< Leviticus 14 >
1 Yahweh also said to Moses/me,
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
2 “These are the regulations for anyone who has been healed of a contagious skin disease.
“Kun seera nama lamxii qabu tokkoof guyyaa inni itti qulqulleeffamuuf kennamee dha; namichi lubatti haa fidamu.
3 The person must be brought to a priest. The priest will take him outside the camp [to where that person has been staying], and examine him. If the skin disease has been healed,
Lubni sun iddoo qubataa keessaa gad baʼee namicha haa qoru. Kunoo, yoo namichi lamxii qabu sun fayyee jiraate,
4 the priest will say that someone must bring two living birds that are acceptable to Yahweh, along with some cedar wood, some scarlet/red yarn, and some sprigs of (hyssop/a very leafy plant).
lubichi akka sababii namicha qulqulleeffamu sanaatiif simbirroonni lubbuu qaban qulqulluun lamaa fi mukni birbirsaa, kirriin bildiimaa fi hiisophiin fidaman haa ajaju.
5 Then the priest will command that one of the birds be killed while [it is being held] over a clay pot containing water from a spring.
Lubni sunis ergasii akka simbirroota sana keessaa isheen tokko bishaan yaaʼu kan okkotee keessa jiru irratti qalamtu haa ajaju.
6 Then the priest will dip the other bird, along with the cedar wood, the scarlet/red yarn and the hyssop, into the blood of the bird that was killed.
Innis simbirroo lubbuu qabdu sana fuudhee muka birbirsaa, kirrii bildiimaa fi hiisophii wajjin dhiiga simbirroo bishaan yaaʼu irratti qalamte sanaa keessa haa cuuphu.
7 Then he must sprinkle some of the blood on the person who was healed; he must sprinkle it on him seven times. Then he will declare that the person is permitted to be with other people again. And the priest will release the other bird and allow it to fly away.
Lubichi namicha lamxii irraa qulqulleeffamu sanatti yeroo torba faffacaasee akka inni qulqulluu taʼe haa labsu; ergasii simbirroo lubbuu qabdu sana dirreetti gad haa dhiisu.
8 “Then the person who was healed must wash his clothes, shave off all his hair, and bathe. Then he is allowed to return to the camp, but he must stay outside his tent for seven days.
“Namichi qulqulleeffamu sun uffata isaa miiccachuu, rifeensa isaa hunda haaddachuu fi dhagna isaa bishaaniin dhiqachuu qaba; akkasiin inni akka seeraatti qulqulluu taʼa. Ergasii iddoo qubataatti ol galuu dandaʼa; garuu bultii torba dunkaana isaatiin ala turuu qaba.
9 On the seventh day, he must again shave off all his hair, including his beard and his eyebrows. Then he must again wash his clothes and bathe, and then he will be allowed to be with other people again.
Guyyaa torbaffaattis rifeensa isaa hunda haaddachuu qaba; mataa isaa, areeda isaa, nyaara isaatii fi rifeensa isaa biraa haa haaddatu. Uffata isaas miiccatee dhagna isaa bishaaniin dhiqachuu qaba; innis ni qulqullaaʼa.
10 “The next day that person must bring two male lambs and one female lamb that is one year old, all of them with no defects. He must also bring six quarts/liters of fine flour, mixed with olive oil, to be an offering, and (0.6 pint/0.3 liter) of olive oil.
“Guyyaa saddeettaffaattis namichi sun korbeeyyii hoolaa kanneen hirʼina hin qabne lamaa fi hoolaa dhalaa waggaa tokkoo kan hirʼina hin qabne tokko, daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo kan zayitiidhaan sukkuumame irraa harka kudhan keessaa harka sadii kan kennaa midhaaniitiif taʼuu fi zayitii loogii tokkoo haa fidu.
11 The priest who declares that the person’s skin disease is ended must bring that person, and his offerings, to me, Yahweh, at the entrance of the Sacred Tent.
Lubni akka namichi qulqulluu taʼe labsu sun namicha qulqulleefamu sanaa fi kennaawwan isaa balbala dunkaana wal gaʼii irratti fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeessu.
12 “Then the priest must take one of the male lambs and lift it up, along with the olive oil, in front of me, to be a guilt offering—[an offering for his being guilty for not giving to me the things that he was required to give me].
“Ergasiis lubichi korbeeyyii hoolaa sana keessaa tokko fuudhee aarsaa yakkaa godhee loogii zayitii tokko wajjin haa dhiʼeessu; innis aarsaa sochoofamu godhee fuula Waaqayyoo duratti haa sochoosu.
13 Then the priest must slaughter the lamb in the sacred place where the other sacrifices are offered. Like the offering to enable people to be forgiven, this guilt offering is holy, and belongs to the priest.
Xobbaallaa hoolaa sanas iddoo aarsaan cubbuutii fi aarsaan gubamu itti qalamanitti haa qalu. Akkuma aarsaa cubbuu sana aarsaan yakkaas kan lubaa ti; aarsaan kun waan hunda caalaa qulqulluu dha.
14 The priest must take some of the blood of that animal and pour it on the lobe/tip of the right ear and on the thumb of the right hand and on the big toe of the right foot of the one who has been healed of the skin disease.
Lubichis dhiiga aarsaa yakkaa sana irraa fuudhee fiixee gurra mirgaa namicha qulqulleeffamu sanaa, quba abbuudduu harka isaa mirgaatii fi quba abbuudduu miilla isaa mirgaa haa dibu.
15 Then the priest must take some of the olive oil and pour it in the palm of his own left hand.
Lubni sun zayitii loogii sana irraa fuudhee barruu harka isaa bitaatti haa naqu;
16 Then he must dip the forefinger of his right hand into the oil in his palm, and sprinkle it in front of me seven times.
quba harka isaa mirgaas zayitii barruu harka isaa irra jiru keessa cuuphee quba isaatiin yeroo torba fuula Waaqayyoo duratti haa facaasu.
17 Then he must put some of the oil that is still in the palm of his hand on the lobe/tip of the right ear and the thumb of the right hand and on the big toe of the right foot of the person who has been healed of the skin disease. He must put it on top of the blood that he has already put on those places.
Lubni sun zayitii barruu isaa irratti hafe irraa fuudhee fiixee gurra mirgaa namicha qulqulleeffamuu qabu sanaa, quba abbuudduu harka isaa mirgaatii fi quba abbuudduu miilla isaa mirgaa, dhiiga aarsaa yakkaa sana irratti dabalee haa dibu.
18 The remaining oil in his palm must be put on the person’s head, [to indicate that I declare that] the person has been forgiven for having sinned.
Lubichi zayitii barruu harka isaa irratti hafe immoo mataa namicha qulqulleeffamuu sanaatti naqee fuula Waaqayyoo duratti araara haa buusuuf.
19 “Then the priest must slaughter one of the other two animals, to show that the one who has been healed of the skin disease has been forgiven for having sinned, and that he has become acceptable to Yahweh. Then the priest will slaughter the animal that will be completely burned [on the altar].
“Ergasiis lubichi aarsaa cubbuu dhiʼeessee namicha xuraaʼummaa ofii irraa qulqulleeffamu sanaaf araara haa buusu. Sana booddee lubni sun aarsaa gubamu haa qalu;
20 He will also put on the altar the offering of grain, to indicate that the person has been forgiven for having sinned. Then that person will be allowed to be with other people again.
kanas kennaa midhaanii wajjin iddoo aarsaa irratti dhiʼeessee araara isaaf haa buusu; namichis qulqulluu taʼa.
21 “But if the person who has been healed of a skin disease is poor and cannot afford to bring all those animals, he must take to the priest one male lamb to be lifted up to be an offering for his not giving to me the things that he was required to give me. He must also take two quarts/liters of fine flour mixed with olive oil to be an offering made from grain, (0.6 pint/0.3 liter) of olive oil,
“Taʼus namichi sun yoo hiyyeessa taʼee waan kana dhiʼeessuu hin dandeenye, akka sochoofamee araarri isaaf buufamuuf inni xobbaallaa hoolaa tokko aarsaa yakkaa godhee daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumame kan kennaa midhaaniitiif taʼu iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka tokko zayitii loogii tokko wajjin haa fidu;
22 and two doves or two young pigeons, one for him to be forgiven for the sins he has committed, and one to be completely burned [on the altar].
akkasumas waan fiduu dandaʼu jechuunis gugee lama yookaan gugee sosookkee lama, tokko aarsaa cubbuutiif kaan immoo aarsaa gubamuuf haa fidu.
23 “On that same day, that person must take those things to the priest at the entrance of the Sacred Tent, to offer them to Yahweh.
“Guyyaa saddeettaffaatti inni qulqullaaʼummaa isaatiif balbala dunkaana wal gaʼii irratti fuula Waaqayyoo duratti waan kana lubatti haa fidu.
24 The priest will take the lamb for the offering for that person not giving to me the things that he was required to give me, along with the olive oil, and lift them up in front of me.
Lubni sunis xobbaallaa hoolaa aarsaa yakkaa sana zayitii loogii tokko wajjin fuudhee aarsaa sochoofamu godhee fuula Waaqayyoo duratti haa sochoosu.
25 Then the priest will slaughter that lamb [and drain some of the blood in a bowl], and take some of that blood and put it on the lobe/tip of the person’s right ear and on the thumb of his right hand and on the big toe of his right foot.
Xobbaallaa hoolaa sanas aarsaa yakkaatiif qalee dhiiga isaa irraa fuudhee fiixee gurra mirgaa namicha qulqulleeffamu sanaa, quba abbuudduu harka isaa mirgaatii fi quba abbuudduu miilla isaa mirgaa haa dibu.
26 Then the priest will pour some of the oil into the palm of his left hand,
Lubichis zayitii sana irraa fuudhee barruu harka isaa bitaa irratti haa naqu;
27 and with his right forefinger he must sprinkle some of the oil from his palm there in my presence.
quba harka isaa mirgaatiinis zayitii barruu isaa irra jiru sana irraa yeroo torba fuula Waaqayyoo duratti haa facaasu.
28 He must put some of the oil in his palm on the same places where he put the blood.
Zayitii barruu isaa irra jiru irraa fuudhee idduma dhiiga aarsaa yakkaa ittiin tuqe sana jechuunis fiixee gurra namicha qulqulleeffamu sanaa mirgaa, quba abbuudduu harka isaa mirgaatii fi quba abbuudduu miilla isaa mirgaa haa dibu.
29 He must put the rest of the oil that is in his hand on the head of the person who has been healed of a skin disease, to indicate that I have forgiven him for having sinned.
Lubichis fuula Waaqayyoo duratti araara isaaf buusuuf zayitii barruu isaa irratti hafe sana mataa namicha qulqulleeffamu sanaa irratti haa naqu.
30 Then the priest must sacrifice the doves or the pigeons, whichever that person has brought.
Lubni sunis gugeewwan yookaan gugee sosookkee namichi dhiʼeessuu dandaʼu haa dhiʼeessu;
31 One will be an offering for sin and the other will be completely burned on the altar, along with the offering of grain. By doing that, the priest will declare that the person is no longer guilty for having sinned.
isaan kanneen keessaas tokko aarsaa cubbuutiif, kaan immoo aarsaa gubamuuf, kennaa midhaanii wajjin haa dhiʼeessu. Haala kanaanis lubichi namicha qulqulleeffamu sanaaf fuula Waaqayyoo duratti araara ni buusa.”
32 “Those are the regulations for anyone who has a contagious skin disease and who is poor and cannot afford the usual offerings, in order that he can be with people again.”
Kun seera nama lamxii qabaatee waan ittiin qulqulleeffamu baasuu hin dandeenyeef kennamee dha.
33 Yahweh also said to Aaron and Moses/me,
Waaqayyos Musee fi Arooniin akkana jedhe;
34 “I am about to give you Canaan land to belong to your people permanently. When you enter that land, there will be times when I cause/allow mildew to appear inside one of your houses.
“Yommuu isin biyya Kanaʼaan kan ani akka dhaalaatti isiniif kennu sana seentanii anis mana biyya sanaa keessaa tokkotti dhukkuba lamxii facaasutti,
35 If that happens, the owner of that house must go to the priest and tell him, ‘There is something in my house that looks like mildew.’
abbaan mana sanaa deemee, ‘Ani mana koo keessatti waan lamxii fakkaatu tokko argeera’ jedhee lubatti haa himu.
36 “Then the priest will say to him, ‘Take everything out of the house before I enter the house to examine the mildew. If you do not do that, I will declare that everything in the house is contaminated.’
Lubichis akka wanni mana sana keessa jiru tokko iyyuu xuraaʼaa dha jedhamee hin labsamneef utuu lamxii sana qoruuf ol hin seenin dura akka mana sana keessaa miʼi gad baafamu haa ajaju. Ergasii lubichi ol seenee manicha haa qoru.
37 [After the owner takes everything outside of his house], the priest will go in and inspect the house. If the mildew has caused greenish or reddish spots/depressions on the walls that seem to be deeper than only on the surface of the walls,
Innis lamxii keenyan manaa irra jiru haa qoru; yoo wanni sun dhooqa magariisa yookaan diimatu qabaatee keenyan manaa keessa gad seene,
38 the priest will go outside the house and lock it up for seven days.
lubichi mana sana keessaa balbalaan gad baʼee bultii torbaaf mana sana haa cufu.
39 On the seventh day, he must go into the house and inspect it again. If the mildew on the walls has spread,
Guyyaa torbaffaatti lubichi mana sana qoruuf haa deebiʼu. Kunoo yoo lamxiin sun keenyan manaa irratti babalʼatee jiraate,
40 the priest will tell someone to tear out and throw in the dump outside the town all the stones in the walls that have mildew on them.
lubichi akka dhagaawwan faalaman achi keessaa baafamanii lafa xuraaʼaa magaalaan ala jirutti gataman haa ajaju.
41 Then the owner must scrape all the walls inside the house, and everything that is scraped off must be thrown into a dump outside the town.
Akka keenyan mana sanaa karaa keessaatiin guutummaatti soqamee wanni irraa hooqame sunis lafa xuraaʼaa magaalaan ala jirutti gad gatamu haa godhu.
42 Then the owner must get new/other stones to replace the ones that had mildew on them, and take new clay and plaster [to cover the stones in the walls of] the house.
Iddoo dhagaawwan sun hooqamanii baʼan sanas dhagaawwan haaraa fidanii iddoo haa buusan; dhoqqee haaraadhaanis manicha haa maragan.
43 “If the mildew appears again in the house after that is done,
“Yoo lamxiin sun erga dhagaawwan baʼanii manichi hooqamee maragamee booddee deebiʼee mana keessatti mulʼate,
44 the priest must go and examine the house again. If the mildew has spread inside the house, it will be clear that the mildew is the kind that destroys [houses], and no one will be allowed to live in it.
lubichi dhaqee haa qoru; lamxiin sun kunoo yoo mana keessa babalʼatee jiraate, kun lamxii hamaa dha; manichis xuraaʼaa dha.
45 It must be completely torn down—the stones, the timber and the plaster—and all those things must be thrown into a dump outside the town.
Manni sun haa diigamu; dhagaan isaa, mukni isaa akkasumas maraggiin isaa hundinuu lafa xuraaʼaa magaalaan ala jirutti haa gatamu.
46 “Anyone who goes into that house while it is locked up will not be allowed to be with other people until sunset of that day.
“Namni yoo utuu manichi cufamee jiruu ol seene, namni sun hamma galgalaatti xuraaʼaa dha.
47 Anyone who sleeps in that house or eats in that house [during that time] must wash his clothes.
Namni mana sana seenee rafe yookaan keessatti waa nyaate uffata isaa haa miiccatu.
48 “But when the priest comes to examine the house after it has been plastered, if the mildew has not spread, he shall declare that people may live in it, because the mildew is gone.
“Garuu yoo lubni lamxii sana qoruudhaaf dhufee erga manichi maragamee booddee lamxiin sun babalʼachuu baate waan lamxiin sun badeef lubni sun akka manni sun qulqullaaʼe haa labsu.
49 But before people are allowed to live in it, the priest must take two small birds and some cedar wood and some red/scarlet yarn and some hyssop.
Innis manicha qulqulleessuuf simbirroo lama, muka birbirsaa, kirrii bildiimaa fi hiisophii haa dhiʼeessu.
50 He must kill one of the birds while [holding it] over a clay pot containing water from a spring.
Innis simbirroo sana keessaa tokko bishaan yaaʼu kan okkotee keessa jiru irratti haa qalu.
51 Then he must take the cedar wood, the hyssop, the red/scarlet yarn, and the other/living bird, and dip them into the blood of the dead bird, and sprinkle some of that blood on the house seven times.
Ergasiis birbirsaa, hiisophii, kirrii bildiimaa fi simbirroo lubbuu qabdu sana fuudhee dhiiga simbirroo qalamtee fi bishaan yaaʼu keessa cuuphee yeroo torba mana sanatti haa facaasu.
52 By doing all those things he will cause the house to be acceptable to be lived in again.
Innis dhiiga simbirrootiin, bishaan yaaʼuun, simbirroo jirtuun, birbirsaan, hiisophii fi kirrii bildiimaadhaan manicha haa qulqulleessu.
53 Then he must release the other bird and allow it to fly away. By doing that, he will [finish the ritual for] causing the house to be acceptable for people to live in it again.
Simbirroo jirtuu immoo magaalaan alatti baasee dirreetti gad haa dhiisu. Haala kanaanis manichaaf araara buusa; manichis ni qulqullaaʼa.”
54 “Those are the regulations for contagious diseases, for itching sores,
Kun seera dhukkuba lamxiitii fi hooqxoodhaaf,
55 for mildew [DOU] on clothes or in a house,
lamxii wayyaa irratti yookaan mana keessatti mulʼatuuf,
56 and for swellings, rashes, or bright spots [on sores],
iitoodhaaf, finniisaaf yookaan baaroleedhaaf,
57 to find out whether a person has a contagious disease or not, and whether people will still be permitted to touch their clothing or their house, or not.”
akka wanni tokko qulqulluu yookaan xuraaʼaa taʼe addaan baasuuf kennamee dha. Kun seera lamxiidhaaf kennamee dha.