< Judges 6 >

1 And the children of Israel did evil in the sight of the LORD: and the LORD delivered them into the hand of Midian seven years.
Israaʼeloonni fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan; innis dabarsee waggaa torbaaf harka Midiyaanotaatti isaan kenne.
2 And the hand of Midian prevailed against Israel: [and] because of the Midianites the children of Israel made them the dens which [are] in the mountains, and caves, and strong holds.
Israaʼeloonni sababii harki Midiyaanotaa isaanitti jabaateef tulluuwwan irratti, holqaa fi daʼannoo jabaa keessatti ofii isaaniitiif iddoo jiraatanii fi iddoo itti daʼatan qopheeffatan.
3 And [so] it was, when Israel had sown, that the Midianites came up, and the Amalekites, and the children of the east, even they came up against them;
Yeroo Israaʼeloonni midhaan facaafatan hunda Midiyaanonni, Amaaleqoonnii fi namoonni baʼa biiftuu kaan dhufanii isaan weeraru turan.
4 And they encamped against them, and destroyed the increase of the earth, till thou comest to Gaza; and left no sustenance for Israel, neither sheep, nor ox, nor ass.
Achis qubatanii midhaan hamma Gaazaatti jiru hundumaa balleessan; isaan waan lubbuu qabu hoolota, loon yookaan harroota tokko illee Israaʼelootaaf hin hambifne.
5 For they came up with their cattle, and their tents, and they came as grasshoppers for multitude; [for] both they and their camels were without number: and they entered into the land to destroy it.
Akkuma tuuta hawwaannisaattis horii fi dunkaana isaanii fudhatanii isaan irra yaaʼan. Namootaa fi gaalawwan isaanii lakkaaʼuun hin dandaʼamu ture; isaanis biyya sana barbadeessuudhaaf weeraran.
6 And Israel was greatly impoverished because of the Midianites; and the children of Israel cried to the LORD.
Sababii Midiyaanonni akka malee isaan hiyyoomsaniif Israaʼeloonni gargaarsa barbaacha gara Waaqayyootti iyyatan.
7 And it came to pass, when the children of Israel cried to the LORD because of the Midianites,
Yeroo Israaʼeloonni sababii Midiyaanotaatiif gara Waaqayyootti iyyatanitti,
8 That the LORD sent a prophet to the children of Israel, who said to them, Thus saith the LORD God of Israel, I brought you up from Egypt, and brought you forth from the house of bondage;
inni raajii akkana jedhee dubbatu tokko isaaniif erge; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani biyya Gibxi, biyya garbummaatii baaseen isin fide.
9 And I delivered you from the hand of the Egyptians, and from the hand of all that oppressed you, and drove them out from before you, and gave you their land;
Ani humna warra Gibxii fi harka cunqursitootaa jalaa isin furee fuula keessan duraas ariʼee isaan baasee biyya isaanii isinii kenneera.
10 And I said to you, I [am] the LORD your God; fear not the gods of the Amorites, in whose land ye dwell: but ye have not obeyed my voice.
Isiniinis, ‘Ani Waaqayyo Waaqa keessan; waaqota Amoorotaa kanneen isin biyya isaanii keessa jiraattan sanaa hin waaqeffatinaa’ jedheera. Isin garuu sagalee koo hin dhageenye.”
11 And there came an angel of the LORD, and sat under an oak which [was] in Ophrah, that [pertained] to Joash the Abi-ezrite: and his son Gideon thrashed wheat by the wine-press, to hide [it] from the Midianites.
Ergamaan Waaqayyoos ganda Ofraa jedhamu dhufee qilxuu Yooʼaash namicha sanyii Abiiʼezer sanaa jala taaʼe; Gidewoon ilmi Yooʼaash immoo akka Midiyaanonni hin argineef iddoo wayiniin itti cuunfamutti dhoksee qamadii dhaʼata ture.
12 And the angel of the LORD appeared to him, and said to him, The LORD [is] with thee, thou mighty man of valor.
Ergamaan Waaqayyoos isatti mulʼatee, “Yaa loltuu goota nana, Waaqayyo si wajjin jira” jedheen.
13 And Gideon said to him, O my LORD, if the LORD is with us, why then hath all this befallen us? and where [are] all his miracles which our fathers told us of, saying, Did not the LORD bring us up from Egypt? but now the LORD hath forsaken us, and delivered us into the hands of the Midianites.
Gidewoon garuu akkana jedhee deebise; “Garuu yaa gooftaa, utuu Waaqayyo nu wajjin jiraatee wanni kun hundi maaliif nurra gaʼa? Dinqiiwwan isaa kanneen abbootiin keenya, ‘Waaqayyo biyya Gibxiitii nu baaseera’ jedhanii nutti himan sun hundi eessa jiru ree? Amma garuu Waaqayyo nu dhiisee harka Midiyaanotaatti dabarsee nu kenneera.”
14 And the LORD looked upon him, and said, Go in this thy might, and thou shalt save Israel from the hand of the Midianites: have not I sent thee?
Waaqayyo gara Gidewoonitti garagalee, “Humna qabdu kanaan dhaqiitii harka Midiyaanotaa jalaa Israaʼeloota bilisa baasi. Anatu si ergaa jira mitii?” jedheen.
15 And he said to him, O my LORD, by what means shall I save Israel? behold, my family [is] poor in Manasseh, and I [am] the least in my father's house.
Gidewoon garuu, “Yaa Gooftaa, gosti koo sanyii Minaasee keessaa baayʼee dadhabaa dha; anis maatii koo keessaa nama gad aanaa dha. Egaa ani akkamittin saba Israaʼel bilisoomsuu dandaʼa ree?” jedhee gaafate.
16 And the LORD said to him, Surely I will be with thee, and thou shalt smite the Midianites as one man.
Waaqayyos, “Ani si wajjin jira; atis Midiyaanota hunda walitti qabdee dhoofta” jedhee deebiseef.
17 And he said to him, If now I have found grace in thy sight, then show me a sign that thou talkest with me.
Gidewoonis akkana jedhee deebise; “Yoo ani fuula kee duratti surraa argadhee jiraadhe, kan natti dubbachaa jiru dhugumaan siʼi taʼuu mallattoo na argisiisi.
18 Depart not hence, I pray thee, until I come to thee, and bring forth my present, and set [it] before thee. And he said, I will tarry until thou comest again.
Maaloo hamma ani deebiʼee aarsaa koo fidee fuula kee duratti dhiʼeessutti hin deemin.” Waaqayyos, “Ani hamma ati deebitutti sin eega” jedheen.
19 And Gideon went in, and made ready a kid, and unleavened cakes of an ephah of flour: the flesh he put in a basket, and he put the broth in a pot, and brought [it] out to him under the oak, and presented [it].
Gidewoon gara mana isaa deemee ilmoo reʼee tokko qalee qopheessee daakuu iifii tokkoo fuudhee buddeena raacitii hin qabne tolche. Foon sanas gundoo irra kaaʼee bishaan foon sanaa immoo okkoteetti naqee fiduudhaan qilxuu jalatti aarsaa isaaf dhiʼeesse.
20 And the angel of God said to him, Take the flesh and the unleavened cakes, and lay [them] upon this rock, and pour out the broth. And he did so.
Ergamaan Waaqaas, “Foonii fi Maxinoo kana fuudhiitii kattaa kana irra kaaʼi; bishaan isaa immoo dhangalaasi” jedhe. Gidewoonis akkasuma godhe.
21 Then the angel of the LORD put forth the end of the staff that [was] in his hand, and touched the flesh and the unleavened cakes; and there rose fire out of the rock, and consumed the flesh and the unleavened cakes. Then the angel of the LORD departed from his sight.
Ergamaan Waaqayyoo sunis fiixee ulee harka isaa tureetiin foonii fi Maxinoo sana tuqe. Ibiddi kattaa keessaa baʼee foonii fi Maxinoo sana nyaate. Ergamaan Waaqayyoos fuula isaa duraa dhabame.
22 And when Gideon perceived that he was [an] angel of the LORD, Gideon said, Alas, O LORD God! for because I have seen an angel of the LORD face to face.
Gidewoon yommuu akka ergamaa Waaqayyoo arge beeketti, “Wayyoo, yaa Waaqayyo Gooftaa! Ani ifaan ifatti ergamaa Waaqayyoo argeeraatii!” jedhe.
23 And the LORD said to him, Peace [be] to thee; fear not: thou shalt not die.
Waaqayyo garuu, “Nagaan siif haa taʼu! Hin sodaatin, ati hin duutuutii” jedheen.
24 Then Gideon built an altar there to the LORD, and called it Jehovah-shalom: to this day it [is] yet in Ophrah of the Abi-ezrites.
Kanaafuu Gidewoon Waaqayyoof achitti iddoo aarsaa ijaaree, “Waaqayyo Nagaa dha” jedhee moggaase. Iddoon aarsaa kun hamma harʼaatti lafa Abiiʼezerootaa irra iddoo Ofraa jedhamu dhaabateera.
25 And it came to pass the same night, that the LORD said to him, Take thy father's young bullock, even the second bullock of seven years old, and throw down the altar of Baal that thy father hath, and cut down the grove that [is] by it:
Waaqayyo halkanuma sana akkana isaan jedhe; “Karra loon abbaa keetii keessaa korma lammaffaa kan waggaa torba guute tokko fuudhi. Iddoo aarsaa kan abbaan kee Baʼaaliif tolche diigi; utubaa Aasheeraa kan isa bira dhaabames jigsi.
26 And build an altar to the LORD thy God upon the top of this rock, in the ordered place, and take the second bullock, and offer a burnt-sacrifice with the wood of the grove which thou shalt cut down.
Fiixee gaara kanaa irrattis Waaqayyo Waaqa keetiif iddoo aarsaa bareedaa isaa tolchi. Qoraan utubaa Aasheeraa kan jigsite sanattis fayyadamii korma lammaffaa sana aarsaa gubamu godhiitii dhiʼeessi.”
27 Then Gideon took ten men of his servants, and did as the LORD had said to him: and [so] it was, because he feared his father's household, and the men of the city, that he could not do [it] by day, that he did [it] by night.
Gidewoonis hojjettoota isaa keessaa nama kudhan fudhatee akkuma Waaqayyo isatti hime sana godhe. Garuu waan maatii isaatii fi namoota magaalaa sana jiraatan sodaateef guyyaa adiin gochuu irra halkan filate.
28 And when the men of the city arose early in the morning, behold, the altar of Baal was cast down, and the grove was cut down that [was] by it, and the second bullock was offered upon the altar [that was] built.
Ganama barii yommuu namoonni magaalaa sanaa hirribaa kaʼanitti iddoon aarsaa Baʼaal diigamee, utubaan Aasheeraas kufee kormi lammaffaan iddoo aarsaa haaraa tolfame sana irratti qalamee ture!
29 And they said one to another, Who hath done this thing? And when they inquired and asked, they said, Gideon the son of Joash hath done this thing.
Isaanis, “Eenyutu waan kana hojjete?” jedhanii wal gaafatan. Yommuu gad fageenyaan qoratanittis, “Gidewoon ilma Yooʼaashitu waan kana godhe” jedhan.
30 Then the men of the city said to Joash, Bring out thy son, that he may die: because he hath cast down the altar of Baal, and because he hath cut down the grove that [was] by it.
Namoonni magaalaa sanaas Yooʼaashiin, “Ilma kee gad baasi. Inni sababii iddoo aarsaa Baʼaal diigee utubaa Aasheeraas jigseef ajjeefamuu qaba” jedhan.
31 And Joash said to all that stood against him, Will ye plead for Baal? will ye save him? he that will plead for him, let him be put to death whilst [it is yet] morning: if he [is] a god, let him plead for himself, because [one] hath cast down his altar.
Yooʼaash garuu saba aariidhaan guutamee isa marse sanaan akkana jedhe; “Isin Baʼaaliif falmuu barbaaddu? Isas oolchuu feetuu? Namni isaaf falmu yoo jiraate inni ganama haa duʼu! Baʼaal utuu dhugumaan Waaqa taʼee yommuu namni tokko iddoo aarsaa isaa diigu inni of irraa dhowwuu dandaʼa ture.”
32 Therefore on that day he called him Jerubbaal, saying, Let Baal plead against him, because he hath thrown down his altar.
Kanaafuu isaan sababii inni iddoo aarsaa isaa jalaa diigeef, “Baʼaal mataan isaa haa falmatu” jechuudhaan Gidewooniin, “Yerub-Baʼaal” jedhanii waaman.
33 Then all the Midianites, and the Amalekites, and the children of the east were assembled, and went over, and encamped in the valley of Jezreel.
Ergasiis Midiyaanonni hundi, Amaaleqoonnii fi namoonni karaa baʼa biiftuu humna isaanii walitti dabalatanii Yordaanos ceʼuudhaan Sulula Yizriʼeel keessa qubatan.
34 But the Spirit of the LORD came upon Gideon, and he blew a trumpet; and Abiezer was called after him.
Hafuurri Waaqayyoos dhufee Gidewoon irra buʼe; innis akka Abiiʼezeroonni isa duukaa buʼaniif waamuuf malakata afuufe.
35 And he sent messengers throughout all Manasseh; who also was called after him: and he sent messengers to Asher, and to Zebulun, and to Naphtali; and they came up to meet them.
Guutummaa Minaasee keessas ergamoota ergate; isaanis isa duukaa buʼuuf walitti qabaman; akkasumas gara Aasheer, Zebuuloonii fi Niftaalemitti ergate; isaanis jara simachuuf gad yaaʼan.
36 And Gideon said to God, If thou wilt save Israel by my hand, as thou hast said,
Gidewoonis Waaqaan akkana jedhe; “Yoo ati akkuma waadaa galtetti harka kootiin Israaʼel furte,
37 Behold, I will put a fleece of wool on the floor; [and] if the dew shall be on the fleece only, and [it] shall [be] dry upon all the earth [besides], then shall I know that thou wilt save Israel by my hand, as thou hast said.
kunoo, ani wayyaa rifeensa hoolaa irraa hojjetame tokko oobdii irra nan diriirsa. Yoo rifeensa hoolaa sana qofa irra fixeensi buʼee lafti immoo goggogaa taʼe, ani akka ati akkuma jette sana harka kootiin Israaʼel furtu nan beeka.”
38 And it was so: for he rose early on the morrow, and pressed the fleece, and wrung the dew out of the fleece, a bowl-full of water.
Wanni sunis akkasuma taʼe. Gidewoonis guyyaa itti aanu ganamaan kaʼe; yeroo inni wayyaa rifeensa hoolaa irraa hojjetame sana micciirettis bishaan waciitii guutuutu keessaa cuunfame.
39 And Gideon said to God, Let not thy anger be hot against me, and I will speak but this once: Let me make trial, I pray thee, but this once with the fleece; let it now be dry only upon the fleece, and upon all the ground let there be dew.
Kana irratti Gidewoon Waaqaan, “Natti hin dheekkamin. Amma illee waan tokkon si gaafadha. Akka ani rifeensa hoolaa sana irratti yaalii biraa godhuuf naa eeyyami. Amma immoo rifeensa sana goggogsiitii fixeensa lafatti uffisi.”
40 And God did so that night: for it was dry upon the fleece only, and there was dew on all the ground.
Waaqnis halkan sana akkasuma godhe. Rifeensa hoolaa sana qofatu goggogaa ture; lafti guutuun fixeemsaan haguugamee ture.

< Judges 6 >