< Exodus 35 >
1 And Moses called together all the assembly of the sons of Israel and said unto them, —These are the things which Yahweh hath commanded to do them.
Museen waldaa Israaʼel guutuu walitti qabee akkana jedheen; “Wanni Waaqayyo akka isin hojjettan isin ajaje kana:
2 Six days, shall work be done, but on the seventh day, shall there be to you a holy sabbath-keeping, unto Yahweh, whosoever doeth work therein shall be put to death.
Guyyaa jaʼa hojiin haa hojjetamu; guyyaan torbaffaan garuu isiniif guyyaa qulqulluu dha; Waaqayyoof immoo sanbata boqonnaa taʼa. Namni guyyaa kana hojii hojjetu kam iyyuu haa ajjeefamu.
3 Ye shall not kindle a fire, in any of your dwellings, —on the sabbath day.
Guyyaa Sanbataatiin lafa jiraattan kamitti iyyuu ibidda hin qabsiisinaa.”
4 And Moses spake unto all the assembly of the sons of Israel, saying, This, is the thing which Yahweh hath commanded, saying,
Museenis waldaa Israaʼel guutuudhaan akkana jedhe; “Wanni Waaqayyo ajaje kana:
5 Take ye from among you, a heave-offering to Yahweh, every one whose heart is willing shall bring it in, even the heave-offering of Yahweh, gold and silver and bronze:
Waan qabdan irraa Waaqayyoof kennaa dhiʼeessaa. Namni fedhii qabu hundinuu: “kennaa warqee, meetii fi naasii Waaqayyoof haa fidu.
6 and blue and purple and crimson and fine linen and goat’s-hair;
Kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa gaarii, rifeensa reʼee,
7 and rams’ skins dyed red, and badgers’ skins, and acacia wood;
gogaa korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphamee fi gogaa duugame, muka laaftoo,
8 and oil for giving light, and aromatic spices for the anointing oil, and for fragrant incense;
ibsaadhaaf zayitii ejersaa, zayitii ittiin dibanii fi ixaana urgaaʼuuf immoo urgooftuuwwan,
9 and onyx stones and setting stones, for the ephod, and for the breastpiece.
dhagaawwan sardooniksii, dooqa gati jabeessa, dirataa fi qomee irratti kaaʼatamu kan biraa haa fidu.
10 And, all the wise-hearted among you, shall come in, that they may make, all that which Yahweh hath commanded: —
“Isin keessaa namoonni ogeeyyiin hundi dhufanii waan Waaqayyo ajaje hunda haa hojjetan:
11 the habitation, its tent, and its covering, —its clasps its boards, and its bars its pillars, and its sockets:
“Kunis dunkaana qulqulluu dunkaana isaatii fi irra buusaa isaa wajjin, hokkoowwan isaa, tuggee isaa, dagalee isaa, utubaa isaa, miilla isaa,
12 the ark with its staves the propitiatory, and the screening veil;
taabota danqaraa isaa wajjin, teessoo araaraatii fi golgaa isa dhoksus,
13 the table with its staves and all its utensils, and the Presence-bread:
minjaala danqaraa isaatii fi miʼa isaa hunda wajjin, buddeena ilaalchaa;
14 the lampstand for giving light, with its utensils, and its lamps, and the oil for giving light;
baattuu ibsaa kan ifaaf taʼu miʼa isaa wajjin, ifa sanaafis ibsaa fi zayitii,
15 and the incense altar, with its staves, and the anointing oil, and the fragrant incense, —and the entrance screen, for the entrance of the habitation;
iddoo aarsaa ixaanaa danqaraa isaa wajjin, zayitii ittiin dibanii fi ixaana urgaaʼu, karra ittiin dunkaana qulqulluu seenaniifis golgaa balbalaa,
16 the altar for the ascending-sacrifice, and the bronze grating which pertaineth thereto, its staves and all its utensils, the laver and its stand;
iddoo aarsaa kan qalma gubamuu gingilchaa isaa kan naasii irraa hojjetame wajjin, danqaraawwan isaatii fi miʼa isaa hunda, caabii naasii miilla isaa wajjin,
17 the hangings for the court, its pillars and its sockets, —and the screen for the gate of the court:
golgaawwan oobdii utubaawwanii fi miillawwan isaanii wajjin, golgaa karra oobdii sanaa,
18 the pins of the habitation, and the pins of the court, and their cords;
dunkaana qulqulluu fi qofoowwan oobdii dunkaana qulqulluutii fi funyoowwan isaanii,
19 the cloths of variegated stuff for ministering in the sanctuary, —the sacred garments for Aaron the priest, and the garments of his sons for ministering as priests.
wayyaawwan foʼamanii dhaʼaman kanneen isaan yeroo iddoo qulqulluu keessa tajaajilan uffataman jechuunis wayyaawwan Aroon lubichaaf qulqulleeffamanii fi wayyaawwan ilmaan isaa yeroo lubummaadhaan tajaajilanitti uffatan haa hojjetan.”
20 So all the assembly of the sons of Israel went forth from the presence of Moses;
Ergasiis hawaasni Israaʼel guutuun Musee biraa baʼanii deeman;
21 and they brought in—every man whose heart lifted him up, —and, every one whose spirit made him willing, brought in the heave-offering of Yahweh, for the construction of the tent of meeting, and for all its service, and for the holy garments.
namni fedhii qabuu fi namni yaadni isaa isa kakaase hundi dhufee hojii dunkaana wal gaʼii sanaatiif, tajaajila isaa hundaa fi hojii wayyaawwan qulqulluu sanaatiif kennaa Waaqayyoof fide.
22 Yea they brought in—the men with the women, —all who were willing-hearted, brought in—bracelets and nose-ornaments and rings, and buckles, all manner of jewels of gold, even every man who waved a wave-offering of gold unto Yahweh.
Dhiirrii fi dubartiin fedhii qaban hundi miʼa warqee irraa hojjetame kanneen gosa gosaa fidan; bitawoo, lootii, qubeelaa fi faaya fidan. Hundi isaanii iyyuu warqee isaanii aarsaa sochoofamu godhanii Waaqayyoof dhiʼeessan.
23 And, every man with whom was found blue and purple and crimson and fine linen and goat’s-hair, —and rams’ skins dyed red and badgers’ skins brought them in.
Namni kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee yookaan bildiimaa yookaan quncee talbaa baʼeessa yookaan rifeensa reʼee, kaldhee korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphamee fi gogaa duugame qabu hundi ni fide.
24 Every one who would heave a heave-offering of silver or bronze, brought in the heave-offering of Yahweh, —and, every one with whom was found acacia wood for any construction for the service, brought it in.
Warri kennaa meetii yookaan naasii dhiʼeessan kennaa Waaqayyoof dhiʼeeffamu godhanii fidan. Namni muka laaftoo kan qooda hojii sanaa kamiif iyyuu taʼu qabu hundas ni fide.
25 And, all the women who were wise-hearted, with their hands, did spin, —and brought in that which they had spun—the blue, and the purple, the crimson, and the fine linen.
Dubartoonni ogeeyyiin hundis harkaan foʼanii kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa baʼeessa foʼan sana fidan.
26 And, all the women whose hearts lifted them up with wisdom, span the goat’s-hair.
Dubartoonni fedhii fi ogummaa qaban hundinuus rifeensa reʼee foʼan.
27 And the princes, brought in the onyx stones and the setting stones, —for the ephod and for the breastpiece;
Bulchitoonni dhagaawwan sardooniksii fi dhagaawwan gati jabeeyyii biraa dirataa fi kiisii qomaatti akka kaaʼatamuuf fidan.
28 and the aromatic spices, and the oil, —for giving light, and for anointing oil, and for the fragrant incense.
Akkasumas urgooftuu fi zayitii ibsaadhaaf, zayitii ittiin dibanii fi ixaana urgaaʼus fidan.
29 [In the case of], every male and woman whose heart, made them willing, to bring in for any construction which, Yahweh had commanded them to make, by the hand of Moses, [in their case] did the sons of Israel bring in a free-will offering unto Yahweh.
Dhiironnii fi dubartoonni Israaʼel warri fedhii qaban hundi hojii akka isaan hojjetaniif Waaqayyo karaa Museetiin isaan ajaje sana hundaaf fedhii isaaniitiin Waaqayyoof kennaa fidan.
30 And Moses said unto the sons of Israel—See! Yahweh hath called by name, —Bezaleel son of Uri, son of Hur, of the tribe of Judah;
Yommus Museen saba Israaʼeliin akkana jedhe; “Ilaa Waaqayyo gosa Yihuudaa keessaa Bezaliʼeel ilma Uuri ilma Huuri filateera;
31 and filled him with the spirit of God, —in, wisdom in understanding and in knowledge, and in all manner of execution;
Hafuura Waaqaatiin, ogummaadhaan, dandeettii fi beekumsa hojii harkaa gosa hundumaan isa guuteera.
32 to devise skilful designs, —to work in gold and in silver and in bronze;
Kunis akka inni warqeedhaan, meetii fi naasiidhaan hojii ogummaa hojjetuuf,
33 and in the cutting of stones for setting, and in the cutting of wood, —to work in any manner of skilful workmanship,
akka dhagaawwan muree qopheessuuf, akka muka soofuu fi akka hojii ogummaa harkaa kan gosa hundaa keessatti hirmaatuuf.
34 To teach also, hath he put in his heart, [the heart of] him, and of Oholiab—son of Ahisamach, of the tribe of Dan;
Waaqnis Bezaliʼeelii fi Oholiiyaab ilma Ahiisaamaak kan gosa Daan sanaaf dandeettii isaan ittiin warra kaan barsiisan kenne.
35 hath filled them with wisdom of heart to work all manner of workmanship of cutter, and deviser and embroiderer, in blue and in purple, in crimson and in fine linen and of the weaver, —workers of any manner of workmanship, and devisers of skilful designs.
Akka isaan ogeeyyii hojii harkaa, bifa baastotaa fi warra kirrii bifa cuquliisaatiin, dhiilgeen, bildiimaa fi quncee talbaa baʼeessaan miidhagsanii fi wayyaa dhooftota hundi isaanii ogeeyyii hojii harkaatii fi bifa baastota taʼaniif ogummaa hojii gosa hundaa hojjechuutiin isaan guute.