< Psalms 130 >
1 A song of ascents. Out of the depths I cry to you, Yahweh.
Faarfannaa ol baʼuu. Yaa Waaqayyo, ani boolla gad fagoo keessaa sitti nan iyyadha;
2 Lord, hear my voice; let your ears be attentive to my pleas for mercy.
yaa Gooftaa, sagalee koo dhagaʼi. Gurri kees sagalee waammata koo xiyyeeffatee haa dhagaʼu.
3 If you, Yahweh, would mark iniquities, Lord, who could stand?
Yaa Waaqayyo, utuu ati cubbuu lakkooftee, yaa gooftaa silaa eenyutu dhaabachuu dandaʼa?
4 But there is forgiveness with you, that you may be revered.
Garuu dhiifamni si bira jira; kanaaf ati ni sodaatamta.
5 I wait for Yahweh, my soul waits, and in his word I hope.
Ani Waaqayyoon nan eeggadha; lubbuun koos isa eeggatti; dubbii isaas nan abdadha.
6 My soul waits for the Lord more than watchmen wait for the morning.
Eegdota barii lafaa eeggatan caalaa, dhugumaan eegdota barii lafaa eeggatan caalaa lubbuun koo Gooftaa eeggatti.
7 Israel, hope in Yahweh. Yahweh is merciful, and he is very willing to forgive.
Yaa Israaʼel, ati Waaqayyoon abdadhu; Waaqayyo bira jaalalli dhuma hin qabne, furiin guutuunis ni jiraatii.
8 It is he who will redeem Israel from all his sins.
Inni mataan isaa cubbuu isaanii hundumaa irraa Israaʼelin ni fura.