< Job 18 >
1 Then answered Bildad the Shuhite, and said,
Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise:
2 How long will ye lay snares for words? consider, and afterwards we will speak.
“Isin haasaa kana yoom fixxu? Mee qalbeeffadhaa; ergasii dubbachuu dandeenya.
3 Wherefore are we counted as beasts, [and] are become unclean in your sight?
Nu maaliif akka looniitti hedamna? Maaliifis fuula kee duratti akka gowwaatti ilaalamna?
4 Thou that tearest thyself in thine anger, shall the earth be forsaken for thee? or shall the rock be removed out of its place?
Ati kan aariidhaan of ciccirtu, lafti sababii keetiif duwwaatti haftii? Yookaan kattaan iddoo isaatii ni buqqifamaa?
5 Yea, the light of the wicked shall be put out, and the spark of his fire shall not shine.
“Ibsaan nama hamaa ni dhaama; arrabni ibidda isaa ifa hin kennu.
6 The light shall be dark in his tent, and his lamp above him shall be put out.
Ifni dunkaana isaa keessaa ni dukkanaaʼa; ibsaan isa bira jirus ni dhaama.
7 The steps of his strength shall be straitened, and his own counsel shall cast him down.
Jabinni tarkaanfii isaa ni dadhaba; malli isaas isuma kuffisa.
8 For he is cast into a net by his own feet, and he walketh upon the toils.
Miilli isaa kiyyoo keessa isa buusa; inni boolla kiyyeeffame irra ni joora.
9 A gin shall take [him] by the heel, [and] a snare shall lay hold on him.
Kiyyoon kottee isaa qaba; futtaasaanis jabeessee isa qaba.
10 A noose is hid for him in the ground, and a trap for him in the way.
Lafa irra funyoon isaaf dhokfameera; karaa isaa irras kiyyoon kaaʼameera.
11 Terrors shall make him afraid on every side, and shall chase him at his heels.
Naasuun karaa hundaan isa sodaachisa; faana isaa buʼees isa ariʼa.
12 His strength shall be hunger-bitten and calamity shall be ready for his halting.
Badiisni afaan itti banateera; balaanis qophaaʼee jiguu isaa eeggata.
13 It shall devour the members of his body, [yea], the firstborn of death shall devour his members.
Gogaan isaa dhukkubaan nyaatamee dhuma; ilmi duʼaa hangaftichi harkaa fi miilla isaa nyaata.
14 He shall be rooted out of his tent wherein he trusteth; and he shall be brought to the king of terrors.
Inni dunkaana abdate keessaa buqqifamee gara mootii sodaatti geeffama.
15 There shall dwell in his tent that which is none of his: brimstone shall be scattered upon his habitation.
Waan kan isaa hin taʼinis dunkaana isaa keessa jiraata; dinyiin bobaʼus iddoo inni jiraatu irra faffacaʼa.
16 His roots shall be dried up beneath, and above shall his branch be cut off.
Jalaan hiddi isaa ni goga; irraan immoo dameen isaa ni coollaga.
17 His remembrance shall perish from the earth, and he shall have no name in the street.
Yaadannoon isaa lafa irraa ni bada; maqaan isaas lafa irraa ni dhabama.
18 He shall be driven from light into darkness, and chased out of the world.
Inni ifa keessaa gara dukkanaatti darbatama; addunyaa irraas ni dhabama.
19 He shall have neither son nor son’s son among his people, nor any remaining where he sojourned.
Inni saba isaa gidduutti ijoollee yookaan sanyii, biyya duraan jiraate keessatti hambaa hin qabaatu.
20 They that come after shall be astonied at his day, as they that went before were affrighted.
Namoonni dhiʼaa waaʼee isaa dhagaʼanii rifatu; warri baʼaas sodaadhaan guutamu.
21 Surely such are the dwellings of the unrighteous, and this is the place of him that knoweth not God.
Iddoon jireenya nama hamaa, dhugumaan akkana taʼa; iddoon nama Waaqa hin beeknees kanuma taʼa.”