< Leviticus 2 >
1 And when any one offereth an oblation of a meal offering unto the LORD, his oblation shall be of fine flour; and he shall pour oil upon it, and put frankincense thereon:
“‘Namni tokko yommuu kennaa midhaanii Waaqayyoof dhiʼeessutti, kennaan isaa daakuu bullaaʼaa haa taʼu. Innis zayitii itti haa naqu; ixaanas itti dabalee,
2 and he shall bring it to Aaron’s sons the priests: and he shall take thereout his handful of the fine flour thereof, and of the oil thereof, with all the frankincense thereof; and the priest shall burn [it as] the memorial thereof upon the altar, an offering made by fire, of a sweet savour unto the LORD:
ilmaan Aroon luboota sanatti haa fidu. Lubichis daakuu bullaaʼaa zayitiin itti naqame sana irraa konyee tokko ixaana hunda wajjin haa fuudhu; kanas kutaa yaadannoo aarsaa gubamu kan ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti toluu godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu.
3 and that which is left of the meal offering shall be Aaron’s and his sons’: it is a thing most holy of the offerings of the LORD made by fire.
Kennaan midhaanii hafe immoo kan Aroonii fi ilmaan isaa ti; kunis kutaa aarsaawwan hunda caalaa qulqulluu kan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha.
4 And when thou offerest an oblation of a meal offering baken in the oven, it shall be unleavened cakes of fine flour mingled with oil, or unleavened wafers anointed with oil.
“‘Yeroo ati kennaa midhaanii barbadaa ibiddaa irratti tolfamee dhiʼeessitutti, kennaan sun daakuu bullaaʼaa jechuunis maxinoo zayitiin itti makame yookaan bixxillee raacitii malee tolfamee zayitiin irra dibame haa taʼu.
5 And if thy oblation be a meal offering of the baking pan, it shall be of fine flour unleavened, mingled with oil.
Kennaan kee kennaa midhaanii kan eelee irratti qopheeffame taanaan kennaan sun daakuu bullaaʼaa hin bukaaʼin kan zayitiin itti makame irraa haa taʼu.
6 Thou shalt part it in pieces, and pour oil thereon: it is a meal offering.
Isa caccabsiitii gubbaa isaatti zayitii naqi; inni kennaa midhaanii ti.
7 And if thy oblation be a meal offering of the frying pan, it shall be made of fine flour with oil.
Kennaan midhaan keetii yoo eelee irratti qopheeffame, kennaan sun daakuu bullaaʼaa fi zayitii irraa haa qopheeffamu.
8 And thou shalt bring the meal offering that is made of these things unto the LORD: and it shall be presented unto the priest, and he shall bring it unto the altar.
Kennaa midhaanii kan wantoota kanneen irraa qopheeffame Waaqayyoof fidi; kanas luba iddoo aarsaatti geessutti kenni.
9 And the priest shall take up from the meal offering the memorial thereof, and shall burn it upon the altar: an offering made by fire, of a sweet savour unto the LORD.
Innis Kennaa midhaanii sana irraa kutaa yaadannoo fuudhee kennaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu.
10 And that which is left of the meal offering shall be Aaron’s and his sons’: it is a thing most holy of the offerings of the LORD made by fire.
Kennaan midhaanii hafe immoo kan Aroonii fi ilmaan isaa ti; kunis kutaa aarsaawwan hunda caalaa qulqulluu kan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha.
11 No meal offering, which ye shall offer unto the LORD, shall be made with leaven: for ye shall burn no leaven, nor any honey, as an offering made by fire unto the LORD.
“‘Kennaan midhaanii kan isin Waaqayyoof dhiʼeessitan hundinuu utuu raacitiin itti hin makamin qopheeffamuu qaba; isin kennaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu tokko keessatti raacitii yookaan damma tokko illee gubuu hin qabdaniitii.
12 As an oblation of first[fruits] ye shall offer them unto the LORD: but they shall not come up for a sweet savour on the altar.
Kennaa kanas akka mataa midhaaniitti Waaqayyoof dhiʼeessu dandeessu; garuu akka kennaa urgaaʼaa tokkootti iddoo aarsaa irratti dhiʼaachuu hin qabu.
13 And every oblation of thy meal offering shalt thou season with salt; neither shalt thou suffer the salt of the covenant of thy God to be lacking from thy meal offering: with all thine oblations thou shalt offer salt.
Kennaa midhaan keetii hunda soogiddaan miʼeessi; soogidda kakuu Waaqa keetii kennaa midhaan keetii keessaa hin hambisin; kennaa kee hundatti soogidda dabali.
14 And if thou offer a meal offering of firstfruits unto the LORD, thou shalt offer for the meal offering of thy firstfruits corn in the ear parched with fire, bruised corn of the fresh ear.
“‘Ati yoo mataa midhaanii keessaa kennaa midhaanii Waaqayyoof fidde, mataa midhaan asheetee ibiddaan waadamee sukkuumamee dhiʼeessi.
15 And thou shalt put oil upon it, and lay frankincense thereon: it is a meal offering.
Zayitii itti naqiitii ixaanas itti dabali; kun kennaa midhaanii ti.
16 And the priest shall burn the memorial of it, part of the bruised corn thereof, and part of the oil thereof, with all the frankincense thereof: it is an offering made by fire unto the LORD.
Lubni sunis kutaa yaadannoo midhaan sukkuumamee sanaatii fi zayitii sana ixaana hunda wajjin kennaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu godhee haa gubu.