< 1 Corinthians 11 >

1 Be imitators of me, even as I also am of Christ.
Akkuma ani Kiristoosin fakkaadhu, isinis na fakkaadhaa.
2 Now I praise you, brothers, that you remember me in all things, and hold firm the traditions, even as I delivered them to you.
Ani sababii isin waan hundaan na yaadattanii fi waan duudhaa ani dabarsee isinitti kennes jabeessitanii qabattaniif isinin galateeffadha.
3 But I would have you know that the head of every man is Christ, and the head of the woman is man, and the head of Christ is God.
Ani akka mataan dhiira hundumaa Kiristoos taʼe, akka mataan dubartii dhiira taʼe, akka mataan Kiristoos immoo Waaqa taʼe akka beektan nan barbaada.
4 Every man praying or prophesying, having his head covered, dishonours his head.
Dhiirri mataa isaa haguuggatee kadhatu yookaan raajii dubbatu hundinuu mataa ofii isaa salphisa.
5 But every woman praying or prophesying with her head uncovered dishonours her head. For it is one and the same thing as if she were shaved.
Dubartiin utuu mataa ishee hin haguuggatin kadhattu yookaan raajii dubbattu kam iyyuu mataa ofii ishee salphifti; kun akka waan mataan ishee haaddameetti hedamaatii.
6 For if a woman is not covered, let her hair also be cut off. But if it is shameful for a woman to have her hair cut off or be shaved, let her be covered.
Dubartiin tokko yoo mataa ishee haguuggachuu baatte rifeensa mataa ishee murachuu qabdi; dubartiin rifeensa mataa ishee murachuun yookaan haaddachuun yoo qaanii itti taʼe immoo mataa ishee haguuggachuu qabdi.
7 For a man indeed ought not to have his head covered, because he is the image and glory of God, but the woman is the glory of the man.
Dhiirri fakkaattii fi ulfina Waaqaa waan taʼeef mataa isaa haguuggachuu hin qabu; dubartiin garuu ulfina dhiiraa ti.
8 For man is not from woman, but woman from man;
Dubartiitu dhiira irraa argame malee dhiirri dubartii irraa hin argamneetii;
9 for man wasn’t created for the woman, but woman for the man.
dubartiitu dhiiraaf uumame malee dhiirri dubartiif hin uumamne.
10 For this cause the woman ought to have authority over her own head, because of the angels.
Kanaafuu dubartiin sababii ergamoota Waaqaatiif mallattoo taayitaa mataa ishee irraa qabaachuu qabdi.
11 Nevertheless, neither is the woman independent of the man, nor the man independent of the woman, in the Lord.
Taʼus Gooftaa biratti dubartiin dhiira malee yookaan dhiirri dubartii malee hin taʼu.
12 For as woman came from man, so a man also comes through a woman; but all things are from God.
Akkuma dubartiin dhiira irraa argamte akkasuma immoo dhiirri dubartii irraa dhalataatii; wanni hundi garuu Waaqa biraa argama.
13 Judge for yourselves. Is it appropriate that a woman pray to God unveiled?
Mee isinuu murteessaa; dubartiin utuu mataa ishee hin haguuggatin Waaqa kadhachuun sirriidhaa?
14 Doesn’t even nature itself teach you that if a man has long hair, it is a dishonour to him?
Akka dhiirri rifeensa mataa dheereffachuun isaaf salphina taʼe uumamni iyyuu isin hin barsiisuu?
15 But if a woman has long hair, it is a glory to her, for her hair is given to her for a covering.
Dubartiin garuu yoo rifeensa dheeraa qabaatte, inni isheef ulfina mitii? Rifeensi dheeraan akka haguuggiitti isheef kennameeraatii.
16 But if any man seems to be contentious, we have no such custom, neither do God’s assemblies.
Garuu yoo abbaan fedhe iyyuu waaʼee kanaa mormuu barbaade, nu yookaan waldaaleen kiristaanaa Waaqaa duudhaa akkasii hin qabnu.
17 But in giving you this command I don’t praise you, because you come together not for the better but for the worse.
Walitti qabamuun keessan waan waa balleessu malee waa tolchu hin taʼiniif ani ajaja kana keessatti isin hin jaju.
18 For first of all, when you come together in the assembly, I hear that divisions exist amongst you, and I partly believe it.
Waan hunda dura, yommuu isin akka waldaatti walitti qabamtanitti akka gargar baʼuun gidduu keessan jiru nan dhagaʼa; kanas karaa tokkoon ani nan amana.
19 For there also must be factions amongst you, that those who are approved may be revealed amongst you.
Warra isin keessaa Waaqa biratti fudhatama qaban ifatti baasuuf, garaa garummaan isin gidduu jiraachuu qaba.
20 When therefore you assemble yourselves together, it is not the Lord’s supper that you eat.
Yommuu walitti qabamtanitti wanti isin nyaattan Irbaata Gooftaa miti;
21 For in your eating each one takes his own supper first. One is hungry, and another is drunken.
yeroo nyaataatti namni hundinuu irbaata ofii isaa nyaata. Inni tokko ni beelaʼa; kaan immoo ni machaaʼa.
22 What, don’t you have houses to eat and to drink in? Or do you despise God’s assembly and put them to shame who don’t have enough? What shall I tell you? Shall I praise you? In this I don’t praise you.
Isin mana itti nyaattanii fi itti dhugdan hin qabdan moo? Yookaan waldaa Kiristaanaa Waaqaa tuffattanii warra homaa hin qabne qaanessitu? Ani maalan isiniin jedha? Isin jajuu ree? Ani kanaan isin hin jaju!
23 For I received from the Lord that which also I delivered to you, that the Lord Jesus on the night in which he was betrayed took bread.
Ani waanan dabarsee isinitti kenne kana Gooftaa irraa fudhadheeraatii; Gooftaa Yesuus halkan dabarfamee kenname sana buddeena fuudhee,
24 When he had given thanks, he broke it and said, “Take, eat. This is my body, which is broken for you. Do this in memory of me.”
galata galche; buddeena sanas caccabsee, “Kun foon koo kan isiniif taʼuu dha; kanas yaadannoo kootiif godhadhaa” jedhe.
25 In the same way he also took the cup after supper, saying, “This cup is the new covenant in my blood. Do this, as often as you drink, in memory of me.”
Akkasumas irbaata booddee xoofoo fuudhee, “Xoofoon kun kakuu haaraa dhiiga kootiin taʼuu dha; yeroo isa dhugdan hunda na yaadachuuf godhadhaa” jedhe.
26 For as often as you eat this bread and drink this cup, you proclaim the Lord’s death until he comes.
Isinis hamma Gooftaan dhufutti yeroo buddeena kana nyaattanii xoofoo kana dhugdan hunda duʼa isaa ni labsitu.
27 Therefore whoever eats this bread or drinks the Lord’s cup in a way unworthy of the Lord will be guilty of the body and the blood of the Lord.
Kanaafuu namni haala hin malleen buddeena sana nyaatu yookaan xoofoo Gooftaa dhugu kam iyyuu foonii fi dhiiga Gooftaatti ni gaafatama.
28 But let a man examine himself, and so let him eat of the bread and drink of the cup.
Namni tokko utuu buddeena sana irraa hin nyaatin, utuu xoofoo sana irraas hin dhugin dura of qoruu qaba.
29 For he who eats and drinks in an unworthy way eats and drinks judgement to himself if he doesn’t discern the Lord’s body.
Namni utuu foon Gooftaa addaan baasee hin hubatin nyaatee dhugu, inni ofii isaatti murtii nyaatee dhugaatii.
30 For this cause many amongst you are weak and sickly, and not a few sleep.
Kanaafis isin keessaa hedduun dadhabaniiru; dhukkubsataniirus; hedduunis boqotaniiru.
31 For if we discerned ourselves, we wouldn’t be judged.
Utuu of qorree garuu nutti hin muramu ture.
32 But when we are judged, we are disciplined by the Lord, that we may not be condemned with the world.
Gooftaan yommuu nutti muru garuu akka addunyaa wajjin nutti hin muramneef nu adaba.
33 Therefore, my brothers, when you come together to eat, wait for one another.
Kanaafuu yaa obboloota ko, isin yommuu nyaachuuf walitti qabamtan wal eegaa.
34 But if anyone is hungry, let him eat at home, lest your coming together be for judgement. The rest I will set in order whenever I come.
Akka walitti qabamuun keessan murtii isinitti hin fidneef eenyu iyyuu yoo beelaʼe mana isaatti haa nyaatu! Waan hafe irratti immoo ani yommuun dhufutti qajeelcha nan kenna.

< 1 Corinthians 11 >