< John 15 >

1 “I am the true vine, and my Father is the gardener.
“Ani muka wayinii dhugaa ti; kan dhaabes Abbaa koo ti.
2 He takes away every branch in me that does not bear fruit, and he prunes every branch that bears fruit so that it will bear more fruit.
Inni damee koo kan ija hin naqanne hunda muree gata; damee ija naqatu immoo akka inni caalaatti naqatuuf irraa qora.
3 You are already clean because of the message that I have spoken to you.
Isin dubbii ani isinitti dubbadheen amma qulqulluu dha.
4 Remain in me, and I in you. Just as a branch cannot bear fruit by itself unless it remains in the vine, so neither can you, unless you remain in me.
Na keessa jiraadhaa; anis isin keessa nan jiraadhaa. Akkuma dameen yoo muka wayiniitti jiraate malee ofuma isaatiin ija naqachuu hin dandeenye, isinis yoo na keessa jiraattan malee ija naqachuu hin dandeessan.
5 I am the vine, you are the branches. He who remains in me and I in him, he bears much fruit, for without me you can do nothing.
“Ani muka wayinii ti; isini immoo dameewwan. Namni yoo na keessa jiraate, anis yoon isa keessa jiraadhe inni ija baayʼee naqata; isin narraa gargar baatanii homaa gochuu hin dandeessaniitii.
6 If anyone does not remain in me, he is thrown away like a branch and dries up, and they gather the branches and throw them into the fire, and they are burned up.
Namni na keessa hin jiraanne akka damee gad gatamee goguu ti. Dameewwan akkanaa walitti qabamanii ibiddatti naqamu; ni gubamus.
7 If you remain in me, and if my words remain in you, ask whatever you wish, and it will be done for you.
Isin yoo na keessa jiraattan, dubbiin koos yoo isin keessa jiraate, waanuma feetan kadhadhaa; innis isiniif ni kennama.
8 My Father is glorified in this, that you bear much fruit and so prove that you are my disciples.
Isin yoo ija baayʼee naqattanii fi yoo barattoota koo taatan, kanaan Abbaan koo ulfina argata.
9 As the Father has loved me, I have also loved you. Remain in my love.
“Akkuma Abbaan na jaallatetti anis akkasuma isin jaalladheera. Egaa jaalala koo keessa jiraadhaa.
10 If you keep my commandments, you will remain in my love, as I have kept the commandments of my Father and remain in his love.
Akkuma ani ajajawwan Abbaa kootii eegee jaalala isaa keessa jiraadhu, isinis yoo ajajawwan koo eegdan jaalala koo keessa ni jiraattu.
11 I have spoken these things to you so that my joy will be in you and so that your joy will be complete.
Akka gammachuun koo isin keessa jiraatuu fi akka gammachuun keessanis guutuu taʼuuf ani waan kana isinitti himeera.
12 This is my commandment, that you love one another as I have loved you.
Ajajni koo isa kana: Akkuma ani isin jaalladhetti isinis wal jaalladhaa.
13 No one has greater love than this—that he lay down his life for his friends.
Eenyu iyyuu jaalala guddaa kan namni lubbuu isaa dabarsee michoota isaatiif kennu sana irra caalu hin qabu.
14 You are my friends if you do the things that I command you.
Waan ani isin ajaje yoo raawwattan isin michoota koo ti.
15 No longer do I call you servants, for the servant does not know what his master is doing. I have called you friends, for everything that I heard from my Father, I have made known to you.
Garbichi waan gooftaan isaa hojjetu waan hin beekneef, ani siʼachi garboota isiniin hin jedhu. Qooda kanaa ani michoota isiniin jedheera; ani waanan Abbaa koo irraa dhagaʼe hundumaa isin beeksiseeraatii.
16 You did not choose me, but I chose you and appointed you so that you would go and bear fruit, and that your fruit should remain. This is so that whatever you ask of the Father in my name, he will give it to you.
Isinis akka dhaqxanii ija naqattaniif, iji keessanis akka jiraatuuf anatu isin filatee isin muude malee isin na hin filanne. Kunis akka Abbaan waan isin maqaa kootiin kadhattan kam iyyuu isinii kennuuf.
17 These things I command you, so that you love one another.
Ajajni koo isa kana: Wal jaalladhaa.
18 If the world hates you, know that it has hated me before it hated you.
“Yoo addunyaan isin jibbe, akka inni isin dura na jibbe beekaa.
19 If you were of the world, the world would love you as its own. But because you are not of the world and because I chose you out of the world, therefore the world hates you.
Utuu isin kan addunyaa taatanii silaa addunyaan kan ofii isaa ni jaallata ture. Amma garuu waan ani addunyaa keessaa isin filadheef isin kan addunyaa miti. Kanaafuu addunyaan isin jibba.
20 Remember the word that I said to you, 'A servant is not greater than his master.' If they persecuted me, they will also persecute you; if they kept my word, they will also keep yours.
Dubbii ani, ‘Garbichi gooftaa isaa hin caalu’jedhee isinitti hime sana yaadadhaa. Isaan erga na ariʼatanii, isinis ni ariʼatu. Yoo dubbii kootiif ajajaman, dubbii keessaniifis ni ajajamu.
21 They will do all these things to you because of my name, because they do not know him who sent me.
Isaan waan Isa na erge sana hin beekneef, sababii maqaa kootiitiif waan kana hunda isin irratti raawwatu.
22 If I had not come and spoken to them, they would not have sin, but now they have no excuse for their sin.
Utuu ani dhufee isaanitti himuu baadhee silaa cubbuu isaanitti hin taʼu ture. Amma garuu cubbuu isaaniitiif sababii dhiʼeeffatan hin qaban.
23 He who hates me also hates my Father.
Namni na jibbu Abbaa koos ni jibba.
24 If I had not done the works that no one else did among them, they would have no sin, but now they have seen and hated both me and my Father.
Utuu ani hojii namni biraa tokko iyyuu hin hojjetin gidduu isaaniitti hojjechuu baadhee silaa cubbuu isaanitti hin taʼu ture. Amma garuu utuma waan ani hojjedhe arganuu anas Abbaa koos jibbaniiru.
25 But this is in order to fulfill the word that is written in their law, 'They hated me without a cause.'
Kunis akka dubbiin Seera isaanii keessatti, ‘Isaan akkasumaan na jibban’jedhamee barreeffame sun raawwatamuuf taʼe.
26 When the Comforter—whom I will send to you from the Father, that is, the Spirit of truth, who goes out from the Father—comes, he will testify about me.
“Jajjabeessaan ani Abbaa biraa isinii ergu, jechuunis Hafuurri Dhugaa inni Abbaa keessaa baʼu sun yommuu dhufutti waaʼee koo dhugaa baʼa.
27 You are also testifying because you have been with me from the beginning.
Isinis jalqabaa kaaftanii waan na wajjin turtaniif dhugaa baatu.

< John 15 >