< 1 Kings 16 >

1 Then the word of the LORD came to Jehu the son of Hanani against Baasha, saying,
Ergasiis dubbiin Waaqayyoo Baʼishaaniin mormuudhaan akkana jedhee gara Yehuu gara ilma Hanaanii dhufe:
2 Forasmuch as I exalted thee from the dust, and made thee prince over my people Israel; and thou hast walked in the way of Jeroboam, and hast made my people Israel to sin, to provoke me to anger with their sins;
“Ani awwaara keessaa si kaaseen bulchaa saba koo Israaʼel si godhe; ati garuu karaa Yerobiʼaam deemtee saba koo Israaʼelin cubbuu hojjechiiftee akka isaan cubbuu isaaniitiin dheekkamsaaf na kakaasan goote.
3 Behold, I will take away the posterity of Baasha, and the posterity of his house; and will make thy house like the house of Jeroboam the son of Nebat.
Kanaafuu ani Baʼishaanii fi mana isaa nan barbadeessa; mana kee illee akkuma mana Yerobiʼaam ilma Nebaat sanaa nan godha.
4 Him that dieth of Baasha in the city shall the dogs eat; and him that dieth of his in the fields shall the fowls of the air eat.
Namoota Baʼishaan kanneen magaalaa keessatti dhuman sareetu nyaata; kanneen baadiyyaatti dhuman immoo allaattii samiitu nyaata.”
5 Now the rest of the acts of Baasha, and what he did, and his might, [are] they not written in the book of the chronicles of the kings of Israel?
Wantoonni biraa kanneen bara mootummaa Baʼishaan keessa hojjetaman, wanni inni hojjetee fi jabinni isaa kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
6 So Baasha slept with his fathers, and was buried in Tirzah: and Elah his son reigned in his stead.
Baʼishaan abbootii ofii wajjin boqotee Tiirzaa keessatti awwaalame. Ilmi isaa Eelaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
7 And also by the hand of the prophet Jehu the son of Hanani came the word of the LORD against Baasha, and against his house, even for all the evil that he did in the sight of the LORD, in provoking him to anger with the work of his hands, in being like the house of Jeroboam; and because he killed him.
Sababii inni akkuma mana Yerobiʼaam taʼuudhaan hojii harka isaatiin Waaqa dheekkamsaaf kakaasee Yerobiʼaaminis ajjeesuudhaan hammina fuula Waaqayyoo duratti hojjete hundaaf dubbiin Waaqayyoo karaa Yehuu raajichaa ilma Hanaaniin gara Baʼishaanii fi mana isaa dhufe.
8 In the twenty and sixth year of Asa king of Judah began Elah the son of Baasha to reign over Israel in Tirzah, two years.
Bara Aasaan mootichi Yihuudaa mootii taʼe keessa waggaa digdamii jaʼaffaatti Eelaan ilmi Baʼishaan Tiirzaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa lama bulche.
9 And his servant Zimri, captain of half [his] chariots, conspired against him, as he was in Tirzah, drinking himself drunk in the house of Arza steward of [his] house in Tirzah.
Garuu qondaaltota isaa keessaa namichi Zimrii jedhamu kan gaariiwwan isaa keessaa walakkaa ajaju tokko isatti malate. Yeroo sanatti Eelaan Tiirzaa keessatti mana Arzaa namicha bulchaa masaraa mootummaa kan Tiirzaa keessaa sanaatti dhugee machaaʼaa ture.
10 And Zimri went in and smote him, and killed him, in the twenty and seventh year of Asa king of Judah, and reigned in his stead.
Zimriinis bara mootummaa Aasaa mooticha Yihuudaa keessaa waggaa digdamii torbaffaatti ol seenee Eelaa dhaʼee ajjeese. Iddoo isaas buʼee mootii taʼe.
11 And it came to pass, when he began to reign, as soon as he sat on his throne, [that] he slew all the house of Baasha: he left him not one male, neither of his kinsman, nor of his friends.
Innis akkuma mootii taʼee teessoo irra taaʼeen maatii Baʼishaan hunda fixe. Fira isaa yookaan michuu isaa keessaa dhiira tokko illee hin hambifneef.
12 Thus did Zimri destroy all the house of Baasha, according to the word of the LORD, which he spoke against Baasha, by Jehu the prophet,
Akkasiin Zimriin akkuma dubbii Waaqayyoo kan Baʼishaaniin mormuudhaan karaa Yehuu raajichaatiin dubbatame sanaatti maatii Baʼishaan hunda barbadeesse;
13 For all the sins of Baasha, and the sins of Elah his son, by which they sinned, and by which they made Israel to sin, in provoking the LORD God of Israel to anger with their vanities.
kunis sababii cubbuu Baʼishaanii fi ilmi isaa Eelaan hojjetanii akka Israaʼeloonnis hojjetan gochuudhaan waaqota isaanii tolfamoo kanneen faayidaa hin qabneen Waaqayyo Waaqa Israaʼel dheekkamsaaf kakaasaniif taʼe.
14 Now the rest of the acts of Elah, and all that he did, [are] they not written in the book of the chronicles of the kings of Israel?
Wantoonni bara mootummaa Eelaa keessa hojjetaman kanneen biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
15 In the twenty and seventh year of Asa king of Judah did Zimri reign seven days in Tirzah. And the people [were] encamped against Gibbethon, which [belonged] to the Philistines.
Zimriin bara mootummaa Aasaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa digdamii torbaffaatti Tiirzaa keessatti mootii taʼee bultii torba bulche. Loltoonnis Gibetoon magaalaa Filisxeemotaa bira qubatan.
16 And the people [that were] encamped heard it said, Zimri hath conspired, and hath also slain the king: wherefore all Israel made Omri, the captain of the host, king over Israel that day in the camp.
Israaʼeloonni qubata keessa turanis yommuu akka Zimriin mootichatti kaʼee isa ajjeese dhagaʼanitti gaafasuma qubata sana keessatti Omrii ajajaa loltootaa sana mootii Israaʼel taasisan.
17 And Omri went up from Gibbethon, and all Israel with him, and they besieged Tirzah.
Omrii fi Israaʼeloonni isa wajjin turan hundi Gibetoon keessaa baʼanii Tiirzaa marsan.
18 And it came to pass, when Zimri saw that the city was taken, that he went into the palace of the king's house, and burnt the king's house over him with fire, and died,
Zimriinis yommuu akka magaalaan sun qabame argetti dallaa masaraa mootummaa seenee masaraa mootummaa of irratti gubee duʼe.
19 For his sins which he sinned in doing evil in the sight of the LORD, in walking in the way of Jeroboam, and in his sin which he did, to make Israel to sin.
Wanni kunis sababii inni fuula Waaqayyoo duratti hammina hojjechuu fi karaa Yerobiʼaam irra deemuudhaan cubbuu Yerobiʼaam hojjetee Israaʼelootas hojjechiise sana hojjeteef taʼe.
20 Now the rest of the acts of Zimri, and his treason that he wrought, [are] they not written in the book of the chronicles of the kings of Israel?
Wantoonni Zimriin bara mootummaa isaa keessa hojjete biraatii fi fincilli inni kaase kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
21 Then were the people of Israel divided into two parts: half of the people followed Tibni the son of Ginath, to make him king; and half followed Omri.
Ergasii sabni Israaʼel garee lamatti qoodame; gareen tokko Tiibnii ilma Giinat mootii godhachuuf isa duukaa buʼe; gareen kaan immoo Omrii duukaa buʼe.
22 But the people that followed Omri prevailed against the people that followed Tibni the son of Ginath: so Tibni died, and Omri reigned.
Garuu duukaa buutonni Omrii duuka buutota Tiibnii ilma Giinat sana caalaa jabaatan. Kanaafuu Taamniin duʼee Omriin mootii taʼe.
23 In the thirty and first year of Asa king of Judah began Omri to reign over Israel, twelve years: six years reigned he in Tirzah.
Omriinis bara mootummaa Aasaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii tokkoffaatti mootii Israaʼel taʼee waggaa kudha lama bulche; waggoota kanneen keessaa waggaa jaʼa Tiirzaa keessa taaʼee bulche.
24 And he bought the hill Samaria of Shemer for two talents of silver, and built on the hill, and called the name of the city which he built, after the name of Shemer, owner of the hill, Samaria.
Innis namicha Shemeer jedhamu irraa meetii taalaantii lamaan gaara Samaariyaa bitee magaalaa tokko gaara sana irratti ijaare; magaalaa sanas Samaariyaa jedhee maqaa Saamir abbaa gaara sanaa kan duriitiin moggaase.
25 But Omri wrought evil in the eyes of the LORD, and did worse than all that [were] before him.
Omriin garuu fuula Waaqayyoo duratti hammina hojjetee namoota isa duraan turan hunda caalaa cubbame.
26 For he walked in all the way of Jeroboam the son of Nebat, and in his sin with which he made Israel to sin, to provoke the LORD God of Israel to anger with their vanities.
Innis karaa Yerobiʼaam ilma Nebaat hunda irra deemee cubbuu Yerobiʼaam hojjetee saba Israaʼelis hojjechiisee akka isaan waaqota isaanii tolfamoo kanneen faayidaa hin qabneen Waaqayyoon Waaqa Israaʼel aariif kakaasan godhe.
27 Now the rest of the acts of Omri which he did, and his might that he showed, [are] they not written in the book of the chronicles of the kings of Israel?
Wantoonni bara mootummaa Omrii keessa hojjetaman kaan, wanni inni hojjetee fi jabinni inni argisiise kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
28 So Omri slept with his fathers, and was buried in Samaria: and Ahab his son reigned in his stead.
Omriin abbootii ofii isaa wajjin boqotee Samaariyaatti awwaalame. Ahaab ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
29 And in the thirty and eighth year of Asa king of Judah began Ahab the son of Omri to reign over Israel: and Ahab the son of Omri reigned over Israel in Samaria twenty and two years.
Ahaab ilmi Omrii bara mootummaa Aasaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii saddeettaffaatti mootii Israaʼel taʼee Samaariyaa taaʼee waggaa digdamii lama bulche.
30 And Ahab the son of Omri did evil in the sight of the LORD above all that [were] before him.
Ahaab ilmi Omrii warra isa duraan turan kam iyyuu caalaa fuula Waaqayyoo duratti hammina hojjete.
31 And it came to pass, as if it had been a light thing for him to walk in the sins of Jeroboam the son of Nebat, that he took to wife Jezebel the daughter of Ethbaal king of the Zidonians, and went and served Baal, and worshiped him.
Innis cubbuu Yerobiʼaam ilmi Nebaat hojjete sana hojjechuu akka waan salphaa tokkootti ilaaluu bira darbee Iizaabel intala Etebaʼaal mooticha Siidoonotaa fuudhe; dhaqees Baʼaalin tajaajiluu fi waaqeffachuu jalqabe.
32 And he erected an altar for Baal in the house of Baal, which he had built in Samaria.
Innis mana Baʼaal itti waaqeffatamu tokko Samaariyaatti ijaaree iddoo aarsaa tokko achi keessa dhaabe.
33 And Ahab made a grove; and Ahab did more to provoke the LORD God of Israel to anger than all the kings of Israel that were before him.
Ahaab ammas siidaa Aasheeraa dhaabee waan mootonni Israaʼel kanneen isa duraan turan hundi hojjetan caalaa hojjetee Waaqayyoon Waaqa Israaʼel aariif kakaase.
34 In his days Hiel the Beth-elite built Jericho: he laid the foundation of it in Abiram his first-born, and set up the gates of it in his youngest [son] Segub, according to the word of the LORD, which he spoke by Joshua the son of Nun.
Bara Ahaab keessa Hiiʼeel namichi Beetʼeel tokko Yerikoo deebisee ijaare. Akkuma dubbii Waaqayyoo kan karaa Iyyaasuu ilma Nuunitiin dubbatame sanaatti gaafa inni hundeewwan Yerikoo buusetti Abiiraam ilma isaa hangafatu duʼe; gaafa inni karrawwan isaa dhaabetti immoo Seguub ilma isaa quxisuu hundaatu duʼe.

< 1 Kings 16 >