, Because they have not kept Thy law!
Sababii namoonni seerra kee hin eegneef, iji koo imimmaan lolaasa.
137 [Tzade.] Righteous [art] Thou, O Jehovah, And upright [are] Thy judgments.
Yaa Waaqayyo, ati qajeelaa dha; murtiin kees qajeelaa dha.
138 Thou hast appointed Thy testimonies, Righteous and exceeding faithful,
Seerri ati kennite qajeelaa dha; guutummaattis amanamaa dha.
139 Cut me off hath my zeal, For mine adversaries forgot Thy words.
Sababii diinonni koo dubbii kee dagataniif, hinaaffaan ani qabu na guggubeera.
140 Tried [is] thy saying exceedingly, And Thy servant hath loved it.
Waadaan kee sirriitti qoramee ilaalameera; tajaajilaan kees isa jaallata.
141 Small I [am], and despised, Thy precepts I have not forgotten.
Xinnaadhee tuffatamu iyyuu, ani ajaja kee hin irraanfadhu.
142 Thy righteousness [is] righteousness to the age, And Thy law [is] truth.
Qajeelummaan kee bara baraan jiraata; seerri kees dhugaa dha.
143 Adversity and distress have found me, Thy commands [are] my delights.
Rakkinnii fi dhiphinni natti dhufeera; ajajawwan kee garuu gammachuu koo ti.
144 The righteousness of Thy testimonies [is] to Cause me to understand, and I live!
Seerri kee bara baraan qajeelaa dha; akka ani jiraadhuuf hubannaa naa kenni.
145 [Koph.] I have called with the whole heart, Answer me, O Jehovah, Thy statutes I keep,
Yaa Waaqayyo, ani garaa koo guutuudhaan sin waammadha; deebii naa kenni; anis sirna keetiif nan ajajama.
146 I have called Thee, save Thou me, And I do keep Thy testimonies.
Ani sittin iyyadha; ati na fayyisi; seera kees nan eega.
147 I have gone forward in the dawn, and I cry, For Thy word I have hoped.
Ani utuu lafti hin bariʼin kaʼee gargaarsaaf nan iyyadha; ani dubbii kee abdadheera.
148 Mine eyes have gone before the watches, To meditate in Thy saying.
Akka ani irra deddeebiʼee waadaa kee yaaduuf, iji koo halkan guutuu banamee bula.
149 My voice hear, according to Thy kindness, Jehovah, according to Thy judgment quicken me.
Akkuma jaalala keetiitti sagalee koo dhagaʼi; Yaa Waaqayyo, akkuma seera keetiitti lubbuu koo baraari.
150 Near have been my wicked pursuers, From Thy law they have been far off.
Warri daba mariʼatan as dhiʼoo jiru; seera kee irraa garuu fagoo jiru.
151 Near [art] Thou, O Jehovah, And all Thy commands [are] truth.
Yaa Waaqayyo, ati garuu dhiʼoo jirta; ajajawwan kee hundis dhugaa dha.
152 Of old I have known Thy testimonies, That to the age Thou hast founded them!
Akka ati ajajawwan kee bara baraan hundeessite, ani seera kee irraa dur baradheera.
153 [Resh.] See my affliction, and deliver Thou me, For Thy law I have not forgotten.
Dhiphina koo argiitii na oolchi; ani seera kee hin daganneetii.
154 Plead my plea, and redeem me, According to Thy saying quicken me.
Dubbii koo naa falmi; na furis; akkuma waadaa keetiitti lubbuu koo baraari.
155 Far from the wicked [is] salvation, For Thy statutes they have not sought.
Sababii isaan sirna kee hin barbaanneef, fayyinni hamoota irraa fagaateera.
156 Thy mercies [are] many, O Jehovah, According to Thy judgments quicken me.
Yaa Waaqayyo, gara laafinni kee guddaa dha; akkuma seera keetiitti lubbuu koo baraari.
157 Many [are] my pursuers, and adversaries, From Thy testimonies I have not turned aside.
Diinonni koo warri na ariʼatan baayʼee dha; ani garuu seera kee irraa hin jalʼanne.
158 I have seen treacherous ones, And grieve myself, Because Thy saying they have not kept.
Sababii isaan dubbii keetiif hin ajajamneef, ani warra amantii hin qabne ija jibbaatiin nan ilaala.
159 See, for thy precepts I have loved, Jehovah, According to Thy kindness quicken me.
Akkam akka ani qajeelfama kee jaalladhu mee ilaali; Yaa Waaqayyo, akkuma jaalala keetiitti lubbuu koo baraari.
160 The sum of Thy word [is] truth, And to the age [is] every judgment of Thy righteousness!
Dubbiin kee hundinuu dhugaa dha; seerri kee qajeelaan hundinuus bara baraan jiraata.
161 [Shin.] Princes have pursued me without cause, And because of Thy words was my heart afraid.
Bulchitoonni sababii malee na ariʼatan; garaan koo garuu dubbii kee sodaachuudhaan hollata.
162 I do rejoice concerning Thy saying, As one finding abundant spoil.
Ani akka nama boojuu guddaa argate tokkootti, dubbii keetti nan gammada.
163 Falsehood I have hated, yea I abominate [it], Thy law I have loved.
Ani soba nan jibba; nan xireeffadhas; seera kee garuu nan jaalladha.
164 Seven [times] in a day I have praised Thee, Because of the judgments of Thy righteousness.
Sababii seera kee qajeelaa sanaatiif, ani guyyaatti yeroo torba sin galateeffadha.
165 Abundant peace have those loving Thy law, And they have no stumbling-block.
Warri seera kee jaallatan nagaa guddaa qabu; wanni isaan gufachiisu tokko iyyuu hin jiru.
166 I have waited for Thy salvation, O Jehovah, And Thy commands I have done.
Yaa Waaqayyo, ani fayyisuu kee nan abdadha; ajaja kee duukaas nan buʼa.
167 Kept hath my soul Thy testimonies, And I do love them exceedingly.
Ani waanan guddaa isa jaalladhuuf, ajaja kee nan eega.
168 I have kept Thy precepts and Thy testimonies, For all my ways are before Thee!
Ati karaa koo hunda waan beektuuf, ani sirna keetii fi seera kee nan eega.
169 [Taw.] My loud cry cometh near before Thee, O Jehovah; According to Thy word cause me to understand.
Yaa Waaqayyo, iyyi koo fuula kee dura haa gaʼu; ati akkuma dubbii keetiitti hubannaa naa kenni.
170 My supplication cometh in before Thee, According to Thy saying deliver Thou me.
Waammanni koo fuula kee dura haa gaʼu; akkuma waadaa keetiitti na baasi.
171 My lips do utter praise, For Thou dost teach me Thy statutes.
Sababii ati qajeelfama kee na barsiiftuuf, hidhiin koo galata haa dhangalaasu.
172 My tongue doth sing of Thy saying, For all Thy commands [are] righteous.
Arrabni koo dubbii kee haa faarfatu; ajajni kee hundi qajeelaadhaatii.
173 Thy hand is for a help to me, For Thy commands I have chosen.
Waan ani sirna kee filadheef, harki kee na gargaaruuf haa qophaaʼu.
174 I have longed for Thy salvation, O Jehovah, And Thy law [is] my delight.
Yaa Waaqayyo, ani fayyisuu kee nan hawwa; seerri kees gammachuu koo ti.
175 My soul liveth, and it doth praise Thee, And Thy judgments do help me.
Lubbuun koo si galateeffachuuf haa jiraattu; seerri kees na haa gargaaru.
176 I wandered as a lost sheep, seek Thy servant, For Thy precepts I have not forgotten!
Ani akkuma hoolaa badee karaa irraa jalʼadheera. Ani ajajawwan kee hin irraanfanneetii, tajaajilaa kee barbaadi.

< Psalms 119 >