< 3 John 1 >

1 The elder to the beloved Gaius, whom I love in the truth.
Jaarsicha irraa, Gara Gaayoos michuu koo, isa ani dhugaadhaan jaalladhuutti.
2 Beloved, I pray that in all respects yoʋ may prosper and be in good health, even as yoʋr soul prospers.
Yaa michuu ko, akkuma lubbuu keetti tole sana akka wanni hundinuu sitti toluu fi akka ati fayyaa qabaattuuf nan kadhadha.
3 For I was overjoyed when the brothers came and testified about yoʋr faithfulness to the truth and how yoʋ walk in the truth.
Obboloonni tokko tokko dhufanii akka ati dhugaaf amanamaa taatee fi akka ati dhugaadhaan jiraattu natti himnaan ani akka malee gammade.
4 I have no greater joy than to hear that my children are walking in the truth.
Ijoolleen koo dhugaadhaan jiraachuu isaanii dhagaʼuu caalaa ani gammachuu guddaa hin qabu.
5 Beloved, yoʋ are acting faithfully in whatever yoʋ do for the brothers and for those who are strangers to you.
Yaa michuu ko, yoo isaan keessummoota sitti taʼan illee ati waan obbolootaaf gootu keessatti amanamaa dha.
6 They have testified of yoʋr love before the church, and yoʋ will do well to send them on their way in a manner worthy of God.
Isaan waaʼee jaalala keetii waldaa kiristaanaatti himaniiru. Maaloo haala Waaqatti toluun karaan isaanii irratti isaan gargaari.
7 For they went out for the sake of the Name, receiving nothing from the Gentiles.
Isaan Maqaa isaatiif jedhanii utuu ormoota irraa gargaarsa tokko illee hin argatin baʼaniiruutii.
8 Therefore we ought to receive men like them, so that we may be fellow workers for the truth.
Kanaafuu nu akka isaan wajjin dhugaaf hojjennuuf namoota akkasii simannee gargaaruu qabna.
9 I wrote to the church, but Diotrephes, who loves to put himself first, does not acknowledge us.
Ani waldaa kiristaanaatiif barreesseera; garuu isaan keessaa Diiyoxiraaxiis inni duree taʼuu barbaadu nu hin simatu.
10 So if I come, I will call attention to what he is doing and the evil accusations of nonsense that he is making against us. And he is not satisfied with that! He not only refuses to receive the brothers, but also stops those who want to do so and throws them out of the church.
Kanaafuu ani yoon dhufe waan inni maqaa keenya balleessuudhaan hojjechaa jiru ifatti nan baasa. Akka waan wanni kun isa hanqateetti inni obboloota simachuu dida. Warra isaan simachuu barbaadanis ni dhowwa; waldaa kiristaanaa keessaas isaan ariʼa.
11 Beloved, do not imitate what is evil, but what is good. Whoever does good is of God; whoever does evil has not seen God.
Yaa michuu ko, waan gaarii duukaa buʼi malee waan hamaa duukaa hin buʼin. Namni waan gaarii hojjetu kam iyyuu kan Waaqaa ti. Namni waan hamaa hojjetu garuu takkumaa Waaqa hin argine.
12 Demetrius is well spoken of by everyone—and even by the truth itself. We also speak well of him, and you know that our testimony is true.
Namni hundi Dimeexiroosiif dhugaa baʼa; dhugaan mataan ishee iyyuu dhugaa baati. Nus dhugaa baanaaf; isinis akka dhuga baʼumsi keenya dhugaa taʼe ni beektu.
13 I have much to write, but I do not want to write to yoʋ with pen and ink.
Ani waanan siif barreessu baayʼee qaba; garuu biirii fi qalamiidhaan barreessuu hin barbaadu.
14 I hope to see yoʋ soon, and we will speak face to face. Peace be with yoʋ. The friends greet yoʋ. Greet the friends by name.
Qooda kanaa ani dhiʼootti si arguuf abdii qaba; nus ifaan ifatti ni haasofna. Nagaan siif haa taʼu. Michoonni as jiran nagaa siif dhaamu. Atis michoota achi jiran tokko tokkoon maqaa dhaʼiitii nagaa itti nuu himi.

< 3 John 1 >