< Leviticus 12 >

1 And the LORD spoke to Moses, saying,
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
2 Speak to the children of Israel, saying, If a woman hath conceived seed, and borne a male-child; then she shall be unclean seven days; according to the days of the separation for her infirmity shall she be unclean.
“Israaʼelootaan akkana jedhi: ‘Dubartiin ulfooftee ilma deessee jirtu akka seeraatti akkuma yeroo xurii of irraa qabdu sanaatti bultii torbaaf xurooftuu taati.
3 And in the eighth day the flesh of his foreskin shall be circumcised.
Ilmi sunis guyyaa saddeettaffaatti dhagna haa qabatu.
4 And she shall then continue in the blood of her purifying three and thirty days: she shall touch no hallowed thing, nor come into the sanctuary, until the days of her purifying be fulfilled.
Ergasiis dubartiin sun dhiiga ishee irraa qulqulleeffamuuf bultii soddomii sadii eeggachuu qabdi. Ishee hamma yeroon qulqulleeffamuu ishee raawwatamutti waan qulqulluu hin tuqin yookaan gara iddoo qulqulluu hin dhaqin.
5 But if she shall bear a female-child, then she shall be unclean two weeks, as in her separation: and she shall continue in the blood of her purifying sixty six days.
Isheen yoo durba deessee jiraatte akkuma yeroo xurii of irraa qabdu sanaatti torban lamaaf xurooftuu taati; ergasii immoo dhiiga ishee irraa qulqulleeffamuuf bultii jaatamii jaʼa eeggachuu qabdi.
6 And when the days of her purifying are fulfilled, for a son, or for a daughter, she shall bring a lamb of the first year for a burnt-offering, and a young pigeon, or a turtle-dove, for a sin-offering, to the door of the tabernacle of the congregation, to the priest;
“‘Isheen gaafa yeroon qulqulleeffamuu ishee kan sababii ilmaa yookaan intalaa raawwatamutti, xobbaallaa hoolaa kan waggaa tokkoo aarsaa gubamuuf, gugee sookkee tokko yookaan gugee tokko aarsaa cubbuutiif balbala dunkaana wal gaʼii duratti gara lubaa haa fiddu.
7 Who shall offer it before the LORD, and make an atonement for her; and she shall be cleansed from the issue of her blood. This [is] the law for her that hath borne a male or a female.
Innis isheedhaaf araara buusuuf jedhee waan kana fuula Waaqayyoo duratti aarsaa dhiʼeessa; isheenis ergasii akka seeraatti dhangalaʼaa dhiiga ishee irraa qulqulloofti. “‘Seerri dubartii ilma yookaan durba deessuu kanaa dha.
8 And if she shall not be able to bring a lamb, then she shall bring two turtles, or two young pigeons; the one for the burnt-offering, and the other for a sin-offering: and the priest shall make an atonement for her, and she shall be clean.
Isheen yoo xobbaallaa hoolaa fiduu hin dandeenye, gugee lama yookaan gugee sosookkee lama, tokko aarsaa gubamuuf kaan immoo aarsaa cubbuutiif haa fiddu. Haala kanaan lubichi isheedhaaf araara buusa; isheenis ni qulqulloofti.’”

< Leviticus 12 >