< James 1 >

1 James, a servant of God and of the Lord Jesus Christ, to the twelve tribes who are scattered abroad: Greetings.
Yaaqoob garbicha Waaqaatii fi kan Yesuus Kiristoos Gooftichaa irraa, Gara gosoota kudha lamaan bibittinnaaʼaniitti: Nagaan isiniif haa taʼu.
2 Count it all joy, my brothers, when you experience various trials,
Yaa obboloota ko, yommuu qorumsi adda addaa isin irra gaʼutti akka gammachuu guutuutti fudhadhaa;
3 because you know that the testing of your faith produces endurance.
amantiin keessan qoramuun isaa akka obsa isiniif argamsiisu beektuutii.
4 And let endurance have its full effect, so that you may be perfect and complete, lacking in nothing.
Akka isin bilchaatoo fi guutuu, warra hirʼina tokko iyyuu hin qabne taataniif obsi hojii isaa haa raawwatu.
5 If any of you lacks wisdom, he should ask God, who gives generously to all without reproach, and it will be given to him.
Isin keessaa namni tokko iyyuu hanqina ogummaa yoo qabaate, Waaqa utuu hin tuffatin nama hundumaaf arjummaan kennu haa kadhatu; isaafis ni kennama.
6 But he must ask in faith without doubting, for he who doubts is like a wave of the sea, driven by the wind and tossed about.
Inni garuu yommuu kadhatu amantiin haa kadhatu; hin shakkinis; namni shakku akka dambalii galaanaa kan bubbeen dhaʼamee oofamuu ti.
7 That person should not expect to receive anything from the Lord.
Namni sun waan tokko illee Gooftaa biraa nan argadha jedhee hin eeggatin;
8 A double-minded man is unstable in all his ways.
inni nama yaada lamaa ti; iddoo tokkos hin dhaabatu.
9 The lowly brother should rejoice in being exalted,
Obboleessi gad qabame ol qabamuu isaatiin of haa jaju.
10 and the rich man should rejoice in being made low, because he will pass away like a flower of grass.
Sooressi garuu gad qabamuu isaatti of haa jaju; inni akkuma daraaraa margaa ni harcaʼaatii.
11 For the sun rises with its scorching heat and withers the grass, and its flower falls, and the beauty of its appearance perishes. So also will the rich man fade away in his pursuits.
Aduun hoʼa gubuun baatee marga gogsitiitii; daraaraan biqiltuu sanaas ni harcaʼa; miidhaginni isaas ni bada. Sooressis utuma hojii isaatiif olii gad fiiguu bada.
12 Blessed is the man who endures temptation, for when he has been approved, he will receive the crown of life, which the Lord has promised to those who love him.
Namni qorumsa obsu eebbifamaa dha; inni yommuu qorametti jabaatee waan dhaabateef gonfoo jireenyaa kan Waaqni warra isa jaallataniif waadaa gale sana ni argataatii.
13 No one should say when he is tempted, “I am being tempted by God,” for God is not tempted by evil, and he himself tempts no one.
Namni kam iyyuu yommuu qoramutti, “Waaqatu na qoraa jira” hin jedhin. Waaqni hamaadhaan hin qoramuutii; innis nama tokko illee hin qoru;
14 But each person is tempted when he is drawn away and enticed by his own evil desires.
tokkoon tokkoon namaa garuu yommuu hawwii ofii isaa hamaa sanaan harkifamee gowwoomfamutti qorama.
15 And when desire has conceived, it gives birth to sin. And when sin is fully grown, it brings forth death.
Hawwiinis yommuu ulfooftetti cubbuu dhalti; cubbuun immoo yommuu guutumaan guutuutti guddattetti duʼa dhalti.
16 Do not be deceived, my beloved brothers.
Yaa obboloota koo jaallatamoo, hin dogoggorinaa.
17 Every good and perfect gift is from above, coming down from the Father of lights, with whom there is no variation or shadow of turning.
Kennaan gaariin hundinuu, kennaan mudaa hin qabne hundinuus Abbaa ifaa isa akka gaaddidduu hin geeddaramne sana biraa gubbaadhaa gad buʼa.
18 Of his own will he gave us birth by the word of truth so that we would be a kind of firstfruits of his creatures.
Innis akka nu uumama isaa hundumaaf gosa hangafa taanuuf akkuma fedhii isaatti dubbii dhugaatiin nu dhalche.
19 So then, my beloved brothers, everyone should be swift to hear, slow to speak, and slow to anger.
Yaa obboloota koo jaallatamoo, waan kana hubadhaa: Namni hundinuu dhagaʼuutti haa ariifatu; dubbachuuf suuta haa jedhu; aaruuttis suuta haa jedhu;
20 For the anger of man does not produce the righteousness of God.
aariin namaa qajeelummaa Waaqaa hin hojjetuutii.
21 Therefore, putting aside all filthiness and rampant wickedness, humbly receive the implanted word, which is able to save your souls.
Kanaaf xuraaʼummaa hundaa fi hammina isin keessa jiraatu hunda of irraa fageessaa; dubbii lubbuu keessan fayyisuu dandaʼu kan isin keessatti facaafame sana garraamummaan fudhadhaa.
22 But be doers of the word and not hearers only. Otherwise, you are deceiving yourselves.
Isin garuu warra dubbicha hojii irra oolchitan taʼaa malee warra dhagaʼuu qofaan of gowwoomsitan hin taʼinaa.
23 For if anyone is a hearer of the word and not a doer, he is like a man who looks at his face in a mirror.
Namni dubbicha dhagaʼee hojii irra hin oolchine kam iyyuu nama of-ilaalee keessatti fuula isaa ilaallatu fakkaata;
24 For he looks at himself and goes away, and then immediately forgets what he looks like.
innis erga of ilaalee booddee ni deema; yommusuma maal akka fakkaatu ni irraanfata.
25 But he who looks into the perfect law, the law of liberty, and abides by it, is not a forgetful hearer but a doer who acts. He will be blessed in what he does.
Garuu namni seera bilisaa kan hirʼina hin qabne sana hubatee ilaalu, kan akka seera sanaattis jiraatu, kan waan dhagaʼes hojii irra oolchuu malee hin irraanfanne sun waan hojjetu keessatti ni eebbifama.
26 If anyone among you considers himself to be religious but does not bridle his tongue, he deceives himself and his religion is worthless.
Namni waan amantaa qabu of seʼu, kan garuu arraba isaa hin luugamanne yoo jiraate inni of gowwoomsa; amantaan isaas faayidaa hin qabu.
27 Pure and undefiled religion before God our Father is this: to look after orphans and widows in their affliction and to keep oneself unstained by the world.
Amantaan Waaqa Abbaa keenya duratti qulqulluu taʼee fi kan mudaa hin qabne isa kana: kunis ijoollee abbaa fi haadha hin qabnee fi haadhota hiyyeessaa rakkina isaanii keessatti kunuunsuu fi xuraaʼummaa addunyaa irraa of eeggachuu dha.

< James 1 >