< Isaiah 56 >

1 Thus saith the LORD, Keep ye judgment, and do justice: for my salvation [is] near to come, and my righteousness to be revealed.
Waaqayyo akkana jedha: Sababii fayyisuun koo dhiʼaatee fi qajeelummaan koo dafee mulʼatuuf, “Murtii qajeelaa eegaa; waan qajeelaas hojjedhaa.
2 Blessed [is] the man [that] doeth this, and the son of man [that] layeth hold on it; that keepeth the sabbath from profaning it, and keepeth his hand from doing any evil.
Namni waan kana hojjetu, kan waan kanattis cimu, kan Sanbata utuu hin xureessin eeguu fi waan hamaa kam iyyuu hojjechuu irraa harka isaa eeggatu eebbifamaa dha.”
3 Neither let the son of the stranger, that hath joined himself to the LORD, speak, saying, The LORD hath utterly separated me from his people: neither let the eunuch say, Behold, I [am] a dry tree.
Alagaan Waaqayyotti cichee tokko, “Waaqayyo dhugumaan saba isaa irraa addaan na baasa” hin jedhin. Xuʼaashiin kam iyyuus, “Ani mukuma gogaadha” ofiin hin jedhin.
4 For thus saith the LORD to the eunuchs that keep my sabbaths, and choose [the things] that please me, and take hold of my covenant;
Waaqayyo akkana jedhaatii: “Xuʼaashiiwwan Sanbatoota koo eegan, kanneen waan na gammachiisu filatanii fi kakuu koo jabeessanii eeganiif,
5 Even to them will I give in my house and within my walls a place and a name better than of sons and of daughters: I will give them an everlasting name, that shall not be cut off.
ani mana qulqullummaa kootii fi dallaa isaa keessatti yaadannoo fi maqaa ilmaanii fi intallan caalu tokko nan kennaaf; ani maqaa bara baraa kan hin haqamne isaaniif nan kenna.
6 Also the sons of the stranger, that join themselves to the LORD, to serve him, and to love the name of the LORD, to be his servants, every one that keepeth the sabbath from profaning it, and taketh hold of my covenant;
Alagoota isa tajaajiluuf, maqaa Waaqayyoo jaallachuuf, isa waaqeffachuuf Waaqayyotti cichan kanneen Sanbata utuu hin xureessin eeganii fi kakuu koos cimsanii eegan hunda,
7 Even them will I bring to my holy mountain, and make them joyful in my house of prayer: their burnt-offerings and their sacrifices [shall be] accepted upon my altar; for my house shall be called a house of prayer for all people.
ani gara tulluu koo qulqulluutti isaan nan fida; mana kadhannaa koo keessattis gammachuu isaaniif nan kenna. Aarsaan isaanii kan gubamuu fi qalmi, iddoo aarsaa koo irratti fudhatama ni argata; manni koo saboota hundaaf, mana sagadaa jedhamee waamamaatii.”
8 The Lord GOD who gathereth the outcasts of Israel, Yet will I gather [others] to him, besides those that are gathered to him.
Waaqayyo Gooftaan, inni Israaʼeloota bittinnaaʼan walitti qabu sun akkana jedha: “Ani warra duraan walitti qabaman biratti, warra kaanis gara isaaniitti walitti nan qaba.”
9 All ye beasts of the field, come to devour, yes, all ye beasts in the forest.
Bineensonni dirree hundi, bineensonni bosonaa hundis kottaatii itti gaggabaa nyaadhaa!
10 His watchmen [are] blind: they are all ignorant, they [are] all dumb dogs, they cannot bark; sleeping, lying down, loving to slumber.
Eegdonni Israaʼel jaamota, isaan hundi beekumsa hin qaban; hundi isaanii saroota duudaa dha; dutuus hin dandaʼan; isaan ciisanii abjootu; rafuus ni jaallatu.
11 Yes, [they are] greedy dogs [which] can never have enough, and they [are] shepherds [that] cannot understand: they all look to their own way, every one for his gain, from his quarter.
Isaan saroota albaadheyyii dha; nyaataniis hin quufan. Isaan tiksoota hubannaa hin qabnee dha; hundi isaanii daandii ofii isaanii irra deemu; tokkoon tokkoon isaanii faayidaa ofii isaanii barbaadu.
12 Come ye, [say they], I will bring wine, and we will fill ourselves with strong drink; and to-morrow shall be as this day, [and] much more abundant.
Tokkoon tokkoon isaanii akkana jedhu; “Kottaa daadhii wayinii dhugnaa! Kottaa dhugaatii cimaa dhugnee quufnaa! Guyyaan borii akkuma harʼaa taʼa; yookaan caaluu iyyuu ni dandaʼa.”

< Isaiah 56 >