< Luke 14 >
1 And it came to pass, when he went into the house of one of the rulers of the Pharisees on a sabbath to eat bread, that they were watching him.
Guyyaa Sanbataa tokko yommuu Yesuus buddeena nyaachuuf mana Fariisicha beekamaa tokkoo dhaqetti, namoonni xiyyeeffatanii isa ilaalaa turan.
2 And behold, there was before him a certain man which had the dropsy.
Namichi dhagni isaa dhiitaʼe tokkos fuula isaa dura ture.
3 And Jesus answering spake unto the lawyers and Pharisees, saying, Is it lawful to heal on the sabbath, or not?
Yesuusis, “Guyyaa Sanbataatiin nama fayyisuun ni eeyyamama moo hin eeyyamamu?” jedhee Fariisotaa fi hayyoota seeraa gaafate.
4 But they held their peace. And he took him, and healed him, and let him go.
Isaan garuu ni calʼisan; innis namicha harkaan qaqqabee fayyisee gad isa lakkise.
5 And he said unto them, Which of you shall have an ass or an ox fallen into a well, and will not straightway draw him up on a sabbath day?
Innis, “Isin keessaa namni tokko yoo ilma yookaan qotiyyoo guyyaa Sanbataatiin boolla keessa buʼe qabaate, inni yeruma sana harkisee boolla keessaa hin baasuu?” jedhee isaan gaafate.
6 And they could not answer again unto these things.
Isaan garuu deebii kennuu hin dandeenye.
7 And he spake a parable unto those which were bidden, when he marked how they chose out the chief seats; saying unto them,
Innis yommuu akka keessumoonni sun iddoo ulfinaa filatan hubatetti akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime;
8 When thou art bidden of any man to a marriage feast, sit not down in the chief seat; lest haply a more honourable man than thou be bidden of him,
“Yoo namni tokko cidha fuudhaa fi heerumaatti si waame, iddoo ulfinaa hin taaʼin; tarii namni si caalaa ulfina qabu tokko waamameera taʼaatii.
9 and he that bade thee and him shall come and say to thee, Give this man place; and then thou shalt begin with shame to take the lowest place.
Namichi isin lamaanuu waame sun dhufee, ‘Namicha kanaaf kaʼi’ siin jedha; atis qaanoftee dhaqxee lafa iddoo hundumaa gad taʼe teessa.
10 But when thou art bidden, go and sit down in the lowest place; that when he that hath bidden thee cometh, he may say to thee, Friend, go up higher: then shalt thou have glory in the presence of all that sit at meat with thee.
Ati garuu yommuu waamamtu akka namichi si waame sun yeroo dhufutti, ‘Yaa michuu koo iddoo ol aanutti hiiqi’ siin jedhuuf dhaqii lafa iddoo hundumaa gad taʼe taaʼi; yoos fuula warra si wajjin maaddiitti dhiʼaatan hundumaa duratti ulfina argattaatii.
11 For every one that exalteth himself shall be humbled; and he that humbleth himself shall be exalted.
Namni ol of qabu hundinuu gad qabamaatii; namni gad of qabu hundinuu immoo ol qabama.”
12 And he said to him also that had bidden him, When thou makest a dinner or a supper, call not thy friends, nor thy brethren, nor thy kinsmen, nor rich neighbours; lest haply they also bid thee again, and a recompense be made thee.
Yesuusis namicha isa waame sanaan akkana jedhe; “Ati yommuu laaqana yookaan irbaata qopheessitu michoota kee yookaan obboloota kee, yookaan firoota kee, yookaan olloota kee warra sooreyyii hin waamin; yoo akkas goote isaanis deebisanii si waamu; gatiin kees siif deebifama.
13 But when thou makest a feast, bid the poor, the maimed, the lame, the blind:
Garuu yommuu cidha qopheessitu hiyyeeyyii, naafa, okkolaa fi jaamaa waami.
14 and thou shalt be blessed; because they have not [wherewith] to recompense thee: for thou shalt be recompensed in the resurrection of the just.
Sababii isaan waan siif deebisan hin qabneef ati ni eebbifamta; gatiin kee guyyaa duʼaa kaʼuu qajeeltotaatti siif deebifamaatii.”
15 And when one of them that sat at meat with him heard these things, he said unto him, Blessed is he that shall eat bread in the kingdom of God.
Warra isa wajjin maaddiitti dhiʼaatan keessaa namichi tokko yommuu waan kana dhagaʼetti Yesuusiin, “Namni mootummaa Waaqaa keessatti maaddiitti dhiʼaatu eebbifamaa dha” jedhe.
16 But he said unto him, A certain man made a great supper; and he bade many:
Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Namichi tokko cidha guddaa qopheessee keessumoota hedduu affeere.
17 and he sent forth his servant at supper time to say to them that were bidden, Come; for [all] things are now ready.
Namichi sunis saʼaatii nyaataatti akka inni, ‘Kunoo, wanni hundinuu qopheeffameeraatii kottaa’ jedhee warra affeeraman sanatti himuuf garbicha isaa erge.
18 And they all with one [consent] began to make excuse. The first said unto him, I have bought a field, and I must needs go out and see it: I pray thee have me excused.
“Garuu isaan hundi bifuma tokkoon sababa dhiʼeeffachuu jalqaban; inni jalqabaa, ‘Ani lafa qotiisaa bitadheera; kanaafuu dhaqeen ilaaluu qabaatii maaloo na hin komatin’ jedheen.
19 And another said, I have bought five yoke of oxen, and I go to prove them: I pray thee have me excused.
“Inni kaan, ‘Ani qotiyyoo cimdii shan bitadheera; isaan leenjisuuf deemuuttin jiraatii, maaloo na hin komatin’ jedheen.
20 And another said, I have married a wife, and therefore I cannot come.
“Amma illee inni kaan, ‘Ani dhiʼoon niitii fuudhe; kanaafuu dhufuu hin dandaʼu’ jedheen.
21 And the servant came, and told his lord these things. Then the master of the house being angry said to his servant, Go out quickly into the streets and lanes of the city, and bring in hither the poor and maimed and blind and lame.
“Garbichi sunis deebiʼee waan kana gooftaa isaatti hime. Abbaan mana sanaas aaree, ‘Dafii karaa guddaa fi daandii qalʼaa magaalaatti achi baʼiitii hiyyeeyyii, naafa, jaamaa fi okkolaa fidii ol seensis’ jedhee garbicha isaa ajaje.
22 And the servant said, Lord, what thou didst command is done, and yet there is room.
“Garbichi sunis, ‘Yaa gooftaa, wanni ati ajajje hundi raawwateera; garuu amma illee iddoon jira’ jedheen.
23 And the lord said unto the servant, Go out into the highways and hedges, and constrain [them] to come in, that my house may be filled.
“Gooftichis garbicha isaatiin akkana jedhe; ‘Akka manni koo guutamuuf karaa guddaa fi daandii baadiyyaatti achi baʼiitii akka isaan ol galan dirqisiisi.
24 For I say unto you, that none of those men which were bidden shall taste of my supper.
Ani isinittin hima; namoota waamaman sana keessaa namni tokko iyyuu maaddii koo irraa afaaniin hin qabu.’”
25 Now there went with him great multitudes: and he turned, and said unto them,
Namoonni baayʼeen Yesuus wajjin deemaa turan; innis garagalee akkana isaaniin jedhe;
26 If any man cometh unto me, and hateth not his own father, and mother, and wife, and children, and brethren, and sisters, yea, and his own life also, he cannot be my disciple.
“Namni gara koo dhufu kam iyyuu yoo abbaa isaatii fi haadha isaa, niitii isaatii fi ijoollee isaa, obboloota isaatii fi obboleettota isaa akkasumas lubbuu isaa illee hin jibbine inni barataa koo taʼuu hin dandaʼu.
27 Whosoever doth not bear his own cross, and come after me, cannot be my disciple.
Namni fannoo ofii isaa baadhatee na duukaa hin buune kam iyyuus barataa koo taʼuu hin dandaʼu.
28 For which of you, desiring to build a tower, doth not first sit down and count the cost, whether he have [wherewith] to complete it?
“Mee isin keessaa namni tokko gamoo ijaarrachuu barbaada haa jennuu; namichi sun gamoo sana ijaaree fixuuf horii gaʼaa qabaachuu fi qabaachuu baachuu isaa beekuuf duraan dursee taaʼee gatii isaa hin herregatuu?
29 Lest haply, when he hath laid a foundation, and is not able to finish, all that behold begin to mock him,
Yoo kanaa achii yommuu inni hundee kaaʼee fixuu dadhabutti, namoonni argan hundi itti qoosu.
30 saying, This man began to build, and was not able to finish.
Isaanis, ‘Namichi kun ijaaruu jalqabee fixuu dadhabe’ jedhu.
31 Or what king, as he goeth to encounter another king in war, will not sit down first and take counsel whether he is able with ten thousand to meet him that cometh against him with twenty thousand?
“Yookaan mee mootiin tokko mootii biraa loluu dhaqa haa jennuu; inni mootii loltoota kuma digdamaan isatti dhufu tokko loltoota kuma kudhaniin of irraa loluu dandaʼuu fi dandaʼuu baachuu isaa duraan dursee taaʼee itti hin yaaduu?
32 Or else, while the other is yet a great way off, he sendeth an ambassage, and asketh conditions of peace.
Yoo hin dandeenye immoo utuu mootichi kaan isa irraa fagoo jiruu bakka buʼoota itti ergee akka nagaan buʼu kadhata.
33 So therefore whosoever he be of you that renounceth not all that he hath, he cannot be my disciple.
Akkanumas isin keessaa namni waan qabu hunda hin dhiifne kam iyyuu barataa koo taʼuu hin dandaʼu.
34 Salt therefore is good: but if even the salt have lost its savour, wherewith shall it be seasoned?
“Soogiddi gaarii dha; garuu yoo inni miʼaa isaa dhabe, miʼaan isaa akkamiin deebifamuu dandaʼa?
35 It is fit neither for the land nor for the dunghill: [men] cast it out. He that hath ears to hear, let him hear.
Inni biyyoof yookaan tuulaa kosiitiif faayidaa hin qabu; inni gad gatama. “Namni gurra dhagaʼu qabu kam iyyuu haa dhagaʼu.”