< 1 Samuel 4 >

1 And the word of Samuel came to all Israel. Now Israel went out against the Philistines to battle, and encamped beside Eben-ezer: and the Philistines encamped in Aphek.
Dubbiin Saamuʼeel Israaʼel hunda bira gaʼe. Israaʼeloonni Filisxeemota waraanuudhaaf baʼan. Israaʼeloonnis Ebeenezer bira, Filisxeemonni immoo Afeeq keessa qubatan.
2 And the Philistines put themselves in array against Israel: and when they joined battle, Israel was smitten before the Philistines: and they slew of the army in the field about four thousand men.
Filisxeemonni Israaʼeloota waraanuudhaaf loltoota isaanii hiriirsan; akkuma waraanni hoʼeenis Israaʼeloonni Filisxeemotaan moʼatamanii namoonni kumni afur dirree waraanaa irratti ajjeefaman.
3 And when the people had come into the camp, the elders of Israel said, Why hath the LORD smitten us to-day before the Philistines? Let us bring the ark of the covenant of the LORD out of Shiloh to us, that when it cometh among us, it may save us from the hand of our enemies.
Yommuu loltoonni Israaʼel qubatatti deebiʼanitti maanguddoonni Israaʼel, “Harʼa Waaqayyo maaliif fuula Filisxeemotaa duratti akka nu moʼatamnu godhe? Akka inni nu wajjin deemee harka diinota keenyaa jalaa nu baasuuf taabota kakuu Waaqayyoo Shiiloodhaa haa fidnu” jedhan.
4 So the people sent to Shiloh, that they might bring from thence the ark of the covenant of the LORD of hosts, who dwelleth [between] the cherubim: and the two sons of Eli, Hophni and Phinehas, [were] there with the ark of the covenant of God.
Kanaafuu sabni sun gara Shiilootti namoota erguudhaan taabota kakuu Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu isa kiirubeel gidduu taaʼu sanaa fidan. Ilmaan Eelii lamaan Hofniinii fi Fiinehaasis taabota kakuu Waaqaa wajjin achi turan.
5 And when the ark of the covenant of the LORD came into the camp, all Israel shouted with a great shout, so that the earth resounded.
Yommuu taabonni kakuu Waaqayyoo gara qubataatti galetti Israaʼeloonni hundinuu iyya gammachuu guddaa isaa iyyanii lafa sochoosan.
6 And when the Philistines heard the noise of the shout, they said, What [meaneth] the noise of this great shout in the camp of the Hebrews? And they understood that the ark of the LORD had come into the camp.
Filisxeemonnis yommuu iyya guddaa sana dhagaʼanitti, “Iyyi guddaan qubata Ibrootaa keessaa dhagaʼamu kun maali?” jedhanii gaafatan. Yommuu akka taabonni kakuu Waaqayyoo achi gale hubatanittis,
7 And the Philistines were afraid, for they said, God hath come into the camp. And they said, Woe to us! for there hath not been such a thing heretofore.
Filisxeemonni sodaatanii akkana jedhan; “Waaqni tokko gara qubata Ibrootaa dhufeera; nuuf wayyoo! Wanni akkasii taʼee hin beeku.
8 Woe to us! Who shall deliver us out of the hand of these mighty Gods? these [are] the Gods that smote the Egyptians with all the plagues in the wilderness.
Nuuf wayyoo! Eenyutu waaqota jajjaboo kanneen harkaa nu baasa? Isaan waaqota gammoojjii keessatti dhaʼicha garaa garaatiin warra Gibxi dhaʼanii dha.
9 Be strong, and acquit yourselves like men, O ye Philistines, that ye may not be servants to the Hebrews, as they have been to you: acquit yourselves like men, and fight.
Yaa Filisxeemotaa jabaadhaa! Dhiirummaa keessanis argisiisaa. Yoo kanaa achii akkuma isin jara garboomfattan sana Ibroonni garba isin godhatu. Dhiirummaa keessan argisiisaatii lolaa!”
10 And the Philistines fought, and Israel was smitten, and they fled every man into his tent: and there was a very great slaughter, for there fell of Israel thirty thousand footmen.
Kanaafuu Filisxeemonni ni lolan; Israaʼeloonnis moʼatamanii tokkoon tokkoon namaa gara dunkaana ofii isaatti baqate. Nama baayʼeetu dhume; Israaʼelis loltoota lafoo kuma soddoma dhabde.
11 And the ark of God was taken; and the two sons of Eli, Hophni and Phinehas, were slain.
Taabonni Waaqaa ni boojiʼame; ilmaan Eelii lamaanuu Hofniinii fi Fiinehaas ni duʼan.
12 And there ran a man of Benjamin out of the army, and came to Shiloh the same day with his clothes rent, and with earth upon his head.
Gaafuma sana namichi Beniyaam tokko wayyaa isaa tarsaasee, mataa isaatti daaraa firfirsee fiigaa gara Shiiloo dhaqe.
13 And when he came, lo, Eli sat upon a seat by the way-side watching: for his heart trembled for the ark of God. And when the man came into the city, and told [it], all the city cried out.
Eeliinis yeroo namichi achi gaʼetti sababii waaʼee taabota Waaqaatiif garaan isaa raafameef waa dhagaʼuuf jedhee karaa cina barcuma irra taaʼee eegaa ture. Yeroo namichi sun magaalaa seenee waan taʼe hundumaa odeessetti warri magaalaa sanaa hundi ni iyyan.
14 And when Eli heard the noise of the crying, he said, What [meaneth] the noise of this tumult? And the man came in hastily, and told Eli.
Eeliinis yommuu iyya sana dhagaʼetti, “Kun iyya maaliitii?” jedhee gaafate. Namichi sunis dafee dhufee Eeliitti hime;
15 Now Eli was ninety and eight years old; and his eyes were dim, that he could not see.
yeroo kana Eeliin nama waggaa sagaltamii saddeet waan tureef iji isaa arguu dadhabee ture.
16 And the man said to Eli, I [am] he that came out of the army, and I fled to-day out of the army. And he said, What is there done, my son?
Namichis, “Ani ammuma adda waraanaatii dhufuu koo ti; waraana keessaa miliqee baʼuun koos harʼuma” jedhee Eeliitti hime. Eeliinis, “Yaa ilma ko, maaltu taʼe ree?” jedhee gaafate.
17 And the messenger answered and said, Israel hath fled before the Philistines, and there hath been also a great slaughter among the people, and thy two sons also, Hophni and Phinehas, are dead, and the ark of God is taken.
Namichi oduu fide sun deebisee, “Israaʼeloonni Filisxeemota duraa baqatan; loltoota irras dhumiisa guddaatu gaʼe; ilmaan kee lamaanis Hofniinii fi Fiinehaas ajjeefamaniiru; taabonni Waaqaas boojiʼameera” jedheen.
18 And it came to pass, when he made mention of the ark of God, that he fell from off the seat backward by the side of the gate, and his neck broke, and he died: for he was an old man, and heavy. And he had judged Israel forty years.
Yommuu inni waaʼee taabota Waaqaa dubbatettis, Eeliin barcuma isaa kan balbala cina ture sana irraa dugda duubatti kufe. Nama dulloomaa dhagni isaa ulfaatu waan tureefis mormi isaa cabee duʼe. Innis waggaa afurtamaaf bulchaa Israaʼel ture.
19 And his daughter-in-law, the wife of Phinehas, was with child [near] to be delivered: and when she heard the tidings that the ark of God was taken, and that her father-in-law, and her husband were dead, she bowed herself, and travailed; for her pains came upon her.
Niitiin ilma isaa Fiinehaas ulfa daʼa geesse turte. Isheenis yommuu akka taabonni Waaqaa boojiʼamee fi akka abbaan dhirsa isheetii fi dhirsi ishee duʼan dhageessetti ciniinsuun itti hammaatee jilbeenfattee deesse.
20 And about the time of her death, the women that stood by her said to her, Fear not; for thou hast borne a son. But she answered not, neither did she regard [it].
Yeroo isheen duʼuu geessettis dubartoonni ishee gargaaraa turan, “Dhiira deesseertaa jabaadhu” jedhaniin. Isheen garuu homaa hin deebifne yookaan yaadatti hin qabanne.
21 And she named the child I-chabod, saying, The glory hath departed from Israel. (Because the ark of God was taken, and because of her father-in-law and her husband.)
Sababii taabonni Waaqaa boojiʼamee fi sababii abbaan dhirsa isheetii fi dhirsi ishee duʼaniif, “Ulfinni Israaʼel irraa fagaateera” jechuudhaan maqaa mucaa ishee Iikaabood jettee moggaafte.
22 And she said, The glory hath departed from Israel: for the ark of God is taken.
Isheenis, “Taabonni Waaqaa waan boojiʼameef ulfinni Israaʼel irraa fagaateera” jette.

< 1 Samuel 4 >