< Exodus 15 >

1 Then singeth Moses and the sons of Israel this song to Jehovah, and they speak, saying: — 'I sing to Jehovah, For triumphing He hath triumphed; The horse and its rider He hath thrown into the sea.
Yommus Musee fi Israaʼeloonni Faarfannaa kana Waaqayyoof faarfatan: “Ani Waaqayyoof nan faarfadha; inni ol ol jedheeraatii. Inni fardaa fi namicha farda yaabbate galaanatti gad darbateera.
2 My strength and song is JAH, And He is become my salvation: This [is] my God, and I glorify Him; God of my father, and I exalt Him.
“Waaqayyo jabina kootii fi faarfannaa koo ti; inni fayyina koo taʼeera. Inni Waaqa koo ti; anis isa nan jajadha; inni Waaqa abbaa kootii ti; anis isa ol ol nan qaba.
3 Jehovah [is] a man of battle; Jehovah [is] His name.
Waaqayyo goota waraanaa ti; maqaan isaa Waaqayyo.
4 Chariots of Pharaoh and his force He hath cast into the sea; And the choice of his captains Have sunk in the Red Sea!
Inni gaariiwwan Faraʼoonii fi loltoota isaa galaanatti gad darbateera. Qondaaltota Faraʼoon keessaa filatamtoonni, Galaana Diimaa keessa dhidhimaniiru.
5 The depths do cover them; They went down into the depths as a stone.
Tuujubni isaan irra gara gale; isaanis akkuma dhagaa tuujubatti gad dhidhiman.
6 Thy right hand, O Jehovah, Is become honourable in power; Thy right hand, O Jehovah, Doth crush an enemy.
Yaa Waaqayyo, harki kee mirgaa humnaan ulfina qabeessa. Yaa Waaqayyo, harki kee mirgaa diina ni hurreessa.
7 And in the abundance of Thine excellency Thou throwest down Thy withstanders, Thou sendest forth Thy wrath — It consumeth them as stubble.
“Ati guddina ulfina keetiitiin warra siin morman gad darbatte. Aarii kee bobaʼaa ni ergite; innis akkuma habaqiitti gubee isaan fixe.
8 And by the spirit of Thine anger Have waters been heaped together; Stood as a heap have flowings; Congealed have been depths In the heart of a sea.
Hafuura funyaan keetiitiin bishaanonni tuulaman. Bishaan yaaʼu akkuma keenyaniitti ol dhaabate; tuujuboonnis walakkaa galaanaatti ititan.
9 The enemy said, I pursue, I overtake; I apportion spoil; Filled is my soul with them; I draw out my sword; My hand destroyeth them: —
Diinni, ‘Ani faana buʼee isaan qaqqaba. Boojuu nan qoodadha; ani isaan irratti fedhii koo nan guutadha. Goraadee koo nan luqqifadha; harki koo isaan barbadeessa’ jedhee nan dhaadate.
10 Thou hast blown with Thy wind The sea hath covered them; They sank as lead in mighty waters.
Ati garuu bubbee kee itti bubbifte; galaanni immoo isaan irra gara gale. Isaanis akkuma sibiilaa bishaanota jajjaboodhaan liqimfaman.
11 Who [is] like Thee among the gods, O Jehovah? Who [is] like Thee — honourable in holiness — Fearful in praises — doing wonders?
Yaa Waaqayyo, waaqota keessaa eenyutu si fakkaata? Qulqullinaan simboo qabeessi, ulfinaan sodaachisaan, hojii dinqii hojjechuuttis kan akka keetii eenyu?
12 Thou hast stretched out Thy right hand — Earth swalloweth them!
“Ati harka kee mirgaa diriirfannaan, lafti isaan liqimsite.
13 Thou hast led forth in Thy kindness The people whom Thou hast redeemed. Thou hast led on in Thy strength Unto Thy holy habitation.
Ati saba furte sana, jaalala kee hin geeddaramneen geggeessita. Jabina keetiinis gara iddoo jireenya keetii qulqulluutti isaan qajeelchita.
14 Peoples have heard, they are troubled; Pain hath seized inhabitants of Philistia.
Saboonni dhagaʼanii hollatu; muddamsuunis saba Filisxeem qabate.
15 Then have chiefs of Edom been troubled: Mighty ones of Moab — Trembling doth seize them! Melted have all inhabitants of Canaan!
Hangafoonni Edoom ni rifatu; bulchitoota Moʼaabis naasuutu qabata; warri Kanaʼaanis bishaanuma taʼu;
16 Fall on them doth terror and dread; By the greatness of Thine arm They are still as a stone, Till Thy people pass over, O Jehovah; Till the people pass over Whom Thou hast purchased.
sodaa fi abdii kutachuun isaan irra buʼa. Yaa Waaqayyo, hamma sabni kee darbutti, hamma sabni ati bitatte sun darbutti jabina harka keetiitiin isaan akkuma dhagaa calʼisu.
17 Thou dost bring them in, And dost plant them In a mountain of Thine inheritance, A fixed place for Thy dwelling Thou hast made, O Jehovah; A sanctuary, O Lord, Thy hands have established;
Yaa Waaqayyo, ati gara tulluu dhaala keetiitti, gara lafa iddoo jireenya keetii godhachuuf tolfatteetti, yaa Gooftaa ati gara iddoo qulqulluu harki kee hundeesseetti ol galchitee isaan dhaabda.
18 Jehovah reigneth — to the age, and for ever!'
“Waaqayyo, bara baraa hamma bara baraatti moʼa.”
19 For the horse of Pharaoh hath gone in with his chariots and with his horsemen into the sea, and Jehovah turneth back on them the waters of the sea, and the sons of Israel have gone on dry land in the midst of the sea.
Yommuu fardeen, gaariiwwanii fi abbootiin fardaa kan Faraʼoon galaana seenanitti Waaqayyo bishaanota isaan irra garagalche; Israaʼeloonni garuu lafa gogaa irra deemanii galaana keessa darban.
20 And Miriam the inspired one, sister of Aaron, taketh the timbrel in her hand, and all the women go out after her, with timbrels and with choruses;
Miiriyaam obboleettiin Aroon raajittiin sun dibbee harkatti qabattee kaate; dubartoonni hundinuus dibbee isaanii fudhatanii sirbaa ishee faana buʼan.
21 and Miriam answereth to them: — 'Sing ye to Jehovah, For Triumphing He hath triumphed; The horse and its rider He hath thrown into the sea!'
Miiriyaamis akkana jettee isaaniif faarfatte: “Waaqayyo faarfadhaa; inni ulfinaan moʼateeraatii. Inni fardaa fi namicha farda yaabbate galaanatti gad darbateera.”
22 And Moses causeth Israel to journey from the Red Sea, and they go out unto the wilderness of Shur, and they go three days in the wilderness, and have not found water,
Museenis saba Israaʼel Galaana Diimaa biraa fuudhee qajeelche; isaanis Gammoojjii Shuuri seenan. Israaʼeloonnis utuu bishaan hin argatin guyyaa sadii gammoojjii keessa deeman.
23 and they come in to Marah, and have not been able to drink the waters of Marah, for they [are] bitter; therefore hath [one] called its name Marah.
Isaanis yommuu Maaraa gaʼanitti bishaan isaa dhuguu hin dandeenye; bishaan sun hadhaaʼaa tureetii. Wanni iddoon sun Maaraa jedhameefis kanuma.
24 And the people murmur against Moses, saying, 'What do we drink?'
Jarri sunis, “Nu maal haa dhugnuu?” jedhanii Museetti guunguman.
25 and he crieth unto Jehovah, and Jehovah sheweth him a tree, and he casteth unto the waters, and the waters become sweet. There He hath made for them a statute, and an ordinance, and there He hath tried them,
Yommus Museen Waaqayyotti iyyinaan, Waaqayyo muka tokko isa argisiise. Innis muka sana bishaanitti gad darbate; bishaan sunis ni miʼaawe. Waaqayyos iddoo sanatti sirnaa fi seera isaaniif baase; achittis isaan qore.
26 and He saith, 'If thou dost really hearken to the voice of Jehovah thy God, and dost that which is right in His eyes, and hast hearkened to His commands, and kept all His statutes: none of the sickness which I laid on the Egyptians do I lay on thee, for I, Jehovah, am healing thee.
Innis akkana jedhe; “Ati yoo sagalee Waaqayyo Waaqa keetii garaa tokkoon dhageesse, yoo waan fuula isaa duratti qajeelaa taʼe hojjette, yoo ajaja isaa qalbeeffattee fi yoo seera isaa hunda eegde, ani dhukkuba warra Gibxitti fide sana keessaa tokko iyyuu sitti hin fidu; ani Waaqayyo si fayyisuudhaatii.”
27 And they come to Elim, and there [are] twelve fountains of water, and seventy palm trees; and they encamp there by the waters.
Isaanis gara Eelim iddoo burqaan kudha lamaa fi mukkeen meexxii torbaatamni turan dhufanii achi bishaan bira qubatan.

< Exodus 15 >