< Matthew 22 >

1 Yeshua answered and spoke to them again in parables, saying,
Yesuus ammas akkana jedhee fakkeenyaan deebii kenneef:
2 “The Kingdom of Heaven is like a certain king, who made a wedding feast for his son,
“Mootummaan samii mootii ilma isaatiif cidha fuudhaa qopheesse tokko fakkaata.
3 and sent out his servants to call those who were invited to the wedding feast, but they would not come.
Innis akka isaan warra cidha sanatti affeeraman waamaniif garboota isaa erge; warri waamaman sun garuu dhufuu hin barbaanne.
4 Again he sent out other servants, saying, ‘Tell those who are invited, “Behold, I have prepared my dinner. My cattle and my fatlings are killed, and all things are ready. Come to the wedding feast!”’
“Ammas akkana jedhee garboota biraa erge; ‘Kunoo ani irbaata koo qopheesseera: Sangoonni koo, horiin koo coccoomoonis qalamanii wanni hundinuu qopheeffameera. Gara cidha fuudhaa fi heerumaa kottaa jedhaatii warra affeeraman sanatti himaa.’
5 But they made light of it, and went their ways, one to his own farm, another to his merchandise;
“Isaan garuu tuffatanii, inni tokko gara lafa qotiisaa isaa, kaan immoo gara daldala isaa dhaqe.
6 and the rest grabbed his servants, treated them shamefully, and killed them.
Warri hafan immoo garboota isaa qabanii salphisan; ni ajjeesanis.
7 When the king heard that, he was angry, and sent his armies, destroyed those murderers, and burned their city.
Mootichis ni aare. Loltoota isaas ergee warra garboota isaa ajjeesan sana balleesse; magaalaa isaaniis ni gube.
8 “Then he said to his servants, ‘The wedding is ready, but those who were invited weren’t worthy.
“Ergasii inni garboota isaatiin akkana jedhe; ‘Dhangaan cidha fuudhaa qopheeffameera; warri affeeraman garuu cidha kanaaf hin malle.
9 Go therefore to the intersections of the highways, and as many as you may find, invite to the wedding feast.’
Kanaafuu gara qaxxaamura karaatti baʼaatii nama argitan hunda gara cidhaatti affeeraa.’
10 Those servants went out into the highways and gathered together as many as they found, both bad and good. The wedding was filled with guests.
Garboonni sunis karaatti baʼanii nama argan hunda, hamaas gaariis walitti qaban; galmi cidhaa sunis keessummootaan guutame.
11 “But when the king came in to see the guests, he saw there a man who didn’t have on wedding clothing,
“Mootichi yommuu keessummoota ilaaluuf ol seenetti, nama uffata cidhaa hin uffatin tokko achitti arge.
12 and he said to him, ‘Friend, how did you come in here not wearing wedding clothing?’ He was speechless.
Innis, ‘Yaa michuu ko, ati akkamitti utuu uffata cidhaa hin uffatin as seente?’ jedhee isa gaafate. Namichi garuu waan dubbatu dhabe.
13 Then the king said to the servants, ‘Bind him hand and foot, take him away, and throw him into the outer darkness. That is where the weeping and grinding of teeth will be.’
“Mootichis tajaajiltoota isaatiin, ‘Namicha kana harkaa fi miilla hidhaatii dukkana alaatti gad darbadhaa; achittis booʼuu fi ilkaan qaruutu taʼa’ jedhe.
14 For many are called, but few chosen.”
“Warri affeeraman baayʼeedhaatii; warri filataman garuu muraasa.”
15 Then the Pharisees went and took counsel how they might entrap him in his talk.
Ergasiis Fariisonni waanuma inni dubbatuun isa qabuuf gad baʼanii Yesuusitti mariʼatan.
16 They sent their disciples to him, along with the Herodians, saying, “Rabbi, we know that you are honest, and teach the way of God in truth, no matter whom you teach; for you aren’t partial to anyone.
Isaanis barattoota isaanii garee Heroodis wajjin isatti ergan. Akkanas jedhan; “Yaa barsiisaa, akka ati nama dhugaa taate, akka ati dhugaadhaan karaa Waaqaa barsiiftu beekna. Ati nama wal hin caalchiftu; fuula namaas hin ilaaltu.
17 Tell us therefore, what do you think? Is it lawful to pay taxes to Caesar, or not?”
Egaa mee nutti himi; yaadni kee maali? Qeesaariif gibira kaffaluun eeyyamameera moo hin eeyyamamne?”
18 But Yeshua perceived their wickedness, and said, “Why do you test me, you hypocrites?
Yesuus garuu hammina isaanii beekee akkana jedhe; “Yaa fakkeessitoota nana, isin maaliif na qortu?
19 Show me the tax money.” They brought to him a denarius.
Mee maallaqa gibira kaffaltan natti argisiisaa.” Isaanis diinaarii tokko isatti fidan;
20 He asked them, “Whose is this image and inscription?”
inni immoo, “Fakkiin kun kan eenyuu ti? Katabbiin kunis kan eenyuu ti?” jedhee isaan gaafate.
21 They said to him, “Caesar’s.” Then he said to them, “Give therefore to Caesar the things that are Caesar’s, and to God the things that are God’s.”
Isaanis, “Kan Qeesaari” jedhanii deebisan. Kana irratti inni, “Yoos kan Qeesaar Qeesaariif, kan Waaqaa immoo Waaqaaf kennaa” jedheen.
22 When they heard it, they marveled, and left him and went away.
Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti ni dinqifatan. Kanaaf isa dhiisanii qajeelan.
23 On that day Sadducees (those who say that there is no resurrection) came to him. They asked him,
Guyyuma sana Saduuqonni warri duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan tokko tokko gara isaa dhufanii gaaffii isa gaafatan.
24 saying, “Rabbi, Moses said, ‘If a man dies, having no children, his brother shall marry his wife and raise up offspring for his brother.’
Akkanas jedhan; “Yaa barsiisaa, Museen, ‘Namni tokko niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin yoo duʼe obboleessi isaa niitii sana dhaalee obboleessa isaatiif sanyii haa dhaabu’ jedhee nutti himeera.
25 Now there were with us seven brothers. The first married and died, and having no offspring left his wife to his brother.
Kunoo obboloota torbatu nu bira ture. Inni jalqabaa niitii fuudhee utuu ijoollee hin qabaatin niitii isaa obboleessa isaatti dhiisee duʼe.
26 In the same way, the second also, and the third, to the seventh.
Obboleessa lammaffaa fi sadaffaa irratti, hamma isa torbaffaattis waanuma sanatu taʼe.
27 After them all, the woman died.
Dhuma irratti dubartittiinis ni duute.
28 In the resurrection therefore, whose wife will she be of the seven? For they all had her.”
Egaa guyyaa duʼaa kaʼuutti, torban isaanii keessaa isheen niitii isa kamii taati? Hundi isaanii iyyuu ishee fuudhaniiruutii.”
29 But Yeshua answered them, “You are mistaken, not knowing the Scriptures, nor the power of God.
Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Isin waan Katabbiiwwan Qulqulluu yookaan humna Waaqaa hin beekneef dogoggortu.
30 For in the resurrection they neither marry nor are given in marriage, but are like God’s angels in heaven.
Guyyaa duʼaa kaʼuutti namoonni akka ergamoota samii taʼu malee hin fuudhan; hin heerumanis.
31 But concerning the resurrection of the dead, haven’t you read that which was spoken to you by God, saying,
Garuu isin waan Waaqni waaʼee duʼaa kaʼuu warra duʼanii isiniin jedhe hin dubbifnee? Innis akkana jedha;
32 ‘I am the God of Abraham, and the God of Isaac, and the God of Jacob’? God is not the God of the dead, but of the living.”
‘Ani Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob.’Inni Waaqa warra jiraataniiti malee Waaqa warra duʼanii miti.”
33 When the multitudes heard it, they were astonished at his teaching.
Namoonni yommuu waan kana dhagaʼanitti, barsiisa isaa dinqifatan.
34 But the Pharisees, when they heard that he had silenced the Sadducees, gathered themselves together.
Fariisonni yommuu akka Yesuus Saduuqota afaan qabachiise dhagaʼanitti walitti qabaman.
35 One of them, a Torah scholar, asked him a question, testing him.
Isaan keessaas hayyuun seeraa tokko akkana jedhee gaaffii kanaan isa qore:
36 “Rabbi, which is the greatest commandment in the law?”
“Yaa barsiisaa, seera keessaa ajajni guddaan isa kami?”
37 Yeshua said to him, “‘You shall love the Lord your God with all your heart, with all your soul, and with all your mind.’
Yesuusis akkana jedheen; “Waaqa kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan jaalladhu.
38 This is the first and great commandment.
Kunis ajaja jalqabaatii fi guddicha.
39 A second likewise is this, ‘You shall love your neighbor as yourself.’
Ajajni lammaffaanis isuma fakkaata: ‘Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu’jedha.
40 The whole Torah and the Prophets depend on these two commandments.”
Seerrii fi Raajonni hundinuu ajajawwan kanneen lamaan irratti hundeeffamu.”
41 Now while the Pharisees were gathered together, Yeshua asked them a question,
Utuu Fariisonni walitti qabamanii jiranuu Yesuus gaaffii tokko isaan gaafate;
42 saying, “What do you think of the Messiah? Whose son is he?” They said to him, “Of David.”
innis, “Isin waaʼee Kiristoos maal yaaddu? Inni ilma eenyuu ti?” jedhe. Isaanis, “Inni Ilma Daawit” jedhanii deebisan.
43 He said to them, “How then does David in the Spirit call him Lord, saying,
Innis akkana isaaniin jedhe; “Yoos Daawit akkamitti Hafuuraan geggeeffamee, ‘Gooftaa’ isaan jedha ree? Inni akkana jedhaatii:
44 ‘The Lord said to my Lord, sit on my right hand, until I make your enemies a footstool for your feet’?
“‘Gooftaan Gooftaa kootiin: “Hamma ani diinota kee miilla kee jala siif galchutti gara mirga koo taaʼi”jedhe.’
45 “If then David calls him Lord, how is he his son?”
Erga Daawit, ‘Gooftaa’ jedhee isa waame, yoos inni akkamitti ilma isaa taʼuu dandaʼa ree?”
46 No one was able to answer him a word, neither did any man dare ask him any more questions from that day forward.
Namni tokko iyyuu waan tokko isaaf deebisuu hin dandeenye; gaafasii jalqabee namni tokko iyyuu deebiʼee gaaffii isa gaafachuuf ija hin jabaanne.

< Matthew 22 >