< Acts 28 >
1 Once they had safely reached shore, they found out that the island was called Malta.
Nus nagumaan qarqara galaanaatti baanee akka biyyi bishaaniin marfamte sun Malaaxiyaa jedhamtu beekne.
2 The native people showed us extraordinary kindness. For they welcomed us all and kindled a fire because of the rain that had set in and because of the cold.
Namoonni biyya bishaaniin marfamte sana irra jiraatanis gara laafina dinqisiisaa nu argisiisan. Isaanis sababii roobnii fi dhaamochi tureef ibidda bobeessanii hunda keenya simatan.
3 Paul gathered a bundle of sticks, and when he was putting them on the fire, a viper came out because of the heat and fastened on his hand.
Utuu Phaawulos hanxaxii qoraanii walitti qabee ibiddatti naqaa jiruu buutiin sababii hoʼaatiin gad baate tokko harka isaatti maxxantee gad dhiisuu didde.
4 When the native people saw the creature hanging from his hand, they said to one another, “This man is undoubtedly a murderer. Although he has been saved from the sea, the goddess Justice has not allowed him to live.”
Warri biyya bishaaniin marfamte sana irra jiraatan sunis buutii harka isaatti rarraatu arganii, “Namichi kun nama nama ajjeese taʼuu hin oolu; inni yoo balaa galaanaa jalaa baʼe illee Murtiin Qajeelaan akka inni jiraatu hin eeyyamneef” waliin jedhan.
5 But Paul shook the creature off into the fire and suffered no harm.
Phaawulos buutii sana ibidda keessa of irraa buuse; miidhaa tokko malees hafe.
6 The people were expecting that he would soon swell up or suddenly fall down dead. But after waiting expectantly for a long time and seeing nothing unusual happen to him, they changed their minds and said that he was a god.
Namoonni sunis, “Inni ni dhiitaʼa yookaan akkuma tasaa kufee duʼa” jedhanii eegan; garuu yommuu yeroo dheeraa eeganii akka inni waa tokko illee hin taʼin arganitti yaada geeddaratanii, “Inni waaqa” jedhan.
7 Now in the region around that place were lands that belonged to the chief man of the island, named Publius, who welcomed us and hospitably took care of us as his guests for three days.
Bulchaan biyya bishaaniin marfamtee kan Phubiliyoos jedhamu tokkos naannoo sanaa lafa qotiisaa qaba ture; innis mana isaatti nu simatee guyyaa sadii jaalalaan nu keessumsiise.
8 Now it so happened that the father of Publius lay sick in bed, suffering from fevers and dysentery. So Paul went in to see him and healed him by praying and laying his hands on him.
Abbaan Phubiliyoos dhukkuba dhagna nama gubuu fi garaa nama kaasuun qabamee ciisaa ture; Phaawulosis isa gaafachuuf ol seenee erga kadhatee booddee harka irra kaaʼee isa fayyise.
9 After this happened, the rest of the people on the island who were sick also came and were healed.
Yommuu wanni kun taʼetti dhukkubsattoonni biyya bishaaniin marfamte sana irra jiraatan biraa hundi dhufanii fayyan.
10 So the people bestowed many honors on us, and when we were about to set sail, they provided us with the things we needed.
Isaanis karaa baayʼeedhaan ulfina nuu kennan; yommuu nu dooniin deemuuf kaanettis waan nu barbaachisu hunda nuuf kennan.
11 After three months, we set sail in an Alexandrian ship that had wintered at the island and that had the twin sons of Zeus as its figurehead.
Nus jiʼa sadii booddee doonii Iskindiriyaa kan biyya bishaaniin marfamte sana irratti yeroo gannaa dabarse tokkoon kaanee deemsa jalqabne; dooniin sunis asxaa waaqota lakkuu Kastoorii fi Paaluksi adda isaa irraa qaba ture.
12 Putting in at Syracuse, we stayed there for three days.
Seraakuus geenyees bultii sadii achi turre.
13 From there we took a circuitous course and arrived at Rhegium. After one day a south wind sprang up, and on the second day we came to Puteoli.
Achiis kaanee Reegiyuumitti galle; guyyaa tokko booddees waan bubbeen kibbaa bubbiseef guyyaa itti aanutti Putiyooluus geenye.
14 There we found some brothers and were invited to stay with them for seven days. And so we came to Rome.
Achitti obboloota tokko tokko arganne; isaanis akka nu bultii torba isaan bira turru nu kadhatan. Nus akkasiin Roomaatti galle.
15 When the brothers from Rome heard the news about us, they came out as far as the Forum of Appius and the Three Taverns to meet us. When Paul saw them, he gave thanks to God and took courage.
Obboloonni achi turanis yommuu dhufaatii keenya dhagaʼanitti hamma iddoo gabaa Aphiyuusiittii fi iddoo “Lafa Bultoo Sadii” jedhamuutti nu simachuu dhufan; Phaawulosis isaan argee Waaqa galateeffate; ofii isaatiis ni jajjabaate.
16 When we came into Rome, the centurion transferred the prisoners to the captain of the guard, but Paul was allowed to stay by himself, with the soldier who was guarding him.
Yommuu nu Roomaa geenyetti Phaawulos akka loltuu isa eegu tokko wajjin kophaa isaa jiraatu eeyyamameef.
17 After three days, Paul called together those who were prominent among the Jews. When they had gathered together, he said to them, “Brothers, though I had done nothing against our people or the customs of our fathers, I was delivered as a prisoner from Jerusalem into the hands of the Romans.
Phaawulosis guyyaa sadii booddee dura buʼoota Yihuudootaa walitti waame; yommuu isaan walitti qabamanittis akkana jedheen; “Yaa obboloota ko, ani utuu waan saba keenyaan yookaan duudhaa abbootii keenyaatiin mormu tokko illee hin hojjetin Yerusaalem keessatti qabamee dabarfamee harka warra Roomaatti kennameera.
18 When they examined me, they were willing to release me because there were no grounds for death in my case.
Isaanis erga na qoranii booddee sababii ani yakka duʼa namatti mursiisu tokko illee hin qabaatiniif gad na dhiisuu barbaadan.
19 But when the Jews objected, I was forced to appeal to Caesar, not that I had any accusation to make against my own nation.
Ani garuu yoo waan ittiin saba koo himadhu tokko iyyuu hin qabaatin illee yommuu Yihuudoonni mormanitti akka Qeesaaritti ol iyyadhu nan dirqame.
20 That is why I have asked to see you and speak with you, for it is on account of the hope of Israel that I am bound with this chain.”
Wanni ani isin arguu fi isin wajjin haasaʼuu kadhadheefis kanuma. Ani sababuma abdii Israaʼeliif jedhee foncaa kanaan hidhameera.”
21 They said to him, “We have received no letters from Judea about yoʋ, and none of the brothers who have come here have reported or spoken anything bad about yoʋ.
Isaanis akkana jedhanii deebisan; “Nu xalayaa waaʼee kee dubbatu tokko illee biyya Yihuudaatii hin arganne; obboloota achii dhufan keessaas namni tokko iyyuu waaʼee kee waan hamaa hin dubbanne; nuttis hin himne.
22 But we think it would be best to hear what yoʋr views are, for concerning this sect, we know that everywhere it is spoken against.”
Nu garuu yaadni kee maal akka taʼe sirraa dhagaʼuu barbaanna; nu akka namoonni iddoo hunda jiran garee kanaan morman ni beeknaatii.”
23 When they had arranged a day to meet with Paul, many more came to him at his lodging. From morning until evening he explained the matter to them, testifying about the kingdom of God and trying to convince them about Jesus both from the Law of Moses and from the Prophets.
Isaanis guyyaa itti Phaawulos wajjin wal argan qabatanii, akka malee baayʼatanii lafa inni jiraachaa ture dhaqan; innis ganamaa jalqabee hamma galgalaatti waaʼee mootummaa Waaqaa isaanii ibsaa, lallabaas ture; waaʼee Yesuusiis Seera Museetii fi Kitaabota Raajotaa keessaa eeree isaan amansiisuu yaalaa ture.
24 Some were convinced by what he said, but others refused to believe.
Isaan keessaa warri tokko tokko waan inni jedhe ni fudhatan; warri kaan immoo amanuu didan.
25 So they were in disagreement with one another and began to leave after Paul made this one final statement: “The Holy Spirit was right in saying to our fathers through the prophet Isaiah:
Isaan gidduutti waldhabiisni uumamnaan kaʼanii deemuu jalqaban; kunis erga Phaawulos akkana jedhee dubbii dhumaa dubbatee booddee; “Hafuurri Qulqulluun yeroo karaa Isaayyaas raajichaatiin abbootii keessanitti dubbate sana dhugaa isaa dubbate; innis akkana jedhe:
26 ‘Go to this people and say, “Although you will hear, you will never understand, and although you will see, you will never perceive.”
“‘Gara saba kanaa dhaqiitii akkana jedhi; “Dhagaʼuu inuma dhageessu; garuu hin hubattan; ilaaluus inuma ilaaltu; garuu hin qalbeeffattan.”
27 For the heart of this people has become calloused; with their ears they have barely heard, and their eyes they have closed, lest they should see with their eyes, hear with their ears, and understand with their heart and turn back, and I would heal them.’
Qalbiin saba kanaa doomeeraatii; gurri isaanii sirriitti hin dhagaʼu; ija isaaniis dunuunfataniiru; utuu akkas taʼuu baatee silaa ija isaaniitiin arganii, gurra isaaniitiin dhagaʼanii, qalbii isaaniitiinis hubatanii, ni deebiʼu turan; anis isaan nan fayyisa ture.’
28 Therefore let it be known to you that the salvation of God has been sent to the Gentiles; they will listen.”
“Kanaafuu ani akka fayyisuun Waaqaa gara Namoota Ormaatti ergame akka isin beektan nan barbaada! Isaanis ni dhagaʼu.” [
29 After Paul said these things, the Jews went away and had a great dispute among themselves.
Yihuudoonnis erga inni waan kana dubbatee booddee jabeessanii waliin mormaa achii deeman.]
30 For two whole years Paul stayed in his own rented house and welcomed all who came to him,
Phaawulosis waggaa lama guutuu mana ofii isaatii kireeffate keessa jiraachaa, warra isa dubbisuu dhufan hundas simachaa ture.
31 preaching the kingdom of God and teaching about the Lord Jesus Christ with all boldness and without hindrance.
Innis ija jabinaan, gufuu tokko malees mootummaa Waaqaa lallabaa, waaʼee Gooftaa Yesuus Kiristoosis barsiisaa ture.