< Joshua 1 >

1 Now it came about after the death of Moses the servant of Yahweh, that Yahweh spoke to Joshua the son of Nun, Moses' chief assistant, saying,
Erga Museen garbichi Waaqayyoo sun duʼee booddee Waaqayyo akkana jedhee Iyyaasuu ilma Nuuni gargaaraa Musee sanatti dubbate:
2 “Moses, my servant, is dead. Now therefore, arise, cross over this Jordan, you and all this people, into the land that I am giving to them—to the people of Israel.
“Garbichi koo Museen duʼeera. Egaa amma atii fi sabni kun hundinuu gara biyya ani isaaniif, Israaʼelootaaf kennuuf jiruutti galuuf Laga Yordaanos ceʼuuf qophaaʼaa.
3 I have given you every place where the sole of your foot will walk. I have given it to you, just as I promised to Moses.
Anis akkuma Museef waadaa gale sanatti iddoo miilli keessan gaʼe hunda isiniifan kenna.
4 From the wilderness and Lebanon, as far as the great river, the Euphrates, all the land of the Hittites, and to the Great Sea, where the sun goes down, will be your land.
Daangaan keessanis gammoojjiidhaa jalqabdee hamma Libaanoonitti, lagicha guddaa Efraaxiisii jalqabdee biyya Heetotaa hunda keessa baatee karaa dhiʼaatiin hamma Galaana Guddaatti balʼatti.
5 No one will be able to stand before you all the days of your life. I will be with you as I was with Moses. I will not abandon you or leave you.
Bara jireenya keetii guutuu namni si dura dhaabachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Ani akkuman Musee wajjin ture sana si wajjinis nan taʼa; ani gonkumaa si hin gatu yookaan si hin dhiisu.
6 Be strong and courageous. You will cause this people to inherit the land that I promised their ancestors I would give to them.
Ati sababii akka isaan biyya ani abbootii isaaniitiif kennuuf kakadhe sana dhaalaniif saba kana hoogganuuf cimi; ija jabaadhus.
7 Be strong and very courageous. Be careful to obey all the law my servant Moses commanded you. Do not turn from it to the right or to the left, so that you may be successful wherever you go.
“Cimi; ija jabaadhus. Seera garbichi koo Museen siif kenne hundumaaf of eeggannaadhaan ajajami; akka gara deemtu hundumatti siif milkaaʼuufis mirgatti yookaan bitaatti hin gorin.
8 You will always speak about this book of the law. You will meditate on it day and night so that you can obey all that is written in it. Then you will be prosperous and successful.
Kitaabni Seeraa kun afaan keetii hin buʼin. Waan isa keessatti barreeffame hunda gochuuf akka of eeggattuufis halkanii guyyaa itti yaadi. Akkasiinis ati ni badhaata; ni milkooftas.
9 Have I not commanded you? Be strong and courageous! Do not be afraid. Do not be discouraged. Yahweh your God is with you wherever you go.”
Ani akkana jedhee si hin ajajnee? Cimi; ija jabaadhus. Waan Waaqayyo Waaqni kee iddoo ati deemtu hundumatti si wajjin taʼuuf, hin sodaatin; abdiis hin kutatin.”
10 Then Joshua commanded the leaders of the people,
Kanaafuu Iyyaasuun akkana jedhee qondaaltota sabaa ajaje:
11 “Go through the camp and command the people, 'Prepare provisions for yourselves. In three days you will cross over this Jordan and go in and possess the land that Yahweh your God is giving you to possess.'”
“Qubata keessa dedeemaatii namootaan, ‘Galaa keessan qopheeffadhaa. Isin biyya Waaqayyo Waaqni keessan isinii kennuuf jiru sana dhaala ofii keessanii gootanii fudhachuuf bultii sadii keessatti Yordaanos ni ceetu.’”
12 To the Reubenites, the Gadites and the half tribe of Manasseh, Joshua said,
Iyyaasuun garuu gosa Ruubeeniin, gosa Gaadiitii fi walakkaa gosa Minaaseetiin akkana jedhe:
13 “Call to mind the word that Moses the servant of Yahweh, commanded you when he said, 'Yahweh your God is giving you rest, and he is giving you this land.'
“Ajaja garbichi Waaqayyo Museen isinii kenne sana yaadadhaa; ‘Waaqayyo Waaqni keessan boqonnaa isinii kenna; biyya kanas isinii kenneera.’
14 Your wives, your little ones, and your livestock will stay in the land that Moses gave you beyond the Jordan. But your fighting men will go over with your brothers and help them
Niitonni keessan, ijoolleen keessanii fi horiin keessan biyya Museen gama baʼa Yordaanos isinii kenne keessa haa turan; garuu namoonni keessan warri lolaaf qophaaʼan hundi obboloota keessan dura gamatti haa ceʼan. Isin obboloota keessan gargaaruu qabdu;
15 until Yahweh has given your brothers rest just as he has given it to you. Then they also will take possession of the land Yahweh your God gives them. Then you will return to your own land and possess it, the land that Moses the servant of Yahweh gave you beyond the Jordan, where the sun rises.”
hamma Waaqayyo akkuma isinii godhe sana isaaniifis boqonnaa kennee isaanis biyya Waaqayyo Waaqni keessan isaanii kennu dhaalanitti isaan gargaaruu qabdu. Ergasii deebitanii biyya keessan kan Museen garbichi Waaqayyo sun gama baʼa Yordaanositti karaa baʼa biiftuu isinii kenne sana ni dhaaltu.”
16 Then they answered Joshua, saying, “All that you have commanded us we will do, and wherever you send us we will go.
Isaanis akkana jedhanii Iyyaasuuf deebii kennan; “Nu waan ati nu ajajje kam iyyuu ni hojjenna; gara ati nu ergitu kam iyyuus ni deemna.
17 We will obey you just as we obeyed Moses. Only may Yahweh your God be with you, as he was with Moses.
Nu akkuma Museedhaaf guutumaan guutuutti ajajamne sana siifis akkasuma ni ajajamna. Waaqayyo Waaqni kee garuu akkuma Musee wajjin ture sana si wajjinis haa taʼu.
18 Whoever rebels against your commands and disobeys your words will be put to death. Only be strong and courageous.”
Namni ajaja keetti finciluu fi dubbii ati karaa kamiin iyyuu isa ajajjeef hin ajajamne hundi haa ajjeefamu. Ati qofti cimi; ija jabaadhus!”

< Joshua 1 >