< Ecclesiastes 6 >

1 There is an evil which I have seen under the sun, and it [is] common among men:
Ani aduudhaa gaditti waan hamaa biraa argeera; kunis akka malee namatti ulfaata:
2 A man to whom God hath given riches, wealth, and honor, so that he wanteth nothing for his soul of all that he desireth, yet God giveth him not power to eat of it, but a stranger eateth it: this [is] vanity, and it [is] an evil disease.
Waaqni akka namni waan garaa isaatti hawwu tokko iyyuu hin dhabneef qabeenya, badhaadhummaa fi ulfina isaaf kenne; Waaqni garuu akka inni itti gammadu hin goone; qooda namichaa nama ormaatu itti gammada. Kun waan faayidaa hin qabnee dha; hammina nama gaddisiisuudhas.
3 If a man begetteth a hundred [children], and liveth many years, so that the days of his years are many, and his soul is not filled with good, and also [that] he hath no burial; I say, [that] an untimely birth [is] better than he.
Namni tokko ijoollee dhibba qabaatee waggoota baayʼee jiraachuu dandaʼa; inni hamma fedhe jiraatu illee yoo qabeenya isaatti gammaduu baatee awwaala gaariis argachuu baate, ani, “Isaa mannaa gatata wayya” nan jedha.
4 For he cometh with vanity, and departeth in darkness, and his name shall be covered with darkness.
Inni akkasumaan dhufa; dukkana keessa bada; maqaan isaas dukkanaan haguugama.
5 Moreover he hath not seen the sun, nor known [any thing]: this hath more rest than the other.
Inni yoo aduu arguu baate iyyuu yookaan yoo homaa beekuu baate iyyuu boqonnaa namichi sun argatu caalaa boqonnaa qabaata.
6 Yes, though he liveth a thousand years twice [told], yet hath he seen no good: do not all go to one place?
Inni waggaa kuma yeroo lama jiraatu illee yoo jireenya gaarii hin jiraatin, namni hundi idduma tokko dhaqa mitii?
7 All the labor of man [is] for his mouth, and yet the appetite is not filled.
Dadhabbiin nama hundaa afaanuma isaatiif; fedhiin isaa garuu yoom iyyuu hin guutu.
8 For what hath the wise more than the fool? what hath the poor, that knoweth to walk before the living?
Ogeessi maaliin gowwaa caala? Hiyyeessi akka itti fuula namootaa dura jiraatu beekuudhaan faayidaa maalii argata?
9 Better [is] the sight of the eyes than the wandering of the desire: this [is] also vanity and vexation of spirit.
Hawwiidhaan jooruu mannaa waan iji argu wayya. Kunis bubbee ariʼuu malee faayidaa hin qabu.
10 That which hath been is named already, and it is known that it [is] man: neither may he contend with him that is mightier than he.
Waan jiru hundaaf duraanuu maqaan baʼeera; maalummaan namaas beekamaa dha; namni tokko iyyuu nama isa caalaa humna qabuun morkachuu hin dandaʼu.
11 Seeing there are many things that increase vanity, what [is] man the better?
Dubbiin akkuma baayʼatuun faayidaa dhaba; yoos wanni sun akkamiin nama kam iyyuu fayyada?
12 For who knoweth what [is] good for man in [this] life, all the days of his vain life which he spendeth as a shadow? for who can tell a man what shall be after him under the sun?
Bara jireenya namaa kan inni akkuma gaaddisaatti keessa baʼee darbu gabaabaa faayidaa hin qabne kana keessa eenyutu waan namaaf gaarii taʼe beeka? Waan erga inni deemee booddee aduudhaa gaditti taʼus eenyutu isatti himuu dandaʼa?

< Ecclesiastes 6 >