< Ezekiel 24 >
1 The word of Yahweh came to me in the ninth year, in the tenth month, and on the tenth day of the month, saying,
Waggaa saglaffaa, jiʼa kurnaffaa keessa bultii kurnaffaatti; dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2 “Son of man, write for yourself the name of this day, this exact day, for this exact day the king of Babylon has besieged Jerusalem.
“Yaa ilma namaa guyyaa kana, guyyaa harʼaa kana galmeeffadhu; mootiin Baabilon guyyaa harʼaa kana Yerusaalemin marseeraatii.
3 So speak a proverb against this rebellious house, a parable. Say to them, 'The Lord Yahweh says this: Place the cooking pot. Place it and pour water into it.
Mana fincilaa kanatti akkana jedhii fakkeenya himi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Okkotee itti affeelan ibidda irra kaaʼi; ibidda irra kaaʼiitii bishaan itti naqi.
4 Gather pieces of food within it, every good piece—the thigh and shoulder— and fill it with the best bones.
Foon murmuramaa, foon murmuramaa filatamaa hunda jechuunis tafaa fi cinaacha itti naqi. Lafeewwan filatamoodhaanis isa guuti;
5 Take the best of the flock and pile up the bones under it. Bring it to a boil and cook the bones in it.
bushaayee keessaa filatamaa isaa fuudhi. Lafee bilcheessuudhaaf okkotee sana jala qoraan naqi; akka gaariitti affeeli; lafee isaas bilcheessi.
6 Therefore the Lord Yahweh says this: Woe to the city of blood, a cooking pot that has rust in it and that rust will not come out of it. Take piece after piece from it, but do not cast lots for it.
“‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: “‘Magaalaa dhiiga namaa dhangalaaftuuf, okkotee xuriin itti qabatee xuriin sun irraa hin baʼiniif wayyoo! Utuu ixaa hin buusin gumaa gumaa isaa keessaa fuudhii duwwaa hambisi.
7 For her blood is in the midst of her. She has set it on the smooth rock; she has not poured it out on the ground to cover it with dust,
“‘Dhiigni isheen dhangalaafte ishee keessa jiraatii; isheen kattaa qulullaaʼaa irratti dhiiga sana dhangalaafte; isheen dhiiga sanatti biyyoo deebisuuf lafatti hin dhangalaafne.
8 so it brings fury up to exact vengeance. I placed her blood on the smooth rock so it could not be covered.
Ani dheekkamsa koo kakaasee haaloo baʼuuf jedhee akka dhiigni sun hin haguugamneef dhiiga ishee kattaa qulullaaʼaa irratti nan dhangalaase.
9 Therefore, the Lord Yahweh says this: Woe to the city of blood. I will also enlarge the pile of wood.
“‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Magaalaa dhiiga dhangalaaftu sanaaf wayyoo! Anis qoraan ibiddaa nan tuula.
10 Stack up the wood and kindle the fire. Cook the meat well and mix in the spices and let the bones be charred.
Qoraan irra tuuli; ibiddas itti qabsiisi. Urgooftuu itti naqiitii foon isaa akka gaariitti affeeli; lafeen isaas haa gubamu.
11 Then set the pot on its coals empty, in order to heat and scorch its bronze, so its uncleanness within it will be melted, its corrosion consumed.'
Ergasii akka xuriin isaa irraa baqee wanni irratti ligidaaʼe gubatee baduuf, hamma inni hoʼee sibiilli diimaan isaa baqutti, okkotee duwwaa sana cilee bobaʼu irra kaaʼi.
12 She has become weary because of toil, but her corrosion has not gone out of her by the fire.
Yaaliin godhame hundi akkasumaan hafe; ligidaaʼuun isaas ibiddaan iyyuu gad hin dhiifne.
13 Your shameful behavior is in your uncleanness. Because I tried to cleanse you but still you would not be cleansed from your uncleanness, you will not be cleansed anymore until I have satisfied my fury upon you.
“‘Xuraaʼummaan kee addaggummaa dha. Ani si qulqulleessuu yaaleera; ati garuu xuraaʼummaa kee irraa hin qulqulloofne; hamma dheekkamsi koo sirraa deebiʼutti ati lammata hin qulqullooftu.
14 I, Yahweh, have declared it, and I will do it. I will not relent nor will I rest from it. As your ways were, and as your activities, they will judge you!—this is the Lord Yahweh's declaration.”
“‘Ani Waaqayyo dubbadheera. Yeroon ani itti hojjedhu naaf dhufeera. Ani duubatti hin deebiʼu; ani garaa hin laafu yookaan hin gaabbu. Akkuma amala keetiittii fi hojii keetiitti sitti murama, jedha Waaqayyo Gooftaan.’”
15 Then the word of Yahweh came to me, saying,
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
16 “Son of man! Behold, I am taking the desire of your eyes from you with a plague, but you must not mourn nor weep, and your tears must not flow.
“Yaa ilma namaa, ani waan iji kee itti gammadu dhaʼicha tokkoon si duraa nan fuudha. Taʼus ati hin gaddin yookaan hin booʼin yookaan imimmaan tokko iyyuu hin dhangalaasin.
17 You must groan silently. Do not conduct a funeral for the dead. Tie your turban on you and place your sandals on your feet, but do not veil your facial hair or eat the bread of men who mourn for having lost their wives.”
Of keessatti aadi; nama duʼeef hin booʼin. Marata kee maradhu; kophee kees miilla keetti kaaʼadhu; fuula kee gara gadiitiin hin haguuggatin yookaan buddeena warra gaddaa hin nyaatin.”
18 So I spoke to the people in the morning, and my wife died in the evening. In the morning I did what I had been commanded to do.
Kanaafuu ani ganamaan sabatti nan hime; niitiin koos galgala duute. Guyyaa itti aanu ganama ani akkuman ajajame sana nan godhe.
19 The people asked me, “Will you not tell us what these things mean, the things that you are doing?”
Namoonnis, “Waan kana gochuun kee hiikkaa maalii akka nuuf qabu ati nutti hin himtuu?” jedhanii na gaafatan.
20 So I said to them, “The word of Yahweh came to me, saying,
Anis akkanan isaaniin jedhe; “Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
21 'Say to the house of Israel, the Lord Yahweh says this: Behold! I will desecrate my sanctuary—the pride of your power, the delight of your eyes, and the yearning of your soul, and your sons and your daughters whom you left behind will fall by the sword.
Mana Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani iddoo koo qulqulluu jechuunis daʼannoo isin ittiin boontan, waan iji keessan itti gammadu, waan isin jaallattan sana nan xureessa. Ilmaanii fi intallan keessan kanneen isin dhiiftanii deemtan immoo goraadeedhaan ni dhumu.
22 Then you will do exactly as I have done: you will not veil your facial hair, nor eat the bread of mourning men!
Isinis akkuma ani godhe sana gootu. Fuula keessan gara gadiitiin hin haguuggattan yookaan buddeena warra gaddaa hin nyaattu.
23 Instead, your turbans will be on your heads, and your sandals on your feet; you will not mourn nor weep, for you will melt away in your iniquities, and each man will groan for his brother.
Maranni keessan mataa keessan irra, kopheen keessan immoo miilla keessan irra haa turu. Isin sababii cubbuu keessaniitiif ni huqqattan; walii wajjinis ni aaddu malee hin gadditan yookaan hin boossan.
24 So Ezekiel will be a sign for you, as everything that he has done you will do when this comes. Then you will know that I am the Lord Yahweh!'”
Hisqiʼeel mallattoo isiniif taʼa; isinis akkuma inni godhe sana ni gootan. Yeroo wanni kun taʼutti isin akka ani Waaqayyo Gooftaa taʼe ni beektu.’
25 “But you, son of man, on the day that I capture their temple, which is their joy, their pride, and what they see and desire—and when I take away their sons and daughters—
“Yaa ilma namaa, gaafa ani daʼannoo isaanii, gammachuu fi ulfina isaanii, waan iji isaanii itti gammadu, waan garaan isaanii hawwuu fi ilmaanii fi intallan isaanii fudhadhutti,
26 on that day, a refugee will come to you to give you the news!
gaafas namni miliqee baʼe tokko dhufee oduu sitti hima.
27 On that day your mouth will be opened up to that refugee and you will speak—you will no longer be silent. You will be a sign for them so that they will know that I am Yahweh.”
Gaafas afaan kee ni banama; atis isa wajjin ni haasofta; ergasii hin calʼistu. Kanaafuu ati isaaniif mallattoo ni taata; isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”