< John 1 >
1 In the beginning was the Word, and the Word was with God, and the Word was God.
Jalqabatti dubbiitu ture; dubbichis Waaqa wajjin ture; dubbiin sunis Waaqa ture.
2 The same was in the beginning with God.
Innis jalqabatti Waaqa wajjin ture.
3 All things were made through him; and without him was nothing made that hath been made.
Wanni hundinuu isaan taʼe; waan taʼe hunda keessaas wanni isa malee taʼe tokko iyyuu hin jiru.
4 In him is life; and the life was the light of men.
Jireenyi isa keessa ture; jireenyi sunis ifa namootaa ture.
5 And the light hath been shining in the darkness; and the darkness received it not.
Ifni sun dukkana keessatti ni ibsa; dukkanni garuu isa hin moʼanne.
6 There was a man, sent from God, whose name was John.
Nama Waaqa biraa ergame kan maqaan isaa Yohannis jedhamu tokkotu ture.
7 He came as a witness, to bear witness of the light, that through him all might believe.
Innis akka namni hundinuu karaa isaatiin amanuuf dhuga baatuu taʼee waaʼee ifa sanaa dhugaa baʼuuf dhufe.
8 He was not the light, but came to bear witness of the light.
Waaʼee ifa sanaa dhugaa baʼuu dhufe malee inni mataan isaa ifa hin turre.
9 The true light, which enlighteneth every man, was coming into the world.
Ifni dhugaa kan nama hundaaf ifa kennu sun gara addunyaa dhufaa ture.
10 He was in the world, and the world was made through him, and the world knew him not.
Inni addunyaa keessa ture; addunyaan isaan uumame; addunyaan garuu isa hin beekne.
11 He came to his own, and his own received him not.
Innis gara saba isaa dhufe; sabni isaa garuu isa hin fudhanne.
12 But as many as received him, to them he gave power to become children of God, —to those who believed in his name;
Warra isa fudhatanii maqaa isaatti amananiif garuu akka ijoollee Waaqaa taʼaniif mirga kenne.
13 who were born, not of blood, nor of the will of the flesh, nor of the will of man, but of God.
Isaanis Waaqa irraa dhalatan malee dhiiga irraa yookaan fedhii foonii irraa yookaan fedhii dhiiraa irraa hin dhalanne.
14 And the Word became flesh, and dwelt among us, full of grace and truth; and we beheld his glory, a glory as of an only begotten of a father.
Dubbiin foon taʼee nu gidduu jiraate. Nus ulfina isaa, ulfina Ilma Tokkicha ayyaanaa fi dhugaadhaan guutamee Abbaa biraa dhufe sanaa argineerra.
15 John beareth witness of him, and crieth, saying, This was he of whom I said, He that cometh after me hath gone before me; for he was before me.
Yohannisis waaʼee isaa dhugaa baʼe. Sagalee isaas ol fudhatee akkana jedhe; “Inni ani, ‘Inni na duubaan dhufu na caala; inni na dura tureetii’ jedhee waaʼee isaa dubbadhe sun isa kana.”
16 For out of his fullness have we all received, and grace upon grace.
Guutama isaa irraas hundi keenya ayyaana irratti ayyaana arganneerra.
17 For the Law was given through Moses; grace and truth came through Jesus Christ.
Seerri karaa Museetiin kennameetii; ayyaannii fi dhugaan garuu karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhufe.
18 No one hath ever seen God; the only begotten God, who is in the bosom of the Father, he hath made him known.
Eenyu iyyuu takkumaa Waaqa hin argine; garuu Ilma Tokkicha Abbaa bira jiru sanatu isa beeksise.
19 And this is the witness of John, when the Jews sent priests and Levites from Jerusalem, to ask him, Who art thou?
Yommuu Yihuudoonni lubootaa fi Lewwota Yerusaalem Yohannisitti erganii, “Ati eenyu?” jedhanii gaafachiisanitti dhuga baʼumsi Yohannis kenne kana ture.
20 And he declared, and did not deny; and he declared, I am not the Christ.
Inni dhugaa baʼe malee hin ganne; “Ani Kiristoos miti” jedhee dhugaa baʼe.
21 And they asked him, What then? Art thou Elijah? And he said, I am not. Art thou the prophet? And he answered, No.
Isaanis, “Yoos ati eenyu ree? Eeliyaas moo?” jedhanii isa gaafatan. Innis, “Lakki, ani isa miti” jedhee deebiseef. Isaanis, “Yoos ati Raajichaa ree?” jedhaniin. Inni immoo, “Lakki” jedheen.
22 They said therefore to him, Who art thou? that we may give an answer to those who sent us; what sayest thou of thyself?
Isaanis, “Ati eenyu ree? Akka warra nu erganiif deebii kenninuuf ati eenyu ofiin jetta?” jedhaniin.
23 He said, I am “a voice of one crying aloud in the wilderness, Make straight the way of the Lord,” as said Isaiah the prophet.
Yohannisis dubbii Isaayyaas raajichi dubbate sanaan deebisee, “Ani sagalee gammoojjii keessaa, ‘Gooftaaf karaa qajeelchaa’ jedhee iyyu sanaa dha” jedheen.
24 And they were sent from the Pharisees;
Fariisonni ergaman tokko tokkos,
25 and they asked him and said to him, Why then dost thou baptize, if thou art not the Christ, nor Elijah, nor the prophet?
akkana jedhanii isa gaafatan; “Ati erga Kiristoos yookaan Eeliyaas yookaan raajicha taʼuu baattee maaliif cuuphxa ree?”
26 John answered them, saying, I baptize in water. There standeth one among you whom ye know not,
Yohannis immoo akkana jedhee deebiseef; “Ani bishaaniin nan cuupha; namni isin isa hin beekne tokko garuu isin gidduu dhaabata.
27 he who cometh after me, the latchet of whose sandal I am not worthy to loose.
Innis isa na duubaan dhufu kan ani hidhaa kophee isaa iyyuu hiikuufii hin mallee dha.”
28 These things took place in Bethany beyond the Jordan, where John was baptizing.
Wanni kun hundi Yordaanos gama iddoo Yohannis itti cuuphaa ture Biitaaniyaa keessatti taʼe.
29 The next day he seeth Jesus coming to him, and saith, Behold, the Lamb of God, who taketh away the sin of the world!
Guyyaa itti aanutti Yohannis utuu Yesuus gara isaa dhufuu argee akkana jedhe; “Ilaa Hoolaa Waaqaa isa cubbuu addunyaa balleessu!
30 This is he of whom I said, After me cometh a man, who hath gone before me; for he was before me.
Inni ani, ‘Namni na duubaan dhufu na caala; inni na dura tureetii’ jedhee waaʼee isaa dubbadhe sun isa kana.
31 And I knew him not; but that he might be made manifest to Israel, therefore I came baptizing in water.
Ani mataan koo iyyuu isa hin beekun ture; sababiin ani bishaaniin cuuphaa dhufeef garuu akka inni saba Israaʼelitti mulʼifamuuf.”
32 And John bore witness, saying, I have seen the Spirit descending as a dove from heaven, and it abode upon him.
Yohannis itti fufee akkana jedhee dhugaa baʼe; “Ani utuu Hafuurri akkuma gugeetti samii irraa gad buʼee isa irra jiraatuu nan arge.
33 And I knew him not; but he who sent me to baptize in water, the same said to me, Upon whom thou shalt see the Spirit descending and abiding on him, he it is that baptizeth in the Holy Spirit.
Inni akka ani bishaaniin cuuphuuf na erge sun, ‘Namichi ati utuu Hafuurri gad buʼee isa irra jiraatuu argitu sun, isa Hafuura Qulqulluudhaan cuuphu dha’ jedhee utuu natti himuu baatee silaa ani iyyuu isa hin beeku ture.
34 And I have seen and have borne witness, that this is the Son of God.
Anis argeera; akka inni Ilma Waaqaa taʼes dhugaa baʼeera.”
35 On the morrow John was again standing, and two of his disciples;
Guyyaa itti aanutti Yohannis ammas barattoota isaa keessaa lama wajjin achi ture.
36 and looking upon Jesus as he was walking, he saith, Behold, the Lamb of God!
Innis utuu Yesuus achi irra darbuu argee, “Ilaa, Hoolaa Waaqaa!” jedhe.
37 The two disciples heard him speaking, and they followed Jesus.
Barattoonni lamaanis waan kana dubbachuu isaa dhagaʼanii Yesuus duukaa buʼan.
38 Jesus turning and seeing them following, saith to them, What seek ye? And they said to him, Rabbi, (that is to say, when interpreted, Teacher, ) where dost thou dwell?
Yesuusis of irra garagalee isa duukaa buʼuu isaanii argee, “Isin maal barbaaddu?” jedheen. Isaanis, “Rabbii, ati eessa jiraatta?” jedhaniin. Rabbii jechuun Barsiisaa jechuu dha.
39 He saith to them, Come, and ye shall see. They came therefore and saw where he dwelt; and they abode with him that day. It was about the tenth hour.
Innis, “Kottaatii ilaalaa” jedheen. Isaanis dhaqanii akka inni eessa jiraatu argan; gaafa sana isa wajjin oolan. Yeroon sunis gara saʼaatii kurnaffaa ture.
40 One of the two who heard what John said, and followed him, was Andrew, Simon Peter's brother.
Warra waan Yohannis dubbate dhagaʼanii Yesuus duukaa buʼan lamaan keessaa inni tokko Indiriiyaas obboleessa Simoon Phexros ture.
41 He first findeth his own brother Simon, and saith to him, We have found the Messiah; (which is, when interpreted, the Christ.)
Innis duraan dursee obboleessa isaa Simoonin argatee, “Nu Masiihicha arganneerra” jedheen; Masiihii jechuun Kiristoos jechuu dha.
42 He brought him to Jesus. Jesus looking upon him said, Thou art Simon, the son of John; thou shalt be called Cephas; (which signifieth Peter, that is, Rock.)
Indiriiyaasis Simʼoonin gara Yesuusitti fide. Yesuusis isa ilaalee, “Ati Simoon ilma Yohannis, Keefaa jedhamtee ni waamamta” jedheen. Keefaa jechuun Phexros jechuu dha.
43 On the morrow he determined to go forth into Galilee, and findeth Philip. And Jesus saith to him, Follow me.
Yesuusis guyyaa itti aanutti Galiilaa dhaquu barbaade. Innis Fiiliphoosin argee, “Na duukaa buʼi” jedheen.
44 Now Philip was of Bethsaida, the city of Andrew and Peter.
Fiiliphoosis akkuma Indiriiyaasii fi Phexros nama magaalaa Beetisayidaa ture.
45 Philip findeth Nathanael, and saith to him, We have found him of whom Moses in the Law, and the Prophets wrote, Jesus, the son of Joseph, who is of Nazareth.
Fiiliphoos Naatnaaʼelin argee, “Isa Museen kitaaba Seeraa keessatti waaʼee isaa barreessee fi isa raajonnis waaʼee isaa barreessan, ilma Yoosef, Yesuus nama Naazreeti arganneerra” jedheen.
46 And Nathanael said to him, Can any good thing come out of Nazareth? Philip saith to him, Come and see.
Naatnaaʼelis, “Naazreeti keessaa wanni gaariin baʼuu ni dandaʼaa?” jedhee gaafate. Fiiliphoosis, “Kottuutii ilaali” jedheen.
47 Jesus saw Nathanael coming to him, and saith of him, Behold an Israelite indeed, in whom is no guile.
Yesuusis utuu Naatnaaʼel gara isaa dhufuu argee, “Ilaa Israaʼelicha dhugaa kan haxxummaan keessa hin jirre!” jedhee waaʼee isaa dubbate.
48 Nathanael saith to him, Whence dost thou know me? Jesus answered and said to him, Before Philip called thee, when thou wast under the fig-tree, I saw thee.
Naatnaaʼelis, “Ati eessatti na beekta?” jedheen. Yesuusis, “Utuu Fiiliphoos si hin waamin dura yeroo ati muka harbuu jala turtettin si arge” jedhee deebiseef.
49 Nathanael answered him, Rabbi, thou art the Son of God, thou art the king of Israel.
Naatnaaʼelis, “Yaa Barsiisaa, ati Ilma Waaqaa ti! Ati Mootii Israaʼel” jedheen.
50 Jesus answered and said to him, Because I said to thee, I saw thee under the fig-tree, dost thou believe? Thou shalt see greater things than these.
Yesuus immoo akkana jedheen; “Ati sababii ani muka harbuu jalattan si arge siin jedheef amantee? Waan kana caalu iyyuu arguuf jirta.”
51 And he saith to him, Truly, truly do I say to you, Ye will see heaven opened, and the angels of God ascending and descending upon the Son of man.
Innis itti dabalee, “Ani dhuguman, dhuguman isiniin jedha; samiin banamee utuu ergamoonni Waaqaa Ilma Namaa irra ol baʼanii gad buʼanuu ni argitu” jedheen.