< Joshua 2 >

1 Then did Joshua son of Nun, send out from The Acacias, two men to spy out silently, saying, Go view the land, and Jericho. So they came, and entered the house of a harlot, whose name was Rahab, and lay there.
Ergasii Iyyaasuun ilmi Nuuni, “Dhaqaatii biyya sana, keessumattuu Yerikoo basaasaa” jedhee dhoksaan basaastota lama biyya Shixiimiitii erge. Isaanis deemanii mana sagaagaltittii Rahaab jedhamtu tokkoo seenanii achuma turan.
2 And it was told the king of Jericho, saying, —Lo! men, have come in hither to-night of the sons of Israel to search out the land.
Mooticha Yerikoottis, “Kunoo! Israaʼeloota keessaa namoonni tokko tokko biyyattii basaasuuf galgala kana as dhufaniiru” jedhamee himame.
3 So the king of Jericho sent unto Rahab, saying, —Bring forth the men that are come in unto thee who have entered thy house, for, to search out all the land, have they come.
Kanaafuu mootichi Yerikoo, “Sababii isaan guutummaa biyyattii basaasuuf dhufaniif namoota gara kee dhufanii mana kee seenan sana gad baasi” jedhee dhaamsa kana Rahaabitti erge.
4 And the woman took the two men and hid them, —and said: Even so, the men did come in unto me, but I knew not from whence they were;
Dubartittiin garuu namoota lamaan fuutee dhoksite. Isheenis akkana jette; “Dhuguma namoonni gara koo dhufaniiru; ani garuu akka isaan eessaa dhufan hin beekne.
5 and it came to pass, as the gate was about to be shut in the darkness, that, the men, went out, I know not whither the men went, —pursue them quickly for ye shall overtake them.
Isaanis galgala yommuu yeroon karri magaalattii cufamu gaʼetti baʼanii deeman. Karaa isaan deemanis ani hin beeku. Isaan qaqqabdu taʼaatii dafaa isaan duukaa buʼaa.”
6 But, she, had taken them up to the roof, —and concealed them with the stalks of flax which she had laid in order for herself upon the roof.
Isheen garuu gara bantii manaatti ol isaan baaftee cidii talbaa kan bantii manaa irratti tuultee turte jala isaan dhoksite.
7 So, the men, pursued them by way of the Jordan unto the fords, —the gate being shut as soon as they who pursued them had gone forth.
Kanaafuu namoonni basaastota sana duukaa buʼuudhaaf karaa gara malkaa Yordaanos geessu irra buʼanii qajeelan; karri sunis akkuma duukaa buutonni sun baʼaniin cufame.
8 And, ere yet they slept, she, went up unto them, upon the roof;
Isheenis utuu basaastonni sun buluuf hin ciciisin gara bantii manaatti ol baatee
9 and said unto the men, I know that Yahweh hath given unto you the land, —and that the terror of you hath fallen upon us, and that all the inhabitants of the land, have melted away, from before you.
akkana isaaniin jette; “Ani akka Waaqayyo biyya kana isinii kennee fi akka isin sodaachuun nurra buʼes nan beeka; namni biyya kana keessa jiraatu hundinuus sababii keessaniif fuula keessan duratti sodaadhaan hollachaa jira.
10 For we have heard how Yahweh, dried up, the waters of the Red Sea from before you, when ye came forth out of Egypt, —and what ye did unto the two kings of the Amorites who were over the Jordan unto Sihon and unto Og, whom ye devoted to destruction;
Yommuu isin Gibxii baatanitti akka itti Waaqayyo Galaana Diimaa fuula keessan duratti gogse, waan isinis Sihoonii fi Oogi mootota Amoorotaa kanneen gama baʼa Yordaanositti guutumaan guutuutti balleessitan sana lamaan gootan dhageenyeerra.
11 and, when we heard, then did our heart melt, and there rose up no longer any spirit in any man because of you, —for, as for Yahweh your God, he, is God—in the heavens above, and upon the earth beneath.
Nu yommuu waaʼee waan kanaa dhageenyetti sababii keessaniif onneen keenya baqxee abdii kutanne. Waaqayyo Waaqni keessan ol samii gubbaatti, gad lafa irrattis Waaqaatii.
12 Now, therefore I pray you, swear unto me by Yahweh, since I have dealt with you in lovingkindness, that, ye also, will deal with the house of my father in lovingkindness, and will give me a token of faithfulness,
“Egaa amma sababii ani garaa isinii laafeef isinis akkasuma akka maatii kootiif garaa laaftan maqaa Waaqayyootiin naa kakadhaa. Mallattoo dhugaas naa kennaa;
13 and will save alive my father and my mother, and my brethren and my sisters, and all that they have, —and will deliver our souls from death.
kunis akka isin lubbuu abbaa kootii, haadha kootii, obbolootaa fi obboleettota kootii, waan kan isaanii taʼe hundaa fi lubbuu keenya duʼa oolchitaniif.”
14 And the men said unto her, Our souls in your stead unto death, if ye utter not this our business, —so shall it be, when Yahweh shall give us the land, that we will deal with thee in lovingkindness and in faithfulness.
Namoonnis, “Lubbuun keenya sababii lubbuu keessaniitiif haa badduu! Yoo isin waan nu hojjennu kana namatti himuu baattan nu yommuu Waaqayyo biyya kana nuu kennutti gara laafinaa fi amanamummaadhaan si simanna” jedhanii ishee abdachiisan.
15 And she let them down with a cord through the window, —for, her house, was within the wall of the rampart, and, within the rampart, she was dwelling.
Kanaafuu isheen sababii manni isheen keessa jiraattu sun dallaa magaalattiitiin wal qabatuuf foddaa keessaan funyoodhaan gad isaan buufte.
16 And she said unto them—To the mountain, get you, lest the pursuers, fall in, with you, —and hide yourselves there, three days until the pursuers return, and, afterwards, shall ye go your way.
Isheenis akkana isaaniin jette; “Akka warri isin duukaa buʼan sun isin hin argineef gara gaarraniitti baqadhaa. Hamma isaan deebiʼanitti guyyoota sadii achitti dhokadhaa; ergasii immoo karaa keessan deemaa.”
17 And the men said unto her, —Free, will we be from this thine oath which thou hast made us swear:
Namoonni sunis akkana jedhaniin; “Kakuun ati nu kakachiifte kun kan nu qabachuu dandaʼu,
18 Lo! when we are coming into the land, this cord of crimson thread, must thou bind in the window by which thou didst let us down, and, thy father and thy mother and thy brethren and all the household of thy father, must thou gather together unto thee unto the house.
yoo ati yommuu nu biyyattii seennutti funyoo bildiimaa kana foddaa ittiin gad nu buufte kanatti hiitee abbaa keetii fi haadha kee, obboloota keetii fi maatii kee hunda mana keetti galchite qofa.
19 And it shall be, whosoever shall go forth out of the doors of thy house into the street, his blood, shall be on his own head and, we, shall be free, —but, whosoever shall be with thee in the house, his blood, shall be on our heads, if a, hand, be upon him.
Namni tokko iyyuu yoo mana kee keessaa gara daandii alaatti gad baʼe, dhiigni isaa matuma isaatti deebiʼa; nu itti hin gaafatamnu. Nama si wajjin mana kee keessa jiru immoo yoo harki tokko iyyuu isa tuqe, dhiigni isaa mataa keenyatti deebiʼa.
20 Or, if thou utter this our business, then shall we be free from this thine oath which thou hast made us swear.
Garuu yoo ati waan nu hojjennu kana namatti himte, nu kakuu ati nu kakachiifte sana jalaa bilisa baana.”
21 And she said—According to your words, so, shall it be. Thus sent she them away and they departed, —and she bound the crimson cord in the window.
Isheenis, “Fudhadheera; akkuma isin jettan haa taʼu” jettee deebifte. Kanaafuu isheen isaan ergite; isaanis kaʼanii deeman. Isheen funyoo bildiimaa sana foddaa sanatti hiite.
22 And they went and came into the mountain, and abode there three days, until the pursuers had returned, —so the pursuers, made search, throughout all the way, but found them not.
Isaanis yommuu baʼanitti gara gaarranii deemanii hamma duukaa buutonni sun karaa irra barbaadanii isaan dhabanii deebiʼanitti guyyaa sadii achi turan.
23 And the two men returned and came down out of the mountain, and crossed over and came unto Joshua, son of Nun, —and recounted to him all that had befallen them;
Basaastonni lamaan sunis deebiʼanii gaarran keessaa baʼanii malkaadhaan laga ceʼuudhaan gara Iyyaasuu ilma Nuuni dhufan; waan isaan irra gaʼe hundas isatti himan.
24 and they said unto Joshua, Yahweh, hath delivered, into our hand all the land, —moreover also all the inhabitants of the land, have melted away, from before us.
Isaanis Iyyaasuudhaan, “Waaqayyo dhugumaan biyyattii guutuu harka keenyatti kenneera; namoonni hundinuus sababii keenyaaf sodaadhaan hollachaa jiru” jedhan.

< Joshua 2 >