< Romans 1 >
1 Paul, a servant of Jesus Christ, called to be an apostle and set apart for the gospel of God,
Phaawulos tajaajilaa Kiristoos Yesuus, kan ergamaa taʼuuf waamamee fi akka wangeela Waaqaa lallabuuf addaan baafame irraa:
2 which he promised beforehand by his prophets in the holy scriptures,
Wangeelli kunis kan Waaqni duraan dursee karaa raajota isaatiin Katabbiiwwan Qulqulluu keessatti waadaa galee dha.
3 concerning his Son who was a descendant of David according to the flesh.
Wangeelichis waaʼee ilma isaa kan akka namummaatti sanyii Daawit irraa dhalatee,
4 Through the Spirit of holiness he was declared with power to be the Son of God by the resurrection from the dead, Jesus Christ our Lord.
akka Hafuura qulqullummaatti immoo warra duʼan keessaa kaʼuu isaatiin Ilma Waaqaa humna qabeessa taʼuun isaa labsamee dha; innis Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos.
5 Through him we have received grace and apostleship for obedience of faith among all the nations, for the sake of his name.
Nus karaa isaatiin, maqaa isaatiif jecha ormoota hunda keessaa akka gara ajajamuu amantii irraa dhufuutti namoota waamnuuf ayyaanaa fi ergamtummaa arganneerra.
6 Among these nations, you also have been called to belong to Jesus Christ.
Isinis warra akka kan Yesuus Kiristoos taʼaniif waamaman sana keessa jirtu.
7 This letter is to all who are in Rome, the beloved of God, who are called to be holy people. May grace be to you, and peace from God our Father and the Lord Jesus Christ.
Warra Waaqaan jaallatamtanii qulqulloota taʼuuf waamamtan kanneen Roomaa jirtan hundaaf: Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.
8 First, I thank my God through Jesus Christ for all of you, because your faith is proclaimed throughout the whole world.
Sababii amantiin keessan guutummaa addunyaa irratti odeeffamaa jiruuf, ani duraan dursee waaʼee hunda keessaniitiif karaa Yesuus Kiristoosiin Waaqa koo nan galateeffadha.
9 For God is my witness, whom I serve in my spirit in the gospel of his Son, of how continually I make mention of you.
Akka ani kadhannaa koo keessatti utuu wal irraa hin kutin isin yaadadhu Waaqni ani wangeela Ilma isaa lallabuudhaan hafuura kootiin isa tajaajilu sun dhuga baatuu koo ti;
10 I always request in my prayers that by any means I may at last be successful now by the will of God in coming to you.
ani akka ammas dhuma irratti gara keessan dhufuuf fedhii Waaqaatiin karaan naa banamu nan kadhadha.
11 For I desire to see you, that I may give you some spiritual gift, in order to strengthen you.
Akka isin jabaattaniifis kennaa hafuuraa isinii hiruuf isin arguu baayʼee nan hawwa;
12 That is, I long to be mutually encouraged among you, through each other's faith, yours and mine.
kunis akka isinii fi ani amantii keenyaan wal jajjabeessinuuf.
13 Now I do not want you to be uninformed, brothers, that I often intended to come to you, (but I was hindered until now), in order to have a harvest among you, just as I have had among the rest of the Gentiles.
Yaa obboloota ko, ani akkuma Namoota Ormaa kaan keessatti ija qabaadhe sana isin keessattis akkasuma akkan qabaadhuuf yeroo baayʼee gara keessan dhufuu yaadaa turuu ko, garuu hamma ammaatti dhowwamuu koo akka isin beekuu dhabdan hin barbaadu.
14 I am a debtor both to Greeks and to foreigners, both to the wise and to the foolish.
Ani namoota Giriikii fi warra nama Giriik hin taʼiniif, beektotaa fi wallaaltotaaf gatii of irraa nan qaba.
15 So, as for me, I am ready to proclaim the gospel also to you who are in Rome.
Sababiin ani isin warra Roomaa jirtanittis wangeela lallabuuf akka malee hawwuuf kanuma.
16 For I am not ashamed of the gospel, for it is the power of God for salvation for everyone who believes, for the Jew first and for the Greek.
Ani wangeelatti hin qaanaʼu; kunis sababii wangeelli humna Waaqaa kan warra amanan hunda fayyisu taʼeef; innis jalqabatti Yihuudootaaf, itti aansee immoo Giriikotaaf.
17 For in it God's righteousness is revealed from faith to faith, as it has been written, “The righteous will live by faith.”
Wangeela keessatti qajeelummaan Waaqaa amantii irraa gara amantiitti mulʼateeraatii; kunis akkuma, “Namni qajeelaan amantiidhaan jiraata” jedhamee barreeffamee dha.
18 For the wrath of God is revealed from heaven against all ungodliness and unrighteousness of people, who through unrighteousness hold back the truth.
Dheekkamsi Waaqaa, Waaqa malee jiraachuu fi hammina namootaa hunda irratti samii irraa ni mulʼata; namoonni kunneen hammina isaaniitiin dhugaa ukkaamsu;
19 This is because that which is known about God is visible to them. For God has enlightened them.
kunis sababii wanni waaʼee Waaqaa beekamuu malu isaaniif ifa taʼeef; Waaqni isaaniif ibseeraatii.
20 For his invisible qualities, namely his eternal power and divine nature, have been clearly seen, ever since the creation of the world, in the things that have been made. So they are without excuse. (aïdios )
Amalli Waaqaa kan hin mulʼanne jechuunis humni isaa kan bara baraatii fi waaqummaan isaa uumama addunyaatii jalqabee wantoota uumaman irraa ifaan ifatti mulʼataatii; kanaafuu isaan waan itti qabatan hin qaban. (aïdios )
21 This is because, although they knew about God, they did not glorify him as God, nor did they give him thanks. Instead, they became foolish in their thoughts, and their senseless hearts were darkened.
Isaan yoo Waaqa beekan illee akka waaqummaa isaatti ulfina hin kennineef; galatas hin galchineef. Garuu yaadni isaanii waan faayidaa hin qabne taʼe; qalbiin isaanii kan hin hubannes ni dukkanaaʼe.
22 They claimed to be wise, but they became foolish.
Isaan yoo ogeeyyii ofiin jedhan iyyuu gowwoota taʼan;
23 They exchanged the glory of the imperishable God for the likenesses of an image of perishable man, of birds, of four-footed beasts, and of creeping things.
ulfina Waaqa hin duunees nama duʼutti, simbiratti, horii miilla afuriitti akkasumas uumamawwan lafa irra looʼanitti fakkeessuudhaan geeddaran.
24 Therefore God gave them over to the lusts of their hearts for uncleanness, for their bodies to be dishonored among themselves.
Kanaafuu Waaqni akka isaan dhagna walii isaanii salphisaniif hawwii garaa isaanii hamaadhaan dabarsee xuraaʼummaatti isaan kenne.
25 It is they who exchanged the truth of God for a lie, and who worshiped and served the creation instead of the Creator, who is praised forever. Amen. (aiōn )
Isaanis dhugaa Waaqaa sobatti geeddaran; Uumaa dhiisanii uumama waaqeffatan; ni tajaajilanis. Uumaan bara baraan eebbifamaa dha. Ameen. (aiōn )
26 Because of this, God gave them over to dishonorable passions, for their women exchanged natural relations for those that were unnatural.
Sababii kanaaf Waaqni dabarsee hawwii jibbisiisaatti isaan kenne. Dubartoonni isaaniis karaa ittiin fedhii fooniitiif dhiira wajjin wal bira gaʼan isa uumamaan kennameef dhiisanii, gara isa uumamaan isaaniif hin kennaminitti geeddaran.
27 Likewise, the men also left their natural relations with women and burned in their lust for one another. These were men who committed shameless acts with men and received in themselves the penalty they deserved for their error.
Warri dhiiraas akkasuma karaa ittiin fedhii fooniitiif dubartoota wajjin wal bira gaʼan isa uumamaan kennameef dhiisanii kajeellaa walii isaaniitiin gubatan. Warri dhiiraa, dhiira biraa wajjin gocha jibbisiisaa raawwatan; dogoggora isaanii kanaafis adaba isaaniif malu ofuma isaaniitiin fudhatan.
28 Because they did not approve of having God in their awareness, he gave them up to a depraved mind, for them to do those things that are not proper.
Sababii isaan Waaqa beekuu akka waan faayidaa hin qabneetti fudhataniif, Waaqni immoo akka isaan waan hojjetamuu hin malle hojjetaniif qalbii faayidaa hin qabnetti dabarsee isaan kenne.
29 They have been filled with all unrighteousness, wickedness, covetousness, and malice. They are full of envy, murder, strife, deceit, and evil intentions. They are gossips,
Isaanis hammina gosa hundaatiin, jalʼinaan, sassattummaan, amala baduun, hinaaffaan, nama ajjeesuun, wal loluun, gowwoomsuu fi dabaan guutaman. Isaan hamattoota,
30 slanderers, haters of God, insolent, arrogant, boastful, inventing ways of doing evil; they are disobedient to parents.
warra maqaa nama balleessan, warra Waaqa jibban, warra nama arrabsan, warra of jajanii fi warra of tuulanii dha; isaan warra karaa ittiin jalʼina hojjetan yaadan, warra abbaa fi haadha isaaniitiif hin ajajamnee dha;
31 They are senseless, faithless, heartless, and unmerciful.
isaan warra hubannaa hin qabne, warra walii galtee diigan, warra jaalala hin qabnee fi warra namaaf garaa hin laafnee dha.
32 They understand the regulations of God, that those who practice such things are deserving of death. But not only do they do these things, they also approve of others who do them.
Isaan seera Waaqaa kan, “Warra waan akkanaa hojjetan duʼuutu isaaniif mala” jedhu sana yoo beekan iyyuu ofii isaaniitiif waan akkanaa hojjechuu qofa utuu hin taʼin warra waan kana hojjetan iyyuu ni jajjabeessu.