< Revelation 7 >
1 After this I saw four angels standing at the four corners of the earth, holding the four winds of the earth, that no wind should blow on the earth, or on the sea, or upon any tree.
Ergasiis ani utuu ergamoonni afur golee lafaa afran irra dhaabatanii akka bubbeen lafatti yookaan galaanatti yookaan muka kamitti iyyuu hin bubbifne bubbee lafaa afran dhowwanuu nan arge.
2 And I saw another angel ascend from the sunrising, having the seal of the living God: and he cried with a great voice to the four angels, to whom it was given to hurt the earth and the sea,
Ergamaan chaappaa Waaqa jiraataa qabu kaan immoo utuu karaa baʼa biiftuutiin ol baʼuu nan arge. Innis ergamoota afran akka isaan lafaa fi galaana miidhaniif humni kennameef sana sagalee guddaadhaan waamee,
3 saying, Hurt not the earth, neither the sea, nor the trees, till we shall have sealed the servants of our God on their foreheads.
“Hamma nu adda tajaajiltoota Waaqa keenyaa irratti chaappaa goonutti lafa yookaan galaana yookaan muka hin miidhinaa” jedhe.
4 And I heard the number of them which were sealed, a hundred and forty and four thousand, sealed out of every tribe of the children of Israel.
Anis baayʼina warra chaappeffamanii dhagaʼe: gosa Israaʼel hunda keessaa 144,000 ture.
5 Of the tribe of Judah [were] sealed twelve thousand: Of the tribe of Reuben twelve thousand: Of the tribe of Gad twelve thousand:
Gosa Yihuudaa keessaa 12,000, gosa Ruubeen keessaa 12,000, gosa Gaad keessaa 12,000,
6 Of the tribe of Asher twelve thousand: Of the tribe of Naphtali twelve thousand: Of the tribe of Manasseh twelve thousand:
gosa Aasheer keessaa 12,000, gosa Niftaalem keessaa 12,000, gosa Minaasee keessaa 12,000,
7 Of the tribe of Simeon twelve thousand: Of the tribe of Levi twelve thousand: Of the tribe of Issachar twelve thousand:
gosa Simiʼoon keessaa 12,000, gosa Lewwii keessaa 12,000, gosa Yisaakor keessaa 12,000,
8 Of the tribe of Zebulun twelve thousand: Of the tribe of Joseph twelve thousand: Of the tribe of Benjamin [were] sealed twelve thousand.
gosa Zebuuloon keessaa 12,000, gosa Yoosef keessaa 12,000, gosa Beniyaam keessaa 12,000 turan.
9 After these things I saw, and behold, a great multitude, which no man could number, out of every nation and of [all] tribes and peoples and tongues, standing before the throne and before the Lamb, arrayed in white robes, and palms in their hands;
Anis kana booddee nan ilaale; kunoo, tuunni guddaan namni tokko iyyuu lakkaaʼuu hin dandeenye kan saba hundumaa, gosa hundumaa, nama hundumaa fi afaan hundumaa keessaa walitti qabame tokko teessoo sana duraa fi fuula Hoolichaa dura dhaabatee ture. Isaanis uffata adaadii uffatanii, damee meexxiis harkatti qabatanii turan.
10 and they cry with a great voice, saying, Salvation unto our God which sitteth on the throne, and unto the Lamb.
Isaanis sagalee guddaadhaan, “Fayyinni kan Waaqa keenya isa teessoo irra taaʼuutii fi kan Hoolichaati” jedhanii iyyan.
11 And all the angels were standing round about the throne, and [about] the elders and the four living creatures; and they fell before the throne on their faces, and worshipped God,
Ergamoonni hundinuu teessichatti, maanguddootaa fi uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranitti naannaʼanii dhadhaabachaa turan. Isaanis adda isaaniitiin fuula teessoo sanaa duratti gombifamanii Waaqaaf sagadan;
12 saying, Amen: Blessing, and glory, and wisdom, and thanksgiving, and honour, and power, and might, [be] unto our God for ever and ever. Amen. (aiōn )
akkanas jedhan: “Ameen! Eebbii fi ulfinni, ogummaan, galanni, kabajni, humnii fi jabinni, bara baraa hamma bara baraatti Waaqa keenyaaf haa taʼu. Ameen!” (aiōn )
13 And one of the elders answered, saying unto me, These which are arrayed in the white robes, who are they, and whence came they?
Maanguddoota keessaas inni tokko, “Warri uffata adaadii uffatan kunneen eenyu faʼi? Eessaa dhufan?” jedhee na gaafate.
14 And I say unto him, My lord, thou knowest. And he said to me, These are they which come out of the great tribulation, and they washed their robes, and made them white in the blood of the Lamb.
Anis, “Yaa Gooftaa, situ beeka” jedheen deebiseef. Inni immoo akkana naan jedhe; “Isaan kunneen warra dhiphina guddaa keessaa baʼanii dhufanii dha; isaanis dhiiga Hoolichaatiin uffata isaanii miicatanii addeeffataniiru.
15 Therefore are they before the throne of God; and they serve him day and night in his temple: and he that sitteth on the throne shall spread his tabernacle over them.
Kanaafuu, “Isaan teessoo Waaqaa dura jiru; halkanii guyyaas mana qulqullummaa isaa keessatti isa tajaajilu; inni teessicha irra taaʼee jiru sunis isaan gidduu jiraata.
16 They shall hunger no more, neither thirst any more; neither shall the sun strike upon them, nor any heat:
‘Isaanis siʼachi gonkumaa hin beelaʼan; siʼachis gonkumaa hin dheebotan. Aduun isaan hin dhaʼu;’ hoʼi finiinaanis isaan hin gubu.
17 for the Lamb which is in the midst of the throne shall be their shepherd, and shall guide them unto fountains of waters of life: and God shall wipe away every tear from their eyes.
Hoolichi walakkaa teessoo sanaa jiru tiksee isaanii ni taʼaatii; ‘inni gara burqaa bishaan jireenyaatti isaan geessa.’ ‘Waaqnis imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa.’”